Keeniyaatti iccitii du'a arba 14 irratti qorannoon godhamuu eegale
Kibba Keeniyaa, naannoo Paarkii Biyyoolessaa Ambooseliitti, du'a arba 14 iccitii ta'e qorachuuf qorannoon ariifachiisaan jalqabameera.
Tajaajilli Bineensota Bosonaa Keeniyaa (KWS) BBCtti akka himetti, ogeeyyiin du'aa arboota kanneenii qorachaa kan jiran yoo ta’u, duuti isaanii dhukkubaan, summiidhaan ykn sababa biraatiin ta’uu isaa adda baasuuf kutaaleen qaama arba du'ee gara laaboratooriiwwanitti ergamaniiru.
Paarkichii fi naannoon isaa "sirnakkoo Ambooselii" jedhamuun kan beekaman yoo ta’u, kunis naannoo bal'aa daangaa Taanzaaniyaa daangessuu fi bineensota bosonaa isaatiin beekamudha.
Naannichatti adamoon seeraan alaa guutummaatti to'atamaa kan ture yoo ta'u, duuti arbaa waggoota kurnan keessatti gabaafamee kan hin beekne ta’uuaangawoonni ni dubbatu.
Tajaajilli Bineensota Bosonaa Keeniyaa akka jedhutti, yeroo ammaa ragaan sababa du’uu arbootaa agarsiisu hin jiru.
Du'aan argame arba umrii fi saalaan gargar yoo ta’u, kunis duuti kun maatii tokko ykn garee umrii murtaa’e qofa irratti kan daangeffame akka hin taane agarsiisa.
Hogganaan qunnamtii ejensii bineensota bosonaa, Duncan Wanyama, miidiyaa biyya keessaaf akka ibsetti, du'aan arboota kanneenii naannoo Paarkii Biyyoolessaa Ambooselii dabalatee, daangaa paarkichaa irraa fageenya km 15 ) hanga km 30 irratti iddoowwan adda addaatti argaman.
Akka lakkoofsa dhaabbata Amboseli Trust for Elephants kan sochii bineensota kanaa hordofu irraa argametti, sirnakkoo Ambooselii keessa bara 2025tti arboota 2,000 oltu jiru turan.