WhatsAappii lakkoofsa bilbilaa malee maqaa barbaadaniin akka maamiloonni fayyadaman gochuun maaliif Somaaliyaa yaadesse?

Suuraa dubartii Somaliyaa bilbila harkatti qabattee fi hiinnaa dibatte

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa dubartii Somaliyaa bilbila harkatti qabattee fi hiinnaa dibatte
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Mootummaan Somaaliyaa karoora haaraa Waattis Appiin fayyadamtoonni lakkoofsa bilbila isaanii dhiisanii maqaa barbaadaniin banachuun itti fayyadamuu dandeesisu fiduun na yaadessa jedhe.

Mootummaan Somaaliyaa tarkaanfii haaraa Whaattis Aappi fudhate kun yaaddoo nageenyaa natti fida jechuun yaadda'e.

Ministeerri Komunikeeshinii fi Teeknoloojii biyyichaa Ahimed Osmaan Diree fayyadamtoonni bilbila isaani dhiisuun akka maqaa barbaadan fayyadaman gochuun yakkamtoota bakka jiranii akka hin adamsineef danqaa taha jedhe.

Namoota Al Shabaab deeggaran hordofuun tarkaanfii fudhachuuf akka isaan rakkisu hime.

Addunyaa irratti fayyadamtoonni biliyoona sadii ol tahan ji'a dhufuu jalqabee lakkoofsa bilbilaa isaanii haquun maqaa barbaadan bakka buusuu danda'u.

Yaaddoo Somaaliyaa kana ilaalchisee Waattis Aapp BBC'f yaada kenneen haga ammaatti tajaajilli haaraan kun hojiirra hin oolle.

Dabalataan ammatti fayyadamtoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii akka fayyadaman himuun tajaajillichi sirna nurjaajjii ittisu waliin hojiira oola jedhe.

Fayyadamtoonni akka eenyummaa isaanii dhokasanii nama gowwoomsuun yakka hin hojjenneef tajaajilichi eegumsa kan godhu qaba jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministeerri Somaaliyaa kun kaampaanii Meta waliin dhimma kana irratti dubbachuu himuun ''dhiyootti waliigaltee tokkorra geenya'' jedhe.

Somaaliyaa wantoota adda godhantu jiru. Daddabarsi maallaqaa guddaan moobaayilaan gaggeeffama.

Maqaa eenyummaa isaa hin beekamneefi eenyu akka tahe adda baasuun ulfaatu fayyadamuun akka lammiileen karaa moobaayila isaanii gowwoomsaa faayinaansiif saaxilaman isaan godha jedhe.

Al Shabaab akkasuma WaattisAappii fayyadamuun piroopaagaandaa akka tamsaasuu fi doorsisuun maallaqa namarraa fudhachuuf akka itti fayyadamu ibse.

Bara 2024 Ejensiin Tika Somaaliyaa garee WaattisAappii 20 Al Shabaab dhimma itti bahu akka cufe hime.

Chaanelicha namoota ittiin sodaachisuufi maallaqa kaffalchiisuuf itti fayyadama.

Akkasumas tajaajila daataa bilbilaa fayyadamtoota 2,500 addaan kutuu hime.

Ahimed Somaaliyaan tajaajila bilbilaa seera qabsiisuu himuun tajaajila WaattisAappii dhufaa jiru garuu seera haaraa hojiirra oole irratti dhiibbaa godha jedhan.

Hindiinis akkuma Somaaliyaa komii wal fakkaataa qabdi. Hindi keessatti namoonni miliyoona 850 ol tahan WaattisAappii fayyadamu.

Hindiin jalqaba ji'a kanaatti tajaajilli haaraan WaattisAappii kun akka oonlaayinii irratti gowwoomsaan dabalu godha jedhe.

Nama biraa fakkaachuun yakka adda addaa hojjechuu fi lakkoofs abilbilaa isaanii dhoksuun miidhamtoota unnamuun dabaluu akka danda'u himuun yaaddooq abdu ibsite.

Hamma mootummaa waliin mari'achuun waliigaltee tokko irra gahamutti tajaajilli haaraan kun hojiirra akka hin oolle gaafate.

Lakkoofsa fayyadamtootaa eenyummaa isaanii waliin wal qabsiisuun yakkamtoota adamsanii to'achuuf salphaadhadha jedhe Ahimed.

Lakkoofsa bilbilaa irraa gara maqaa barbaadan fayyadamuutti ce'uun garuu yakkamtoota adda baasuu fi hordofuun akka ulfaatu taasisa jedhe.

Metan yakka oonlaayinii kanneen karaatti ittisu qopheessera taanaan akkasumas ammoo fuulduratti karaatti adda baasuun danda'u waliin fida yoo tahe wabii kennuu qaba jedhe Ahimed.

"Yakki saayiberii karaa WaattisAappii akka hin babal'anne wabii akka kennu gaafacuun lakkoofsa dhoksuun yakkamtoonni faayinaansii namaa karaa seeraan alaa akka hin butne gochuu qaba jedhe.

Loltoota Al Shabaab hidhannoo isaanii waliin

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Al Shabaab hidhannoo isaanii waliin

Moosis Keemibaaroo, biloogeriin teeknoloojii Afrikaa irratti xiyyeeffachuun hojjetu tajaajilli WaattisAappii kun icciitii namootaa cimsuuf kan hojiirra ooludha jedhe.

Akka ilaalcha isaatti WaattisAappiin akkuma tajaajiloota meta jala jiran kaanii warraaqsa keessa jira. Akkuma fayyadamtoota Inistaagiraamii maqaan isaanii fi lakkoofsi bilbilaa isaanii wal qabachuu dhiisuu malu, WaattisAappiinis garasitti deemaa jira jedhe.

''Lakkoofsa bilbilaa malee eenyummaa tokkoon fayyadamuu dandeessa jechuudha'' jedhe.

Namoonni icciitii isaanii eeggachuun itti fayyadamuu akka danda'an himuun yaaddoo biyyoonni qabanis dhugaadha.

Gama nageenya biyyaan yaaddoo biraa fiduu danda'a.

Metan waa'ee jijjiirama fidaa jiruu fi dhiibbaa inni qabaachuu malu ibsuu qaba jedhe.

Ogeessi nageenya saayiberii lammii Keeniyaa tahe Joorji Musaamilii, waan WaattisAappi gochaa jiru kun nageenya fayyadamtootaa eeguuf gargaara.

Fayyadamtoonni garee WaattisAappii keessaa suuraa fi eenyummaan keenya fudhatamee balaa nutti fidaa jira jechuun kana dura komataniiru.

Tajaajilli haaraa amma dhaabbatichi fidaa jirus rakkoo kana furuuf akka tahe hime.

Yeroo tokko tokko ammoo mootummaan gareewwan keessaa odeeffannoo fayyadamtootaa fudhachuun warra isa qeeqan irratti xiyyeeffata.

Tarkaanfii haaraan ammaa immoo kanas furuuf kan taade tahuu himuun garuu yaaddoo nageenyaa fi icciitii fayyadamtootaa eeguu gidduutti madaalliin jiraachuu qaba jedhe.