Omaan Ulaa Hormuuz bulchuu ilaalchisee yaada haaraa Iraaniif dhiyeessite

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii waayee Ulaa Hormuuz Omaanii fi gita isaanii Saa'udi Arabiyaa waliin dubbachuu ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Keeniyaatti iccitii du'a arba 14 irratti qorannoon godhamuu eegale

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Paarkii Biyyoolessaa Ambooseelii keessa araba 2000 oltu jira jedhama

    Kibba Keeniyaa, naannoo Paarkii Biyyoolessaa Ambooseliitti, du'a arba 14 iccitii ta'e qorachuuf qorannoon ariifachiisaan jalqabameera.

    Tajaajilli Bineensota Bosonaa Keeniyaa (KWS) BBCtti akka himetti, ogeeyyiin du'aa arboota kanneenii qorachaa kan jiran yoo ta’u, duuti isaanii dhukkubaan, summiidhaan ykn sababa biraatiin ta’uu isaa adda baasuuf kutaaleen qaama arba du'ee gara laaboratooriiwwanitti ergamaniiru.

    Paarkichii fi naannoon isaa "sirnakkoo Ambooselii" jedhamuun kan beekaman yoo ta’u, kunis naannoo bal'aa daangaa Taanzaaniyaa daangessuu fi bineensota bosonaa isaatiin beekamudha.

    Naannichatti adamoon seeraan alaa guutummaatti to'atamaa kan ture yoo ta'u, duuti arbaa waggoota kurnan keessatti gabaafamee kan hin beekne ta’uuaangawoonni ni dubbatu.

    Tajaajilli Bineensota Bosonaa Keeniyaa akka jedhutti, yeroo ammaa ragaan sababa du’uu arbootaa agarsiisu hin jiru.

    Du'aan argame arba umrii fi saalaan gargar yoo ta’u, kunis duuti kun maatii tokko ykn garee umrii murtaa’e qofa irratti kan daangeffame akka hin taane agarsiisa.

    Hogganaan qunnamtii ejensii bineensota bosonaa, Duncan Wanyama, miidiyaa biyya keessaaf akka ibsetti, du'aan arboota kanneenii naannoo Paarkii Biyyoolessaa Ambooselii dabalatee, daangaa paarkichaa irraa fageenya km 15 ) hanga km 30 irratti iddoowwan adda addaatti argaman.

    Akka lakkoofsa dhaabbata Amboseli Trust for Elephants kan sochii bineensota kanaa hordofu irraa argametti, sirnakkoo Ambooselii keessa bara 2025tti arboota 2,000 oltu jiru turan.

  2. Waashingitanitti har’a wantoota gurguddootu deemaa oole. Isaan maali?

    -

    Madda suuraa, X/Prime Minister of Israel

    Ibsa waa'ee suuraa, Neetaniyaahuun Waayit Haawusitti simataman

    • Gaggeessitoonni Yuukireenii fi Israa’el lamaan har’a Waashingitan oolan. Achumaan gadda du’a miseensa seeneetii Liindisee Giraam gahanii Tiraamp waliin mariirra oolan.

    • Liindisee Giraam Israa’elii fi Yuukireeniif hammi maallaqaa kennamu akka dabaluu qabu falmaa ture. • Erga Iraan irartti Ameerikaa fi Israa’el haleellaa bananii Tiraampii fi Zeleniskiin yeroo jalqabaaf qaamaan wal arguun mari’atan.

    • Zeleniskiin Tiraamp waliin dhuunfaan mari’achuun bahe. Yuukireen misaa’eloota Paatiroot oomishtu irrattis waliin dubbataniiru.

    • Hundi isaanii sirna awwaalchaa senaater Liindisee irratti argamu. Tiraamp achi irratti dubbii taasisa.

    • Gama biraan Israa’el haleellaa Ameerikaan Iraan irratti gaggeesitu irratti akkamiin makamti kan jehdu irrattis mariin akka ture himameera. Cinatti ammo mariin nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti deemuuf akka jedhus dhagahameera.

    -

    Madda suuraa, Zelensky/Telegram

    Ibsa waa'ee suuraa, Volodimir Zeleniskii fi Donaald Tiraamp
  3. Deeggartootni Paalestaayin Haayit Haawus duratti hiriira bahan

    Hiriira

    Madda suuraa, Reuters

    Yeroo MM Israa'el Beeniyaamin Netanyahu Waayit Haawus Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin wal arguuf seenu, deeggartootni Paalestaayinii hedduun alatti walitti qabamuun mormii gaggeessan.

    Mormitootni kunneen mallattoolee mootummaa Israa'el qeeqan qabatanii fi alaabaa Paalestaayin qabatanii dhaadannoo dhageessisaa turan.

    Mormii Israa'elii fi deeggarsa mootummaan Ameerikaa taasisaa jiru irratti mormoo mormii isaanii ibsaniiru.

