Iraan loltoonni lafoo US dhufnaan 'bokkaa abiddaa itti roobsuuf eeggachaa jirra jette

Dubbi-himaan paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagher Galibaaf humnoonni biyyasaa "loltoonni Ameerikaa lafoon yoo biyyattii seenan bokkaa abiddaa itti roobnsuuf eeggachaa jirra," jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kuweet, Qaataar fi UAE har'a misaa'elaafi diroonii Iraaniin haleelaman

    Har'a biyyoota Galoo Galaanaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran keessaa Kuweet, Qaataar fi UAE'n misaa'elootaafi dirooniiwwan Iraan itti dhukaafamaa ooleera.

    Ministeerri ittisaa Kuweet har'a daangaa qilleensaa biyyattii keessatti balastik misaa'elii 14 fi dirooniiwwan 12 arguu himeera.

    "Sababa haleellaa kanaatiin kaapmiin Humnoota Hidhatan waliin walitti dhufeenya qaba jedhame irratti xiyyeeffatamee si'a baayyee haleelameera. Kun ammoo miseensota keessaa qondaalonni 10 akka madaa'an taasiseera" jedhe ministeerichi.

    Humni ittisaa Qaataar gama isaatiin "dirooniiwwan baayyee" Iraan irraa ergaman arguun, hunda isaanii haala milkaa'een qolachuu ibseera.

    Qaataar keessatti isa ta'e saatii muraasaan dura ministeerri ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), balastik misaa'eliin 16 fi dirooniiwwan 42 Iraan irraa gara UAE'tti dhukaafamuu hordofee humni ittisa qilleensaa "dammaqinsaan deebii kennaa tureera". jedhe.

  2. Hogganaan Waliigalaa Iraan ergaa dabarsan

    Mojtaabaa Kameenii

    Madda suuraa, Tasnim News Agency

    Ergaan biraa kan Hogganaan Waliigalaa Iraan jedhame dhiyaate- ammas garuu hogganaan kun ummatatti hin mul'atiin jira.

    Ergaan maqaa Hogganaa Waliigalaa Iraan, Mojtaabaa Kameeniitiin bahe, hogganaan kun abbootii amantaafi Iraanotaan "weerara Iraan irratti baname ilaalchisee ejjennoo ifa ta'e qabachuun dura dhaabbachuu " isaaniif galateeffateera.

    Akka miidiyaaleen Iraan jedhanitti, ergaan maqaa Mojtaabaa Kameeniitiin bahe walga'ii dubbi-himaa Kora Islaamaa Waliigalaa Iraaq fi Baagidaaditti ambaasaaddar Iraan gidduutti taasifameen ergaa darbeenidha.

    Erga Bitootessa jalqaba gara aangootti dhufee ergaan barreeffamaan maqaa Mojtaabaa Kameeniitiin bahan baayyeen dhiyaataniiru.

    Haata'u malee, inni ammallee ifatti uumatatti hin mul'atiin jira ykn erga gara aangoootti dhufee TV mootummrratti hin mul'annes.

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Mojtaabaa Kameenii "du'eera ykn ammoo haala baayyee hamaa keessa jira, sababiin isaa ammoo namni eessa akka inni jiru dhaga'e hin jiru"

    Kun osoo kanaan jiruu, dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN)tti ambaasaaddarri Ameerikaa Mojtaabaa Kameeniin bahee mul'achuu dhabuun isaa "sodaa nageenyaatiif" jedhe.

    Isaa'el muudamuu isaa dursees tae booda akka isa adamsitu dhaadatteetti.

    Ministeerri Dhimmaa Alaa US hoggantoota Iraan 10 nama bakka jiran agarsiise dolaara miliyoona 10 kennuuf waadaa gallte keessaa tokko isadha.

  3. Abiddi wiirtuu industirii Israa'el qabate 'to'atame'

    Abidda zoonii industirii Israa'el qabate

    Madda suuraa, Israel's fire and rescue service via X

    Tajaajilli abiddaafi baraaruu abidda zoonii industirii kibba Israa'elitti argamu Neot Hovav jedhamu qabate dhaamsuuf wallaansoo qabaa ture ibsa kenneera.

