Ameerikaan sababa waraana Iraaniin meeshaan waraanaa ijoo hanqateen

Ministeerri Ittisaa Ameerikaa gabaasa Peentaagan baaseen waraana Iraan waliin taasifamaa jiruun hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudachuun mirkanaa'e

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Hidhattoonni Huutii odolawwan dabalataa Haanish to'achuun gabaafame

    Loltoota Huutii konkolaataarra jiran

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhattoonni Huutii Yaman, iddoowwan qabatan bal'isaa kan jiran yoo tahu waggoota kurnan dura odola Haanish Ertiraafi Yaman irratti wallolaa turan to'achuun gabaafame.

    Odolawwan ijoo kibba Galaana Diimaarra jiran humnooti Huutii Wiixata kaleessaa humnoota mootummaa Yaman Saa'udiin deeggaramu baasuun qabachuu isaanii AP'n gabaaseera.

    Yeroo ammaa kana hidhattoonni Huutii kibba Galaana Diimaa fi Jabuutii iddoo daangessuu odolawwan jiran to'achuun buufata waraanaa Ameerikaa Jibuutii jiru irraa km32 qofa fagaatanii argamu.

  2. Ilmi Mootii Saa'udii Mahammad Biin Salmaan daawwannaaf Kaayiroo seenan

    Mahammad Biin Salmaaniifi Abdalfattaa al-siisii

    Madda suuraa, Egyptian Presidency

    Ilmi mootii Saa'udii Arabiyaa Mahaammad Biin Salmaan Kibxata har'aa daawwannaa hojiif magaalaa guddoo Masrii, Kaayiroo seenaniiru.

    Biin Salmaan guyyaa daawwannaa isaanii jalqabaan pireezidantii Masrii Abdalfattaa al-siisii waliin dhimmoota waloo fi baha giddugalaa irratti marii taasisuun gabaafameera.

    Waajirri pireezidantii Masrii akka ibsetti, Alsiisii fi Mahammad Biin Salmaan dhimma ulaa Baab el Mendeb warri Huutii yaaddoo irratti uumaa jiraniifi bilisummaa akkasumas nageenya sochii doonii Galaana Diimaa irratti xiyyeeffannoo kennuun mari'achuu ibseera.

    Dabalataan, Masriin tattaaffii Saa'udii Arabiyaan nageenyaafi tasgabbii ofii eeguuf gootu akka deeggartu akkasumas rakkoo Yamaniif furmaata siyaasaa waarawaan akka jiraatu fedhii qabaachuu waajirichi ibseera.

    Torbee darbe hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman qarqara baha Galaana Diimaafi iddoowwan ijoo ulaa Baab el Mendeb to'ataniiru.

    Duula hidhattoota Huutii torbee darbee qabee hammaate kanaan Saa'udiin irra deddeebiin qiyyafannoo taateetti.

    Saa'udiin mootummaa Yaman warri Huutii lolan kan deeggartu yoo tahu hidhattoota kunneen irratti haleellaa qilleensaa raawwatteetti.

    Hidhattoonni Huutii balbala dooniiwwan Galaana Diimaa itti darban irratti qo'annoo jabeessuun dooniiwwan Saa'udii irratti dhorkaa kaa'aa jiru.

    Dhiibbaan hidhattoota Huutii Galaana Diimaa irratti jabaachuun dooniiwwan Saa'udii qofa osoo hin taane Masrii bo'oo Siwiiz irraa galii argattus ni tuqa.

  3. Ameerikaan sababa waraana Iraaniin hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudateen

    Konkolaataa waraanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Ittisaa Ameerikaa gabaasa Peentaagan baaseen waraana Iraan waliin taasifamaa jiruun hanqinni meeshaalee waraanaa murteessoo mudachuun mirkanaa'e.

    Gabaasni kuni isa Tiraamp kanaan dura jechaa turan kan faallessu dha.

    Ameerikaan duula waraana Iraaniin meeshaaleen waraanaa fayyadamte irratti gabaasni jalqabaa yeroo dhiyaate Guraandhalaa hanga Waxabajjii biyyattiin doolaara biiliyoona 33.4 baasuu ministeerichi beeksiseera. Kana keessaa doolaarri biiliyoona 22.3 kan bahe meeshaalee waraanaa dhuka'an irratti bahe.

    Gabaasni amma bahe akka jedhutti duulli Iraan irratti adeemsifame ''kuusaa meeshaalee waraanaa murteessoo irratti hanqina kan uume yoo tahu dhiyeessii meeshaa waraanaaf bu'uuraaleen misoomaa indaastirii Ameerikaa daangeffamaa tahuu saaxileera,'' jedheera.

