Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Ajaja Tiraamp lammummaa dhalootaan argamu dhorkan manni murtii jalaa kuffise

Manni Murtii Waliigalaa US Ajaja Pirezidantii Donaald Tiraamp ijoollee godaantota US keessa dhalatanii lammummaa US kallattiin kennu ture dhorkuuf bahee ture kuffise.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Icciitiin ol adeemaa sooftiweerii danuu hojjete maali?

    Sanyii Dirribaa jedhama ogeessa sooftiweerii umurii 16ti.

    Sanyiin umuriisaa kanatti sooftiweerii hawaasa tajaajilan hedduu dalageera, gara fuulduraattis hojii guddaa hojjechuu akka barbaadu BBCtti himeera.

  2. Manni murtii Waliigalaa US ajaja Tiraamp kuffise

    Manni Murtii Waliigalaa US Ajaja Pirezidantii Donaald Tiraamp ijoollee godaantota US keessa dhalatanii lammummaa US kallattiin kennu ture dhorkuuf bahee ture kuffise.

    Abbootiin murtii 6 yeroo deeggaran, sadii immoo hin deeggariin hafaniiru.

    Tiraamp godaantota waraqaa jireenyaa hin qabne garuu Ameerikaa keessa ijoollee godhataniiif lammummaa US akka hin arganne dhorkuuf ajaja dabarsanii turan.

    Haa ta'u malee, yaalii isaanii kana Manni Murtii Waliigalaa hin fudhanne.

    Tiraamp fi gareen ogeeyyii seeraa isaanii ejjennoo ibsaa turan seera baastonni deeggaraa hin turre.

    Murteen Mana Murtii waliigalaa Ameerikaan dabarsees akka injifannoo guddaatti ilaalame.

    Ammatti Tiraamp dhimma kana irratti waan jedhan hin qaban.

    Af Yaa'iin Mana Maree US Maayik Joonsan garuu gammachuu akka hin qabne dubbataniiru.

  3. Aangawaan US Iraan Waancaa Addunyaa keessaa baanaan 'shubbisan'

    Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Yunaayitid Isteet yeroo Iraan Waancaa Addunyaa keessaa baafamtu ''gammachuun shubbisuu'' dubbatan.

    Baatiiwwan muraasa darban Ameerikaafi Iraan waraana keessa erga turan booda dhihoo waliigaltee raawwatan.

    Iraan Waancaa Addunyaa baranaarratti ramaddii ishee keessaa darbuu hin dandeenye.

    Leenjisaan garichaa Amir Galenoyi gareen isaanii ''haalaan kan cunqurfame'' akka ta'e dubbatan.

    Bakki leenjii garee Iraan Arizoonaa irraa gara Meeksikoo jijjiirameera, imala irrattis rakkataa turan.

    Gaafa Sambataa Iraan Masrii waliin qixa baatus carraa marsaa itti aanutti darbu qabdi turte.

    Haa ta'u malee, Aljeeriyaafi Ostiriyaan gaafa Dilbataa waan qixa bahaniif waancaa keessaa bahuun Iraan dirqama ta'e.

    Gaafa Wiixataa rippoortarootatti kan dubbatan Ministirri Dhimma Biyya Keessaa US Maarkwaayin Muliin ''keessaa bahu isaaniin gammade, deebi'anii hin dhufan,'' jedhan.

    Viisaa dhowwatamuufi dachee US gadhiisanii bahuu isaaniin gammaduullee himan.

    Faallaa kanaan leenjisaan Iraan Ameerikaan sirnaan nu hin simanne jechuun komii dhageessisaniiru.

  4. 'Magaalaa Fiicheetti dubartiin poolisii of fakkeesuun saamicha raawwatte to'atamte' - Poolisii

    Godina Shawaa Kaabaa yookiin Salaale bulchiinsa magaalaa Fiicheetti dubartiin miseensa poolisii of fakkeesuun yakka saamichaa rawwachuun shakkamte to’atamuu waajjirri Poolisii magaalaa Fiichee ibse.