    "Gareen guddaan bakka kanarraa hojjechaa jiru. Waan mudate amma to'atameera," jedhe dursaan Komishinarii Abidddaafi Baraaruu Supparintendant Eyaal Kaspii.

    Gareen Kaaspii kun sila abidda kana "balaa hamaa mudate" jechuun labsee ture.

    Humni Ittisaa balaan abidda a kun cabaa misaa'elaatiin uumame jedhee shakkeera.

  4. Suura miidhaa jabaa jeettii waraanaa US buufata Sa'udii keessatti haleelame agarsiisan

    Xiyyaara waraanaa US buufata Sa'udii keessatti miidhame

    Madda suuraa, Facebook

    Suuraawwan mirkanaa'an ajajaafi to'annoon xiyyaaraa US buufata xiyyaaraa Sa'ud Arabiyaa jiru manca'uu agarsiisan.

    Suuraawwan kunneen jalqaba fuula Facebook oduu waraanaa US qabate irratti mul'ate.

    Suuronni kunneen xiyyaarri E-3 Sentry lamatti ba'ee agarsiisu.

    Suuraawwan kunneen buufata humna qilleensaa Ilma Mootii Sulxaan magaalaa guddoo Sa'ud Arabiyaa, Riyaad irraa gara kibba-bahaatti km100 fagaatee argamutti kan kaafaan ta'uu mirkaneessineerra.

    Wantonni suuraawwan kanneen irratti mul'atan kanneen akka kuusaa, mallattoowwan buufaticha keessa jiran ni mul'atu.

    Suuraawwan mirkanaa'an irratti eegee xiyyaara tokkoorraa lakkoofsi isaayyu ifatti mul'ata. Kana fayyadamuun toora balalii xiyyara ahordofu Flightradar24 fayyadamuun ilaalamee gaafa Bitootessa 18 achu qubate.

    Suurri saatelaayitii Jimaata kaafame ammoo xiyyaara E-3 kana gama bahaan meetira 1,600 irratti buufata xiyyaaraa keessatti abiddatu mul'ata. Kan E-3 kanarra amiidhaa qaqqabsiise garuu isa kana ta'uun isaa ifa miti.

    Jimaata aanga'aan US tokko Rooyitarsitti akka himetti qondaalonni US 12 buufata xiyyaaraa sana keessatti kan miidhaman yoo ta'u, isaan keessaa lama miidhaa cimaatu irra gahe.

    Xiyyaarri US manca'e kana waliin wal fakkaata

    Madda suuraa, Getty Images

  5. 'Haleellaa Iraan gaggeessite hordofee wiirtuun industirii kibba Isaa'el gubate'

    Wiirtuu industirii Israa'el gubachaa jiru

    Madda suuraa, Screenshot X irraa fudhatame

    Wiirtuun industirii kibba Israa'el gammoojjii Negeev keessatti argamu Iraaniin haleelamee gubachuu miidiyaan Israa'el gabaasaa jiru.

    Miidiyaan ummataa Israa'el Kan, Chaanaal 12 fi Times of Israel jedhaman viidiyoo aarri jabaan wiirtuu industirii Ne'ot Hovav irraati jedhame yeroo bahu agarsiisu qoodaniiru. Bakki kun kibba magaalaa Bersaabeeh'tti kan argamudha.

    Miidiyaaleen kunneen miidhaan qaqqabe akka hin jirre gabaasaniiru.

    Waraanni Israa'el waan mudate kun facaatii misaa'elaarraa kan mudate jechuu isaa AFP'n himeera.

    Misaa'eloota Iraan irraa dhufan qolachuurratti hojjecha ajiraachuu ibsuu Humna Ittisaa Israa'el (IDF) ibsuu hordofee kan mudatedha.

  6. Waraana fudhatama qabeessa gochuuf maqaa Yesuus Kiristoos fayyadamuun hin danda'amu - Dursaa Kaatolikii

    Dursaan Bataskaana Kaatolikii Addunyaa Phaaphaas Liyoo 14ffaa

    Madda suuraa, EPA

    Waraanni Israa’el fi Ameerikaan Iraan irratti banan yeroo ji’a tokko guute kanatti dursaan Bataskaana Kaatolikii Addunyaa Phaaphaas Liyoo 14ffaa dubbii waraana ilaallatu dubbatan.