    ''Hanqina meeshaa waraanaafi boodatti harkifachii dhiyeessii furuuf Peentaagan hojimaata bittaa saffisuuf akkasumas meeshaalee geeddaraafi meeshaalee waraanaa filaman oomishuufi kuusuuf yeroo fudhatu hir'isuuf hojjechaa jira,'' jedhameera.

    Pireezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp garuu tibba darbe ''biyyattiin meeshaa waraanaa daangaa hin qabne hidhattee jirti,'' jedhanii ture.

    Wiixatuma kaleessaa Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreeffama kaa'aniin ''Ameerikaan seenaashee keessatti yeroo kamuu caala meeshaalee ammayyaa hidhattee jirti,'' jedhan.

    Ameerikaatti hanqinni meeshaalee waraanaa mudachuun biyyoota dhiyeessii meeshaalee waraanaa Us'n deeggaraman Ykireeniifi Taayiwaanitti yaaddoo uumeera.

  4. Deenmaark dooniin waraanaa Raashiyaa heelikooptara waraanaakootti dhukaase jette

    Heelikooptarii samii cuquliisara balali'aa jiru

    Madda suuraa, Rune Dyrholm / Danish Armed Forces

    Deenmaark dooniin waraanaa Raashiyaa heelikooptara dooniiwwan Galaana Baaltiik sakattaa'aa turanitti balaqqee ibiddaa itti dhukaasuu beeksiste.

    Dhukaasni gosa kanaa akeekkachiisaaf kan raawwatamudha.

    Mootummaan Deenmaark ambaasaaddara Raashiyaa dhimmicha irratti gaafachuuf waamicha dhiyeesseeraafi.

    Yeroo oppireeshiniin idilee geggeeffamutti gochaan kun raawwachuus beeksiseera.

    Ministarri Mummee biyyattii Meet Fireediriiksan gochaa Raashiyaa kana ''maal na dhibdeen'' raawwate, kaayyoo doorsisaafi qoqqooduu qaba jedhan.

    Raashiyaan gochaa raawwate jedhame kana irratti ''qorannoo guutuu'' akka taasiftu himuun garuu heelikooptariin Deenmaark ammoo naannoo doonii waraanaa Raashiyaatti ''sochii balaa qabu'' taasisaa turte jette.

    Dubbiin kuni guyyuma humni NATO Luutuweeniyaatti diroonii dhahee lafa buusetti dhagahame.Yaaddoon nageenyaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasifteen uumame akkuma jirutti ittifufeera.

    Humni waraanaa Deenmaark akka jedhetti yeroo Raashiyaan dhukaasa kana raawwattu heelikooptarri Galaana Baaltiik irratti oppireeshinii sakatta'insaa suuraan taasisaa turte.

    Dhukaasa balaqqee heelikooptaroota lama irratti taasifameen dhukaasni inni tokko heelikooptara kana bira tareera.

    Ministeerri hajaa alaa Deenmaark gochaa kana ''tasumaa fudhatam kan hin qabne,'' jedheera.

  5. Obbo Isaayyaas Jiraa marsaa 3ffaaf pireezidantii federeeshinii kubbaa miilaa Itoophiyaa tahan

    Obbo Isaayyaas Jiraa

    Madda suuraa, Ethiopian Football Federation

    Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa filannoo idilee 18ffaa Kibxata har'aa Fulbaana 5/2019 A.L.I taasiseen Obbo Isaayyaas Jiraa waggoota afuriif pireezedaantummaan akka tajaajilan murtaa'e.

    Kora filmaataa kanarratti miseensota 99 keessa 88 kan argaman yoo tahu kanneen keessaa 81 Obbo Isaayyaas Jiraaf deeggarsa isaanii kennuu miidiyaaleen koricharratti agaman gabaasaniiru.

    Obbo Isaayyaas Jiraan federeeshinicha marsaa sadiif pireezidantummaan hogganuuf qofaa dorgommiif dhiyaatan.

    Waggoota saddeettan darbaniif federeeshinicha kan hogganan Obbo Isaayyaas hoggansa kana waggaa afran aananiif itti fufuuf isaanuma qofatu kaadhimamaa tahee dhiyaate.

    Namni tokko federeeshinicha marsaa lamaan qofa akka bulchu danbiin federeeshinicha kan ajaju yoo tahu barana garuu fooyya'eetu marsaa sadaffaaf Obbo Isaayyaas dhiyaatan.

    Walitti qabaan koree filannoo federeeshinichaa Obbo Haayiluu Mollaa yeroo kenname keessatti Obbo Isaayyas waliin dorgomaan biraa tokko dhiyaatanii akka ture himaniiru.