    Qajeelcha Poolisii Magaalaa Fiicheetti Inspeektar Itti Aanaa Tolchaa Hayiluu shakkamtuun Ababaa Qunbii jedhamtu uffata seeraa poolisii uffachuunii fi meeshaa waraanaa shugguxii hidhachuun gochaawwan saamichaa raawwachuu ibsan.

    Shakkamtuun "suuqii irra deemuun meeshaalee barbaaddu ergaa filattee booda 'ani miseensa qajeelchaa poolisii godinaati qarshii irraafadheen dhufe' jechuun akka duubee kennaniif gaafatti.

    ''Akka amananiif ammoo suuraa ofii fi shugguxii hidhattee argisiisun shaqaxaa fi uffata adda addaa fudhachuun kan miliqaa turte" jedha poolisiin.

    Gama biraan immoo "halkan dahoo godhachuun namoota garee ishee ta’an yeroof hin to’atamne waliin meeshaan namoota doorsisuun saamicha raawwachaa turte."

    Poolisiin eeruu hawaasa irraa argateen hordoffii taasisuun shakkamtuu tana to’achuun mana isheen kireeffattee keessaa jiraattu sakatta'ee shuguxii Tarkii tokko, hidhannoo mudhii 1, kaartaa kilaashii 2, goraadee1, uffatta poolisii gosa adda addaa fi uleen poolisii 3 to'chuu beeksise.

    Sakkamtuu seeratti dhiyeessuuf akka jirus poolisiin magaalaa Fiichee beeksise.

  5. 'Weerarri Iboolaa Afrikaa dolaara biliyoona 3.6 baasisuu danda'a' - UN

    Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii weerarri dhibee Iboolaa Afrikaa dolaara biliyoona 3.6 baasisuu danda'a jedhe. Kana malees hojiiwwan dhibba hedduutti lakkaawamanis dhabsiisuu danda'a jedhame.

    Iboolaan danqaa misoomaa jabaa ta'uus akka danda'u UN himeera. Weerarri dhibee Iboolaa gosa vaayirasii Bundibugyoo jedhamuu Caamsaa 15, 2026 kaasee Rippaablika Dimookraatawa Koongootti namoota 1, 307 irratti kan argame yoo ta'u, namoota 377 immoo ajjeesuu mootuimamaan biyyattii beeksise. Dhibee kanaaf qorichi ykn talaalliin mirkanaaye hanga yoonaa hojiirra oole hin jiru.

    Yugaandaa keessatti namoota muraasattti argameera. Ogeeyyiin carraan biyyoota ollaa akka Sudaan Kibbaa fa'itti babal'achuun isaa olaanaa ta'uu akeekkachiisan.

    "Yoo leeccalloo qabaanne weerara vaayirasii kanaa to'achuu fi kasaaraa inni fidu to'achuu dandeenya" jetti Koongootti bakka buutuun Sagantaa Misoomaa UN Dameen Maamaa.

    "Yoo kana hin goone, balaan muddaan fayyaa inni fidu gadi fagoo fi yeroo dheeraaf kan naannicha gaaga'u" akka ta'e himti.

    UNDP'n weerara kanaan taateewwan mudachuu danda'an sadi kaayeera.

    Taateen irra wayyoo, weerara kana biyyoota lama keessatti to'achuu dandeenya kan jedhu, baasiin Koongoof qofa dolaara biliyoona tokko jedha gabaasichi.

    Carraa (taatee) irra hamaan, dhibeen kun Ruwaandaa dfi Angoolaatti babal'achuu dha. Gatii boba'aa waraana Iraan hordofee qaalayeen GDP ardichaa dolaara biliyoona 3.6 kasaarsuu danda'a. Hojiiwwan 328,000 dhabsiisuus mala kan jedhudha.

  6. Lolaan magaalaa guddoo Gaanaatti namoota 13 galaafate

    Magaalaa guddoo Gaanaa Akiraa keessatti lolaa hamaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 13 lubbuu dhabuu gartuun lubbuu baraaruurra bobba'e beeksise.

