KALLATTIIN, Haleellaa lammaffaa Raashiyaan Kiiv irratti gaggeesiteen namoonni 11 ajjeefaman

Haleellaa marsaa lamaan halkan kaleessaa Raashiyaan magaalaa Yuukireen Kiiv irratti gaggeesiteen namoonni 11 ajjeefaman.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp adabbii kaardii diimaa taphataa Ameerikaa Baaloogun irratti darbe akkamiin kaasise?

    Taphataa sarara duraa Ameerikaa Balogun

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Taphataa sarara duraa Ameerikaa Balogun

    Murtoon FIFA'n tibbana dabarse dorgommii kana irratti taatee hin eegamiin mudatedha.

    Waancaa Addunyaa irratti taphataan tokko kaardii diimaan baanaan tapha itti aanu dhabuun isaa dirqama ture.

    Iyyata homaas hin barbaachisu, waan ilaalamus hin jiraatu.

    Garuu murtoo FIFA'n kaardii diimaa taphataa sarara duraa Ameerikaa Foolaarin Baloguniif kenname akka haqamu murteesse garuu namoota hedduuf gaaffii taheera.

    Tiraamp akkamiin murtoo kana gidduu galuun akka haqamu godhe?

  2. Mojtabaa Kaameenii awwaalcha abbaasaarratti maaliif hin argamne?

    Sira awwaalchaa Ayatolaa ALii Kaameenii, Iraan Teehraanitti

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Sira awwaalchaa Ayatolaa ALii Kaameenii, Iraan Teehraanitti

    Hoogganaa Olaanaan Iraan Mojtabaa Kaameenii sirna awwaalchaa abbaasaa irraa hafuun Iraaniif gaddarratti gadda dabaleera.

    Aanga'oota olaanoo biyyattii gaggeessaa hoogganaa olaanaa duraanii Iraan Ayaatollaa Alii Kaameenii irratti kumaatamaan argaman keessaa Mojtabaa Kaameenii dhabuun miira gaddaa hamaa uumeera.

    Ijoolleen Alii Kaameenii kaan- Mas'uud, Musxafaa fi Meyisaam sirna gaggeessaa Dilbata, Adoolessa 5, 2026 raawwaterratti Pirezidant Mas'uud Pezeshkiyaan fi hoogganaa Eegdota Warraaqsaa Ahmad Waahiidii waliin argamaniiru.

  3. Ashamaa, Tamsaasa kallattii jalqabneerra

    Tamsaasa kallattii Wiixataa jalqabneerra. Odeessaalee biyya keessaa fi alaa gurguddoo as keessaa argattu.

    Nu hordofaa.