Dimokiraatonni filannoo walakkeessaa Ameerikaa dhuunfatan

Madda suuraa, Rooyitars
Paartiin warra Dimookiraatoota Ameerikaa iddoowwaan kanaan dura paartiin Rippaabilikaanotaa injifachuun beekamanitti otoo hin hafiin filannoo walakkessaa Ameerikaa injifatan.
Paartiin Dimokiraatotaa mana maree bakka bu'oota Ameerikaa fi Seneetii Ameerikaa dhuunfataan.
Dimookiraatonni injifannoo isaanii isa jalqabaan kan Ripaabilikanoota rifachiise kan argatan Seneetii Ameerikaa keessatti ture.
Dubartii obbolessaa ishee dhiyeenya du'aan boqote Senatara beekamaa Lindsey Graham bakka buute Darlinii Girahaam, morkattu ishee Anni Andrewisiin injifatamuu hordofuun ture.
Dorgommiin Seenetii lama waggaa tokko dura dirree morkiii cimaa ta'a jedhamee yaadamaa ture Dimookiraatonni inijfataniiru.
Senetarri warra Dimokiratotaa Joon Ossof Jorjiyaatti irra deebi'anii fiatamuun, Kaaba Kaarolinaatti ammoo teessoo Rippabilikaanotaan qabamee ture bakka bu'aan Dimikiraatootaa injifateera.
Amma xiyyeeffannaan gara lakkoofsa sagalee teessoo Seenetii Rippabilikaanota qaban Teeksaas, Kaansas fi Ohaayorratti jira.
Dorgommii Seenetii Teeksaasiifi Kaansas akka Dimookiraatonni injifatan raage.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Dimookiraatonni bara 2022 booda yeroo jalqabaaf mana maree bakka bu'oota ummata Ameerikaatti sagalee wayyabaa argachuun injifatan.
Dimookiraatonni teessoo warreen Rippaabilikanotaa dhiha Kaaba Kaarolinaa, Peensilvinyaa fi Keentaakii keessatti garagalchanii injifatan.
Kutaalee Ameerikaa akka Varjiiniyaa fi Indiyaanaa keessattti injifachuu sadarkaa gaariirra jiraachuutu eerame.
Dimokiraattoonni teessoo caalmaa argachuu qofa otoo hintaane sagalee wayyabaa argachuun bulchuuf isaan gargaara.
Kibba Kaarolaayinaa iddoo warreen gurraachonni itti heddumatanitti Sentarri Dimokiraatootaa kaadhimamaa ta'ee kan dhiyaate yoo ta'u, Andiriwis bara 2024 yeroo Kamaalaa Haaris pirezedanti Ameerikaa ta'uuf dorgomte gahumsa guddaa mul'isee ture.
Miyaamiitti warreen Dimokiraatotaa sagalee caalmaa argachuun dursaa jiru.
Mirrii filattoottaa Pirezedant Doonaald Tiraamp fi Rippabilikaanota hunda irratti kan garagale yoo fakkaatu, Ameerikaan biyya bal'oo fi qubsuma ummataa adda ta'e qabdudha.
Dimookiraatota kutaa bahaa Ameerikaatti injifannoo argachuun jechuun garuu haaluma walfakkaatu iddoo hundatti injifatan jechuu miti.























