Amantiin tokko isa kaaniin 'karaa sirrii irra hin jirtu,' jechuu danda'aa? Seerri maal jedha?

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo dhihoo as tajaajiloota amantii fi miseensoti otoo hin hafiin miidiyaa hawaasaa irratti waa'ee amantii isaanii yeroo falman arguun baratamaa dhufeera.
Falmiin kuni yeroo garii amantii ofii sirnaan hubachiisuurra kan isa kaanii 'balaaleffachuu' fi gad xiqqeessuu fa'atti yeroon itti ce'u xiqqoo miti.
Mirgaafi bilisummaan amantii daangaan isaa maali? Heerrifi seerri Itoophiyaa maal jedha?
Bilisummaa amantii...
Heerri Itoophiyaa keewwatni 27 namni hundi mirga bilisummaa amantii, amanteefi yaadaa akka qabu ni tuma.
Abdii Mo'aa gorsaa seeraafi abbaa alangaa manneen murtii federaalaafi Oromiyaati.
Mirgoota keewwata kanarratti eeraman yoo ibsu ''mirgoota kuunirraa addatti qabiyyeen keewwata kanaa mirga bifa kamiiniyyuu daanga'uu hin dandeenye tahuu dha,'' jedha.
Namni tokko mirga waan barbaade yaaduu, waan barbaadetti amanuu, amantii ofii geeddaruufi barsiisuuf bilisummaa qabaachuun dabalataan ''amantaa kaanitti akka geeddaru dirqisiisuu akka hin dandeenye,'' tuma jechuun ibsa.
Keewwatni 27 muraa shan jalatti mirgooti hamma kana bal'atanii kennaman kuun daangeffamuu ni danda'u waan jedhus kaa'ee jira.
Bilisummaan amantii kuni yeroo hojiirra oolu, yoo safuu hawaasaa cabsa taheef, nageenya biyyaafi uummataa, fayyaa hawaasaa waan miidhu yoo qabaate akkasumas, namoonni barumsa idilee akka hin baranne jajjabeessa taanaan, mirgaafi bilisummaa dhuunfaa fi garee yoo miidheef daangeffamuu danda'a.
Amantii kaan qeequurratti...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Heerri Itoophiyaa kuni mirga amantii hin daangeffamne haa kennuyyuu malee yaadoti wal-faalleessan jiraachuu akka malan gorsaan seeraa kuni ni hima.
Mirgi amantii ofii barsiifachuu keewwata kana jalatti waanuma eeyyamame tahuu yaadachiisuun akkaataa hojiirra ooluu danda'us ibseera.
''Amantiin amalasaatiin yeroo barsiifamu miseensota ofii amantaa sanatti akka ciman qofa osoos hin taane, namoota biraatti lallabdee gara amantii keetti fiduu dabalata,'' kunis seeraan eeyyamamuu ibsa.
Yeroo namoota amantii biraa qaban gara ''amantii keetti fiddu hojii lama hojjetta,'' jedha ogeessi seeraa Abdii.
''Amantiin kan kee sirrii fi gaarii tahuu barsiisuufi gama biraan ammoo karaan ati deemaa jirtu 'sirrii miti, 'Waaqni kan kee sirrii miti' jechuun amansiisuullee dabalata.''
Kanaaf amantii isa kaan sabaabaan qeeqxee namoonni amantaa kee akka fudhatan amansiisuun mirguma amantii ofii barsiisuu jalatti akka hammatamus ibseera.
Haa tahu malee namoonni amantii isaanii yeroo barsiisan jechi fayyadamaniifi akkaataan itti barsiisan ''kan sammuu amanataa isa kaanii hin jeeqneefi akka hin miidhamne of eeggannoo gochuu qaba,'' jedha.
''Amantii kee lallabuurra darbitee yoo nama amantii sana hordofuufi amanticha yoo salphiste,'' kuni mirga amantii kee barsiifachuu daangessuufi gaafachiisuu akka danda'us ibseera.
Haa tahu malee seera Itoophiyaa keessatti addatti 'Waaqolii' amantii keessa jiran ykn miyoota ulfoo isaanii 'arrabsuu' ilaalchisee seerri tumamee amantii tokko qofaatti eegu akka hin jirres dubbata.
''Seera Itoophiyaan amantaan tokko qofaatti sirrii dha jedhamee adda baafamee, amantiin kuni eegumsa qaba jedhamee kaa'ame hin jiru,'' jedha.
Biyyoota amantiifi mootummaan walitti jiran keessatti garuu amantii addatti eegamu ''arrabsuun'' du'aan adabsiisuullee danda'a.
Abdiin dhaaboti amantii Itoophiyaa gariin ''amantii kan isaaniirraa adda tahe yeroo arrabsan, yeroo salphisan ni dhageenya.