    Haa ta'u malee, kana duras yeroo Netanyahu Waashingitan dhaqee turetti gaggeeffameera.Kan kana dura gaggeefame waliin yoo wal bira qabamu, baay'ina namootaan kan har'aa xiqqaadha.

    Walga'iin Tiraamp fi Netanyahu kun yeroo walitti bu'iinsi naannoo Baha Giddu Galeessaa ammas yaaddessaa ta'ee itti fufe keessatti gaggeeffamaa jira.

    Hoggantoonni lamaan dhimma Iraan, nageenya Israa'el, waraana Gaazaa fi haala waliigaltee dhaabbii mootummaa Libaanos waliin mallatteeffame irratti mari'aTu jedhame.

    Tiraamp, mariin mootummaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti gaggeeffamu yoo milkaa'uu baate, tarkaanfii waraanaa cimaa fudhachuu akka danda'u akeekkachiisan.

    Netanyahu gama isaatiin, kaayyoon marii isaa inni guddaan nageenya Israa'el cimsuu, dhiibbaa Iraan irratti mari'achuu fi tumsa Ameerikaa waliin jiru jabeessuu ta'uu ibsan.

    Walga'iin kun, erga waraanni naannichaa babal'atee walitti dhufeenyi hoggantoota lamaan gidduutti rakkoo muraasa keessa darbee booda gaggeeffamaa jiru waan ta'eef, murtoo nageenyaa fi tarsiimoo mootummaa Ameerikaa fi Israa'el itti aanan irratti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u xinxaltootni siyaasaa kan himan.

  4. Tiraamp fi Neetanaahuun waa'ee waraana Iraan maal mari'atan?

    Tiraamp fi Netaanahuu

    Madda suuraa, Getty Images

    MM Israa'el Beeniyaamin Netanyahuun, erga waraanni Iraan fi Ameerikaa jalqabee guyyaa 40 booda yeroo jalqabaaf har'a waayit Haawusitti Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp waliin mari'atan.

    Mariin isaanii kunis yeroo walitti dhufeenyi Ameerikaa fi Israa'el sababa waraana Iraaniin qormaata keessa jiru keessatti gaggeeffame.

    Tiraamp, mariin Iraan waliin taasifamu yoo milkaa'uu baate, tarkaanfii waraanaa cimaa fudhachuu akka danda'an akeekkachiisan.

    MM I saraa'el Beeniyaamin Netanyahuun, ammoo kaayyoon isaanii inni guddaan dhimma waraanaa Iraan, nageenya Israa'el eeguufi akkasumas hariiroo nageenyaa biyyoota naanawaa waliin cimsuu irratti mari'achuu ta'uu himuun gara Waashingtan imalan.

    Hooggantoonni lamaan, waliigaltee nageenyaa Israa'el fi Libaanos gidduutti Ameerikaan akka jaarsummatti gidduu seenuun mallatteessifame akkamitti hojiirra oolaa akka jiru, akkasumas haala Gaazaa irrattis mari'achuun isaaniitu ibsame.

    Xiinxaltootni siyaasaa tokko tokko mariin kun humna waraanaa Israa'el Liibaanos, Siiriyaa yookaan Gaazaa keessatti argamu hir'isuu irratti kan xiyyeefate akka ta'u tilmaamu.

    Tiraamp yeroo wal fakkaataatti, Pirezidaantiin Yuukireen Volodimiir Zelenski illee waayit haawusitti affeeruun waliin mariu'ataniiru.

    Zelenskiin deeggarsa waraanaa fi ittisa qilleensaa Ameerikaan Yuukireeniif kennitu cimsuu, akkasumas hariiroo tarsiimoo biyyoota lamaan gidduu jiru irratti mari'achuuf gara US imale.

    Ergaa marsariitii X irratti maxxanseenis, "dursi keenya tokkoffaan ittisa haleellaa balistikii fi tumsa tarsiimoo Ameerikaa waliin qabnudha'' jedhan.

    Mariiwwaan har'aa kun murtee Ameerikaan Iraan, Israa'el fi waraana Yuukireen irratti itti aansee fudhattu irratti dhiibbaa guddaa qabaachuu akka danda'an xinxaltootni dhimma siyaasaa kan ibsan

  5. Omaan Ulaa Hormuuz waliin haa bulchinu jechuun Iraaniif yaada dhiyeessite

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Araagchii

    Omaan karoora Ulaa Hormuuz waliin bulchuu Iraaniif dhiyeessite. Kaffaltiin ulaa kanaaf kaffalamus fedharratti kan hundaaye akka ta'u eeruu ishee Rooytarsi gabaase.

    Karoora Iraan kana biyyootni Galoogalaanaa deeggaranii jiru akka maddi Rooytarsi himetti.

    Akkaataa karoora Omaan, biyyoonni naannichaa deeggaraan kanaatti Iraan Ulaa Hormuuz kophaa ishee hin to'attu.

