KALLATTIIN, Hogganaan olaanaa Iraan Tiraamp 'abdii kutannaarraa kan ka'e' waliigaltee akka raawwate dubbate

Waraana dhaabuuf pirezidaantiin Ameerikaa fi Iraan waliigaltee mallatteessan. Waliigalteen kun waliigalteen ammuma waraanaa dhaabuu hojiitti hiikamu yoo tahu Faransaayitti wal mallatteessan.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Amma nu gahe, "Tiraamp abdii kutannaarra kan ka'e waliigalteen kun [dafee] akka mallattaa'uuf waanti hin goone hin jiru" - Mojtaabaa Kameenii

    Mojtaabaa Kameenii

    Madda suuraa, Reuters

    Waliigalteen US-Iraan gidduutti mallaattaa'uu hordofee Gaggeessaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Mojtaabaa Kameenii lammiilee biyyattiif ergaa dabarsan.

    Ergaa Mojtaabaa Kameenii irraa ta'uu ibsuun miidiyaalen biyyattii akka ibsanitti, waliigaltee wal-hubbannoo biyyoonni lamaan waliif mallatteessan dhimmee kan barbaade Doonaald Tiraamp ta'uu ibsan.

    Tiraamp abdii kutannaa keessa galuurraa kan ka'e karaa danda'ame hundaan waliigalteen akka taasifamu barbaadaa turuus eeran.

    "Sadarkaa kanarra akka gahamuuf [waliigalteen akka taasifamuuf] abdii kutannaarraa kan ka'e Pirezidaantiin Ameerikaa dhakaan inni hin garagalchin hin turre," jechuun US waliigalteen akka taasifamuuf heddu barbaadaa akka turte ibsan.

    Waliigaltee wal-hubannoo kanarraa ka'uun USfi Iraan qaaman wal-arguun mariin akka itti fufu kan mirkaneessan Mojtaabaa Kameenii, "qaaman wal-arguun mariin ni taasifamu jechuun yaada diinaa hunda ni fudhanna jechuu miti" jechuun fedhiin Iraan akka hin sharafamne himan.

    Mojtaabaa Kameenii, haleellaa USfi Israa'el irratti gaggeessaniin miidhamuurraa kan ka'e erga uummatatti mul'atanii hin beekan. Garuuummoo, yeroo garaa garaatti ergaan kan gaggeessaa kanaa ta'uun ibsamu miidiyaalee biyyattiirratti ni dubbafama.

  2. 'Imalli qaamolee bishaanii idil-addunyaarraa kamuu kaffaltiirraa bilisa ta'uu qaba' - Vaans

    -

    Madda suuraa, getty

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Imalli qaamolee bishaanii idil-addunyaa irraa kamuu kaffaltiirraa bilisa ta'uu qaba'

    Pirezdantii itti aanaan US, JD Vaans Iraan Ulaa Hormuz dabarsuuf kaffalchiisuu ilaalchisee gaaffii gaafataman.

    Vaans,imalli qaamolee bishaanii idil-addunyaa irraa kamuu kaffaltiirraa bilisa ta'uu qaba jedhan. Ulaan Hormuuz lammata iddoo diinagdee addunyaa "itti hudhanii qaban" ta'uu hin qabu jedhan.

    Vaans, mariin nagaa inni dhumaa wantoota itti aananii raawwataman irratti ajandaawwan kan irratti qophaawu ta'a jedhan. Waayee nageenya Ulaa Hormuuz fuulduraa ilaalchisee biyyoonni Galoogalaanaa qabxii waliigaltee ni qopheessus jedhaniiru.

    Ameerikaan waayee waliigaltee "kaardiiwwan hundaa" harkaa qabdi, Iraan waliigaltee nagaa kanaaf jettee "waan barbaachisoo ta'an nuu hundaa nuu kennuu qabdi."

    Iraan boba'aa gurguruun dolaara miliyoona kurnan hedduu argachuun diinagdee ishee bayyanachiisuu danda'aa? jedhamee gaaffii gaafatameef, diinagdeen Iraan kufeera, qaalayiinsi jireenyaa samii tuqe jedhan.

    Boba'aa dolaara miliyoona xiqqootti gurguruun diinagdee isaanii bu'uurarraa ni jijjiira kan jedhu "dhugaa miti" jedhu Vaans.

    "Iraan yoo waan waliigaltee kanarraa eegnu hin raawwattu ta'e deebineet waan hundashee dhukkee irraa kaafna."

  3. Yukireen sa'aatii 24 keessatti diroonii 1,000 fayyadamuun Raashiyaa haleelte

    Haleellaa Yukireen Raashiyaa irratti rawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Yukireen magaalaa Mooskoo irratti xiyyeeffachuun haleellaan dirooniifi misaa'elaa gaggeessite cimaa ture. Magaalaa Mooskoo qofaatti diroonii 200 ol kan furgugsite yoo ta'u, buufata boba'aan itti qulleeffamu dabalatee bakkeewwan naannawa magaalaa Mooskotti argaman haleelte.