    Tahus kaadhimamaan inni kaan ulaagaa guutuu dhabuun koreen kaadhimamummaa isaanii kufaa gochuu himaniiru.

    Hoggansa ispoortii keessatti waggaa 24 kan dabarsan Obbo Isaayyaas pireezidantummaa federeeshinichaa dabalataan hojii raawwachiisaa CAF akkasumas koree dhaabbtaa FIFA'tti miseensa tahuu odeeffannoon federeeshinichaa ni mul'isa.

  6. US orbiitii dachee irratti meeshaa waraanaa hawaa bobbaasuu yeroo jalqabaaf mirkaneessite

    Biilbordii gurraacha US SPACE FORCE jedhu

    Madda suuraa, Getty Images

    US orbiitii lafaa irratti meeshaa waraanaa hawaa bobbaasuu yeroo jalqabaaf mirkaneessite. Biyyattiin humna haleellaa akkasii qabaachuu yeroo jalqabaaf beekamtii kenniteetti.

    Hogganaan Humna Qilleensaa Ameerikaa Tirooy Meeniik meeshaan 'orbiitii' irra jiru humnoota Ameerikaa tarkaanfii diiinaarraa eega jedhe.

    Wiixata kaleessaa kora Air, Space and Cyber jedhame irratti Tirooy Ameerikaan ''yaaddoo jijijjiiramaa'' jiruuf qophii dha jedhus humna meeshaa waraanaa kanaafi yoom orbiitiirra akka kaa'ame ifa hin baasne.

    Kanaan dura hogganooti waraanaa gameeyyii US hawaa keessatti humna waraanaa jabeessuuf karoora akka qaban himaa turan.

    Sagantaan hawaa Raashiyaa fi Chaayinaa fuulduratti yeroo lolli ka'u akkatti saatalaayitii Ameerikaa haleelaniifi danqan irratti hojjetaniirus jedhe hogannaan kuni.

    Chaayinaan Kibxata har'aa deebii kenniteen ''waldorgommi meeshaa waraanaa hawaa'' mormuun akeekkachiifteetti.

    ''Ameerikaan humna waraanaa babal'isuufi hawaa keessatti walwaraanuuf qophaa'uu dhaabuu qabdi,'' jechuu dubbiihimaa hajaa alaa Chaayinaa AFp'n gabaaseera.

    Meeshaaleen kunneen akkatti hojjetan Ameerikaan waan jette hin qabdu.

  7. Keeniyaan Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuuf mo'atte

    Pirezidaantiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Seebaastiyaan Kooy fi Pirezidaantii Atileetiksii Keeniyaa Lt. Jen Jackson Tuwe

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Seebaastiyaan Kooy fi Pirezidaantii Atileetiksii Keeniyaa Lt. Jen Jackson Tuwe

    Keeniyaan biyya Afrikaa jalqabaa tapha Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessitu tahuun filamte.

    Keeniyaan Landanii fi Room waliin dorgomuun dorgommicha qopheessuuf filamte.

    Pirezidaantiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Seebaastiyaan Kooy Keeniyaan injifachuun seenaa qabeessa tahuu himaniiru.

    Magaalaan Naayiroobii kan mo'atteef biyyattiin burqaa atileetota hedduu waan taateefi.

    Yeroo lama maraatoonii kan mo'ate Eliyuud Kipchoogee adeemsa dorgommichaa keessatti hirmaateera.

    Murtoon kun seenaa qabeessa. Biyyi Arikaa tokkoyyuu kana dura dorgommicha hin qopheessine.

    Keeniyaan kana dura Mombaasaatti Shaampiyoonshiippii Qaxxaamura Biyyaa qopheessiteetti.

    Kan umurii 18 fi 20 gadii ammoo magaalaa Naayiroobiitti gaggeefameera.

    Bara 2025 Keeniyaan Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa qopheessuuf gaaffii dhiyeessitee Tookiyootu mo'atee qopheesse.

    Magaalaan Jarman Muunik ammoo kan bara 2031 qopheessiti.

  8. Jeettiin NATO diroonii daangaa qilleensa Lituyaaniyaa seente haleelee kuffiise

    Xiyyaara waraanaa NATO

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaara waraanaa NATO

    Paayileetiin NATO diroonii daangaa qilleensa Lituyaaniyaa seente haleelee kuffiise.

    Pirezidaantiin biyyattii akka jedhanitti, diroonittiin karaa Kibba biyyichaa gara magaala guddoo lammaffaa taate Kaawunaas jedhamuun galte.

    Taateen kun kaleessa galgala yoo tahu, karaa daangaa Beelaarus seente.

