'Netaaniyaahuun nama gaaridha, yeroo tokko tokko salphaadhumatti mirqaana' - Tiraamp
Doonaald Tiraamp xumura yaa'ii biyyoota badhaadhanii G-7 Faransaayitti gaggeeffamerratti ibsa kenneen, waa'ee waraana Iraan, hariroo US-Israa'elifi waa'ee Ministera Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuus dubbateera.
Netaaniyaahuun "nama gaaridha" jechuun kan dubbate Tiraamp, "yeroo tokko tokko salphaadhumatti mirqaana" jedheen.
Keessumaa halellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessituun wal-qabatee hariiroon Tiraamp-Netaaniyaahuu laaffataa dhufuutu himama.
Tiraampis ifatti Netaaniyaahuutti dheekkamaa ture. Ibsa har'a kenneen, Israa'el miseensa Hezbollaa tokko ajjeesuuf jecha gamoo tokko guutuusaa balleessuu akka hin qabnes ibse.
"Namni miseensa Hezbollaa ta'e tokko mana wayii seene jettee yeroo hunda gamoo haleeltee mancaasuu hin qabdu," jechuun haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessaa jirtu qeeqe.
Haasaa isaa kanaan bara bulchiinsa isaa jalqabaa, bara 2020, irraa kaasee qondaala waraanaa Iraan beekamaa ture Jeneraal Qaasiim Suleemaanii ajjeesurraa kaasee hanga bara kana Iraanirratti waraana labsuutti ijjannoo cimaa Iraanirratti fudhatetti milkaa'uu ibse.