    Pirooppoozaalli kun ulaa Malaakaa kan Galoogalaana Malaayii fi Odola Indooneeszhiyaa Sumaatraa gidduutti argamuurratti kan hundaaye yoo ta'u, kanneen ulaa kana fayyadaman imala bishaanirraa kanaaf, eegumsa nannoo fi barbaacha fi baraarsa waan badeef fedha isaaniin ni kaffalu.

    US sanbattan darbe duula haleellaa qilleensaa Iraanirratti raawwattu dhaabuu beeksifte. Kun abdii rakkoo kana dippilomasiin furuun imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuzirra heyyamuu uumeera. Ulaan kun waraanan dura ulaa geejjiba boba'aa addunyaa isa shanaffaa ture.

    Waraanni US Sanbata duraa akka beeksisetti irra deebiin Ulaa Hormuz irra uggura kaayeera. Kun dooniiwwan hedduu ofirra deebiseera, lama tajaajila dhaaban, lama immoo fe'atanii imaluuf jiru.

    Humnoonni US “of eeggannootti jiru, xiyyeeffannoonis jiru,humna jabaanis, qophiitti jiru" jedhan.

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp Wixata Iraan faana "marii gaariitti jirra" jedhan. Carraan waliigaluus akka jiraatu ibsan. Garuu, yoo waliigalteen hin jiraanne Ameerikaan haleellaatti deebiti jedhan.

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii waayee Ulaa Hormuuz Omaanii fi gita isaanii Sa'udi Arabiyaa waliin dubbatan.

    Araagchiin "barbaachisummaa tumsa jabeessuu fi naannichatti tasgabbii uumuuf carraaqqii dippilomasii dabaluu fi rakkoo nageenyaa Ulaa Hormuz irra US keesse kaasuun akka barbaachisu" himuu isaanii ibsi Ministeera Dhimma Alaa biyyattii ni mul'isa.

  6. Dubartiin tokko jaalalleen ishee osoo rafuu qaama saalaa isaa irraa murte

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Dubartiin umuriin ishee waggaa 25 taate, jaalallee ishee umurii walfakkaataa keessa jiru waliin osoo hoteela keessa rafuu qaama saalaa isaa guutummaatti murte jechuun Poolisiin Naayijeeriyaa beeksise.

    Akka ibsa Poolisii Naayijeeriyaatti, taateen kun magaalaa Kano keessa bakka Badawa jedhamutti raawwatame. Jalalleewwan walii kunneenis jiraattotuma naannawa sanaa akka ta'an eerameera.

    Akka ibsa poolisiitti yakkoonni walfakkaatoon akka kanaa kanaan dura galmaa'anii kan jiran ta'us, dubartiin qaama saalaa dhiiraa guutummaatti murte jechuun himamuun kun kan jalqabaati.

    Shakkamtuun yeroo gocha kana raawwattu namichi rafaa ture; akkasumas dhugaatii isa rafisiisu akka dhugee ture. Kunimmpoo carraa qaama saalaa isaa muruuf isheef uume jedhe Poolisiin.

    Akka poolisiin BBC'tti himatti namichi miidhame amma illee lubbuun jira, yeroo ammaa hospitaala keessatti wal'aansa argataa jira.

    Kana dura Itoophiyaa Godina Arsiitti ga'eessa haadha warraatiin qaamni saalaa guutuutti irraa murame deebi'ee hodhamuufi gabaasne turre.

  7. Zeleniskiin tumsa meeshaalee waraanaa ittisa haleellaa qilleensaa Tiraamp gaafachuufi

    -

    Madda suuraa, ZelenskyyUa/X

    Ibsa waa'ee suuraa, Zeleniskiin tumsa meeshaalee waraanaa ittisa haleellaa qilleensaa Tiraamp gaafachuufi

    Pirezdantiin Yukireen Volodimir Zeleniskii Pirezdantii US Donaald Tiraamp waliin Waayit Haawusitti marii murteessaa gochuufi. Zeleniskiin marii kanaan tumsa ittisa farra misaayeloota baalistikii US kutannnoon akka dabaltuuf fedha.

    Zeleniskiin wayita Raashiyaan waraana hamaadhaan Yukireen haleelaa jirtutti dha kan US deeme. Kantiibaan magaalaa Mooskoo magaalaan Mooskoo halkan tokkotti sa'aatiiwwan muraasatti diroonota 390'n haleelamuu beeksisan.

    Pirezdantiin Yukreen heyyama farra misaayelaa Paatiroot jedhamuu afaaniin waadaa galeefii ture akka hojiitti hiiku Tiraampirratti dhiibbaa gochuufi.

    Raashiyaan haleellaa misaa'eloota baalistikii magaalaa guddoo Yukireen irratti gootu cimsiteeerti. Kanaaf meeshaaleen haleellaa qolatan saffisaan akka barbaachisan Zeleniskiin dubbateera.

