'Bineeyyii', Harka Waaqaa fi Beekaam- wal morkii Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa

Madda suuraa, Getty Images
Seenaan masaanummaa Waancaa Addunyaa Ingilaand fi Arjantiinaa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe akkasumas seenaawwan ajaa'ibsiisoon kan guutamedha.
Amma biyyoonni lamaan tapha xumuraa Waancaa Addunyaaf darbuuf beellamanii qabamee, wal eeggataa jiru.
Tapha guyyaa Roobii US, Atilaantaatti taasifamuun gareen biyyaalessaa Ingilaand kan Toomaas Tucheelin durfamu dheebuu Waancaa Addunyaa waggoota 60'f irra ture bahachuuf gara dirree seena.
Gama biraatiin taphataan urjiin Arjantiinaa, Liyoonel Meesiin immoo biyyisaa Waancaa Addunyaa walitti aansuun yeroo lammaffaaf akka fudhattuuf, dheebuun warra Ingilaandis osoo hin furamin akka turuuf gara dirree seena.
Wal morkiin Waancaa Addunyaa biyyoota lamaanii waggoota 64 dura bara 1962 eegale. Ergasii asis taphoota biyyoonni lamaan taasisanirratti galchiiwwan ajaa'ibsiisoo, falmiiwwan akkasumas kaardiiwwan diimaa mul'ataniiru.
Wal morkiin biyyoota lamaanii dirree kubbaa miilaa qofarratti kan daangeffames miti, wal gaarreffannaan siyaasaas ni jira.
Hariiroon biyyoota lamaanii yoo ka'u Waraana Fooklaandis (Falklands War) kan bara 1980'moota keessa taasifametu iddoo bal'aa qabata. Taphattoonnifii deeggartoonni kubbaa miilaa Arjantiinaas taphoota biyyisaanii taasifturratti sirboota waraana kana kaasan yemmuu faarsan dhagahama.
Wal morkiiwwan Waancaa Addunyaa hanga ammaatti biyyoota lamaan gidduutti taasifaman shan keessaa harka caalmaa kan injifatte Ingilaand taatus, tapha murteessaa jedhamu erga injifattee garuu bubbulteerti.
Waancaa Addunyaa 1962: Inglaand 3-1 Arjantiinaa (Raankaaguwaa, Chiilii- tapha marsaa garee)
Taphni marsaa garee kun taphoota biyyoonni lamaan booda keessa itti wal arganiin yeroo madaalamu tasgabbaa'aa ture.
Taphicharratti taphattoonni Ingilaand Ron Flaawars, Boobii Chaarlitan fi Jimmi Greevs walitti aansuun goolii lakkoofsisuun biyyisaanii Ingilaand galchii 3-0'n akka dursitu erga taasisanii booda Arjantiinaan boodarra galchii tokko lakkoofsiste.
Haa ta'u malee taphoota marsaa gareen biyyoonni lachuu tapha tokko mo'achuun, tokko qixa bahuun fi tokko injifatamuun ramaddii marsaa garee keessaa gara moo'anii darbuutti ce'anii turan.
Haa ta'u malee Ingilaand lakkoofsa galchii fooyyee waan qabduuf tapha marsaa garee kana Arjantiinaa dursuun xummurte.
Booda keessammoo Leencota Sadeen jedhamuun kan beekamu gareen biyyaalessaa Ingilaand tapha nuusa maayii Biraaziiliin injifatamuun dorgommii keessaa bahe.
Waancaa Addunyaa 1962: Inglaand 3-1 Arjantiinaa (Raankaaguwaa, Chiilii- tapha marsaa garee)
Taphni marsaa garee kun taphoota biyyoonni lamaan booda keessa itti wal arganiin yeroo madaalamu tasgabbaa'aa ture.
Taphicharratti taphattoonni Ingilaand Ron Flaawars, Boobii Chaarlitan fi Jimmi Greevs walitti aansuun goolii lakkoofsisuun biyyisaanii Ingilaand galchii 3-0'n akka dursitu erga taasisanii booda Arjantiinaan boodarra galchii tokko lakkoofsiste.
