Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?

Mikeel Kaariik

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Maanchester Yunaayitid torban tokko keessatti si'a lama tapha mo'achuu qabu mo'ame. Lamaan isaayyu dirree isaa Oold Tiraafoord irrattidha.

'Muka jigetti qottootu baayyata' akkuma jedhan sana, komentaateroonni biyya keessaafi alarraa jechoota 'irra tuulaa jiru'.

"Maanchester Yunaayitid dirree isaa qofa miti kan dhangalaasaa jiru, sararri ittisaas ni dhangalaasa," warri jechaa jiran jiru.

Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.

Bara sana Tootenhaamiin goolii lamaan osoo dursaa jiruu dhumarratti mo'ame. Walakkaa jaarraa tokkoon booda seenaa fokkisaa kilaba guddaa addunyaarratti gurra guddaa qabu mudatedha.

Dilbata darbe ammoo Darbii Maanchester irratti dirreedhuma ofiisaarratti taphataan tokko kaardii diimaan daqiiqaa 27ffaa irratti kan jalaa bahe Maanchester Siitiif jilbeeffate.

Kun ammoo durattiyyu dirree keessaafi alatti mormiirra kan turan deeggartoota Maanchester Yunaayitidiif qaanii dabalataa isaan mudate ta'uu dubbachaa jiru.

Tapha Biraayiten waliin taasise kanarratti Maan Yunaayitid daqiiqaa 10 jalqabaa keessatti ture 2 fi 0n kan dursa qabate--daqiiqaa 8ffaa fi 10ffaa irratti lakkoofsisan.

Maayikjel Kaariik Dilbata mo'atamuu isaatiif qeeqamaa osoo jiruu Biraayiteniin mo'atee deeggartoota gammachiisa jedhamee ture. Garuu dafanii dursa qabatan sana eeggachuu dadhabuun morkicha keessaa ba'uuf dirqamaniiru.

Leenjisaan kun boodarra taphattoota buleeyyiifi jiru jedhaman akka Buruunoo Fernaandeez jijjiiree galchus jijjiirama osoo hin fidiin hafaniiru.

Leenjisaan barakachuufiif kan dide Maanchester Yunaayitid amma Kaarik irratti dhiibbaa gochuun isaa waan oolu hin fakkaatu.

Inni garuu ammallee abdii hin kutanne. "Dubbii kana gargalchuu ni dandeenya, taphattoota gaarii qabna," jedhe.

"Torbanoota lamaan ykn sadan darban keessa haala gaddisiisaa ta'e keessa turre."

Yuurii Tiilismaan miira gaddaa keessa ta'eera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Durattiyyu dirree keessaafi alatti mormiirra kan turan deeggartoota Maanchester Yunaayitidiif qaanii dabalataa isaan mudate ta'uu dubbachaa jiru.
Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Gareen Kaarik bara kana keessa tapha lama qofa mo'ate; tokko kan bara kana gara Piriimer Liigiitti guddate Ipsiwiich dirree ofiirratti simatee kan mo'ate yoo ta'u Shaampiyoons Liigiin ammoo kilaba Azarbajaan Saabaah FK akkuma kana irra aaneera.

Maanchester Yunaayitid baruma kana tapha sadii mo'ameera. Kun ammoo erga bara darbe Amajji Kaarik leenjisaa duraanii kilabichaa Ruben Amoorimiin bakka bu'ee booda taphoota 17 keessatti mo'ame caala.

Kaarik taphataa duraanii Maanchester Yunaayitidis waan tureef walitti aansee mo'amuun dhiibbaa akkamii akka qabaatu ni beeka.

"Ani dhiibbaa jalan jira jedhee hin yaadu," jedhe. "Karaa kamiiniyyu kun anaan waan na rakkisu miti. Diidaa maaltu jedhamaa akka jiruufi addunyaan akkamitti akka hojjetu nan hubadha. Haata'u malee, kun anaan na hin dhibu. Anaan kan dhibu yoo jiraate, taphoota mo'achuudha, miirri gaariin akka jiraatu gochuudha; akkasumas akka gareetti kallattii sirrii qabannee deemuudha."

Rakkoon jiru garuu kallattii gaariirra deemaa waan jiran hin fakkaatu. Tapha lamaan darban taasise kanaan waanti gaariin ykn wanti abdii namatti horu akka hin jirre dubbatamaa jira.

Mo'amuun Maanchester Yunaayitid akkuma jirutti ta'ee gooliin taphatana ol adeemaa Shihaa Leesii daqiiqaa 8ffaa irratti galche nama gammachiifti. Kan Maarkos Raashfoord Guraandhala 2016 Yunaayitidiif lakkoofsisee as taphataa umurii xiqqaan lakkoofsises ta'eera.

Leesiin taphattoota Kaarik jijjiiree baase keessaa tokko ture. Jijjiiramni inni taasise garuu ittisanii qabxii argatan qabatanii ba'uuf bu'aa hin argamsiisne ture.

Diyaajoo Daalot taphattoota sadii bakka isaanii qabatanii turan keessaa tokko ture. Garuu gahumsi isaa haalaan gadi bu'eera. Noosaayir Maazraawwiin ammoo bakka sarara ittisaa qabaterratti ni milkaa'a jedhamee bakka isaatti taphataa biraa jijjiirraan fiduufi dhiisuurratti falmiin ture akka deebiyee ka'u ta'eera.

Leenii Yoroo fi Ayiden Heeven sarara ittisaarratti taphattoota muuxannoo hin qabne ta'anii mul'ataniiru. Sarara gidduurrattis Maanchester Yunaayitid hedduu caalameera.

Raashofoordis goolii ykn kubbaa gooliif ta'u tokko osoo maqaa isaatiin hin argatiin bahe. Takkaa sarara ittisaa darbee carraa argate karra eegaan Biraayiten Jaasen Istiil oolcheera.

"Hanguma taphni turaa deeme, kubbaa to'achuu keenya itti fufne," jedhe manaajeriin Biraayiten sirriitti haala taphni itti deemu qayyabachuun jijjiirama fidaa deemu Faabiyaan Hazeler.

Kaarik ammoo akka manaajeriin Biraayiten kun itti tapha kana madaaleefi itti mo'ate hin mormine.