    Ittisni farra misaa'elaa Paatiroot ammatti waan Zelensiksiin dursa barbaadudha. Garuu waraana Yukireenii fi Baha Jiddugaleessaatti dhalate booda dhiyeessiin meeshaa ittisa qilleensaa US kanneenii xiqqaa dha.

    Heyyamni meeshaa kana oomishuu waan tokko, ittisa misaayelaa PAC-2 fi PAC-3 dachii Ukireen irratti oomishuun waan biraati, sababnisaas adeemsa siyaasaa, seeraa fi teeknikaa dheeraa gaafata.

    Bakka bu'oonni kaampaanii oomisha meeshaa kanaa Raaytiyoon torban darbe Kiyiiv daawwatanii turan. Zeleniskiin "michooma keenya sadarkaa olaanaatti guddisuuf qophiidha" jedhe.

  8. Zinaaddin Ziidaan leenjisaa garee Faransaay ta'ee muudame

    Ziinaddiin Ziidaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ziidaan taphataa beekamaa Garee Biyyaalessaa Faransaay ture

    Leenjisaan duraanii Riyaal Maadirid, Ziinaddiin Ziidaan, leenjisaa Garee Biyyaalessaa Faransaay ta'un muudame.

    Ziidaan waggoota 14'n darbaniif leenjisaa Faransaay kan ture Diidiyeer Deeshoo bakka bu'a jechuudha.

    Ziidaan bara 1998 Waancaa Addunyaa Faransaay waliin kan injifate yoo ta'u erga Riyaal Maadirid bara 2021 gadhiisee booda leenjisummaarraa fagaateera.

    Lammiin Faransaay ganna 54 kuni taphataa Faransaay gootummaan maqaan isaa ka'uudha.

    Ga'eessi kuni waliigaltee inni Faransaay waliin mallatteesseen wantoota ijoo raawwatu keessaa tokko biyyattiin Gulaallii Waancaa Addunyaa 2030 akka milkooftu gochuudha.

    Waa'ee muudamuu isaarratti yaada kenneen ''nama boonsa'' jedhe Ziidaan.

    Waancaa Addunyaa dhihoo xumurameerratti Faransaay sadarkaa afraffaan xumurte.

    ''Akkuman yeroo hunda jedhu, kan Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Faransaay caalu hin jiru. Leenjisaa Garee Biyyaalessaa Faransaay ta'un madda gammachuufi nama boonsudha,'' jechuun dubbate.

    Leenjisaan Ziidaan dura ture, Didiyeen Deeshoon, bara 2018 biyyattiin Waancaa Addunyaa akka injifattu godheera.

  9. Faransaayi Waraana Addunyaa Lammaffaa booda balaan abidda saafaa cimaan ishee mudachuu ibsite

    Imaanu'eel Maakiroon

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Faransaayi giyyoota darbaniif balaa abidda saafaa ishee mudate to'achuuf duula guddaarra jirti. Pirezidaantiin biyyattii Imaanu'eel Maakiroon Waraana Addunyaa Lammaffaa booda balaan abiddaa cimaan biyyattii mudachuu ibsan.

    Keessumaa abiddi naannoo magaalaa Bordeaux yaaddoo guddaa kan uume yoo ta'u, "Waraana Addunyaa Lammaffaa booda isa cimaadha" jedhan Maakiroon.

    "Abidda bosonaa nuti hin yaadin akka nu mudate hubachuu danda'uu qabna. Haalli nu mudate kun kana dura takkaa arginee kan hin beeknedha," jedhan Pirezidaant Imaanu'eel Maakiroon yeroo naannoo balaa abiddaan miidhaman keessaa tokko kan taate Gironde daawwatanitti.

    Faransaayi torban darbee kaastee humna waraanaas bobbaasuun abidda saafaa kana dhaamsuu irratti bobbaatee jirti.

    Akka gabaasa AFPtti, biyyattiin humna waraanaa lakkoofsaan 1,500 ta'u hojjattoota balaa abiddaa waliin abidda kana dhaamsuuf bobbaastetti.

  10. Tigraayitti rooba cabbii makatee roobeen nama tokko ajjeesee nomoonni 10,000 qe'eerraa buqqise

    Cabbii tuulamee mul'atu

    Madda suuraa, Kibrom Kidanemariam

    Naannoo Tigraay Godiina Giddugaleessaa keessatti rooba cimaa cabbiifi bubbee makatee roobeen daa'imni oladeemaan tokko yoo du'u namoonni 10,000 ammoo qe'eerraa buqqa'an.

    Godiina Giddugaleessatti bulchaa ittaanaan Aanaa Qayyii Taklii Obbo Haptoom Zannabaa BBCtti akka himanitti, namni du'uufi buqqa'uun alatti qabeenyis manca'eera.

    Rooba cimaa cabbii makatee roobe kanaan, horiin yoo du'an manneen heddus manca'aniiru.

    Dabalataanis, midhaan lafa heektaara 100 ol akka manca'es dubbatu Obbo Haptoom.

