Eegdonni Warraaqsaa Iraan (IRGC) buufata waraanaa US Kuweet keessaa Ali al-Salem haleeluun kuusaa diroonii lama, kuusaa boba'aa xiyyaarotaa waraanaa fi helikoptarootaa barbadeessuu beeksisan.
Kuweetii fi aangawoonni US dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Eegdonni Warraaqsaa Iraan haleellaa kana "duula Nasr 2" jechuun moggaasan. Haleellaa kanas haaloo qubsuma humnoota US naannichatti jiruuf kan raawwatan yoo ta'u, garuu meeshaa fayyadaman, hamma miidhaa gahee fi namni lubbuun dabre jiraachuu fi dhabamuu odeeffannoo hin kennine.
IRGC jalqabarra buufata humna qilleensaa Ali al-Salem kan kaaba lixa Kuweet jiruu fi humnootni US dhimma bahan haleeluu fi bu'uuraalee isaa mancaasuu fi humnoota isaaniirraan miidhaa geessisuu beeksisanii turan.
Himata kanarrattis US fi Kuweet yeroositti yaada hin kenine.
Mooraan Ali al-Salem kaaba lixa Kuweetitti yoo argamu humnoota buufata US ta'ee tajaajila.
Poolisiin nama yakka daddabarsa namaa fi yakkoota hammeenyaan shakke to'achuu hime
Madda suuraa, Ethiopian Federal Police/Facebook
Ibsa waa'ee suuraa, Poolisiin nama yakka daddabarsa namaa seeran alaa fi yakkoota hammeenyan shakke to'achuu hime
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa namicha seeraan ala namoota daddabarsuun dargaggoota baay'ee irratti gocha suukanneessaa fi hammaataa raawwachaa ture jedhuun to'achuu beeksise.
QW-12 fi FN-16 misaa'ela lafaa irraa gara qilleensaatti furguggifaman yoo ta'an, xiyyaarota, helikoptaroota fi dirooniiwwan rukutuuf kan qophaa'anidha.
Mormituu gameessi Yugaandaa dhaddacharra osoo jiruu of wallaale
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Kiizaa Bisiigiyee
Mormituu gameessi Yugaandaa Kizza Besigye dhaddacharra osoo jiruu of wallaaluun gara mana yaalaa magaalaa Kampaalaa keessa jiruutti geeffamuun kutaa waldhaansa hatattamaa (ICU) seenuu haati warraa himte.
Namni ganna 70 Kizza Besigye Sadaasa 2024 kaasee mana hidhaa jira. Dursaa abukaatota isaas ji'a darbe hidhamee, yakka biyya ganuutiin himatamee deebii kennuu dide jedhameera.