    Mootummaan yaaddoo balaa kanarraa kan ka'e namoonni manaa akka hin baane yookiin bakka lafa ol ka'aatti akka sosso'an waamicha dabarseera.

    Eejansiin haala qilleensaa biyyattii akka akkeekkachiisettimmoo gama bahaatii roobi cimaan ni eegama.

    Lolaan gaafa Dilbataa xiqqaataa adeemaa jira ta'us lakkoofsi namoota du'anii dabaluu mala jedheera Tajaajilli Farra sodaa Ibidda Biyyaalessaa Gaanaa.

    Bakkeewwan teessumni lafa isaanii gad - aanaa ta'e balaa lolaa kanaan miidhamaniiru.

    Viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaa irratti qoodaman manneeniifi konkolaattonni liqimsaman akkasumas gamoowwan manca'u mul'isaniiru.

  7. Mormii farra-godaantotaa jabaate hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman

    Mormii farra-godaantotaa karaarraa jabaachaa dhufe hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman.

    Kutaalee biyyattii baay'ee keessatti sodaa mormiin godaantotarratti uumame gara ookkaraatti jijjiiramuu mala jedhuun poolisoonni hedduun bobbaafamaniiru.

    Pirezdant Siiriil Raamaafoosaa mormitoonni godaantota "doorsisuu, itti dhaadachuu fi gyyyaa dhumaa bahuu qaban itti kaasuurraa akka of qusatan" waamicha godhan.

    Mormitoonni guyyaa dhumaa godaantonni sadan jireenyaa hin qabne biyyattii gadhiisanii bahuu qaba jedhan beeksisanii jiru.

    Godaantonni baay'een ookkaraa fi doorsisaan yaadda'uun biyyattii gadhiisanii bahanii jiru.

    Poolisiin Afrikaa Kibbaa akka beeksisetti hanga ammaa godaantonni 25,000 biyyattii gadhiisanii bahanii jiru. Irra caalaan biyyoota Afrikaa irraayi.

    Lammiin Maalaawwii sanada jireenyaa malee biyyattii keessa jiraachaa turee fi amma gara biyya isaatti deebi'e tokko "Biyyya kootti deebi'uu kootiin nan gammada. Ijoollee koo afran dhiisee dhufuun garuu onnee nacabseera" jedhe.

    Johaannisbarg iddoo mormiin keessatti deemaa jiru keessaayi. Karaa hin baramneen magaalaa tana keessa sochiin laafeera. Callifteerti magaalaan tun.

    Suuqonni cuccufaman. Poolisiin karaarra guuteera.

    Poolisiin namoota shan kan wiirtuu daldalaa magaalattii taate Soweetoo keessa nama suuqiiwwan lammiilee alaa saamaa turan to'achuu hime.

    Lammiileen biroo shan kutaa bulchiinsaa KwaZulu-Natal keessa iddoo Hammarsdale keessaa dunkaana cabsanis qabuu poolisiin himeera.

    Iddoowwan daldalaa giddugaleessa Darbaan keessaa cuccufamaniiru.

  8. WhatsApp'n lakkoofsa bilbilaa malee hojjechuu jalqabuufi

    WhatsApp'n fayyadamtoonni lakkoofsa bilbilaa isaanii osoo hin qoodiin maqaa fayyadamaa(username)dhaan qofa akka tajaajilaman gochuufi.

    Ji'oota dhufan keessatti akkaawwuntiin biiliyoona sadii tahu tajaajila kana akka argatu taha.

    Ammaan booda aappii kanarratti fayyadamtoonni maqaa fedhan qofa keewwachuu danda'u garuu dirqamaa miti.

    Maqaa fayyadamaa kanas namoonni yeroo barbaadanitti geeddaruu ykn haquu danda'u.

    Yeroo hojimaatni kuni guutummaatti hojiirra oolu fayyadamtoonni WhatsApp lakkoofsa bilbilaa osoo hin kenniin fayyadamuu danda'u. Ergaa hin barbaachifne mala kanaan 'block' ykn 'report' gochuun danda'ama.