    Roobni nama tokko ajjeesee namoota kumaatamaan qe'eerraa buqqise kun kan mudate torban darbe gaafa Kibxataa yoo ta'u, cabbiin gaafa sana roobi hanga ammaa osoo hin baqin akka jiru himan.

    "Cabbii baay'ee hamaa, arginee hin beeknedha kan nu mudate," kan jedhan qondaalli naannichaa kun roobni kun gandoota aanichaa keessaa gandoota shan keessatti miidhaa cimaa akka qaqqabsiise himan.

  11. Galaana Diimaarratti haleellaan Huutii hammaannaan sochiin dooniiwwan daldalaa hir'achuu eegale

    Ulaa Baab el-Maandab

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhattoonni Huutii Yaman dooniiwwan boba'aa Sa'uudii Arabiyaarratti haleellaa raawwachuu booda Ulaa Baab el-Mandab irratti sochiin dooniiwwan boba'aa hir'ataa jiraachuu Rooyitarsi gabaase.

    Rooyitarsi madda Kpler jedhamu wabeeffachuun akka gabaasetti dooniiwwan boba'aa Dilbata karaa Baab el-Mandab darban 11 hin caalan.

    Ji'oota afran darban waliin birqabaan yoo ilaalamu baayyee xiqqaadha.

    Dooniiwwan kara ulaa kanaa darban jedhaman 11 keessaa torba boba'aa kan fe'an yoo ta'u, kanneen keessaa sadi Galaana Diimaa seenuu Rooyitarsi gabaaseera.

    Alergiin Sa'uudii Arabiyaa akka gufatu kan barbaadan gareen Huutii, torban darbe keessa uggura galaanarraa labsanii turan.

    Itti fufuunis dooniiwwan Sa'uudii uggura kana darbaniiru jedhan lama rukutaniiru.

    Haleellaan Huutii kun sochii Galaana Diimaa akkaan gufachiisuu eegaleera.

    Sababa waraana US fi Iraan wayita Ulaan Hormuuz cufamu, karaa Baha Giddugaleessaa itti seenanii fi bahan Galaana Diimaa qofa ture.

    Amma ulaan kunis cufamnaan Baha Giddugaleessaan ulaan hundi cufamuusaati.

  12. Erga waraanni Iraan Guraandhala eegalee loltoonni US 600 caalan miidhamaniiru

    Loltoota US ajjeefamaniif gaggeessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ragaan dhiheenya Pentaagon Adoolessa 25 baase erga Pirezidant Doonaald Tiraamp Guraandhala darbe Iraan irratti waraana labsee yoo xiqqaate loltoonni Ameerikaa 624 miidhamuu mul'ise.

    Ameerikaa fi Iraan erga waraanatti seenanii booda Ebla dhukaasa dhaabuurratti waliigalan, Waxabajjii ammoo waraana dhaabuuf waliigaltee walhubannoo mallatteessan.

    Garuu walhaleeluu dhiisanii hin beekan.

    Pirezidant Tiraamp Adoolessa 21 miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social jedhamurratti akka barreessetti waraana Iraan irratti loltoonni US 18 ta'an ajjeefamaniiru.

    Biyyoonni lameen haleellaa halkan 13f walitti aansuun walirratti raawwataa turanirraa amma boqonnaa fudhataniiru.

    Pirezidant Tiraamp dabalatee qondaalli US olaanoon marii nagaaf carraa uumuuf Ameerikaan haleellaa dhaabde jedhu.

    Akkasumas Iraan marii nagaatti deebi'uuf kadhachuu dubbatan.

    Iraan gamasheen Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtuu fi US waliin mariitti deebi'uuf gaaffii dhiheessite tokkollee akka hin qabne ibsite.

  13. Iraan dooniiwwan ja'a Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa turan of duuba deebisuu ibsite

    Miidiyaaleen Iraan hedduun ''maddeen keessoo'' jedhan wabeeffachuun akka gabaasanitti Wiixata har'aa ganama Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa ''eeyyamashee malee'' qaxxaamuraa turan ja'a of duuba deebisteetti.

    Dooniiwwan kunneen keessaa tokko balaan mudachuu maddeen miidiyaaleetti himaniiru.

    Miidiyaan mootummaa Iraan maddeen wabeeffachuun mootummaan Iraan akkas jechuu gabaase.

    ''Akka duraanuu ibsame daandiin tiraafikaa sirriin kan Iraaniin adda bahedha, kaan faalamaa waan ta'eef darbuun hin danda'amu.''

    Tiraamp erga Iraan daandii inni Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwaniif eeyyame irratti haleellaa raawwachuun dooniiwwan miitee booda Iraan irratti haleellaa labseera.

    Tiraamp dooniiwwan karaa daangaa Omaanitti siquun akka Ulaa Hormuuz keessa darban haala mijeessee ture.

