BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
KALLATTIIN, Dooniwwan waraanaa Iraan cufaa UStti yoo dhiyaatan ni barbadeeffamu- Tiraamp
Pirezidant Doonaald Tiraamp Humni Galaanaa US dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz seenuufi ba’uu Yaalan kamiyyu ni dhorku jedhe.
Biyyoota addunyaa jaha kuufama boba'aa guddaa qaban kam fa'i?
Biyyootni kuufama boba'aa qabaachuun isaanii mirkanaa'e sadarkaa 1 hanga 6 jiran isaan kami. Dhiibbaan isaan gabaa addunyaa keessatti qaban maal fakkaata?
Poop Liyoon 'sodaa Tiraamp hin qabu' jedhan
Phaaphaasaniin Bataskaan Kaatolikii Poop Liyoo sodaa bulchiinsa Tiraamp hin qabuu jedhan. Pooppichi kan kan jedhan ejjennoo Tiraamp waraana Iraan irratti qabu ilaalchisee yaada kennan hordofee Tiraamp deebii kennuu booda.
Tiraamp Ulaa Hormuuz cufuuf doorsisuun yaaddoo balaa dabala malee rakkoo jiru hin furu
Gareen dippilomaasii pirezidantii itti-aanaa US JD Vaansiin durfamu waraana US Iraan waliin itti jirtu dhaabsisuuf yaalee osoo hin milkaa'iin hafeera. Kana hordofee ammoo Pirezidant Doonaald Tiraamp waan itti aanee ta'u murteessuun irraa eegama.
Wiigiifi hiwuumaan heeriin keemikaallii kaansarii harmaan hidhata qabu keessatti argame
Addunyaa maratti wiigiifi hiwuumaan heeriin rifeensatti gudunfamu kaansarii harmaa, jeeqamuu hormoonii akkasumas fayyaa wal-hormaataa irratti keemikaalota miidhaa qaban qabaachuun qorannoon agarsiise.
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaarra darbee Afrikaaf seenaa haaraa hojjete
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Itoophiyaafis ta'e Afrikaaf seenaa haaraa galmeesse.
Peep Gaardiyoolaan waa'ee Arsenaalii fi waancaa Piriimer Liigii mo'achuu maal jedhe?
Maanchister Siitiin kaleessa dirree isaan ala imaluun Cheelsii 3-0 injifatee deebi'e. Kun Maanchister Siitiif akka tapha waancaa ture.
Iraan akkamiin waraana isheerratti banameef deebii kennuuf Ulaa Hormuuz gargaaramte?
Waraanni Iraan, Ameerikaa fi Israa'el gidduutti guyyoota 40f ture dhimmoota ajaa'ibsiisoo qabatee mul'ateera. Meeshaan Iraan baayyee bu'a qabeessa ta'eefi rakkisaa ta'e humna meeshaa waraanaa nukilaraa ishee osoo hin taane Ulaa Hormuuz ta'uu ifatti mul'ateera.
Nama siyaasaa Iraan Ameerikaa waliin mari'ataa ture Mohammad Bager Galibaf eenyu?
Yeroo dhiyoo asitti namni waraanaa fi siyaasaa Iraan keessatti maqaa isaa akka malee leellifamaa jiru Af-yaa'iin paarlaamaa Iraan, Mohammad Bager Galibaf,. Jila Iraan bakka bu'uun marii Iraan Ameerikaa waliin Paakistaanitti taasifte irratti warra hirmaatan keessaa isa tokko.
Pireezidantiin Jibuutii sagalee uummataa %97'n marsaa jahaaf filannoo mo'atan
Pireezidantiin Jibuutii Isnaa'el Omaar Gilee sagalee filattootaa %97 argachuun marsaa jahaaf pireezidantii biyyattii tahuun filatamaniiru.
Mariin US fi Iraan Paakistaanitti gaggeessaa turan waliigaltee malee xumurame
Ameerikaa fi Iraan Paakistaan magaalaa Islaamaabaad keessatti sa'aatii 21f marii kan taasisan yoo ta'u, waligalteerarra utuu hin gahiin xumurameera. Sababa waligaluu dhabuu isaanifammoo biyyootni lammanuu quba walitti qabaniiru
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Lola adeemaa jiruun baasiin waraanaa Ameerikaa hangam qaaliidha?
US Iraan keessatti iddoowwan haleellaaf xiyyeeffataman 5,000 rukutuu ibsiteetti, teeknooloojiiwwan waraanaa gosa adda addaa 20 hojiirra oolchuunis gabaafameera.
Viidiyoo, Diraamaa oppireeshinii US paayileetotashee baraaruf goote
Ameerikaan hojjetaa xiyyaara waraanaa F-15 Jimaata darbe Kibba Iraanitti rukutamee barbaaddee argateetti.
Viidiyoo, Obbo Shimallis Abdiisaa Ajajaa WBO 'Marroo' waliin wal arguuf jedhuu?
Qaamoleen mootummaafi hidhattooti WBO dhibdee isaanii karaa nagaan furuuf erga marii taa'anii waggaa lamaa ol ta'eera.
Viidiyoo, MM Abiy Itoophiyaa eessaa garam geessaa jiru?
Ministirri Muummee Abiy Ahimad erga mormii ummataan gara aangootti dhufanii waggaa saddeet guuteera.
Viidiyoo, Iraan ulaa Galaana Diimaa cufuuf dhaadachuun Itoophiyaaf maal jechuudha?
Ulaa Galaana Diimaa Itoophiyaatti dhihoo jiru Iraan akka hin cufne sodaatameera.
Viidiyoo, Sababa 'waraana Iraaniin' Itoophiyaatti rakkoon boba'aa mudate
Keessumaa gama Kibba Itoophiyaa magaalaa Hawaasaafi kaanitti hiriirri konkolaataa dheeraa mul'achuu BBC'n taajjabeera.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Aangoon Taaddasee dheereffamuun "seera-qabeessa" ta'uu Waajirri Ministira Muummee BBCf ibse
Ministirri Muummee Abiy Ahmed (PhD) yeroo aangoo pirezidantii bulchiinsa mootummaa yeroofii naannoo Tigraay Taaddesee Warradeef kan dheeressaniif bu'uura seeraa waliigaltee Piritooriyaatiin booda vaheen waan ta'eef "seera qabeessa" akka ta'e waajirri isaanii BBCf ibseera.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Waraanni Iraan Itoophiyaa dabalatee Afrikaaf 'balaa hamaa' fidaa jiru maali?
Waraanni Giddugala Bahaa hammeesse Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaaf ''balaa hamaa fidee dhufaa jira'' jechuun gabaasni haaraa bahe mul'ise.
MM Abiy aangoo Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay waggaa tokkoon dheeressan
Hojiin Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay L/Janaraal Taaddasaa Warradaa waggaa tokko keessatti dalagan bakka Ministirri Muummee Abiy argamanitti gamaggamame.
'Soodareen cufamuusaatiin birrii bil. 3 kasaarre' - Dinquu Dayyaasaa
Iddoon bashannanaa seena-qabeessa Soodareef waggoonni afran darban waggoota gaarii hin turre. Bakka walgeettii fi aargalfii maatii, hiriyootaa, akkasumas tuuristootaa kan ture riizoortiin Soodaree waggoota kanneen onee ture.
Labsiin 'ijoo dubbii ta'e' paarlamaaan ragga'eefi naannoo Oromiyaa ilaallatu maal of keessaa qaba?
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Itoophiyaa yaa'ii idilee kaleessa Bitootessa 24, 2018 taa'een wixinee Labsii Seera Adeemsa Yakkaa fi Seera Ragaa raggaasiseera.
Obbo Shimallis Marroo waliin mari'achuuf qophiidha jedhan, WBO'n maal jedha?
Pirezidantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Oromiyaa keessa nagaa waaraa buusuuf Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin mari'achuuf qophii ta'uu dhihoo dubbataniiru.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Bulchiinsi waggoota saddeetii MM Abiy yeroo xiinxalamu
Loltuun duraanii, MM Abiy, aangoo siyaasaa guddicha biyyattii koruun kallattii siyaasa Itoophiyaa gama hedduun jijjiireera.
Boordiin Filannoo 'galmee filattotaa dirqamaa fi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dhaaba siyaasaa manarra deemuun 'galmee filattotaa dirqamaa raawwachuufi mindaa kutuun doorsisuu' akeekkachiise.
Hanqina boba'aa mudate hordofee daballii gatii omishaaleerratti waan ummanni jedhu
Hanqina dhiyeessii boba'aa waraana Iraaniin hordofee mudateen gatiin omishaalee guyyuu dabalaa jiraachuu jiraattonni naannoo Oromiyaa BBC'n haasofsiise himaniiru.
Waraanni Somaaliyaa magaalaa loltoonni Itoophiyaa buufatan Baayidowaa maaliif to'ate?
Magaalaan Baayidowaa daangaa Itoophiyaatti dhiyoo yoo taatu, humna nagaa kabachiisaa AMISOM jalatti loltoonni Itoophiyaa irra jireessi magaalattii keessa buufachuutu himama.
Ispoortii
Chelsii vs Maanchister Siitii: Tilmaama taphoota Piriimiyer Liigii
Taphoonni Piriimiyer Liigii Ingiliiz torbee 32ffaa Jimaata, Sambata, Dilbataa fi Wiixata ni taphatamu. Taphoonni eegaman kami? Eenyu tilmaama argate?
Arsenaal injifateera; Garuu Raayaan Arsenaaliin waancaaf dhaqqabsiisaa?
Amma Deevid Raayaan addunyaa irraa karra eegaa cimaadha. Yoo xiqqaate akka waayillan isaa jedhanitti.
Arteettaan tapha Ispoortiing Liisban dursee shaakala haaraa taphattoota isaa hojjechiise
Arteettaan shaakala haaraa kana dura argamee hin beekne taphattoota isaa shaakalsiise.
Dorgommii calallii Waancaa Afrikaatti kan darbite Ertiraan taphattoonnishee harki caalu osoo hin deebiyiin hafan
Tapha calallii duraa Waancaa Afrikaa irratti Iswaatiinii qabxii waliigalaan 4 fi 1'n mo'atee waggaa 18 booda Ertiraan gara dorgommii calallii ramaddii Waancaa Afrikaatti akka deebitu taphattoota taasisan keessaa torba gara biyyasaanii, Ertiraatti hin deebiyiin hafuumaddeen BBCf mirkaneessan.
Baranas Arsenaal waancaa malee hafuuf deemaa? FA irratti maaltu isaan mudate?
Arsenaal Saawuzhampitaniin 2-1 mo'amee waancaa FA keessaa bahe.
Laamin Yamaal arrabsoo garee Masrii mudate balaaleeffate
Laamin Yamaal tapha Ispeen Masrii waliin Baarselonaatti taphatan irratti arrabsoon sanyummaa dhagahame ''kabaja dhowwuufi waan obsamuu hin qabne'' jechuun balaaleeffate.
Xaaliyaan ammas waancaa addunyaarratti hin hirmaattu, Turkiimmoo waggaa 24 booda itti deebite
Shaampiyoonaan yeroo afurii addunyaa Xaaliyaan yeroo walitti aanu sadaffaaf waancaa addunyaarratti hirmaachuurraa hanqatte.
Taphattootni Arsenaal 11 biyyaaf taphachuurraa kan hafan miidhamaaf moo of qusachuuf?
Arsenaal yaaddoo miidhama taphattootaa keessa jiramoo morkii waancaa liigichaa fi Shaampiyonsi Liigiif of qusachaa jiru?
Arteetaafi Gaardiyoolaa keessaa eenyutu waancaa Kaaraabaawoo caalaatti barbaada?
Morkiin Arsenaal fi Maanchistar Siitiin taasisan gara Wembileey ce'eera - garuu dhimmichi waan Waancaa Kaaraabaawoo qofa hin fakkaatu.
Kufaatii kileboota Piriimer Liigii fi taphoota Shaampiyoonsi Liigii haalan eegaman
Kileboonni Piriimer Liigii jaha wal faana yeroo jalqabaaf gara ramaddii kileboota 16 Shaampiyoonsi Liigiitti yeroo darban deeggartoonnii fi xiinxaltoonni kubba miilaa cimina Piriimer Liigiin qabu kaasuun dinqisiifataa turan.
Senegaal Waancaa Afrikaa mulqamuun 'haqa miti' jette, malaammaltummaa himatte
Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa Morookoon shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2025 akka taatu murteesse.
Arsenaal itti mudde, Siitiin si'achi balaa itti ta'u danda'aa?
Osoo taphoonni liigii saddeet hafanii morkiin Maanchistar Siitiin waancaa liigichaaf taasisu xumurameera jechuu hin dandeenyu.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.
































![Obbo Shimallis Abdiisaafi Kumsaa Dirribaa [Marroo]](https://bbcstreaming.pages.dev/_bbc-assets/ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/cb5e/live/4dec4380-2f4e-11f1-b471-73a11a0c1806.png.webp)

























































![Dhukaasa dhaabuu kan ifa godhe Ministira Muummee Paakistaan Shehbaaz Shariifidha [mirgarra kan jiran]](https://bbcstreaming.pages.dev/_bbc-assets/ichef.bbci.co.uk/ace/ws/240/cpsprodpb/1699/live/94bc56d0-332a-11f1-a02b-974260fa1e16.jpg.webp)