    Bulchaan naannoo Mooskoo Andiree Voroobyoov akka ibsanitti haleellaa Yukireen kana hordofee namoonni 17 miidhamaniiru.

    Ministeerri Ittisaa Raashiyaa akka beeksisetti, Yukireen sa'aatii 24 darbe keessatti diroonii 1,000 fi misaa'ela kiruuzoii afur Raashiyaatti dhukaastetti.

    Buuffanni boba'aa qulqulleessi magaalaa Mooskoo cinaatti argamu, torban kana qofaa si'a lammaffaa haleelamuu isaati.

    Buufanni boba'aa kibba naannoo Roostoovitti argamus haleelamuutu ibsame.

    Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haleellaan Mooskoo irratti xiyyeeffate kun deebii haleellaa Raashiyaan gaggeessitee ta'uu dubbate.

    Zeleniskiin dabaluun, "Waraana kana yeroon itti xumurru amma, Raashiyaan tarkaanfii dippilomaasii fudhachuu qabdi" jechuun dubbate.

    "Waraana kana hin barbaannu, barbaannes hin beeknu. Garuummoo magaalaan Kiiv gubannaan, Mooskonis ni gubatti," jechuun Mooskoon kana booda nagaa raftee buluu akka hin dandeenye ibse.

  4. Waliigalteen kun irree jabaan Iraan kan itti mul'ateedha - Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan

    Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan

    Madda suuraa, IRNA images

    Pirezidaantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliigalteen wal-hubannoo Tehraan US waliin taasifte 'Iraan irree jabaa kan itti agarsiiftedha' jedha,

    Gaggeessaan Iraan kana kan jedhan waliigaltee US-Iraan irratti waliigalan erga mallatteessanii booda, suura waraqaa mallattaa'ee fuula X irratti qooduni.

    Waraqaa Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan maxxansan irratti mallattoosaanii dabalatee kan Pirezidaant Tiraamp fi Ministiira Muummee Paakistaan ni mul'ata.

    Waraqaa mallatteessan erga qoodanii booda "ergaan kun jabina Iraan agarsiisa" jechuun barreessan.

    Nagaan wal-kabajuurraa akka argamu kan ibsan Pirezidaant Masuud, Iraan yoomiyyuu taanan nagaan addunyaarratti akka bu'uuf fedhii akka qabduufi humnaaf ammoo akka harka hin laanne ibsan.

    Waraqaa mallatteeffame

    Madda suuraa, Masoud Pezeshkian/X

  5. Iraan waliigaltee US waliin mallatteessite hin kabajju taanan deebinee karra bishaanii itti cufna - Peentaagoon

    Piit Heegseet

    Madda suuraa, Reuters

    Iraan akkaataa waliigaltee US waliin mallatteessiteen "adabattee" itti hin fuftu taanan waraanni US karraa galaanaa akka itti cufu Peentaagoon beeksise.

    Ministiirri Ittisaa US Piit Heegset uggura galaanaa gaggeessuuf humna cimaa akka qabu dubbate.

    USfi Iraan waliigaltee wal-hubannoo waliifa mallatteessuu isaanii hordofee US humna waraanaa fayyadamuun uggura galaanaa Iraanirra keessee turte kaastetti.

    Piit Heegseet garuu Iraan "amalashee sirreeffattee waliigaltee yoo kabajuu baatte" humna cimaan uggurri galaanaa iddootti akka deebi'u ibse.

    "Iraan nan raawwadha jettee waan waadaa galte hin gootu taanan [abjuu boombii nikularaa omishuu qabdu dhaabuu], uggurri iddootti deebi'a," jechuun dubbate.

    Dabaluunis Ulaa Hormuuz qulleessuuf [tarii Iraan fanjii galaanarraa keesse yoo ta'e] biyyoonni Awurooppaa kaanis gumaata gochuuf qophii ta'uusaanii dubbate.

  6. Yeroo Meesiin rikardii cabsutti Roonaaldoon injifannoo dhabe

    Poorchugaal 1-1 DR Koongoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Poorchugaal 1-1 DR Koongoo

    Biyyoota Waancaa Addunyaa 2026 injifatu jedhamanii eegaman keessaa tokko kan taate Poorchugaal yeroo jalqabaaf hiree Waancaa Addunyaa kan argatte DR Koongoo waliin qixa baate.

    Daqiiqaa 6 irratti taphataan PSG Jaayoo Neeves galchii jalqabaa Poorcugaaliif lakkoofsise.

    Ergasii garuu Poorchugaal kubba caaltee to'attee taphattus kubba kallattii isaa eeggate tokkollee karra DR Koongoo irratti hin yaalle. Inumaayyuu DR Koongoo carraa goolii gaarii argatanii ture.

    Taphataan Niwkaasil Yohaan Wiisaa DR Koongoof galchii wal qixxeessituu erga lakkoofsisee Poorchugaalitti haalli taphichaa jabaate.

