Godaantonni 22 bidiruu kallattiin jalaa badeen imalaa turan qarqara galaanaa Giriikitti dhuman

Madda suuraa, Reuters
Godaantonni 22 bidiruu humnaa ol feetee imalaa turterra turan guyyoota jaha booda handaara galaanaa Giriikitti dhumuu waardiyaan handaara galaanaa Giriik ibse.
Dubartii fi daa'ima takka dabalatee namoonni 26 Jimaata balaa kanarraa doonii ejensii daangaa Awurooppaatiin lubbuun baraaraman.
Namoonni lama oddola Kireet irra kan jirtu Heraakliyoon keessatti hospitaala geeffaman.
Bidiruun godaantotaa tun Baha Liibiyaatti kan argamtu buufata Tobruk irraa Bitootessa 21 akka ka'an AFP'n gabaase. Haala qilleensaa hamaa fi nyaataa fi bishaan dhabuun godaantota kanneen dhumaatii kanaaf saaxileera jedhe, waardiyyaan handaara galaanaa.
Giriikii fi Xaaliyaaniin godaantota sanada hin qabne hedduu Kaaba Afrikaa fi Turkii irraan ka'uun galaana Mediteraaniyaanirraan awurooppaa cehan simatu.
Irra caalaan godaantota kanaa waqtii haalli qilleensaa hamaan hin jirre ganna (summer) garana imalu.
"Bidiruun tun kallattiin jalaa badee guyyoota jaha imaltoonni nyaataa fi dhugaatii malee galaanarra turan jedhe waardiyyaan handaara galaanaa.
Boodarra magaalaa Leraapeetraa, kan oddola Kireet irra jirturra fageenya handaaraa (nautical miles) 53 irra dhaabbatte.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aangawoonni Giriik namoonni lama Sudaan Kibbaa, kan umriin 19 fi 22 ta'an, namoota daddabarsuun shakkamanii to'atamuu himan.
Amma "seera-ala biyya seenuu fi of eeggannoo dhabaan nama fixuudhaan" dhimmi isaanii qoratamaa jira.
Waardiyyaan handaara galaanaa namoonni 21 lubbuun isaanii baraarame Baangilaadesh irraa, afur Sudaan Kibbaa fi kan biraa Chaad irraa ta'uu hime.
Bara 2025 keessa qofa godaantonni 41,696 imala galaanarraan Giriik seenuu ragaan ejensii dhimma godaantotaa UN (UNHCR) ni mul'isa.
Bara kana hanga yoonaa godaantonni 4,000 imala akkasiitiin Giriik dhaqqabanii jiru
Imalli kun balaafamaa dha, dallaalonni namaa gidaantota dooniitti humnaa ol waan fedhaniif keessumaa haalli qilleensaa badaan jirutti imalli godhamu hamaa dha.
Akka ragaa UNHCR'tti bara 2025 keessa baha Mediteraaniyaanitti godaantonni 103 dhumaniiru ykn achi buuteen isaanii dhabameera.
Mudde keessa, reeffi godaantota 17 handaara galaanaa Kireetitti bidiruu walakkaadhaan galaana keessatti dhidhimtee hafterraa keessaa argame.