    Waaqayyo kadhannaa hoggantoota warra waraana gaggeessan “harki isaanii dhiigaan laaqamee” hin fudhatu jechuun dubbatan.

    Phaphaasichi haasaa namoota kuma hedduutti lakkaa’aman Addabaabaayii Phexiroos Qulqulluu Vaatikaan keessatti argamutti Ayyaana Hosaa’inaa kabajuuf walitti qabamanirratti taasisaniin, waraana kamiyyu gaggeessuuf maqaa Yesuus Kiristoosa fayyadamuun hin danda’amu jedhaniiru.

    “Mootii nagaa kan tae Yesuus waraana hin fudhatu, waraanni fudhatama akka qabaatuuf maqaa isaa fayyadamuun hin danda’amu,” jechuun waraana mormaniiru.

    Dubbii Phaphaasichaatiif Sababa kan ta’e aanga’oonni Ameerikaa tokko tokko waraana Ameerikaafi Israa’el waloon Iraan irratti bananan sirrii ta’uu isaa agarsiisuuf Kitaaba Qulqulluu caqasuu/eeruu isaniirraa kan ka’edha.

    Wixata darbe ammo haleellaawwan qilleensarraan gaggeeffaman eenyuunillee kan adda baasan waan hin taaneef akka dhaabbatuuf gaafataniiru.

    Roobii darbe sirna kadhannaa ministeera ittisaa Ameerikaa, Pentaagon keessatti gaggeeffamerratti, minisitrri waraanaa Peet Heegseet luqqaasii Kiristaanummaa caqasuun/eeruun kadhannaa taasisee ture.

    Jechoota fayyadaman of eeggannootiin filachuun kan beekaman Poop Liyoon, waraanni Iraan irratti gaggeeffamu akka dhaabbatuuf irra deddeebiin gaafataniiru.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin walqabatan:

  7. Iraan loltoonni lafoo US dhufnaan 'bokkaa abiddaa itti roobsuuf eeggachaa jirra jette, Iraan humnoonnikoo loltoota lafoo US 'eegaa' jiru jette, humni galaanaa Ameerikaa dabalataa naannicha qaqqabaa jiru

    Mohaammad Baagher Galibaaf

    Madda suuraa, Reuters

    Dubbi-himaan paarlaamaa Iraan Mohaammad Baagher Galibaaf humnoonni biyyasaa "loltoonni Ameerikaa lafoon yoo biyyattii seenan bokkaa abiddaa itti roobnsuuf eeggachaa jirra," jedhe.

    Ji'a tokkoffaa wraana Iraan irratit baname ilaalchisuun ergaa miidiyaa mootummaa biyyatiirratti dareen dubbii dubbate keessatti Mohaammad Baagher Galibaaf kana kan jedhe.

    "Diinni keenya ifatti waa'ee marii dubbachaa, icciitiidhaan ammoo haleellaa loltoota lafootiin raawwachuuf shira xaxaa jira," jechuun himate Afa yaa'iin paarlaamaa Iraan kun.

    Itti dabaluun dhimmoota mariiti jechuun kan Ameerikaan qabxii 15 dhiyeessite "fedhiishee waraanaan milkeeffachuu hin dandeenye ittiin galma geessifachuudha" jechuun qeeqeera.

    Mohaammad Baagher Galibaaf waraana lafootiin haleellaan kan banamu taanaan humnoonni Iraan "loltoonni Ameerikaa dachee keenyarra yeroo ejjetan abidda irratti roobsuuf eeggachaa jiru," jedhe.

    Gabaasaaleen hin mirkanaa'iin tokko tokko akka jedhanitti taanaan bulchiinsi Tiraam Mohaammad Baagher Galibaaf hogganaa biyyattii itti aanu ta'uu danda'a jedhee amana..

  8. 'Bishaan Yamanirraan imaluu dhaabaa' - Gamtaa Awurooppaa

    Galaana Diimaa

    Qaamni nageenya galaanarraa Gamtaa Awurooppaa (EU) dooniiwwan daangaa bishaanii Yamaniirraan imaluu akka dhaaban akeekkachiise.

