Gaazexeessaa Arjantiinaa umurii arraagessaa Waancaa Addunyaa 18ffaa gabaasaa jiru

Erga bara 1958 Siwidin Waancaa Addunyaa injifattee as gaazexeessaan kun Waancaa Addunyaa hunduu jala darbee hin beeku

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Erga bara 1958 Siwidin Waancaa Addunyaa injifattee as gaazexeessaan kun Waancaa Addunyaa hunduu jala darbee hin beeku
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Enrikee Makaayaa Makquweez waliin taphataan suura ka'uu hin barbaanne jira hin fakkaatu.

Gaaxexeessaan kun ogummaasaan waggoota 70 ol hojjateera. Walitti aansuun Waancaa Addunyaa 18 irratti argamuun gabaasera.

Waancaan Addunyaa inni jalqaba gabaase bara 1958 yeroo Siwidiin qopheessite yoo ta'u, yeroo sana taphataa beekamaan Biraaziil Peeleen reefu ganna 19 ture.

Waancaa Addunyaa bara 1958 gaggeeffame akka gabaasuuf yeroo gara Siwidiin ergamu Enrikee Makaayaa reefu dargageessa ganna 24 ture.

Gahuumsa Peelee gabaasuuf deemee qaanii biyyasaa Arjantiinaa mudate gabaasee gale. Arjantiinaan 6-1n Chekoslovaakiyaan injifatamtee arge.

"Mo'amuun garee biyyaalessaa Arjantiinaa ceephonsaa hanga ammaa sammuu koo keessaa hin badu," jedha Enrikee Makaayaa.

"Waa'ee Chekoslovaakiyaa homaa hin beeknu turre. Odeeffannoo waa'eesaanii homaa hin qabnu turre. Waanta nuti hin eegnetu nu mudate," jechuun akka itti biyyisaa Arjantiinaan injifatamte yaadata.

Walakkaa jaarraa oliif Waancaa Addunyaa gabaasaa kan ture Enrikee Makaayaa, kubbaan miilaa hanga eegameen olitti jijjiiramaa dhufuu hima.

Waa'ee taphattoota collee addunyaa durii hanga ammaa: Peeleefi Diyaagoo Maraadoonadhaa hanga Liyooneel Meesiifi Kiristanoo Ronaaldoo fa'aatti gabaasaa tureera.

Addunyaarra naanna'uun Waancaa Addunyaa 18 daawwachuun gabaasera. Osoodhuma inni arguu taphni kubbaa miilaa TV dhaafi dijitaalaan tamsa'uu eegale. Waancaan Addunyaas kan durii caalaa boca idiladdunyaa qabataa dhufeera.

Liyoneel Iskaaloonii gaazexeessaa Enrikee Makaayaa waliin Daalasitti yeroo suura ka'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Meesii moo Maraadoonaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Arjantiinaan Waancaa Addunyaa kanaan nuusa xumuraan Ingiliz waliin Adolessa 15 waliif bahu. Ni mo'atti taanan, tapha Waancaa xumuraa Ispeen waliin taphatti.

Biyyisaa Arjantiinaan carraa waancaa injifachuu bara 2022 deebistee akka milkeessitu abdii qaba Enrikee Makaayaa.

Taphataan Arjantiinaa cimaan siif eenyudha? jedhamee yoo gaafatamu, Diyaagoo Maraadoonaa caala Liyooneel Meesii akka caalsifatu hime.

Garuummoo taphataan yeroo hundumaa cimaan siif eenyudha? jedhamee yoo gaafatamu, haalli dur taphattoonni itti taphataniifi amma itti taphatan waanti heddu jijjiiramuun filannoof rakkisaa akka godhu hima gaazexeessaan waggaa 70 oliif Waancaa Addunyaa gabaase kun.

"Yeroon jijjiirameera. Morkattoonnis jijjiiramaniiru. Taphataan hunduu dandetti adda isa godhu qaba. Taphataan addatti jaaladhu ebeluudha jedhee dubbachuu nan danda'a. Kana jechuun garuu, taphataan sun taphataa addunyaa dorgomaa hin qabne jechuu miti

Diyaagoo Maraadoonaafi Meesii wal-bira qabee yoo ilaalu, taphattoota yeroo garaa garaa keessa gahuumsa guddaan Arjantiinaaf taphatan waan ta'aniif wal-dorgomsiisuun akka isa rakkisu hima.

"Wal-dorgomsiisuun ni ulfaata. Lamaansanituu yeroo garaa garaa keessa kan taphataniidha, " jedha Enrikee Makaayaa.