Haleellaa Israa'el gamoo petrokeemikaalaa Iraan irratti raawwateen namoonni shan ajjeefamuu miidiyaan Iraan gabaase
Miidiyaaleen mootummaa Iraan haleellaa dhaabbata petrokeemikaalaa Iraan irratti raawwatameen namoonni shan du'uusaanii gabaasaa jiru.
Israa'el ammoo dhaabbatichi kan Iraan misaa'ela balistikii isheef "qaama murteessaa" ta'e kan ittiin omishtuudha jetteetti.
Raayyaan Ittisa Israa'el (IDF) akka jedhutti, haleellaan kun, dhaabbata kibba dhiha Iraan Mahshahr keessatti argamu irratti Sambata har'aa ganama keessa kan raawwatameedha.
Dhaabbilee kunis dhaabbilee giddu galeessaa lama kanneen Iraan keessatti meeshaalee dhoo'anii fi meeshaalee waraanaa biroo oomishuuf gargaaran keessaa tokko ta'uu hime.
Iraaniitti qondaalli naannichaa tokko akka jedhanitti, haleellaa kanaan namoonni shan ajjeefamanii, kanneen biroo 170 ammoo miidhaa isaan mudateef yaalamaa jiru jedha dhaabbata oduu Faars kan Korporeeshinii Eegdota Warraaqsa Islaamaa waliin hidhata qabutti.


