    Bara 1974 maqaan ishee Zaayer jedhamuun kan beekamtu DR Koongoon Waancaa Addunyaa irratti hirmaattee taphoota sadii irratti goolii 14tu irratti lakkaa'ame.

    Waggaa 52 booda garuu jabaatanii dhufan. Addunyaa irraas sadarkaan isaanii 46ffaadha.

    Ittisa cimaa fi deebisanii jifachuun cimina gaarii agarsiisan. Sedirik Bakambu taphataan jedhamu kubbi yaale garuu poolii jalaa deebise.

    Roonaaldoon Wancaa Addunyaa marsaa jaha gaggeeffame irratti hiriiree Mesii waliin rikardii qooddata. Biyya isaafis taphoota 229 taasise.

    Erga galchii biyya isaaf lakkoofsisee taphoonni 10 darbaniiru. Roobertoo Maartinez Roonaaldoo jijjiiree baasuu sodaatee garee isaa qabxii dhabsiise jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa akka Wayinii Ruunii fi Teerii Heenerii.

  7. Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz keessa darban kaffalchiisuuf

    Mohaammad Bagaar

    Madda suuraa, Reuters

    Af-yaa'iin Paarlaamaa Iraaniifi marii'ataan ijoo Mohaammad Bagaar Gaaliibaaf af-gaaffii TV biyyattii irratti taasisaniin ''yeroo waraana dura turetti hin deebinu,'' jechuun himan.

    Dabaluunis ''Iraan Ulaa Hormuuz irratti to'annoo qabdi akkasumas tajaajila keenyaaf kaffaltii fudhachuu itti fufna,'' jedhan.

    Ulaa Hormuuz murteessaa tahe kana keessa dooniiwwan darban guyyoota 60 kaffalchiisuu jalqabdi jedhan.

    Tiraampiifi Pireezidantiin Iraan waliigaltee mallatteessan Teehraan Omaan biyyoota Galoogalaana kaan waliin tahuun Ulaan Hormuuz akkamiin bulchina kan jedhurratti sanada bal'aa qopheessu.

    Ameerikaan Teehraan mirgashee kabachiisuuf tarkaanfii humnaa akka fayyadamtu amantus biyyooti Galoogalaanaa fuulduratti gibira isaan kaffalchiisuu ''tasumaa'' hin barbaadan jechuun aanga'aan tokko dubbatan.

  8. Pireeziidantiiwwan Ameerikaafi Iraan waraana dhaabuuf waliigaltee mallatteessan

    Donaaldi Tiraampiifi Masuud Peezeeshkiyaan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantiiwwan Ameerikaa fi Iraan waliigaltee nagaa jalqabaa waraana dhaabuuf kaayyefate kan hatattamaan hojiirra oolu mallatteessan.

    Waliigalteen kuni Ulaa Hormuuz banuu, Iraan deebisanii ijaaruudhaaf Ameerikaan doolaara biiliyoona 300 kennuu akkasumas US qoqqobbii ‘’gosa kamuu’’ Iraan irraa kaasuu dabalata.

    Haa tahu malee dhimmi niwkilaaraa US’n waraanatti galche guyyoota 60 dhufanitti marii’atamuuf karoorri qabamee jira.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp waliigaltee kana yeroo kora G7 mallatteessaniiru. Waliigalteen kuni ‘’balaa diinagdee’’ irraa akka baraaru hime.

    Tahus yoo waliigaltee dhumaaarra hin ga’amne Ameerikaan Iraaniin ‘’boombiidhaan dhukkee irraa kaasti,’’ jedhan.

    Pireezidantiin Iraan Masuud Peezeeshkiyaan waliigaltee kana Roobii kaleessaa mallatteessuu Teehraan mirkaneessiteetti.

    Af-yaa’iin paarlaamaa Iraaniifi namni ijoo marii kanarratti marii’atan Mohaammad Baaheer Gaaliibaaf miidiyaa mootummaatti yeroo dubbatan Ameerikaarraa ammallee amantii akka hin qabneefi ‘’qophiifi of eeggannoon,’’ akka eegan himan.

    ‘’Diinni afaan sababaafi bu’aan hin hubatan taanaan, afaan humnaa itti agarsiisna,’’ jechuun miidiyaan biyya keessaa Faars gabaaseera.

  9. Akkam bultan?

    Tamsaasa kallattii eeggalleerra. US fi Iraan waliigaltee walhubannoo mallatteessaniiru.

    Garuu ammallee shakkii walirraa qabu.

    Israa'el as keessatti hammatamuu dhabuun waliigaltee kanatti yaaddoo ta'eera.

    Qabxiilee waliigaltee kanaa fi odeeffannoo kaan irratti xiyyeeffachuun karaa kanaan isiniif dhiheessina.

    Tamsaasa kallattii duraan turerraa odeeffannoo qixeessine argachuuf: Iraan fi US Libaanosiin akka hin haleelle Israa'el akeekkachiisan

    Odeesaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas argachuu dandeessu.