    Maqaan fayyadamaa qubee 35tti kan daangeffame yoo tahu maqaa namoota beekamoon alatti fayyadama maqaa irratti daangeffamni guddaan hin jiraatu.

    Meetaan fayyadama maqaa kana hojimaata kana imaammata mateenyaati jedheera.

  9. Biiliyanarri duraanii Chaayinaa US'tti hidhaa waggaa 30'n adabame

    Guu Weenguun daldalaa sooressa Chaayinaa akka tahetti yaadamaa ture doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu waliindhahee argachaa turuusaan Ameerikaatti hidhaan ganna 30 irratti murameera.

    Abbaan qabeenyaa duraanii kuni bara 2017tti ture Chaayinaarraa baqatee US galuun Paartii Koministii biyyatti kan qeequu jalqabe kanaanis onlaayinii irratti hordoftoota hedduu horateera.

    Booda garuu namni kuni daddabarsa maallaqaa seeraan alaa fi qarshii waliidhahuun himatamee balleessaan irratti murameera.

    Daanyaan Niiw Yoork Anaaliisaa Torees, namni kuni ''kanneen Chaayinaatti demookiraasii fiduu fedhan adamsuun qarshii isaanii fudhatee jireenyasaa qananii ittiin jiraachaa ture,'' jette.

    Akaa abbaan alangaa jedhutti namni kuni bara 2018-2023 gidduutti hordoftoota onlaayinii invastimantii kiriiptookaaransii waliin hojjetaa turanirraa doolaara biiliyoona tokko horateera.

    Abukaatoo Guu BBC'n quunnamuu yaalee ture.

    Guu'n maqaa garagaraa Maayiilis Guufi Hoo Waan Kiwook jedhaman fa'an of waamaa ture dhaddacha deeggartoonnisaa walitti qabamanitti adabbiin irratti murame.

    Abbaan Alangaa Ameerikaa Shoon S Baaklii, ''carraa seera qabeessa isaaf kennameen quufuu didee, amantii namooti kaan irraa qaban kakaatummaasaaf fayyadame,'' jedhe.

    'Har'a beekamtiifi qabeenyi seeraan olitti akka si hin goone adabbiin kuni garsiiseera. Kanneen of duroomsuuf qarshii maatiifi hiriyyaa waliin dhahan gatii isaanii argatu,'' jedhe Shoon.

  10. Iraan qabeenyashee dhorkame keessaa dolaarri biliyoona ja'a gadhiifamuufiif akka jiru ibsite

    Iraan qabeenyashee dolaara biliyoona 12 akka hin sochooneef dhorkame keessaa walakkaa kan ta’u gadhiifamuufiif akka jiru pirezidantiin biyyattii Masuud Peezeeshkiyaan dubbate.

    Ameerikaa fi Iraan waraana ji’oota afur ture dhaabuuf waliigaltee mallatteessanirratti dhimmoota tarreeffama keessaa tokko qabeenya Iraan dhorkamee turedha.

    Marii hanga ammaatti taasifaman keessatti Iraan dinagdeeshee rakkoo keessa jiruuf boqonnaa argachuuf qabeenyi kun akka gadhiifamuuf cimsitee gaafachaa turteetti.

    Sanadii waliigaltee torban lama dura mallattaa’e akka ibsutti Ameerikaan “fandiiwwan dhorkaman undi akka gadhiifaman gochuuf” itti gaafatamummaa fudhatteetti.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan kaleessa qabeenya dhorkame kessaa harki walakkaa akka gadhiifamuufiif jedhu dubbateera.

    Qabeenya waliigalaa dolaar biliyoona 12 ta’u Qaataar keessa jiru keessaa dolaarri biliyoonni ja’a gadhiifamee akka gara biyyaatti deebiyu dubbachuu pirezidaantichaa IRNA gabaaseera.

    Qabeenya isa hafe gadhiisisuufis carraaqqiin akka itti fufus ibsameera.