    Iraaniin kan deeggaraman hidhattoonni Huutii haleellaa Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Adan keessatti dooniiwwan daldalaa irratti raawwachaa turan ammas itti fufuu waan danda'aniif jedhe.

    Hidhattoonni Huutii Sanbat-duraa Israa'el irratti haleellaa banuu fi haleellaa biraaf dhaadachuu isaanii hordofee akkana jedhe Qaamni nageenya galaanarraa Gamtaa Awurooppaa.

    Huutiiwwan hanga yoonaa hidhannoo waraanaa jabaa doonii ulaa Baab Eel Mandab ittiin ugguran hin qixeeffanne ture.

    Humni Galaanarraa Gamtaa Awurooppaa dooniiwwan daldalaa US fi Israa'el faana hidhata qaban hanga "yaaddoon isaanii salphatutti" akka gama qaama bishaanii Yamaniin hin imalle jechuun akeekkachiise.

    Gabaasa Sanbat-duraa baasen humni galaanarraa kun balaa amma jiru "olaanaa" jechuun ibse.

    Dooniiwwan daldalaa kan Israa'elii fi Ameerikaa hin ta'iniif immoo sadarkaan balaa isaanii "giddu-galeessa" jedhee ibse.

    Huutiiwwan dooniiwwan ulaa kana darban kan haleeluu eegalan Sadaasa 2023 kaaseeti.

    Odeeffannoo kanaan wal qabatan biroof:

  9. Libaanos keessatti gaazexeessitoonni sadii haleellaa Israa'eliin ajjeefaman

    Gaazexeessitoota ajjeefaman

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Gaazexeessitoota ajjeefaman

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Araagchii duuti gaazexeessitoota sadanii nu dammaqsuu qaba jedhan.

    "Ogeeyyii miidiyaa kanneen kan dhabe hawaasa miidiyaa naannicha qofa osoo hin taane addunyaadha, kun hawaasa addunyaa dammaqsuu qaba jedhan".

    Alii Shoo'ib, rippoortara Al Manar TV - Hizboolaan buluuti, ogeeyyiin miidyaa Al Mayaddiin Faatimaa fi Mohammad Fetoonii haleellaa qilleensaa Israa'el magalaa Jaziin keessatti raawwatteen ajjeefaman.

    Abbaas Araagchii, "ajjeechaa ta'e jedhamee qiyyaafatamee" fi "akeeka sagalee dhugaa ukkaamsuuti" jedhan.

    Waraanni Israa'el Alii Shoo'ib ajjeesuu amaneera. Inni ergamaa Hizboolaa akka gaazexeessaatti of dhiyeessu dha jette.

    Israa'el yeroo waraanni eegalee as Libaanositti gaazexeessitootarratti xiyyeeffachuun ishee miilanaa kun lammeessodha jedhama.

  10. Huutiin waraanichatti makamnaan, walitti bu'iinsi babal'ataa jira

    Misaa'elii samii magaalaarratti mul'atu

    Madda suuraa, Reuters

    Walitti bu'iinsi babal'achuu: Erga gareen hidhataa Yaman, Hutiin Sambata misaa'elii gra Israa'elitti dhukaaseen booda waraanni kan duraa caalaa damee biraa dabalatee babal'ataa jira.

    US loltoota lafoo erguu: Akka Waashingitan Post gabaasetti, Pentaagon Iraan keessatti oppereeshinii waraanaa loltoota lafoon torbanootaaf gaggeessuuf qophaa'aa jira. Doonaald Tiraamp oppereeshinii kana ni mirkaneessaafi ni dhiisaa ammatti ifa akka hin ta'iinis gabaaseera.

    Israa'el keessatti maaltu ta'aa jira?: Israa'el loltuun ishee tokko kibba Libaanos keessatti du'uu mirkaneessiteetti. Bakki loltuun Israa'el kun itti du'e ammoo bakka isheen lafoon oppereeshinii gaggeessaa jirtudha.

    Iraan keessatti maaltu ta'aa jira?: Israa'el haleellaa walirraa hin cinne wiirtuuwwan ajajaafi meeshaalee waraanaarratti xiyyeeffachuun magaalaa guddoo Iraan keessatti gaggeessitu Sambata xumuruu himte.

