Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Mormii farra-godaantotaa jabaate hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman Mormii farra-godaantotaa karaarraa jabaachaa dhufe hordofee Afrikaa Kibbaatti humni nageenyaa hedduun bobbaafaman.
Kutaalee biyyattii baay'ee keessatti sodaa mormiin godaantotarratti uumame gara ookkaraatti jijjiiramuu mala jedhuun poolisoonni hedduun bobbaafamaniiru.
Pirezdant Siiriil Raamaafoosaa mormitoonni godaantota "doorsisuu, itti dhaadachuu fi gyyyaa dhumaa bahuu qaban itti kaasuurraa akka of qusatan" waamicha godhan.
Mormitoonni guyyaa dhumaa godaantonni sadan jireenyaa hin qabne biyyattii gadhiisanii bahuu qaba jedhan beeksisanii jiru.
Godaantonni baay'een ookkaraa fi doorsisaan yaadda'uun biyyattii gadhiisanii bahanii jiru.
Poolisiin Afrikaa Kibbaa akka beeksisetti hanga ammaa godaantonni 25,000 biyyattii gadhiisanii bahanii jiru. Irra caalaan biyyoota Afrikaa irraayi.
Lammiin Maalaawwii sanada jireenyaa malee biyyattii keessa jiraachaa turee fi amma gara biyya isaatti deebi'e tokko "Biyyya kootti deebi'uu kootiin nan gammada. Ijoollee koo afran dhiisee dhufuun garuu onnee nacabseera" jedhe.
Johaannisbarg iddoo mormiin keessatti deemaa jiru keessaayi. Karaa hin baramneen magaalaa tana keessa sochiin laafeera. Callifteerti magaalaan tun.
Suuqonni cuccufaman. Poolisiin karaarra guuteera.
Poolisiin namoota shan kan wiirtuu daldalaa magaalattii taate Soweetoo keessa nama suuqiiwwan lammiilee alaa saamaa turan to'achuu hime.
Lammiileen biroo shan kutaa bulchiinsaa KwaZulu-Natal keessa iddoo Hammarsdale keessaa dunkaana cabsanis qabuu poolisiin himeera.
Iddoowwan daldalaa giddugaleessa Darbaan keessaa cuccufamaniiru.