    Iraan ammoo dooniiwwan karaa daangaa ishee qofaan akka darbituu fi kunis beekamtii isheen qofa akka ta'u irra deddeebiin ibsiti.

    Sababa walqoccolloo kanatti dhukaasi US fi Iraan gidduutti torbee lamaaf ture lubbuu namoota hedduu galaafateera, misoomaawwan bu'uuraa kanneen akka riqichaa, humna ibsaa fi wiirtuuwwan bishaan qulqulleessan haleelamaniiru.

    Iraan haleellaa wiirtuuwwan waraanaa US biyyoota Arabaa keessa jiran irratti raawwatteen loltoota US afur yoo ajjeestu Ameerikaan misoomaawwan bu'uuraa fi iddoowwan jireenyaa siivilii mancaasteetti.

    Kana malees Iraan karaa hidhattoota Huutii Yamaniin dhiibbaa uumuu eegalteetti.

    Huutiin torbee darbe Galaana Diimaa irratti dooniiwwan Sa'uudii Arabiyaa ugguruu fi haleeluun dhiibbaa uumuu eegaleera.

    Daandii guddichi daldala boba'aa kun ugguramuun ammoo gatii boba'aa duraanuu sababa cufamuu Ulaa Hormuuz olka'ee ture daran hammeesseera.

  14. Qondaalli US Iraan mariitti deebi'uuf kadhataa jirti jechuu booda, Iraan ''kadhaan sanyii keenya keessa hin jiru'' jette

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri US Maayik Waaltiz, Pirezidant Tiraamp mariif karaa saaquuf haleellaa dhaabe jedhe.

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo fi qondaalonni US kaan ammoo Iraan ''mariitti deebi'uuf kadhataa jirti,'' jedhan.

    Haata'u malee dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Bagaayi biyyisaa dhukaasa dhaabuu US waliin marii nagaatti deebi'uuf gaaffiin dhiheessite akka hin jirre ibse.

    Kanneen jaarsummaan biyyoota lameen gidduu jiran ammallee ergaa deddeebisaa jiru.

    Iraan garuu guutummaatti marii dippiloomaasiitti nagaa hin dhaamne jedha qondaalli biyyattii kun.

    Garuu ''Iraan Ameerikaa waliin mariitti deebi'uuf gaafataa jirti kan jedhu oduu fakkeeffamee odeeffamaa jiruudha,'' jechuun waakkate.

    ''Kadhaan akkasii qaccee sanyii (DNA) keenya keessa hin jiru,'' jedhe Ismaa'el Bagaayi.

    Iraan ammallee Ulaa Hormuuz, daandii murteessaa daldala boba'aa addunyaa, to'attee akka jirtu himti.

  15. Neetaaniyaahuun michuusaa Tiraamp waliin waa'ee Iraan mari'achuufi

    Neetaaniyaahuu fi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Neetaaniyaahuu fi Tiraamp

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu Wiixata har'aa gara gara Waashingitan qajeeleera.

    Daawwannaa kanaan michuusaa Pirezidant Doonaald Tiraampiin akka walargu kan ibse qondaalli Israa'el kun, qabxiin marii ijoon dhimma Iraan akka ta'u ibse.

    Aanga'oonni lameen erga qindoomina uumuun Iraan irratti waraana labsanii yeroo jalqabaaf qaamaan walarguuf jedhu.

    Neetaaniyaahuun erga Tiraamp aangootti deebi'ee yeroo saddeettaffaaf US daawwachuu isaati, erga waraanni eegalee ammoo yeroo jalqabaaf qaamaan Tiraampiin arguufi.

    Neetaaniyaahuun wayita imala eegalu ibsa gadhiise keessatti ''yeroo walxaxaa kana keessatti lameen keenya kutannoo fi ogummaa addaan hojiitti seenna. Dhimmoota jajjaboo hunda kaasnee ni mari'anna, dhimmi Iraan isa ijoodha. Galmi keenya nageenya keenya tiksuu fi dhiheenya keenyatti nageenya buusuudha,'' jedhe.

    Haleellaa US torban lamaaf walitti aansuun Iraan irratti gaggeessite keessatti Israa'el kallattiin hin hirmaanne.

    Haleellaan US kun akka Iraan wiirtuuwwan waraanaa Ameerikaan Baha Giddugaleessaa keessaa qabdu haleeltu dirqamsiiseera.

    Amma Tiraamp haleellaa dhaabuu ibseera, Iraanis yoo haleellaan US dhaabbate waan haleellaa raawwattuuf akka hin qabne ibsiteetti.

    Israa'el dhihoo kana yoo haleellaan Iraan irraa ishee mudate tarkaanfiin fudhattu kan duraa caalaa laalessaa ta'a jechuun akeekkachiistee turte.

    Haata'u malee dhiheenya kana Neetaaniyaahuun michuusaa Tiraamp waliin garaagarummaan gidduusaaniitti uumamuu amaneera.