    Biyyoota Galoo Galaanaa keessatti waan deemaa jiru: Biyyoota Galoo Galaanaa Arabootaa keessatti haleellaan dabalataa itti fufee gaggeeffamuun gabaafameera. Baahireen haleellaa Iraan gaggeessitoon namoota lama madaan salphaan mudateera. Akka ministeerri ittisaafi waraana aibsaetti, UAE fi Kuweet keessatti ammoo humni ittisaa qilleensaa halkan qophaa'anii eegaa bulan.

  11. Huutiin Yamanirraa misaa'ela lamaffaa Israa'elitti dhukaasuu beeksise

    Misaa'elii samiirratti

    Madda suuraa, Getty Images

    Gareen hidhataa Yaman, Huutiin, bakkawwan Kibba Israa'elitti argamanitti yeroo lamaffaatiif misaa'ela dhukaasuu beeksise.

    Dubbi-himaan Huutii Yaahiyyaa Saaree akka beeksisetti, gareen kun "bakkawwan waraanaa Israa'el baayyee irratti kiruuz misaa'eliifi dirooniiwwan fayyadamuun" haleellaa raawwateera.

    Itti dabaluun, haleellaawwan kunneen duulawwan waraanaa Iraan fi Hezboollaa waliin "qindaa'uun" kan gaggeeffaman ta'uu isaaniifi "kaayyoo yaadameefis milkeessuu" himeera.

    "Diinna yakkamaa hanga haleellaafi weerara gaggeessu dhaabutti" guyyoota itti aananiif haleellaan dabalataa akka itti fufu gareen kun beeksiseera.

    Dubbi-himaan garee kanaa haleellaan kun gaggeeffamuun fuula Telegraam isaarratti beeksisuun dura miidiyaaleen Ameerikaa fi Israa'el Huutiin si'a lamaffaatiif haleellaa gaggeessuu gabaasanii turan.

    waraanni iraan irratti gaggeeffamu erga jalqabee ji'a tokkoon booda yeroo jalqabaatiif Huutiin Israa'el irratti haleellaa kan raawwate gaafa Sambataati.

    Israa'el haleellaan kun irratti raawwatamuu mirkaneessitee, misaa'eloota karaa gama Yaman itti dhukaafaman fashalsiisuu beeksisteetti.

  12. Zeleniskiin daawwannaa Baha Giddugalaatti taasisaa jiruun meeshaa farra diroonii dhiyeessuf walii gale

    Zeleniskiin fi pirezidaantii UAE

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo biyyoonni Galoo Galaanaa diroonii Iraaniin goolamaa jiranitti, Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Baha Giddugalaatti daawwannaa taasisaa jira.

    Meeshaan farra diroonii Yukireen waraana Raashiyaa waliin gaggeessaa jirturratti itti dhimma baahaa jirtu Baha Giddugalaattis akkaan barbaadamaa jira.

    Zeleniskiin daawwannaa UAEfi Kaataritti taasisaa jiruun biyyoota kana waliin waliigaltee waraanaa waliif mallatteessaniiru.

    Waliigalteen isaaniis Yukireen ogeeyyii farra dirooniifi teeknolojii diroonii dhiyeessuu irratti kan xiyyeeffateedha jedhame.

    Biyyoonni Galoo Galaanaa dirooniwwan Iraan qolachuuf waraanichi akkuma eegaleen ijji isaanii gara Yukireen ilaale.

    Yukireen teeknolojii farra diroonii kalaquun adda waraanatti heddu itti milkaa'aa jirti. Biyyoonni Galoo Galaanas teeknolojii kana akka fayyadamaniif ogeeyyii diroonii 100 torban lama dura gara Baha Giddugalaatti erguu beeksksiftee turte.

    Iraan ibsa har'a baasteen, kuusaa farra diroonii Yukireen kan Abu Daabii jiru haleeluu ibsitus Yukireen soba jette.

  13. UAEn Iraan har'a qofaa misaaa'eloota 20 fi dirooniwwan heddu natti dhukaaste jechuun himatte

    Misaa'elota Iraan

    Madda suuraa, EPA

    Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) Iraan har'a misaa'eloota baalistikii 20 fi dirooniwwan 37 itti dhukaasuu himatte.