Haa ta'u malee taphoota marsaa gareen biyyoonni lachuu tapha tokko mo'achuun, tokko qixa bahuun fi tokko injifatamuun ramaddii marsaa garee keessaa gara moo'anii darbuutti ce'anii turan.
Haa ta'u malee Ingilaand lakkoofsa galchii fooyyee waan qabduuf tapha marsaa garee kana Arjantiinaa dursuun xummurte.
Booda keessammoo Leencota Sadeen jedhamuun kan beekamu gareen biyyaalessaa Ingilaand tapha nuusa maayii Biraaziiliin injifatamuun dorgommii keessaa bahe.
Waancaa Addunyaa 1966: Inglaand 1-0 Arjantiinaa (Wembleey, Ingilaand- tapha nuusa maayii)
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waancaa Addunyaa bara 1966'n Ingilaand fi Arjantiinaan tapha nuusa maayiirratti wal argan. Taphni diinummaa kubbaa miilaa biyyoota lamaanii eegalchiisees tapha kana ta'uu hin oolu jedhama.
Warri Arjantiinaa galchiin taphataan Ingilaand, Jiyoof Hurst lakkoofsise ofsaayidii ture kanaafis 'injifannoo saamamneerra' jechuun hanga har'aatti ni komatu.
Kana malees tapha kanarratti taphataan Arjantiinaa Antooniyoo Rattin daqiiqaa 33'ffaarratti yeroo daqiiqaawwan sadi keessatti balleessaawwan lama raawwachuun dirreedhaa ari'ame.
Balleessaan taphataan kun raawwate inni jalqabaa Boobii Chaarlitan sakaaluu yemmuu ta'u, balleessaan inni lammaffaan immoo murteessaa lammii Jarmanii ta'an Rudoolf Kreyitleen waliin mormii keessa galuusaati.
Kana malees Rattin, dirreerraa bahuu diduusaatiin taphichi daqiiqaawwan saddeetiif adda citee ture.
Warri Ingilaandis aariifi amala badaan dursummaasaanii itti fufsiisuun injifannoon xummuran. Leenjisaan garee biyyaalessaa Inglaand, Alf Raamseenis warri Arjantiinaa 'bineensota' jechuun arrabse, xummura taphichaarrattis taphattoonnisaa gitasaanii Arjantiinaa walin t-shirt akka wal hinjijjiirre dhorke.
Ingilaand bara 1966'tti Waancaa Addunyaa yemmuu injifattu taphataa sarara ittisaa kan ture Joorj koohen, waa'ee tapha kanaa ilaalchisee bara 2009'tti 'The Guardian' irratti yaadasaa ibsee ture.
"Wantoota sirrii hintaane gochaa turan, hancufa tufuu, rifeensa harkisuufi gurra harkisuutu ture. Nu sodaachisuufis yaalaa turan. Haa ta'u malee akka isaan yaadanitti ta'uu didnaan bifa sirrii hintaaneen taphachuu eegalan" jedhan.
Dabaluunis "Hanga danda'an taphachuu dhiisuunsaanii baay'ee nama qaanessa. Silaa osoo bifa sirriin taphachuu itti fufanii dandeettiisaanii agarsiisanii tarii nu injifachuus danda'u ture ta'a" jedhan.
Taphni Ingilaand fi Arjantiinaa diraamaadhaan guutame kun akeekkachiisni fi adabbiin kaardii diimaa fi keelloo akka eegalamuuf sababa akka ta'es amanama.
Taphattootaaf kaardiiwwan keelloo fi diimaa agarsiisuun akeekkachiisuufi adabuun yeroo jalqabaaf bara 1970 Waancaa Addunyaa Meeksiikootti adeemsifamerratti hojiirra oole. Isa dura murteessitoonni afaanuma qofaan taphattoota akeekkachiisu turan.
Bara 1959 hanga 1969'tti garee biyyaalessaa Arjantiinaaf kan taphatefi Waancaawwan Addunyaa bara 1962 fi 1966 irratti kan hirmaate Rattin Sanbata Duraa darbe umriisaa waggaa 89'tti du'aan boqote.
