Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ejansiin UN nikulara to'atu seenee gabbisa nikularaashee akka ilaalu Iraan wajjin walii galuu himte US, Tehraan garuu dhara jetti

Marii Siwizarlaanditti gaggeeffame booda, Iraan Ejansiin Anniisaa Atoomikii Adunyaa (IAEA) Iraan seenee gabbisa nikularaa Iraan akka ilaalu ittaanaa pirezidaantiin US JD Vaans dubbachuu hordofee Iraan haalte.

Guduunfaa

Ejansiin UN nikulara to'atu seenee gabbisa nikularaashee akka ilaalu Iraan wajjin walii galuu himte US, Tehraan garuu dhara jetti

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Iraan ejansii anniisaa atoomikii to'atu akka seenu ni hayyamti isa jedhu haalte

    USfi Iraan Siwizarlaanditti wal-arganii erga mariiyatanii booda Iraan Ejansii Anniisaa Atoomikii Idiladdunyaa (IAEA) sagantaa gabbisa nikularaashee akka ilaaluf ni hayyamti jechuun ittaanaa pirezidantiin US JD Vaans dubbatee ture.

    Iraan garuu dubbiin JD Vaansa akka waan Iraan tole jetteetti dhiyeesse dhara ta'uu ibsite.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan miidiyaa biyyattiif akka ibsetti, Iraan to'annoo nikularasheerratti waadaan isheen galte ammatti akka hin jirre ibsite.

    Gama biraan ammoo US qoqqoobbii boba'aa Iraanirra keesse irraa kaaste.

    Kana jechuun Iraan waggoota heddu booda dolaara Ameerikaatiin boba'aashee gabaa addunyaarratti bilisaan gurguratti.

    Marii USfi Iraan dheengadda Siwizarlaanditti gaggeessan booda, jaarsoliin araaraa Qaatari Paakistaan ibsa waloo baasaniin guyyoota 60 keessatti Iraanifi US waliigalteerra gahuuf kallattii kaa'ametti waliigaluu ibsaniiru.

    Pirezidaantiin ittaanaa US JD Vaans mariin jalqabaa taasifame "bu'uurri baay'ee gaarii ta'e kan itti kaa'ameedha" jechuun ibse.

    Iraan gamasheen jijjiiramni gaariin kan itti mul'ate ta'uu ibsite.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasi kallattii BBC Afaan Oromoo kan har'aa eegaleera.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!