Haa tahu malee amantiin kan '''Qaallichaas' haa tahu, ilaalchiifi gochi amantii fakkaatu hundi seeraan eegamaa dha,'' jechuun ibsa.
Gochaan amantii tokko mirga dhuunfaatti yoo bu'e akkaataa seerri itti hiikamuunillee murtaa'uu danda'a jedha.
Nama amantii hin qabne tokkotti ''guyyaan murtoo gaheera, koottu gooftaa fudhadhu,'' jedhanii lallabuun ''doorsisoo fi waca'' itti tahuu danda'a,'' jechuun ibsa.
Haasaa jibbinsaa
Labsiin haasaa jibbiinsaa dhihoo bahe haala itti namoonni amantii isaanii shaakalan daangessuu hima.
Namoonni amantiifi aadaa kaanii ilaalchisee jechaa fi haasaa jibbiinsaa fi walitti bu'insa kaasu dubbatan bilisummaan amantii isaanii seeraan gaafatamuu danda'a.
Kaayyoon nama amantii tokko barsiisuu amantii ofii naamusaan lallabuu irra darbee mirga namoota kaaniitti bu'uun salphisnaan mirgi amantiisaa barsiisuu seeraan gaafatamuufi daangeffamuu akka danda'u ibseera.
''Namni tahe jedhee jeequmsa uumuufi amantii kaan salphisuuf socho'uu seeraan gaafatama, akka bilisummaa amantiitti ilaalamuunis hafa,'' jedha.
Yeroo kamitiyyuu mirgaafi bilisummaa ofii yeroo fayyadamnu ''isa amantii hin qabne,'' dabalatee kan kaani akka hin sarbineef of eeggannoo gochuun akka barbaachisu hima.
Wal-danda'uu amantii waan qoru...
Darajjee Mallasa Dabira Maarqoos Yunivarsiitiitti barsiisaa saayinsii siyaasaati.
Falmiin amantii dhimma bu'uuraa amantii irratti taasifamu hayyoota waa'ee amantichaan otoo geggeefame wayya yaada jedhu qaba.
Haa tahu malee miseensonnis tahe namooti idilee yeroo waa'ee amantii isaanii lallaban ''karaa amantii isa kaanii hin miineen tahuu qaba,'' jedha.
Itoophiyaa keessatti amantiin dhimma iddoo guddaa qabu waan taheef amantiin tokko yeroo barsiifamu ''barsiisa ofii bu'ureeffachuu mala malee isa kaan qeequu qofarratti hundaa'uu hin qabu,'' jechuun ibsa.
Barsiisni amantii isa kaan qeequu irratti kan hirkatu taha taanaan ''wal danda'uu hawaasaa irratti rakkoo fida,'' jedha.
Haa tahu malee kitaabaafi caaffata eeruun ''amantii isa kaan qeeqanii, kan ofii karaa nagaa taheen amansiisuuf yaaluun nama dhagahuuf akka filatu carraa kennaafi,' jedha.
Miidiyaan hawaasaa akkaan babal'achuurraan kan ka'e namoonni mana amantii otoo hin deemiin waa'ee amantii akka barachuu isaan dandeessise hima Darajjeen.
''Atakaaroon amantii miidiyaa hawaasaa irratti adeemaa oolu seenaa wal-danda'uu amantii Itoophiyaa kanaan dura ture qoraa jira,'' jedha.
Falmii amantii miidiyaa hawaasaa kanarra namoonni oofaa oolan baayyeen namoota, ''beekamtii qaban, barsiisota, waa'ee amantii kan beekan miti''
''Waan safuu hawaasaarra bahe lallabuun hordoftoota horachuun dhimma maallaqa horachuu godhaniiru,'' jedha.
Kanneen miyoota ulfoofi kitaabilee qulqulluu amantii isa kaanii salphisuufi akka malee gochuun miidiyaa hawaasaa irratti warreen maxxansan ''eenyu akka tahan, amantii isa kamirraa akka tahan yerootti adda baasanii itti gaafatamummaa akka fudhatan gochuu rakkisaa tahe dha,'' jedha Darajjeen.
Atakaaroon amantii miidiyaa hawaasaa irratti jalqabe yeroo garii hamma gara ''miidiyaa idilee deemuun wal-danda'uu amantii qormaata keessa akka galchaa jiru natti dhagahama,'' jechuun hubachiisa.
Namoonni gara amantii isaaniitti akka geeddaratan yeroo barbaadan ''jaalalaafi naamusaan, '' tahuu qaba malee ''dirqamaafi aarsuudhaan tahuu hin qabu'' jechuun ibsa.
Amantiin inumaa ''waa'ee addunyaa isa kanaan ala jiru waan lallabuuf'' sababa jeequmsaa fi wal-dhibdee tahuu hin qabu jechuun, dhimmoota jajjabaa amantichaarratti namoonni beekumsa amantii qaban otoo lallabani wayya yaada jedhu kenna.