    Ministeerri Ittisaa UAE misaa'elotaafi dirooniwwan Iraan irraa itti dhukaafaman qolachuu beeksise.

    Erga US-Israa'elifi Iraan gidduutti waraanni eegalee as misaa'elotaa baalistikii 398, misaa'ela kiruuzii 15 fi dirooniwwan 1,872 Iraanirraa gara UAEtti dhukaafamuu ministeerri ittisaa biyyatti beeksise.

    Haleellaa Iraa gaggeessaa jirtuun miseensota humna waraanaashee dabalatee hanga ammaa namoonni 11 du'uus beeksiste.

    The defence ministry says attacks have led to 11 deaths, including two members of the armed forces as well as a Moroccan civilian contracted by the armed forces.

    Magaala guddoo biyyattii Abu Daabii keessatti caccabaa misaa'elaan namoonni shan har'a miidhan qaamaa irra gaheera.

  14. 'Huutiin Iraanirra goree lolatti seenuunsaa Israa'eliif mataa bowwoo ta'uun hin oolu'

    Hidhattoonni Huutii yeroo misaa'ela dhukaasan

    Madda suuraa, EPA

    Hidhattoonni Huutii ji'oota heddu booda yeroo jalqabaaf Israa'elitti dhukaasan.

    Waraanni US-Israa'elifi Iraan gidduutti erga eegalee yeroo jalqabaaf dhukaasuu isaati.

    Huutiin lolatti seenuun Israa'eliif mataa bowwoo dabalataa ta'uu akka hin oolle himu xinxaaltonni.

    Israa'el Iraanifi Hezbollaa waliin lola kallattii lamaan yeroo lolaa jirtutti Huutiin dabalamuunsaa adda waraanaa dabalataa akka banamu taasisa.

    Kuni ammoo humni waraanaa Israa'el kallattii heddutti akka dhifamu godha. Bara 2023 yeroo Hamaasifi Israa'el gidduutti waraanni baname, Huutiin Hamaas irra goruun Israa'elitti dhukaasaa ture.

    Haleellaan misa'aelaafi dioonii Huutiin gaggeessu Israa'el irra miidhaa cimaa geessisuu baatullee, sochii daldalaa Galaana Diimaa irratti danqee ture.

    Hidhattoonni Huutii akkuma Israa'elitti misaa'ela dhukaasuu beeksisan dooniwwan Israa'el waliin hidhata qaban Galaana Diimaa irratti ni haleelu taanan, Israa'eliif yaaddoo dabalataati

    Gama biraan ammoo Iraan Ulaan Hormuuz cufuu hordofee Saawudii Arabiyaan boba'aashee Galaana Diimaa gabaa addunyaaf dhiyeessa jirti.

    Dooniwwan keessumaa gara Eshiyaa deemaan, karaa Yaman imaluunsaanii dirqama. Huutiin haleellaa Israa'el irratti gaggeessun alatti, Galaana Diimarratti haleellaa gaggeessa taanan gabaan boba'aa addunyaa caalmatti olka'uun waan hin oolledha jedhamee sodaatama.

  15. Waraanni Baha Giddu Galaa mariin akka xumuramuuf jaarsoliin araaraa Paakistaanitti wal-gahuufi

    Shehbaz Sharif

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni US-Israa'elifi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiru mariin furmaata akka argatuuf biyyoonni tattaaffii jaarsummaa taasisaa jiran Paakistaanitti wal-gahuufi.

    Paakistaan minisiirota dhimma alaa Saawudii Arabiyaa, Turkiifi Masirii keessummeessuun tattaaffiin marii nagaa akka gaggeeffamu beeksifte.

    Marii taasifamuuf jedhu ilaalchisee Ministiirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariif Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeekshiyaan waliin dubbachuu mirkaneessan.

    Mariin kunis borii jalqabee guyyoota lamaaf akka gaggeeffamu kan ibsite yoo ta'u, magaalaa Islaamaabaaditti wal-gahuun mariin bal'aan ni gaggeefame jedhame.

    Ministiirri dhimma alaa Paakistaan Ishaaq Daar fuula X gubbaatti akka barreessanitti, "naannichatti muddama halate qabbaneessuuf mariin bal'aan ni taasifama" jedhan.

