KALLATTIIN, Tiraamp Iraanitti loltoota bobbaasuun Odola Kaarg qabachuuf yaadaa jiraachuu ibse

Yeroo gatiin boba'aa addunyaa dabalee jirutti Tiraamp loltoota US Iraanitti bobbaasuun Oddoola Kaarg qabachuuf yaada akka qabu beeksise

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp bara 1988 waa'ee odola Kaarg fudhachuu dubbataa ture

    Odola Kaarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Qaata pireezidantii otoo hin tahiin Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp odola Iraan Kaargirra ija buufatee ture. Tiraamp gaazexaa Financial Times waliin haasaa taasiseen dhimma kana dubbateera.

    • 1988: Tiraamp ''odola Kaarg nan mancaasa'' jedhe af-gaaffii The Guardian waliin taasiseen. ''Dhaqeen fudhadha. Iraan Iraaqiiniyyuu mo'achuu hin dandeessu, Ameerikaa ammoo asiifi achi raasti. Odola sana yoo fudhanne addunyaaf gaarii taha''
    • 13 Bitootessa, 2026: Af-gaaffii raadiyoo Fooks jedhamu waliin taasiseen, waan bara 1988tti jedhe gaafatame jennaan odola kana fudhachuun dhimma ''tarree dursaa'' keessa jiru miti jedhe. Yaadasaa geeddaruu akka danda'u dubbate. ''Dhimma kana raawwachuufan tures, hin turres,'' jedhe. Maalin siin jedha?'' jedhe.
    • Guyyaama sana: Miidiyaa hawaasaa isaa dhuunfaa Truth Social irratti haleellaa boombii ajajeen ''gonfoo Iraan kan taate odola Kaarg'' mancaasneerra,'' jedhe. Haleellaa kanaan ''bu'uuraalee boba'aa odolichaa hin haleelle,'' jechuun Iraan Ulaa Hormuuz irratti dhiibbaa uumuu yoo itti fufte haleeluu akka yaadu hime.
    • Af-gaaffii Financial Times har'a baheen Tiraamp odola kanaan wal-qabatee ''filannoo baayyee'' akka qabu hime. ''Odola Kaarg fudhachuus, fudhachuu dhiisuus dandeenya. ''Kana jechuun yeroo murtaa'eef achi(odola Kaarg) turuu qabna jechuu dha,'' jedhe.
  2. Ameerikaan odola Kaarg yoo to'atteyyuu Iraan taankaroota haleeluu dandeessi

    Odola Kaarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Gatiin boba'aa baarmela tokkoo doolaara 116 gallaan gabaan Eeshiyaa kufaa jira.

    Gama biraan ammoo Donaald Tiraamp ''boba'aa Iraan fudhachuu barbaada,'' jedheera, akkuma Ameerikaan pireezidantii Veenzuweelaa Nikoolaas Maaduroo Amajji darbe aangoorraa buuste sana jechuudha.

    Tiraamp Galoo-galaana Pasrhiyaatti odola Kaarg buufata boba'aan al-ergii Iraan %90 itti fe'amu to'achuun kana akka raawwatu gaazexaa Financial Times'tti himeera.

    Odola Kaarg fudhachuun danda'ama taha garuu akka Veenzuweelaa sana Ameerikaaf oppireeshinii salphaa hin tahu jedha gabaasaa daldalaa BBC Niik Maarsh.

    Humna namaa guddaa gaafachuurraan dabalataan to'annoo Iraan Ulaa Hormuuz irratti qabdu jijjiirama hin fidu.

    Taankariin Ameerikaa odola kanarraa bahu kamiyyuu Iraanin haleelamu danda'u jedha.

  3. Viidiyoo yeroo gamoon mana jireenyaa kibba magaalaa Tehraanitti argamu haleelamu agarsiisu

  4. Doonaald Tiraamp “boba’aa Iraan keessa jiru fudhachuu” nan danda’a jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Doonaald Tiraamp “boba’aa Iraan keessa jiru fudhachuu” nan danda’a jedhe. Kana kan godhu ammo wiirtuu boba’aa Iraan kan taate Odola Kaarg qabachuudhanaidha.

    Gaaffiifi deebii Faayinaanshiyaal Taayims waliin taasiseen, “odola kana salphaatti fudhachuu akka danda’u” dubbateera Tiraamp.

    Akkas jedhees garuu waliigalteen “qajeelummaan dafee” hojiirra ooluu danda’a jedhe.

    Iraan ammo tarkaanfii haaloo bahu fudhattu ballistae yunivarsiitiiwwaniifi maneen qondaalota US fi Israa’el irratti haleellaa raawwachuuf dhaadatteetti.

    Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan humnoonni Iraan loltoonni Ameerikaa dachee isaaniirra ejjennaan “bokkaa abiddaa itti roobsina” jechuun “eeggachaa” jiraachuu dubbatee ture.

  5. Wiiirtuun industirii Israa'el gammoojjii Negeevitti argamu haleellaa misaa'ela Iraan booda yeroo gubatu viidiyoo agarsiisu kana daawwadhaa.

  6. Odolli Iraan, Kaarg Tiraamp fudhachuuf dhimmee barbaadu maali?

    Odola Kaarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Akkuma waraanni Baha Giddu Galeessaa cimee itti fufaa jiruun, xiyyeeffannaan Ameerikaa gara odola xiqqaa Galoo Galaana Pershiyaa keessatti argamtu kan wiirtuu dinagdee boba'aa Iraan Odola Kaargi ta'eera jedha gabaasni.

    Odolli xiqqaan kun qarqara galaanaa Iraan irraa gara kiiloo meetira 30 fagaattee galoo galaanaa kaabaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, wirtuu ijoo indaastirii boba'aa biyyattiitti.

    Odolli kun bakka tarsimoo Iraan qabdu ijoo taatus bakka kana haleellaa irraa ittisuun rakkisaa fi salphaatti irratti xiyyeeffatamuu kan danda'udha.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya eeggalleera.

    Waraani Baha Giddugalaa ammayyuu ijoo addunyaan irraa haasa'u ta'ee itti fufeere. Tiraamp loltoota lafoo Iraanitti bobbaasuu akka fedhu ibse.

    Odeessawwan biyya keessafi idiladdunyaa kataa toora marsariitii, facebook, YouTube fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo isin biraa kenyu argachuu dandeessu.

    Tamsaasa kallattii keenyas asiin argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa"