Jiraattonni Hosaanaa maaliif saroota akka fixan ajajaman?

Madda suuraa, Getty Images
Jiraattonni magaala Hosaanaa saroota isaanii dhibbaan lakkaawaman akka fixan ajajan. Akka jiraattonni jedhanitti daa'imman sadi dhibee saree maraatteen du'uu hordofeeti tarkaanfiin akkasii kan fudhatame.
Gurmuuwwan hawaasaa jajjaboon magaalattii yoo talaalamanillee saroota isaanii yoo hin ajjeesin akkan adabamanii fi hidhaman jiraattota akeekkachiisuu BBC'tti himan.
Gurmuun hawaasaa ajaja kana kan dabarse daa'imman sadi sarootan ciniinaman du'uu fi 80 kan ta'an immoo hospitaalatti waldhaansa argachuu kantiibaan magaalaa Hosaanaa Saamu'eel Shigguxee himan.
Kanneen dhimma kan ijaan argan BBC'tti akka himanitti ajajni kun darbe sababboota warri saree qabu tokko tokko akka feeteen saroota isaanii gad lakkisanii fi nama ciniinsisaniifi
BBC suurawwan saroota du'anii mukatti fannifamanii sukkanneessoo maxxansuuf rakkisan argateera. Suurri kaan saroota baay'ee dhumanii haadni mormasaanitti hidhamee lafarra ciisan agarsiisa.
Waldaan hawaasaa ajaja kana duuba jiru caasaa mootummaa gara gadii kan deeggaruu dha. Kantiibaan magaalaa Hosaanaa Saamu'eel saroota ajjeesuun "seeran ala" ta'uu himuun ajaja kanas bulchiinsi isaanii akka hin dabarsin himan.
Jiraataan tokko, kan nageenya isaatiif eenyummaan isaa akka himamu hin feene, saree isaa akka ajjeesu ajajamuu BBC'tti dubbate.
"Ani harka kootiin hin ajjeesun jedhe, isaan dhufanii bakkan ani hin agarretti akka ajjeesanin godhe. Ittan kenne, mana kootirraa xiqqoo fageessanii ajjeesan," jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Sareen waggaa shan waliin jiraadhe dhabuu kootti baay'een gadde, inni kabaja mana keenyaa ture," jedhe sareen isaa talaallii dhukkuba sarees talaalamuu ibse.
Saamu'eel saroota Hosaanaa 10,000 keessaa 70% kan ta'an waardiyyaa dha, qoricha dhukkuba sarees waraanamanii jiru jedhan.
Ogeessi waldhaansa beeyladaa naannichaa Alaazar Ayyalaa "Akka maleen gadde" jedhe.
"Guyyoota muraasatti saroonni 400 - 450 ta'an ajjeefamamuu tilmaamama" jedhe.
"Namoonni saroota isaanii gadi baasuun bifa sukkanneessaan ajjeesaa turan. Kun naatoo dhabuu fi amantiidhaan, aadaa fi seeraan kan fudhatam hin qabne. Viidiyoowwan abbaan sarootni jalaa ajjeefaman yoo boo'an agarsiisu."
Dhukkubni saree maraattee dhukkuba hamaa gorora ykn tuttuqqaa saree fi bineensa miidhameen nama qabudha.
Dhibee saffisa olaanaa mallattoon namarratti mul'ateen nama ajjeesu. Waldhaansa ni qaba.
Saroonni hin talaalamin irra caalaa dhibee kanarraa hin fayyan. Sababni isaan qoricha hin qabu beeylada ykn bineensotaaf. Sababa kanaaf saroonni akkasii ni ajjeefamu.
Saamu'eel poolisii fi qaamoleen nageenyaa "guyyaa tokko" keessatti saroota ajjeesuu kana dhaaban jedha,.
Haa ta'uu malee, dhaabbata mirga bineensotaaf kan falmu Finfinnee jiru kan hoggantu, Feevan Kabbadaa, saroota jumlaan ajjeessuun dhaabbatus namoonni manarra naanna'anii saroota hin taalalamin akka ajjeesan hubachiisaa jiraachuu magaalaa Hosaanaa irraa gabaasni hedduun akka ishee gahaa jiru himte. Alaazaaris ajjeechaan saree itti fufuu hima.
Hidhaaf doorsisuun cinatti kanneen saree qaban yoo hin ajjeefne birrii 50,000 akka adabaman itti himamuu jiraataan tokko BBC'tti hime.
Itoophiyaa keessatti bineelda addababaayitti ajjeesuun seer-maleessa. Sababnisaas gochaan kun sukkanneessadha
Saamu'eel poolisoonni ajjeechaa kana akka qoratan ajajuu hime. Feevan immoo aangawoonni tarkaanfii jabaa akka fudhatan gaafatte.
"Caasaan mootummaa naannichaa gochaa kana akka raawwanne himu, hin ajajnes jedhu. Yoo kun ta'e immoo yakkamtoota seeratti dhiyeessuu qabu" jetti.















