BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
KALLATTIIN, Tiraamp waliigaluu yoo dhabde Iraan 'halkan tokkoon' balleessuuf dhaadatan
Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz cufte akka bantu yeroo kaa'aniif dura waliigalteerra yoo gahuu baatte ''halkan tokkoon'' balleessuuf dhaadatan.
Oduu
Pirezidantiin Yeroo Tigraay MM Abiy Ahimadiif maal dhiheessan?
Hojiin Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaa Warradaa waggaa tokko keessatti dalagan bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti gamaggamame.
'Soodareen cufamuusaatiin birrii bil. 3 kasaarre' - Dinquu Dayyaasaa
Iddoon bashannanaa seena-qabeessa Soodareef waggoonni afran darban waggoota gaarii hin turre. Bakka walgeettii fi aargalfii maatii, hiriyootaa, akkasumas tuuristootaa kan ture riizoortiin Soodaree waggoota kanneen onee ture.
Arteettaan tapha Ispoortiing Liisban dursee shaakala haaraa taphattoota isaa hojjechiise
Arteettaan shaakala haaraa kana dura argamee hin beekne taphattoota isaa shaakalsiise.
Somaaliyaan yeroo jalqabaatiif boba'aa galaana jalaa baafachuufi
Somaaliyaan yeroo doonii Tarkii boba'aa baaftu fayyadamuun yeroo jalqbaaatiig boba'aa galaana jalaa baafachuuf qophiitti akka jirtu beeksifte.
Dorgommii calallii Waancaa Afrikaatti kan darbite Ertiraan taphattoonnishee harki caalu osoo hin deebiyiin hafan
Tapha calallii duraa Waancaa Afrikaa irratti Iswaatiinii qabxii waliigalaan 4 fi 1'n mo'atee waggaa 18 booda Ertiraan gara dorgommii calallii ramaddii Waancaa Afrikaatti akka deebitu taphattoota taasisan keessaa torba gara biyyasaanii, Ertiraatti hin deebiyiin hafuumaddeen BBCf mirkaneessan.
Itti gaafatamaan tika Eegdota Warraaqsa Islaamaa Iraan haleellaa US-Israa'eliin ajjeefaman
Haleellaa US-Israa'el gaggeessaniin itti gaafatamaan humnoota Eegdota Warraaqsaa Islaamaa Majiid Kadeemii ajjeefamuu Iraan beeksifte.
USfi Israa'el gaggeessitoota Iraan jajjaboo heddu erga ajjeesanii, Tiraamp eenyu waliin mariyachuu danda'u?
Humni waraanaa Israa'el ajaja olii kennamu osoo hin eegin qondaalota olaanoo Iraan kamirrattiyyuu haleellaa akka raawwatu ministirri ittisaa biyyattii Israa'el Kaatz ibsaniiru.
Intalli gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa akka aangoo abbaashee dhaaltu 'maddi amanamaa' mirkaneesse
Intalli gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joonh Un aangoo abbaashee akka dhaaltu 'maddeen intelejensii amanamaarraa' mirkaneeffachuu Kooriyaan Kibbaa ibsite.
Daqiiqota 40 qunnamtiin astironoomeroota Artemis II warra lafaarraa isaan to'atan waliin adda cite
Astiroonomeroonni gara adeessaa deeman qunnamtiin isaanii warra lafa jiran waliin adda cituun muddama uume.
Osoo kaan gumbii uranii hantuunni akka gootaatti siidaan ijaarameef kuni eenyu?
Seenaa dhaabbata tola ooltummaa Apopo waggoota 77 ture keessatti hantuuta jalqabaa medaaliyaa akkanaa argatedha.
Gara zoonii dinagdee damee hedduutti kan guddate Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa erga hundaa'ee maal buuse?
Magaalota Adaamaa fi Moojoo gidduu hanga qarqara Haroo Qooqaatti lafa hektaara kuma 24 ta'u irratti kan ijaaramu Zooniin Dinagdee kuni bara 2014 beekamtii argachuun hojiiwwan ijaarsaa adda addaa jalqabe.
Waa'ee oppireeshinii paayileetotaa fi jeettii waraana Ameerikaa Iraan keessatti kufee baraaruu waan beeknu
Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Obbo Shimallis Abdiisaa Ajajaa WBO 'Marroo' waliin wal arguuf jedhuu?
Qaamoleen mootummaafi hidhattooti WBO dhibdee isaanii karaa nagaan furuuf erga marii taa'anii waggaa lamaa ol ta'eera.
Viidiyoo, MM Abiy Itoophiyaa eessaa garam geessaa jiru?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga mormii ummataan gara aangootti dhufanii waggaa saddeet guuteera.
Viidiyoo, Iraan ulaa Galaana Diimaa cufuuf dhaadachuun Itoophiyaaf maal jechuudha?
Ulaa Galaana Diimaa Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne sodaatameera.
Viidiyoo, Sababa 'waraana Iraaniin' Itoophiyaatti rakkoon boba'aa mudate
Keessumaa gama Kibba Itoophiyaa magaalaa Hawaasaafi kaanitti hiriirri konkolaataa dheeraa mul'achuu BBC'n taajjabeera.
Viidiyoo, US fi Israa'el Iraan laamsheessine jedhu, Tehiraan akkamiin dhukaaftiree?
US fi Israa'el torbaanotaaf dandeettiin waraana Iraan laamshayuu himaa turan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Obbo Shimallis Marroo waliin mari'achuuf qophiidha jedhan, WBO'n maal jedha?
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessa nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Labsiin 'ijoo dubbii ta'e' paarlamaaan ragga'eefi naannoo Oromiyaa ilaallatu maal of keessaa qaba?