    Sana dura Tiraamp bulchaa Israa'el kanaan ''nama sammuun hin hojjenne'' jedhee ture.

  16. Tiraamp haleellaa dhaabuu ibsus Iraan marii barbaadaa akka hin jirre, Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtu ibsite

    Dooniiwwan Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan Ulaa Hormuuz to'attee akka jirtuu fi Ameerikaa waliin mari'achuuf gaafataa akka hin jirre ibsite.

    Kunis erga Doonaald Tiraamp haleellaa irraa dhaabuu ibseeti.

    Tiraamp erga US halkan 13f walitti aansuun Iraan irratti haleellaa raawwattee booda haleellaa dhaabuu ibse.

    Tarkaanfiin US kun akka Iraan wiirtuuwwan US Baha Giddugaleessaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun haaloo baatu waan dirqamsiiseef biyyoonni lameen yeroo torban lama ta'uuf waraanatti deebi'anii turan.

    Garuu hanga US haleellaa hin raawwannes Iraanis haaloo ba'uu irraa akka of qusattu ibsiteetti.

    Haleellaan US kun gatiin boba'aa baarmeeliin tokko erga Caamsaa darbeetii yeroo jalqabaaf doolaara 100 akka darbu taasiseera.

    Erguma Ameerikaan dhukaasa dhaabuu ibsitee as ammoo Jordaan dirooniiwwan Iraan lama rukuttee buusuu ibsite.

    Aanga'oonni nageenyaa Iraaq ammoo buufati humnoota Kurdoota Iraan kan kaaba Iraaqitti argamu dirooniidhaan haleelamuu ibsan.

    Tiraamp erga gorsaan humna waraanaa isaa, haleellaan dandeettii Iraan Ulaa Hormuuz irratti qabdu cabsuuf eegalame waan milkeessuuf hedate dursuun hanqinaaf saaxilamuu ibsee booda haleellaa dhaabuu labse.

    Qondaalli US ajajoonni waraanaa qiyyaafannoosaanii dhabaa jiraachuu pirezidanticha himuu Rooyitarsi himeera.

    Qondaalli waraanaa US Jeneraal Daan Keen humni ittisaa biyyattii haphataa jiraachuutti yaaddoo akka qaban ibseera.

  17. Neetaaniyaahuun kantiibaa Niwu Yoork ''jibbiinsa kakaasuun'' himate

    Neetaaniyaahuu fi Mamdaanii

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu kantiibaan Niwu Yoork akka to'annoo jala oolchu dhaadatullee, inni garuu kora Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirraa akka hin hafne ibseera.

    Kantiibaan magaalaa Niwu Yoork Zoohiraan Mamdaanii ajaja hidhaa Manni Murtii Yakkamtootaa Idiladdunyaa Neetaaniyaahuu irratti baase akka raawwatan ibsanii turan.

    Boodarra garuu deeggarsa seeraa akka hin qabne ibsaniiru.

    Neetaaniyaahuun yaada Mamdaaniin kenneen sodaa tokkollee akka hin qabne ibsuun, kantiibichi ''jibbiinsa kakaasu'' jechuun himate.

    ''Kantiibaa hundaa- kan Yihuudotaa, Kiristaanotaa, Muslimootaa, ta'uu qabdu. Amma garuu garee tokko isa kaanirratti kakaasaa jirtu,'' jechuun Mamdaanii himate.

    Neetaaniyaahuun haasaa isaa keessatti haleellaa Kamisa darbe Niwu Yoork keessatti yeroo lama raawwatame kaaseera.

    Haleellaawwan kunneen keessatti shakkamaan tokko nama Yihuudaa tokkoo fi Eeshiyaa tokko waraaneera.

    Sababa haleellaa kanaan Yihuudonni Niwu Yoork jiraatan sodaa hamaa keessa jiru jedhe Neetaaniyaahuun.

    Neetaaniyaahuun si'aa hedduu qorannaaf dhiyaataniiru

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

  18. Iraan haleellaa Yukireen galaana irratti raawwatteef deebii kennuuf dhaadatte

    Haleellaa Yukireen doonii Iraan Galaana Kaaspiyaan irra yabalaa turte irratti raawwatteen hojjetaan doonii tokko ajjeefame

    Madda suuraa, Anadolu

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Yukireen doonii Iraan Galaana Kaaspiyaan irra yabalaa turte irratti raawwatteen hojjetaan doonii tokko ajjeefame

    Yukireen doonii daldalaa Iraan Galaana Kaaspiyaan irra yabalaa turte dirooniidhaan haleeluu booda qondaalli gameessi Iraan seera baastota biyyattii keessaa tokko ta'an haaloo ba'uuf dhaadatan.

    Haleellaa fi aggaammiin haleellaa Iraan irratti raawwatamu kamiyyuu osoo deebii hin argatin hafee hin beeku kan jedhan qondaalli Iraan kun, kanammoo US fi Israa'el bareechanii beeku jedhan.

