Hojjetaa humnaa gandasaa keessaa jalqaba TV bitachuun beekamaa ta'e

Joorj Boor Loong Melfoord irraa nama dura TV qabaachuu isaatiin beekamaa ta'e, kun baroota 1930oota keessadha. Amma suura adii fi gur'aacha yeroo sana TV isa abira taa'ee uffannaa hojii uffatee ka'e dha.
Ibsa waa'ee suuraa, Joorj Boor Loong Melfoord irraa nama dura TV qabaachuu isaatiin beekamaa ta'e, kun baroota 1930oota keessadha.
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waggoota 90 dura Sadaasa 2,1936 BBC Televizhin tamsaasa yemmu eegalutti televizhiiniin meeshaa elektirooniksii akkaan qaalii ture. Kana malees, iddoowwan dambalii televizhiiniin qaqqabus baayyee xiqqaa ture.

Keessattuu magaalaa guddoo Yunaayitid Kingidam, Landaniin alatti lakkoofsi namoota televiziyoona qabanii baay'ee muraasa ture.

Haata'u malee, bulchiinsa Safoolk keessatti hojjetaan humnaa qonna nama biraarratti qacaramee hojjetu tokko beekamtii guddaa horachuu eegale.

Sababni namni kun itti beekameef immoo bara 1930'n keessa televizhiinii qabaachuusaati.

Jiraataa ganda Long Melford kan ture Joorj Boor, qabeenya dhaalaan argatetti fayyadmuun ture televizhiinii kan bitate.

Televizhiiniin kunis Joorj naannoosaatti akka beekamu gochuun dabalataan qalbii miidiyaalee akka hawwatus isa taasise.

Waa'ee televiziyoonasaa gaazexeessitootaan gaafatamaa kan ture hojjetaan humnaa kun, haadha warraa televizhiinicha isa walin daawwattu akka barbaadu dubbate.

Sana boodas dubartoota 800 irraa xalayaan akka ergameef miidiyaaleen gabaasaniiru.

Qorataan seenaa televiziyoonaa Pirofeesar Joon Waayivarn, "namni hojjetee bulaan baadiyaa jiraatu kan akka Joorj televiziyoona qabaatee, bifa dhaabbataa ta'een daawwachuu danda'uunsaa xiyyeeffannoo miidiyaa baay'ee argachuuf gahaa ture" jechuun BBC Saawundisitti himaniiru.

Joorj Boor siginaala TV isaa tiraanismiitara yeroo sana UK keessatti hojjetu tokkicharraa fudhata ture, kunis istuudiyoo BBC Kaaba Landan Masaraa Aleksaanraa keessa jirurraati.
Ibsa waa'ee suuraa, Joorj Boor siginaala TV isaa tiraanismiitara yeroo sana UK keessatti hojjetu tokkicharraa fudhata ture, kunis istuudiyoo BBC Kaaba Landan Masaraa Aleksaanraa keessa jirurraati.
Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Bara 1930'moota keessa "gatiin televiziyoonaa yoo xiqqaate kan konkolaataa maatii waliin qixa waan ta'eef kunneen televiziyoona daawwatan baay'inaan namoota sadarkaa jireenyaa giddugaleessaa hanga olaanaa qaban turan" jedhu.

Televizhiiniin Joorj bara 1937 keessa bite maallaqa warra Biriitish durii giiniiz 120 kan baasu yemmuu ta'u, shallaggii yeroo ammaatiin naannoo birrii miliyoona 1.6 akka jechuuti.

Kana malees Joorj shallaggii yeroo ammaatiin birrii kuma 900 ol baasuun anteenaa dambalii televiziyoonaa harkisus dhaabsiseera.

Waldaa qorannoo Seenaafi Arkiyoloojii Long Melfoord keessa kan hojjetan Juulii Tomsan, guddinni televizhiinii Joorj Boor ajaa'ibsiisaa akka tures himu.

"Televizhiinichi dheerina seentimeetira 126fi bal'ina meetira tokkoo kan qabu yemmuu ta'u, dizaayinii faashinii waqtii sanaa qaba, saanduqa mukarraa hojjetame keessas ture.

Garuummoo iskiriinii fakkiin irraa mul'atu seentimeetira 35 qofa qaba ture" jedhan.

Joorj Boor namoonni ollaa walitti qabamanii televiziyoonasaa akka daawwatan heeyyamaa ture.

Namoota mana Joorjitti argamuun televiziyoona daawwachaa turan keessaa tokkommoo ammallee lubbuun kan jiranfi ji'a Mudde itti aanu waggaa 100 kan ta'an Doorootii Tiyoobaaldidha.

 Radio Times akka gabaasetti Joorj qophiiwwan gurguddoo akka cumura FA Cup istaadiyeemii Wanbilee keessatti bara 1938 darban daawwachiisa.
Ibsa waa'ee suuraa, Radio Times akka gabaasetti Joorj qophiiwwan gurguddoo akka cumura FA Cup istaadiyeemii Wanbilee keessatti bara 1938 darban daawwachiisa.

Sagantaalee waqtii sana tamsa'aa turan caalaa wanti ammallee sammuusaanii keessaa hinbadne guddina televiziyoona Joorj akka ta'e Doorootiin himu.

"Meeshaa guddaa garuummoo iskiriinii xiqqoo qabu ture" jedhu.

Kana malees wayita Joorj Boor haadha warraa televiziyoona isa walin daawwattu akka barbaadu himetti xalayaawwan heddu akka ergamaniif ollaansaa durii tun himu.

Booda keessa Ebla 1939 Joorj dubartii Landan keessa jiraachaa turtefii Beetris Isteent jedhamtu fuudheera.

Yeroon Joorj Boor gandasaa Long Melford dhiisee gara magaalaa biroo itti deeme baay'ee muraasa ta'us televiziyoonasaatti fayyadamuun garuu taateewwan gurguddoo iddoowwan garagaraatti adeemsifaman hordofaa ture.

Haaluma kanaan dorgommii kubbaa miilaa Wembileeyitti taasifaman dabalatee taateewwan garagaraa gama televiziyoonaan daawwachuu akka jaalatu afgaafii Raadiyoo Taayims walin taasiseen dubbachuusaa pirofeesar Waayivarn himaniiru.