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee kaleessa Bitootessa 24, 2018 taa'een wixinee Labsii Seera Adeemsa Yakkaa fi Seera Ragaa raggaasiseera.
Bulchiinsi waggoota saddeetii MM Abiy yeroo xiinxalamu
Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.
Boordiin Filannoo 'galmee filattotaa dirqamaa fi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaaba siyaasaa manarra deemuun 'galmee filattotaa dirqamaa raawwachuufi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise.
Hanqina boba'aa mudate hordofee daballii gatii omishaaleerratti waan ummanni jedhu
Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC'n haasofsiise himaniiru.
Waraanni Somaaliyaa magaalaa loltoonni Itoophiyaa buufatan Baayidowaa maaliif to'ate?
Magaalaan Baayidowaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo yoo taatu, humna nagaa kabachiisaa AMISOM jalatti loltoonni Itoophiyaa irra jireessi magaalattii keessa buufachuutu himama.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Ulaa galaanaa Baab El Mendeb Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne yaaddoo uume
Ulaa Galaana Diimaa daandii doonii murteessaa tahe akka cufsisuu dandeessu Iraan dhaadannaan daldala idil-addunyaa irratti danqaan biraa mudachuu danda'a yaaddoon jedhu uumameera.
Hanqina boba'aa magaalota Itoophiyaa hiriira konkolaataan dhiphisaa jiru
Itoophiyaa keessatti hanqina boba'aa mudachaa jiruun magaalota hedduu buufataaleen boba'aa keessatti hiriira konkolaataa arguun baratamaa dhufeera.
Naannoo Badhaadhinni kaadhimamaa hin dhiyeessine Tigraayitti filannoon gaggeeffamaa?
Paartiin Badhaadhinaa naannoo Tigraay, bakka filannoon shakkii keessa jirutti teessoo paarlaamaa fi mana maree naannoof kaadhimamaa tokkollee akka hin dhiheessine tarreen kaadhimamaa BBBn gamaaggame ni mul'isa.
Waa'ee Filannoo Itoophiyaa marsaa 7ffaa hanga ammaa waan beeknu
Itoophiyaan filannoo waliigalaa biyyaalessa marsaa 7ffaa gaggeessuuf qophiitti jirti. Guyyaan filannoon biyyaalessaa itti gaggeeffamu ammoo Waxabajjii 1, 2026 akka ta'e Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Ispoortii
Baranas Arsenaal waancaa malee hafuuf deemaa? FA irratti maaltu isaan mudate?
Arsenaal Saawuzhampitaniin 2-1 mo'amee waancaa FA keessaa bahe.
Laamin Yamaal arrabsoo garee Masrii mudate balaaleeffate
Laamin Yamaal tapha Ispeen Masrii waliin Baarselonaatti taphatan irratti arrabsoon sanyummaa dhagahame ''kabaja dhowwuufi waan obsamuu hin qabne'' jechuun balaaleeffate.
Xaaliyaan ammas waancaa addunyaarratti hin hirmaattu, Turkiimmoo waggaa 24 booda itti deebite
Shaampiyoonaan yeroo afurii addunyaa Xaaliyaan yeroo walitti aanu sadaffaaf waancaa addunyaarratti hirmaachuurraa hanqatte.
Taphattootni Arsenaal 11 biyyaaf taphachuurraa kan hafan miidhamaaf moo of qusachuuf?
Arsenaal yaaddoo miidhama taphattootaa keessa jiramoo morkii waancaa liigichaa fi Shaampiyonsi Liigiif of qusachaa jiru?
Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Kufaatii kileboota Piriimer Liigii fi taphoota Shaampiyoonsi Liigii haalan eegaman
Kileboonni Piriimer Liigii jaha wal faana yeroo jalqabaaf gara ramaddii kileboota 16 Shaampiyoonsi Liigiitti yeroo darban deeggartoonnii fi xiinxaltoonni kubba miilaa cimina Piriimer Liigiin qabu kaasuun dinqisiifataa turan.
Senegaal Waancaa Afrikaa mulqamuun 'haqa miti' jette, malaammaltummaa himatte
Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa Morookoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 akka taatu murteesse.
Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?
Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.
'Evertan Arsenaalitti cimuunsaa hin oolu': Tilmaama taphoota Piriimer Liigii
Xiixalaan kubbaan miillaa BBC Kiriis Suutan taphoota Piriimer Liigii Ingilaand Sambataa hanga Wiixataatti taphataman kurnan tilmaameera.
Morkii kilaboota Ingilaand gufachiise, olaantummaa Arsenaal kilaboota Jarmanii irratti qabu obbaase
Kilaboonni ja'anuu gara saddeetiitti makamuu ilaalchisee tilmaamni Opta dhaan kenname, kan tapha dorgommii kilaboota 16 gidduutti gaggeeffamu dura kennamee tureerraa hir'ateera.
Kaardii diimaa 23: Tapha kubbaa miilaamoo lola jechisiise
Kubbaa miilaa keessa kaardiin diimaa tokkoon isaayyuu xiqqoo miti - haala taphaa, miiraafi morkiitti ibiddas, bishaanis naquu mala.
Dorgommii waancaawwan afurii: Morkii Arsenaliifi Siitii
Kilaboonni Ingilaand lama waancaawwan afuriif morkachaa ji'a Bitootessaa yeroo gahan kun kan jalqabaati. Waancaa Piriimiyeer Liigii, FA, Carabaawoofi Shaampiyoonsi Liigiif morkatu.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.



























![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)


































































