Hojjetoonni mormii hojii dhaabuu itti fufnaan imaltoonni buufata xiyyaaraa Keeniyaa keessa rafuuf dirqman

Sababa hojjetoonni aveeshinii mormii itti fufaniin imaltoonni dhibbaan lakkaa'aman buufata xiyyaaraa Keeniyaa, Jomoo Keeniyaataa (JKIA) keessatti Dilbatarraa kaasee achi keessa rafuuf dirqaman.
Imaltoonni karaa buufata xiyyaaraa guddicha Keeniyaa keessa darbuuf turan daandii xiyyaarotaarraa qajeelfama eeggachaa fuula keessummaa itti simatanitti walitti qabamuun rafaniiru.
Ganama kana ammoo, daandiiwwan xiyyaaraa baayyeen imaltoota isaanii gara hoteelaatti geessuurratti hojjechaa jiru.
Taateen kun hojjetoonni aveeshinii, Yuuniyeenii Hojjetoota Aveeshinii Keeniyaa (KAWU) jalatti Dilbata buufata xiyyaaraa keessatti mormii gaggeessuu beeksisuu hordofeeti.
Hojjetoonni kunneen sababiin mormaniif, faayidaawwan, haala hojii mijataafi faayidaawwa kanaan dura waadaa isaniif galame akka raawwatamuuf gaafachuufidha.
Barreessaan Olaanaa KAWU Moos Nideemaa akka jedhetti, miseensonni Yuuniyeenichaa Abbaa Taayitaa SIvil Aveeshinii Keeniyaa, Abbaa Taayitaa Buufata Xiyyaaraa Keeniyaa gi Jaamboojeeti keessa hojjetan hanga gaaffileen sadan isaan gaafatan deebii argatanitti hojii isaanii dhaabaniiru.