    Masiriin maricharratti akka hirmaattu mirkaneessuun, ministiira dhimma alaashee Islaamaabaaditti erguu beeksifte.

    Waraanni Baha Giddu Galaa erga eegalee, mariin akka gaggeeffamuuf biyyoota adda dureen yaalii gochaa turan keessaa Paakistaan tokkoodha.

    Jalqaba torban kanaa USfi Iraan gidduu waliin dubbii karaa al-kallattii gaggeeffamaa akka jiru ibsitee turte.

    Doonaald Tiraamp gamasaan Iraan US waliin marii gaggeessaa akka jirtu ibsuun, haleellaa silaa wiirtuwwan anniisaa Iraanirratti gaggeeffamuuf ture guyyaa 10 achi butuu beeksise.

    Iraan garuu mariin US waliin gochaa jirtu homaatuu akka hin jirre guyyoota darban ibsaa turte.

  16. US doonii guddicha xayyaarota waraanaa baatu dabalataan Baha Giddu Galaatti ergite

    Dooniin waraanaa xayyaarota waraanaa fe'u USS George HW Bush

    Madda suuraa, Getty Images

    Amerikaan doonii waraanaa xayyaarota waraanaa fe'u dabalataan Baha Giddu Galaatti ergite.

    Dooniin waraanaa xayyaarota waraanaa fe'u USS George HW Bush jedhu gara Baha Giddu Galaatti qajeeluu CBS News qondaalota US irraa odeeffadhe jechuun gabaase.

    Dooniin waraanaa xayyaarota waraanaa gosa garaa garaa baatu kun jalqaba ji'a kanaarraa kaasee shaakala waraanarra kan ture yoo ta'u, amma dooniwwan waraanaa US Baha Giddu Galaatti waraana irratti hirmaataa jiranitti dabalamuufi jedhame.

    Dooniin kun xayyaarota waraanaa 80 ol kan baatu yoo ta'u, dooniwwan waraanaa biroo haleellaa misaa'elaa gaggeessaniin dabaalamee kan deemudha.

    US dooniwwan waraanaa xayyaarota waraanaa fe'an Abraham Lincoln fi Jerald Ford jedhamaniifi dooniwwan haleellaa gaggeessan biroo Baha Giddu Galaatti erguun haleellaa Iraan irratti gaggeessaa jirti.

    Dooniwwan waraanaa biroo haleellaa misaa'elaa gaggeessan lama: USS Donald Cook fi USS Mason jedhaman waraana Baha Giddu Galaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaachuuf torban kana US irraa ka'uun ibsame.

  17. Buufannni Xayyaaraa Idiladdunyaa Kuweet diroonin haleelame

    Diroonii Iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Kuweet buufata xayyaaraa idiladdunyaa isheerratti haleellaan diroonii gaggeeffamuu beeksifte.

    Miidiyaan biyyattii KUNA jedhamu akka gabaasetti, haleellaan diroonii buufata xayyaaraa biyyattiirratti qiyyaafatame gaggeeffame.

    Haleellaa kanaan namarra miidhaan qaqqabe hin jiru jedhame.

    Kuweet biyyoota Baha Galoo Galaanaa haleellaa Iraanif saaxilaman keessaa tokkoodha.

    Buufanni xayyaaraa biyyattii haleelamuun kun kan jalqabaa miti. Roobii darbes kuusaan boba'aa buufata xayyaarichaa keessatti argamu diroonii Iraaniin haleelamuu biyyattiin ibsitee turte.

    Gama biraan ammoo Iraan har'a buufata waraanaa US Saawudii Arabiyaa jirurratti haleellaa gaggeessiteetti.

    Haleellaa buufata waraanaa Piriins Sultaan irratti gaggeeffameen loltoonni US 12 madaa'uu miidiyaaleen Ameerikaa gabaasan.

  18. Huutiin Israa'elitti misaayela dhukaasuu mirkaneesse

    Misaa'eloota Huutii

    Madda suuraa, Almasirah

    Gareen hidhataa Yaman Iraaniin deeggaramu Huutiin erga waraanni US-Israa'eliifi Iraan eegalee yeroo duraaf gara Israa'elitti dhukaasuu beeksise.

