Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rikardiiwwan haaraa Waancaa Addunyaa barana galmaa'uu malan
- Barreessaa, Charlotte Coates
- Gahee, BBC Sport journalist
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5
Waancaan Addunyaa bara 2026 erga jalaqabee reefu guyyoota 10 ta'ulleen waan haga ammaatiinuu seenaawwan kubbaa miilaa haaraan galmaa'aa jiru.
Taphattootni urjii akka Liyooneel Meesii, Kiliyaan Imbaappee, Harii Keen, fi Erliing Haalaand biyya isaanii bakka bu'anii tapha baranaa hoo'isaa jiru.
Taphataa Arjantiinaa Liyooneel Meesiidhaa hanga kan Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoo, taphataa Faransaayiif goolii hedduu galchuun rikardii qabate Kiliyaan Imbaappeetti BBCn rikardiiwwan barana fooyya'uu malan xiinxaleera.
Meesiin Waancaa Addunyaa irratti rikardii goolii hedduu galchuu cabsaa jira
Erga bara 2014 kaasee Waancaa Addunyaa irratti goolii hedduu lakkoofsisuun rikardii kan qabatee jiru taphataa Jarman Miroslaav Kiloosi.
Tapha Arjantiinaan Aljeeriyaa waliin taphatte irratti goolii sadii lakkoofsisuun hatiriikii kan hojjetee fi mo'ataan badhaasa Baalandoorii yeroo saddeetii Meesiin amma seenaa rikardii kanaa cabseera.
Tapha biyyisaa Arjentiinaan Wiixata Waxabajji 22 taasiseen goolii lama lakkoofsisuun rikkardii haaraa galmeessisuu danda'eera.
Amma seenaa kubbaa miilaa keessatti taphataan hanga Meesii Weaancaa Addunyaarratti goolii lakkoofsise hin jiru.
Meesiin waancaa addunyaa irratti Arjantiinaaf goolii 18 kan lakkoofsise yoo ta'u, bara 2022 ammoo waancaa moo'ataniiru.
Faransaayiif gooliiwwan 58 galchuun rikardii biyyasaa kan qabate Kiliyaan Imbaappeen ammoo Waancaa Addunyaa irratti rikardii goolii hedduu galchuu kana Meesii irraa goolii afuriin hanqatee goolii 14 irra gaheera.
Keen ammoo rikardii kanarraa goolii ja'a hanqatee goolii 12 irra jira.
Haarii Keen rikardii Ingilaandi Linekeriin qabame cabsuuf jira
Meesii, Haalaandii fi Imbaappeen waancaa addunyaa baranaa irratti biyya isaanitiif goolii lama, lamaa fi isaa ol erga galchaniin booda Haarii Keenis biyyisaa Ingilaand Kirooshiyaa 4 fi 2n akka moo'attuuf seenaa hojjeteera.
Keen tapha kanarratti gooliiwwan lama galchuun Ingilaand ramaddii ishee keessaa akka dursitu gochuun alatti, rikardii Ingilaad waancaa addunyaa irratti goolii lakkoofsisuun Gaarii Linekeriin qabamee tures qooddateera.
Tapha Ingilaand Kibxata Gaanaa waliin qabdu irratti Keen goolii lakkofsisuun rikardii Lineker waliin qooddate kana kan dhuunfaasaa godhachuus mala.
Keen taphi Roobii darbe hiriirree taphatee fi goolii irratti lakkoofsiseen Sar Deeviid Beekaamitti aanee taphataa Ingilaand lammataa waancaa addunyaa sadii irratti goolii lakkoofsise ta'uu danda'eera.
Kana malees, taphni Kirooshiyaa waliinii Keeniif Ingilaand bakka bu'ee tapha taphate 115ffaa yoo ta'u, kanaanis Beekaam waliin rikardii qooddateera.
Tapha jalqabaa taphattoonni badhaasa Kophee Warqee hedduu itti gonfatan ta'aa?
Waancaa addunyaa baranaa irratti Kophee Warqee injifachuun Imbaappee moo Keen tu rikardii badhaasa kophee warqee hedduu injifachuu gonfachuu danda'a?
Imbaappeen waancaa addunyaa bara 2022 Kaataaritti qophaa'e irratti badhaasa Kophee warqee injifateera. Haarii Keen ammoo gooliiwwan ja'a lakkoofsisuun bara 2018 injifate.
Meesiin, taphataa Jarman Deeniis Undaav, kan Kaanaadaa Jonaatan Deeviid tapha baranaa kanarratti goolii sadi sadiin dursaa jiru. Haalaandii fi Imbaappeenis duubaan dhufaa jiru.
Waancaa Addunyaa gooliiwwan hedduun irratti lakkaa'ame
Kiristaanoo Ronaaldoon Poorchugaaliif taphoota hiriirree taphate 229 irratti gooliiwwan 143 lakkoofsiiseera.
Ronaaldoon yeroo wayii bahee mul'achuu qaba ture. Garuu tapha Poorchugaal Dimookiraatik Koongoo waliin 1 fi 1 qixa baate irratti ga'umsa gadi aanaa mul'ise jedhamuun qeeqame. Garuu rikardiin isuma faana jira.