    Paarlaamaa Iraanitti dursaa komishinii nageenya biyyaalessaa fi imaammata dhimma alaa kan ta'an Ibraahim Aziiz, US fi Israa'el ''haleellaan Iraan irratti raawwatu kamiyyuu yeroo kamiyyuu deebii dhabee akka hin beekne sirriitti beeku. Kun har'as ni hojjeta,'' jechuun X irratti barreessan.

    ''Yukireenis gochasheef Iraan osoo deebii hin kennine akka hin dabarre dhihootti ni baratti,'' jedhan qondaalli kun.

    Dilbata kaleessaa Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii, tarkaanfiin Yukireen doonii daldalaa Iraan irratti fudhatte chaartara Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii kan sarbe ta'uu ibsanii turan.

    Haleellaa kanaan hojjetaan doonii tokko ajjeefamuu kan himan Abbaas Araagchii ''kanaafis deebiin akka kennamu mirkana,'' jedhan.

    Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii biyyisaanii Galaanaa Kaaspiyaan irratti misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifamaniin haleellaa raawwachuun daran milkaa'uu X irratti barreessaniiru.

    Haleellaan kan raawwatame ''dooniiwwan loltoota fe'an, kan Iraan keessatti hirmaatte, irratti ta'uus,'' ibsan.

  19. Iraan Ameerikaa waliin marii'achaa akka hin jirre himte

    Isamaa'el Baagaayi

    Madda suuraa, IRIB

    Dubbii himaan ministara dhimma alaa Iraan Ameerikaa waliin ergaa walitti dhaamuu eeranii yeroo ammaa kana mariin idilee taasifamaa akka hin jirre ibsaniiru.

    Isamaa'el Baagaay, Teehraan yeroo ammaa dursa kan kennitu walabummaashee tiksuu, tokkummaa daangaa eegsisuufi mirga uummatasheef tahuu ibsuun mariitti jarjaranii akka hin galle himan.

    Dubbii himaan kuni Waashingitan tarkaanfii waraanatiin dippiloomaasii kuffifti jechuun haala mariitti deebi'uuf jiru balleessiteetti jedhan.

    Baagaayi miidiyaa Awustiraaliyaa waliin haasaa taasisaniin ''ergaa walitti dhaamaa jirra garuu amma dursa kan kenninu walabummaa, tokkummaa daangaafi mirga uummataa kabachiisuu dha,'' jedhaniiru.

    Paakistaaniifi Kataar kanaan dura ergaa biyyoota lameen gidduu adeemu si'eessuun shoora guddaa gumaachan.

    Dubbiihimaan ministara hajaa alaa Iraan Ameerikaan haleellaa torban lamaaf raawwataa turte dhaabuu ibsuun booda dhagahame.

    Haleellaan dhaabbachuun biyyooti lameen ammas gara marii dippiloomaasitti deebi'u abdii jedhu fideera.

    Lolli Ameerikaa fi Iraanitti ka'e dhiyeessii boba'aa Baha Gidduugalaatti danqeera. Ameerikaan haleellaa dhaabuu hordofee gatiin boba'aa hir'iseera.

  20. Miseensonni al-shabaab 16 oppireeshinii waraanaan ajjeefaman-Mootummaa Somaaliyaa

    Loltoota Al-shabaab

    Madda suuraa, Getty Images

    Humnoonni nageenyaa Somaaliyaa loltoota al-Shabaab 16 bulchiinsa Hiraaniifi Shabalee jedhamutti ajjeesuu ejansiin tikaa biyyattii beeksise.

    Ejansiin Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa Somaaliyaa Sambata darbe garee hidhataa Islaamaa bulchiinsa lama keessatti socho'u irratti qiyyaafachuu haleellaa raawwate.

    Buufati raadiyoo al-Shabaab waliin hidhata qabu iddoon meeshaaleesaa keewwatu haleelameera jedhe ejansiin kuni.

    Hogganaan raadiyoo Anaaduulus, Abdiisamaad Mohaammad akkasumas hojjetaan biraa Alii Saalaad oppireeshiniin kanaan yoo ajjeefaman miseensoti sadii biroo ammoo madaa'aniiru. Meeshaaleen buufatichaas barbadaaa'aniiru.

    ''Oppireeshiniin kuni tattaaffi al-shabaabiifi miyootasaa shororkeessummaa dalaguuf fayyadamu dhabamsiisuuf taasifamu keessaati,'' jedhe ejensiin tikaa kuni.

    Humnoota mootummaa irraa namoonni miidhamuu isaaniiif dhaabbatichi waan jedhe hin qabu.

    Mootummaan Somaaliyaa garee hidhataa al-shabaab waggoota kurna darbaniif haleellaa raawwataa bahe irratti oppireeshinii waraanaa jabeesseera.

    Al-shabaab yeroo baayyee humnoota mootummaa, qondaalotaafi namoota nagaa irratti haleellaa raawwata.