Namicha kaannisa miiliyoona ja'a haguuggii malee baraaraa jiru

Madda suuraa, Reutures
Lammiin Singaapoor namni ganna 42 Kileeraans Chuwaa harka qullaa ykn huccuu cittuu keewwatee kaannisa mana namaatti mandheefatan baasee saanduuqa mukaa keessa isaan kaa'ee, yeroo garii gorroo duubasaatti fudhachuun isaan baraara.
''Waa'ee isaanii maalin jaaladha beektaa?'' Yoo isaan kabajje, yoo isaan hin doorsisne nagumaan itti siquu dandeessa,'' jedha Chuwaan
Jiraattonni naannoo ho'aa Singaapoor jiran kaannisa manasaanii dhufee qubatu yoo argan hojjettoota farra ilbisaa waamuun doolaara 62 hanga 116 kaffaluun daqiiqaa muraasa keesatti balleessu.
Chuwaan garuu namoonni doolaar 77 hanga 386 akka kaffalan amansiisuun gurmuu kaannisaa kana baraara.
Waggoota jahan darbaniif mandhee kaannisaa100 mana namaatii fuudhee iddoo nagaa qabu isaan dhaqateera, haala kanaan kaannisa miiliyoona 6 tahu baraareera jechuu dha.
Kanas guutummaa mandhee kaannisni mana namaatti hojjete fuudhanii iddoo biraa dhaqachuu, kaannisa mootii, ijoolleefi hojjettoota fa'a gurmuu isaanii guutuu waliin eeguu dha.
Kana booda gaagura gaagura mukaa ofii qopheesse keessa isaan kaa'a, tokko inumaa gorroo duuba manasaa jira.
Hubannoon kaannisa baraaruu gaafa dabalaa dhufu mana maree magaalaa manneen magaalattii harka 80 hogganu tajaajila nama kanaa irratti hirmaachuu jalqabe.
Tahus hojiin kuni ammallee waan balaa hin qabne miti.
Yeroo tokko gurmuu kaannisaa nama hin hiddine se'ee kodominiyeemii keessaa baasuuf yeroo jedhu isa hiddaniiru. Iddoo 100 ol irratti hiddamee achii baqatee bahe.
''Uumama akka waan laayyootti akka hin ilaalleef barumsa fudheera,'' jechuun Ammallee fuulasaatti haguuggii otoo hin godhatiin erga amala kaannisaa adda baaseen booda itti dhiyaata.
Chuwaan kannisni akka baraaramaniif miidiyaa hawaasaa irratti hubannoo uuma. Viidiyoon yeroo inni isaan baraaru agarsiisu hordoftoota isaaf fideera.
''Kaannisani yoo hin jiraanne kuduraafi muduraan hin jiru ykn qaalii taha. Jiraachuuf mataasaa sirna pooleneeshinii isaanii irratti hirkanna,'' jedhe.