Waancaa Addunyaa 1986: Arjantiinaa 2-1 Inglaand (Meeksikoo Siitii, Meeksikoo- tapha nuusa maayii)
Harka Waaqaa. Haara galfii.
Taphni nuusa maayii Ingilaand fi Arjantiinaa kun waraanni Foklaandis xummuramee waggoota afur booda adeemsifame. Kanaafuu taphni kun morkii kubbaa miilaa qofa osoo hintaanee muddama siyaasaan kan guutames ture.
Miidiyaaleefi ummanni Arjantiinaa aarii waraanicharratti qaban ittiin ibsachuuf taphicha akka haala miijataatti fudhatan. Miidiyaaleefi ummanni Biriitish immoo taphicha akka lola biyyaalessaatti fudhatan, jechoota jaalala biyyaa kakaasanis fayyadaman. Kanaafis diinummaan biyyoota lamaan gidduu daran cime.
Waqtii sanatti abbaashee waliin ta'un tapha Isteediyeemii Aztekaa keessatti adeemsifame kan daawwatte gaazexeessituun BBC World Service, Lordes Herediyaa, "Abbaankoo ijoolleensaa dubartoonni tapha kana daawwachuusaaniitti yaadda'ee ture. Muddamni deeggartoota Arjantiinaa fi Ingilaand gidduu jiru dhoowuu danda'a jedhee yaadda'ee ture. Haatikoo garuu deemuu keenyarrattii duubatti hinjenne. Sababnisaas kuni carraa jireenya keessatti al tokko qofa argamu waan ta'eefi" jechuun himti.
Taateen tapha kanarratti uumames taatee deeggartoonni kubaa miilaa Ingilaand waqtii sanaa yoomiyyuu hindaganne ture. Urjiin Arjantiinaa, Diyeegoo Maaraadoonaan harkasaatti fayyadamuun galchii Arjantiinaan 1-0'n akka dursitu taasise lakkoofsise.
Maaraadoonaan kubbaa samii keessa turte karra eegaa Inglaand, Piitar Shiiltan waliin morkachuun, bifa salphaatti hinbeekamneen kubbaa harkasaatiin jifachuun ture saaphana warra Ingilaandirra kan kaaye. Galchiin Maaraadoonaan bifa kanaan lakkoofsisees maqaa 'Harka Waaqaa' jedhamuun waamame.
Itti aansunis Maaraadoonaan naannoo walakkeessa dirreetii eegalee taphattoota Ingilaand heddu gidduu kubbaa qabatee fiiguun galchii bareedaa Waancaa Addunyaa yeroo maraa jedhamuu danda'u lakkoofsise.
Bifa kanaan Arjantiinaan galchii 2-0'n Ingilaand dursuu eegalte.
"Wayitan Arjantiinaa keessatti hojjechaa turetti yeroo hunda namoonni waa'ee Harka Waaqaa kana ni kaasu. Kuni garuu galchii lammaffaa ajaa'ibsiisaafi amanuuf ulfaatu inni lakkoofsise dagachuufi" jetti Herediyaan.
Tapha kanarratti taphataan Ingilaand, Gaarii Linker galchii tokko lakkoofsisus Ingilaand Arjantiinaarra aanuu hindandeenye.
Booda keessa bara 2005 Diyeegoo Maaraadoonaan galchii harkasaatti fayyadamuun lakkoofsiseef dhiifama kan gaafate yemmuu ta'u, karra eegaa Ingilaand waqtii sanaa kan ture Piitar Sheltan garuu dhiifama gochuufii dide.
Warra Ingilaand baay'ee kan aarsemmoo Arjantiinaan erga isaan injifatte booda Jarmanii Dhihaa injifachuun Waancaa Addunyaa fudhachuusheeti.
Waancaa Addunyaa 1998: Arjantiinaa 2-2 Ingilaand (Arjantiinaan peenaalitiin 4-3'n injifatte) (Seeyint Itiyeen, Faransaay- tapha marsaa 16)
Tapha Deevid Beekaam irraanfachuu hindandeenye.
