Amma nu gahe, "Tiraamp abdii kutannaarra kan ka'e waliigalteen kun [dafee] akka mallattaa'uuf waanti hin goone hin jiru" - Mojtaabaa Kameenii
Waliigalteen US-Iraan gidduutti mallaattaa'uu hordofee Gaggeessaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii lammiilee biyyattiif ergaa dabarsan.
Ergaa Mojtaabaa Kameenii irraa ta'uu ibsuun miidiyaalen biyyattii akka ibsanitti, waliigaltee wal-hubbannoo biyyoonni lamaan waliif mallatteessan dhimmee kan barbaade Doonaald Tiraamp ta'uu ibsan.
Tiraamp abdii kutannaa keessa galuurraa kan ka'e karaa danda'ame hundaan waliigalteen akka taasifamu barbaadaa turuus eeran.
"Sadarkaa kanarra akka gahamuuf [waliigalteen akka taasifamuuf] abdii kutannaarraa kan ka'e Pirezidaantiin Ameerikaa dhakaan inni hin garagalchin hin turre," jechuun US waliigalteen akka taasifamuuf heddu barbaadaa akka turte ibsan.
Waliigaltee wal-hubannoo kanarraa ka'uun USfi Iraan qaaman wal-arguun mariin akka itti fufu kan mirkaneessan Mojtaabaa Kameenii, "qaaman wal-arguun mariin ni taasifamu jechuun yaada diinaa hunda ni fudhanna jechuu miti" jechuun fedhiin Iraan akka hin sharafamne himan.
Mojtaabaa Kameenii, haleellaa USfi Israa'el irratti gaggeessaniin miidhamuurraa kan ka'e erga uummatatti mul'atanii hin beekan. Garuuummoo, yeroo garaa garaatti ergaan kan gaggeessaa kanaa ta'uun ibsamu miidiyaalee biyyattiirratti ni dubbafama.