Dubartiin biiliyenara addunyaa tahuun dursitu Aliish Waalton eenyu?

Aliish Waalton

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Qabeenyaan dubartoota addunyaarra jiran keessaa tokkoffaadha. Akka dubartiitti qofa osoo hin taane addunyaa irratti warra tarree biiliyenaroota jalqabaarra jiran keessaas ishee fuuldura irratti argamtudha.

Maqaan ishee Aliish Waalton jedhamti. Dubartii ganna 75ti. Aliish Waalton qabeenya doolaara biiliyoona 100 ol tahu qabdi. Obbolaa ishee Roob Waalton, Jiim Waaltoni waliin ammoo walitti qabeenya doolaara biliyoona 320 ol tahu qabu.

Obbolaan sadanuu biiliyenaroota jechuudha. Garuu maal irraa ka'an?

Foorbes gabaasa 2025 baaseen Aliish dubartoota keessaa akka addunyaatti dursuu qofa osoo hin taane akka waliigalaatti sadarkaa 15ffaa qabachuushee hime.

Dubartiin isheetti aantuu fi darbee darbees sadarkaa tokkoffaa irraa fudhachaa turte Firaanooyis Betenkoort Meyersi jedhamti. Qabeenyi ishee doolaara biliyoona 81 ol akka tahu Foorbes baasee ture.

Liish Waalton intala tokkittii hundeessaa suuppermaarketii beekamaa Ameerikaa Walmartidha. Qabeenya guddaa karaa maatii ishee argattus ofii ishee adda bahuun kaampaanota hundeessiteetti.

Aliish Waalton jireenya ishee hedduu gara miidiyaatti hin baastu. Jaalalli aartiif qabdu garuu addadha. Kana irraa kan ka'e maallaqa guddaa baasuun faaya adda addaa gatiin isaanii qaalii tahe bituun walitti qabaa turte.

Jaalalli aartii keessashee kan bule yeroo isheen ijoollee turtedha. Yeroo umuriin ishee waggaa 10 ture hojii aartii jalqabaa kan Pikaasoon hojjete doolaara lamaan bitatte.

Bara 1971 akkuma Yuunvarsiitii Tiriiniitii Saan Antooniyaa, Tekasaas jiru irraa faayinaansiidhaan eebbifamteen hojii biizinasii maatii ishee keessa galuun gurgurtaa uffata ijoollee irratti hojjechaa turte.

Garuu osoo hin turiin isa dhiistee gara damee faayinaansiitti deebite. Achumaan 1988 Baankii invastimantii Lilamaa jedhamu hundeessite. Kaampaaniin kun gara waggaa 10 hojiirra turee booda cufame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aliish Waalton muuziyeemii baay'ee adda tahe bara 2011 bante. Muuziyeemiin kun Kiristaal Biriij of Ameerikaan Aart jedhama. Arkaansas keessatti argama.

Hojiiwwan aartii isheen waggoota dheeraaf walitti qabde gara doolaara miliyoona 500 ol baasa. Hunda isaanii muuziyeemii kana keessatti walitti qabdeetti.

Bara 2016 keessa qooda Walmart irraa qabdu keessaa miliyoona 3.7 kennite. Kana jechuun gara doolaara miliyoona 225 baasa. Kanas dhaabbata mitimootummaa 'Walton Family Foundation' jedhamu kan maatiin ishee hundeessaniif kennite.

Waggaa itti aanu dhaabbanni tola ooltummaa kun Yuunvarsiitii Arkaansas akka dipaartimantii aartii hundeessuuf doolaara miliyoona 120 kenne.

Dabalataan dhaabbata miti mootummaa deeggarsa kennu dhuunfaa isheen hundeessite Aliish L. Walton jedhamu hundeesiteetti.

Aliish dhieenya kana qabeenya ishee bal'aa arjoomaa jirti. Faawondeeshinii maatiin hundeeffamuun deeggarsa kennan shaniif doolaara biliyoona 6.3 kenniteetti.

Kun Ameerikaa keessaa nama arjummaan sadarkaa 26 qabate ishee taasisa. Kunis qabeenya guddaa kennuun yeroo ilaalamudha.

Akkas tahee waa'een jireenya Aliish hedduu hin beekamu. Akka odeeffannoon marsariitii isaa agarsiisutti barnoota, fayyaa fi aartii irratti warra hojjetaniif deeggarsa kenna.

Bara 2021 ammoo Yuunvarsiitii Aliish L. Wlaton kan barnoota yaala fayyaa ykn medisinii barsiisu bante.

Bara 2025 barattoota 48 kan fudhate yoo tahu kaffaltii tokko malee baratu.

Jaalalaa fi qabeenya

Aliish Waalton Onkoloolessa 7 bara 1949 abbaa ishee Saamu'eel Muur Waaltonii fi harmee ishee Helen Roobsan irraa Arkaansasitti dhalattee guddatte.

Obbolaa dhiiraa afur qabdi. Isheen dubartii tokkittii yoo taatu, mucaa quxisuudha.

Isheen dhalattee waggaa booda maatiin ishee suuppermaarketii beekamaa waan hundeessaniif gara Beentoonviileetti deeman.

Alish Waalton yeroo lama heerumtee hiikteetti. Ijoollee garuu hin deenye. Bara 1974 luuziyaanaa keessatti investimantii baankii keessatti hirmaachuun nama beekamutti heerumte. Garuu waggaa lama booda wal hiikan.

Osoo hin turiin kontiraaktera tokkotti heerumte. Isa waliinis osoo hin turiin adda baate. Ergasii hin heerumne. Garuu jireenya ishee icciitiin nama qabattee jiraattedha.

Aliish hojii tola ooltummaa taasisaa turteef badhaasota adda addaa argatteetti.

Aliish Waalton hojii aartii cinatti farda horsiisuu jaalatti. Fardi horsiiftu kunneen ammoo warra dorgommiif oolanidha.

Waggoota baay'eef erga kana hojjettee bara 2015 lafuma isaa waliin gurgurte. Hojii muuziyeemiikoo irratti xiyyeeffachuu naa wayya jechuun akka gurgurte gabaasonni himu.

Intala tujaaraa haa taatuyyuu malee qormaata adda addaa keessas darbiteetti.

Bara 1983 sagantaa galataa maatii ishee qopheessan irratti argamuuf osoo konkolaachistuu konkolaataan to'annaa isheen ala tahuun balaa hamaan isheerra gahe.

Meksiikoo keessaa fuudhamtee miilli ishee miidhame tajaajila baqaqsanii yaaluu hedduun yaalamte.

Dhukkubbii cimaa keessa darbite. Bara 1989 ammoo manguddoo waggaa 50 Arkaansasitti daandii isheen irra oofaa turte keessa gale rukuttee ajjeefteetti.

Dhugaatii dhugdee konkolaachisuunis miidhama adda addaa geessisuun adabamteetti.