Tapha kanarratti taphataan urjiin Ingilaand Deevid Beekaam taphataa Arjantiinaa kan ture Diyeegoo Simoonee miilaan rukkutuusaatiin kaardii diimaan dirreedhaa arii'ame.
Isa dura garuu taphataan Arjantiinaa, Gaabri'eel Baatistaa fi kan Ingilaand, Alan Sharar tokkon tokkonsaanii peenaaliitiin galchii tokko tokko biyyasaaniif lakkoofsisanii turan.
Daqiiqaawwan muraasa boodammoo Maayikil Owen galchii bareedaa lakkoofsiuun Ingilaand 2-1'n Arjantiinaa dursuu eegalte. Haa ta'u malee taphataan Arjantiinaa Haaviyeer Zanetti rukkuttaa adabbii Arjantiinaan argatte gara galchiitti jijjiiruun Ingilaandiin qixxeesse.
Itti aansuunis biyyoonni lamaan gara rukkuttaa peenaaliitiitti ce'an. Taphattoonni Ingilaand Deevid Baatii fi Pol Ince peenaaliitii galchuu dadhabuusaaniitiinis Arjantiinaan injifannoon gara marsaa itti aanutti dabarte.
Haa ta'u malee tapha marsaa itti aanurratti warri Arjantiinaa Neezarlaandiin injifatamuun dorgommicha keessaa bahan.
Diinummaa kubbaa miilaa Ingilaandi fi Arjantiinaa caalmaatti kan hammeessemmoo taphataan Arjantiinaa Diyeegoo Simooneen waggaa tokko booda balleessaan Beekaamiin irratti raawwatame kaardii diimaa kan kennisiisu akka hintaane dubbachuusaati.
"Murteessaan kiyyoo keessa seene jechuu dandeenya. Ani lafatti kufee waanin tureef taatee sana callisee bira darbuun isaaf ulfaataa ture" jedhe.
Dabaluunis "Akkaataan ani itti kufe kaardii Beekaamiif kennamuu malu keelloodhaa gara diimaatti jijjiire. Haa ta'u malee adabbiin sirriin silaa kaardii keelloo ture" jedhe.
Waancaa Addunyaa 2002: Arjantiinaa 0-1 Ingilaand (Saappooroo, Jaappaan- tapha marsaa garee)
Taphni kun Beekaamif tapha fayyinaa akka ta'etti yaadatamuu kan danda'udha.
Tapha kanarratti taphataan Arjantiinaa waqtii sanaa Moorisiyoo Pochetiinoon taphataa Ingilaand, Maayikil Owen irratti balleessaa raawwachuusaatiin Ingilaand rukkuttaa peenaaliitii argatte.
Waqtii sanatti hogganaa garee biyyaalessaa Ingilaand kan ture Deevid Beekaamis peenaaliitii kana gara galchiitti jijjiiruun Ingilaand 1-0'n Arjantiinaa injifatte.
Tapha jalqabaa Siwiidiin akkasumas tapha xummuraa Naayijeeriyaa waliin kan taphatan warra Ingilaandiif injifannoon Arjantiinaarratti gonfatan kun baay'ee murteessaa ture. Sababa injifannoo kanaanis tapha marsaa garee keessaa gara marsaa moo'anii darbuutti ce'aniiru.
Haa ta'u malee tapha marsaa garee Siwiidin waliin 1-1 qixa bahuun kan xummurte Arjantiinaan bara 1962 booda yeroo jalqabaaf gara marsaa moo'anii darbuutti osoo hin ce'in hafte.
Ingilaand gama isheetiin tapha marsaa 16'n Denmaark injifachuu kan dandeesse yemmuu ta'u, tapha nuusa maayii garuu Biraaziiliin mo'amuun dorgommichaan ala taate.
BBC Ispoortiif ripoortara olaanaa kubbaa miilaa kan ta'e Fiil MaakNuultii, "Isteediyeemiin Saappooroo iddoo Deevid Beekaam fi Ingilaand Waancaa Addunyaa 2002'n madaasaanii darberraa itti fayyanidha" jechuun tapha biyyoonni lamaan yeroo dhumaaf itti wal argan yaadata.















