Gooliin kubbaa Maguwaayer 'harkaan tuqe' irraa argame maaliif hin haqamne?

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaan harkaan tuqame kamiyyuu, haala kam keessattiyyuu yoo ta'e deeggartoota mufachiisuu fi bitaa itti galuun waanuma eegamu.
Taateen wal xaxaan taphataan kubbaa harkaan tuquun uumamuu fi sababa kanaan gooliin galu, yeroo mara osoo hin taane darbee darbee waan mudatuudha.
Taateen sun Dilbata galgala Oldi Tiraaforditti mudateera. Kan taatee kana addunyaa kubbaa miillaatti deebise ammoo ittisaa Manchistar Yunaayitid Haarii Maguwaayer.
Kubbaan gooliitti geeddaramte sun harkaa fi irree Maguwaayer irra sirriitti konkolaatteetti.
Booda taphatichi haala kanaan kubbattii dhiibee sarara peenaalitii keessa xiqqoo erga seenee booda gara gooliitti dhiite. Kubbattiinis goolii taate.
Namuu jalqaba wayita ilaalu goolii sun haqamuu akka qabu itti amana. Sababni isaa kubbaan erga harkaan tuqamee booda yoo gooliitti geeddarame gooliin sun akka haqamu beekamaadha.
Garuu qabxii murteessaan tokko jira- Maguwaayer kubbaa sana gara gooliitti dhiitus kallattiin ofiisaatii goolii sana hin galchine.
Ammoo tattaaffiin Maguwaayer goolii sana argamsiisuu keessatti baayyee olaanaa ture. Kubbaan inni gara gooliitti dhiite erga luka taphataa Ipswich Jaakoob Giriivsi tuqxee booda manii keessa buute.
Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.
Asin nu faana bu’aa
Xumura beeksisaa
Gooliin sun kan Ipswich ofirratti lakkoofsise ta'ee galmaa'eera.
Taphataan tokko yoo osoo itti hin yaadin tasa kubbaa harkaan tuqe, seerri addaa bu'aan irraa argame akka hin haqamne taasisu jira.
Gaaffiin guddaan garuu Maguwaayer kubbaa sana osoo ittin hin yaadin tuqee? kan jedhuudha.
Kubbaan osoo itti hin yaadin harkaan tuqamee fi goolii ta'e- yoo taphataan sun ofiisaa battala hin galchine, yoo garee isaa keessaa namni biraa galche akkasumas taphataa faallaatti bu'ee yoo gale, gooliin sun hin haqamu jedha seerri addaa.
Taateen kun erga mudatee booda murteessaan (daanyaan) dirree keessaa fi viidiyoodhaan deeggaran yeroo fudhatanii ilaalaniiru.
Garuu viidiyoo irra deddeebiin mul'ataa turerraa kan argamu, daanyonni kubbaan luka Giriivsi tuqee galuusaati.
Kubbaa harkaan tuqamerratti xiyyeeffannaa guddaan hin kennamne.
Daanyaan viidiyoodhaan murteessaa gidduu gargaaraa ture (Daanyaan VAR) Jarred Gillett akkas jechuun murteessaa taphicha taphachiisaa ture Kreeg Paawusanitti hime.
''Ipswich ofirratti lakkoofisan. Kubbaan osoo itti hin yaadin harkaan tuqame ammoo kan adabsiisu miti. Kanaafuu akka goolicha eeyyamtu yaada kennina.''
Osoo VAR Maguwaayer beekaa harkaan tuquu murteessee jiraatee gooliin sun ni haqama ture.
Diraamaa kana booda Manchistar Yunaayitid goolii 5 fi 2n injifatee xumure.
Tapha kanarratti dursaan garee taphattoota Yunaayitid Buruunoo Fernaandeez akkaan milkaa'eera.
Ga'umsa olaanaa mul'isuun goolii sadi (hat-trick) galcheera.
Taateen tapha kaleessaarratti argine kun yeroo baayyee kan mudatu miti. Kan kanaan walfakkaatu bara 2023 tapha Liiverpuul fi Bireentifoord irratti mudatee ture.
Taphataan Bireentifoord osoo itti hin yaadin kubbaa harkasaan tuqee fuulduratti dbarfachuun gara gooliitti dhiite.
Goolii sana garuu kallattiin ofiisaa hin galchine. Luka ittisaa yeroo sanaa Liiverpuul Ibraahim Konaatee tuquun gale.
'Ammas sababa seera kanaa miidhaaf saaxilamneerra'
Taatee tapha Yunaayitid fi Ipswich irratti mudate kana booda yaadonni, qeeqi fi komii hedduun dhagahamaa jiru.
Leenjisaan Ipswich Garii O'Neeyil seera walxaxaa irratti murteessuun ''daanyaaf qormaata guddaadha,'' jedhe.
Gooli eegaan duraanii Ingilaand Pool Roobinsan akkasuma qormaati daanyota mudachuu dubbateera.
''Seerri kun nu miidheera,'' jedhe. Kanaafuu daanyonni VAR seera itti kenname raawwachiisaa jiru waan ta'eef qeequun hin danda'amu.
''Baayyee shaakalaniiru, ogummaasaaniirratti muuxannoo fi barnoota guddaa qabu. Garuu kubbaan harkaan tuqameera, taphataan harkaan tuqe ammoo kubbaa gara gooliitti dhiiteera,'' jedhe.
''Gooliin sun injifannoof murteessituu ta'uu dhabuun waan guddaadha, silaa falmiin ni hammaata. Seerri kubbaa harkaan tuquu ilaachisee jiru garuu yeroo meeqa jijjiiramee?''
Jifataan duraanii Ipswich fi Sky Sports irratti waa'ee kubbaa kan xiinxalu Darren Bent ''seerota jiran keessa akka jiru nan beeka. Kanaaf akka ta'es nan hubadha. Garuu akkasis ta'ee ammallee sirrii miti,'' jechuun murtee darberraa komii qabaachuu ibse.
''Kubbaa harkaan tuquu hanga gooliitti geeddaruutti ga'een Haarii Maguwaayer murteessaa ture. Amma osoo isatu kallattiin galche ta'ee gooliin sun hin kennamtu turte.''
















![Humna Koomaandoo Gadaa [bitaa] fi ajajoota Faannoo](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/400/cpsprodpb/3178/live/e0789b90-9d49-11f1-b109-879e35c24276.jpg.webp)