    Dubii himaan waraana Huutii Yaahiyaa Saaree haleellaawwan misaayelaa hedduu buufataalee waraanaa Israa'elirratti xiyyeeffatan'' raawwatamuu mirkaneesse.

    Haleellaan kun haleellaa Iraan, Libaanos, Iraaqiifi Filisxeem keessatti raawwatamaniif deebii kennuufi.

    Haleellaan Huutii kun hanga weerarri adda hundaan baname xumuramutti itti fufa jedhe dubbii himaan kun.

    Israa'el misaayela Yamanirraa dhukaafame qolachuu beeksisteetti.

  19. Huutiin waraanatti seenuun addi waraanaa biraa akka banamu gochuu mala

    Hidhattoota Huutii

    Madda suuraa, Reuters

    Waraanni US-Israa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamu erga eegalee yeoo jalqabaaf Huutii Yaman Istraa'elitti dhukaasuu beeksise.

    Halkan edaa dubbi himaan Himaan waraana Huutii, Yaahyaa Saree, akeekkachiisa kenneen qaamoleen biroo USfi Israa'elitti dabalamuun Iraan haleelu taanan Huutinis waraanatti akka seenu beeksisee ture.

    Humni Waraanaa Israa'el Sambata ganama ibsa baaseen, misaa'eloonni Yaman irraa itti dhukaafamuu mirkaneesse.

    Huutiin Iraan irra goruun waraana kanatti makamuun, Galaana Arabaa irratti addi waraanaa biraa akka banamu taasisa yaaddoo jedhu uumee jira.

    Iraan Ulaa Hormuuz cufuun gabaan boba'aa addunyaafi dhiyeessii meeshaalee biroo akkuma danqite, Huutunis Galaana Diimaa irratti bidiruuwwan daldalaa danquu danda'a yaadoo jedhu uumera.

    Waraana Hamaas fi Israa'el gidduutti gaggeeffama ture hordofee, Huutiin Galaana Diimaa irratti dooniwwan Israa'el wajjin hidhata qabu jedhe haleelaa turuun imala danquunsaa ni yaadatama.

    Israa'el fi Hamaas gidduutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasifamuu hordofee, haleellaa Galaana Diimaa irratti gaggeessu dhaabuu ibsee ture.

    Amma Iraan irra goruun Israa'el haleeluu beeksisuun alatti, Ulaa Galaana Diimaa irratti haleellaa gaggeessuuf karoora qabaachuu waan ibse hin qabu.

  20. 'Haakaroonni' hidhata Iraan qabu jedhaman imeelii daayireektara FBI cabsan

    Kaash Paateel

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dayireektarri FBI imeeliin dhuunfaasaa haakaroota Iraanin hidhata qabu jedhamaniin jalaa cabe

    'Haakaroonni' saayibarii Iraan waliin hidhata qabu jedhaman imeelii dhuunfaa daayireektara Biiroo Qorannoo Yakka Federaalaa (FBI) cabsuun seenuu gabaasaalen ibsan.

    Dayaireektara FBI kan ta'e Kaash Paateel imeeliin dhuunfaasaa haakaroota Iraan waliin hidhata qabu jedhamaniin jalaa cabuu CBS News gabaase.

    FBI ibsa baaseen, imeeliin dhuunfaa gaggeessaa isaa 'haakarootaan' yaaliin cabsuu irratti gaggeeffamuu amanuun tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu beeksise.

    Imeelii dhuunfaa Kaash Paatel 'haakaroonni' Iraanin hidhata qaban cabsan jedhame keessatti "icciitiin mootummaa balaarra buusu hin jiru" jedhe FBI ibsa baase keessatti.

    Hojii yakka saayibarii kanaaf dhaabbanni "Handala HackTeam" jedhamu raawwachuu isaa ibseera.

    Dhaabbanni kun Ministeera Tikaafi Nageenya Iraan waliin hidhata qabaachuu isaa Ministeerri Haqaa US ibse.

    Dhaabbata Handala HackTeam jedhamu eenyu akka ta'eefi [qaama gaggeessu] nama odeeffannoo kenneef beenyaan dolaara miliyeena 10 akka kennamu FBI ibse.