Bara 2022 Roonaaldoon waancaa addunyaa shan irratti bara 2006, 2010, 2014, 2018 fi 2022 goolii galchuun rikardii qabatee ture. Barana garuu meesiin rikardii kana qooddateera.
Tapha baranaa irratti yoo goolii galche garuu rikardiisaa gara ja'aatti guddisuun ofharkatti hambisuu mala. Ronaaldoon Badhaasa Baalandoorii marsaa shan injifateera.
Ronaaldoon taphataa umrii guddaa
Ronaaldoon waancaawwan addunyaa irratti biyya isaatiif gooliiwwan saddeet lakkoofsise. Garuu tapha baniinsaa baranaa irratti rikardii kana fooyyessuu hin dandeenye.
Taphoota waancaa addunyaa walitti aanan ja'a irratti hirmaachuun Meesii waliin rikardii qooddatu.
Tapha baranaa irratti biyyasaa bakka bu'ee hiriiruu isaatiinis taphataa umrii guddaa dirree keessa seenee taphate ta'eera. Waggaa 41 fi guyyoota 132tti.
Kanaanis rikardii ammaan dura taphataa Kaanaadaa Atiba Huchisonk kan umrii waggaa 39 fi guyyoota 296tti taphate fooyessuu danda'eera.
Haalaand taphataa Noorweeyiif waancaa addunyaa irratti goolii hedduu lakkoofsise ta'uufii?
Erliing Haalaand tapha waancaa addunyaa baranaa irratti biyyisaa Iraaq goolii 4 fi 1n moo'achuudhaan jalqabe. Bakka rikardiin cabu jirutti Haalaand yeroo hunda itti siqaa deema.
Taphataan Noorweey kuni tapha kanarratti goolii lama lakkoofsisuuf kubbaa si'a 20 qofa tuquu isa gaafate. Taphataa Noorweeyiif tapha tokkorratti goolii lama lakkoofsise jalqabaa ta'uus danda'eera.
Waancaa addunyaa baranaa irratti taphuma jalqabaatiin rikardii waancaa addunyaa irratti Noorweeyiif goolii hedduu galchuu amma dura Kijeli Rekdaaliin qabamee ture qooddachuu danda'eera.
Tapha Kibxata ganama Seeneegaal waliin qaban irratti goolii galchuun rikardii kana kan dhuunfaa isaa godhachuus mala.
Vozinhaa, taphattoota Urjii umrii guddaa keessaa
Taphni Keepi Veerdeen Ispeen waliin goolii malee qixa baate akka xumurameen Vozinhaan imimmaan roobsee boohe.
Tapha kanarratti rukuttaawwan goolii ta'uu malan torba oolcheera. Kanaanis rikardiiwwan dhuunfaasaa galmeessuu danda'e.
Umrii waggaa 40 fi guyyoota 12tti biyyasaa bakka bu'ee waancaa addunyaa irratti hiriiruun rikardii taphataa umrii guddaa kan ammaan dura Taphataa Kuraakaa'oo Elooy Roomiin qabamee ture cabseera.
Kana malees Vozinhaan rikardii taphataa Umrii guddaa rukuttaa goolii ta'uuf carraa guddaa qabu baraare jedhus kan dhuunfaasaa godhateera.
Deeshaamp, Leenjisaa badhaasa mo'achuu malu
Didiyeer Deschamp taphataas Leenjisaas ta'ee waancaa Addunyaa garee Faransaayi waliin moo'atee beeka.
Leenjisaan kuni amma rikardii leenjisaa waancaa addunyaa irratti manaajera ta'uun tapha hedduu moo'ate ta'uuf daandiirra jira.
Manajerii lixa Jarmanii duraanii Helmut Ischoon, leenjisaa ta'uun waancaa addunyaa irratti taphoota 16 injifachuudhaan abbaa rikardiiti. Deschamps erga Faransaayi Iraaq injifatteen booda rikardii kana qooddateera.
Haalonni akkuma ammaatti nagaan itti fufeefii jennaan Tapha Noorweeyi waliin qaban yoo injifatan injifannoo 17ffaa isaanii ta'uun rikardii kana kan dhuunfaa isaanii godhatu.
Waancaa Addunyaa irratti Kaardiiwwan diimaa hedduu
Waancaa Addunyaa bara 2022 irartti kaardii diimaa tokko qofatu kallattiidhaan taphataaf kenname.
Waancaa addunyaa baranaa irratti garuu hanga ammaattuu kaardiiwwan diimaan ja'a kennamaniiru.
Kana keessaa kaardii diimaan sadii tapha baniinsaa Meeksikoo fi Afrikaan Kibbaa waliin taphatan irratti. Eegasii taphataa Bosiniyaa Herzigooviniyaa, Muharemovik, kan Kaataar Duwoo Assim Umar mdibo fi Homam El Amiintti itti aanee argate.
Kaardiiwwan diimaan hanga ammaa kennaman kuni kan waancaa addunyaa lamaan darban Raashiyaa fi Kaataaritti kennaman caaleera.
Taphni waancaa addunyaa baranaa gara jalqabaarra waan jiruuf taphoota hedduu hafan irrattis kaardiin diimaan biroo kennamuun rikardiin kuni daranuu fooyya'uus mala.