    Pirezidaantiin biyyattii Gitaanas Naawuseedaa jedhaman, ''dirooniin daangaa qilleensaa keenya galte jeettii waraanaa NATO'n barbadoofteetti'' jedhan.

    Maddi diroonii kanaa eessa akka tahe ammayyuu adda baasuuf qoratamaa jira.

    Yeroo dirooniin kun daangaa qilleensaa isaanii galtu ergaan akeekkachiisaa moobaayila jiraattotaa gale.

    Bakka nagaa qabeessa akka filatan isaaniif dhaaman.

    Humni waraanaa Lituyaaniyaa fi paayileetonni Xaaliyaanii daangaa qilleensaa eeguuf NATO jalatti bobbafaman ariitiidhaan tarkaanfii fudhatan.

    Raashiyaan haleellaa Yuukireen irratti raawwattu waan dabalteef qophiin akka kanaa nu barbaachisa jedhan qondaalonni Lituyaaniyaa.

  9. Iraan Sa'udii waliin waraanatti akka hin seeniin beeksiste

    Pirezidantii Iraan Masuud Pezeshkiyaan

    Madda suuraa, SPUTNIK/KREMLIN/EPA/Shutterstock

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeeshkiyaan biyyi isaa Sa'ud Arabiyaa waliin waraanatti akka hin seeniin dubbate

    Gaaffiifi deebii Indian Today waliin taasiseen, biyyoonni qaxanaa sanaa "haleellaa Iraan buufataaleen waraanaa Ameerikaa irratti taasiftu karaa hin taaneen hubataa jiru," jechuun ibse.

    Pirezidantiin Iraan kun Indiyaatti haasaa kora BRICS irratti taasiseen, "Sa'ud Arabiyaa waliin wal waraanuu keessa hin galle. Warri Huutii ammoo dhimma mataa isaanii qabu. Biyyoonni hundumtuu nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf waliin dubbachuu qabu," jedhe.

    "Sababiin gara walii walii keenya waraanuutti seennuuf hin jiru," jedhe Pirezidantichi.

    Rakkoon Ameerikaan lafa biyyoota Arabaa keessatti buufata waraanaa ijaaruusheeti kan jedhe Pirezidantiin Iraan kun, haleellaan kan raawwatamu buufataaleen waraanaa kanneen irratti akka ta'es eereera.

    "Nuti haleellaa isaanirratti hin raawwanne. Ka'umsa haleellaa kanaarratti xiyyeeffanneerra. Kunis qaxanaa kana keessatti dheekkamsa kaaseera," jechuun ibse.

    Odeeffannoo biroo kana waliin deeman:

  10. Gareen Huutii odoolaawwan Gaanfa Afrikaatti dhihoo jiran to'atan

    Hidhattoota Huutii

    Madda suuraa, Reuters

    Huutiin Yaman odoolaalaawwan Gaanfa Afrikaatti dhihoo jiran- Haaniish jedhaman to'achuu ibsan.

    Ertiraa fi Yaman abbummaa odoolaawwan kibba Galaana Diimaatti argaman kunneenii irratti wal lolaa turan.

    Gbaasi AP akka mul'isutti Huutiin humnoota mootummaa Yaman kan Sa'uudii Arabiyaan deeggaraman baasuun iddoo akkaan murteessaa ta'e kana to'atan.

    Odoolaawwan kunneen daangaa Ertiraa fi Jibuutii irratti kan argaman yoo ta'u, Huutiin iddoowwan kunneen to'achuusaatiin humna waraanaa US Jibuutiitti argamutti kiilomeetira 32 dhihaateera.

    Ertiraan akkuma biyya walabaa taatee of bulchuu eegalteen odoolaawwan kunneen irratti gaaffii abbummaa kaasuun Yaman waliin wal waraanaa turte.

    Waraana yeroo gabaabaaf tureen humnoonni Ertiraa yeroo gabaabaafis ta'u odoola Haaniish to'atanii turan.

    Garuu dhimmichi mana murtii idiladdunyaatti dhihaachuun bakka kiyyeessitoonni qurxummii itti fayyadamiin ala bakki duwwaan (namni irra hin qubanne) bulchiinsa Yaman jala akka galu murtaa'e.

    Torban darberraa eegalanii buufataalee handaara Galaana Diimaa fi odoolaawwan to'ataa kan jiran Huutiin, Ulaa Hormuuzitti aanee akkaan murteessaa kan ta'e Baab al-Mandab to'achuu dura magaalaa handaara galaanaa Waakaa jedhamuu fi odoola Peeriim jedhamtu to'atanii turan.

    Tarkaanfiin kun akkasaan salphaatti Ulaa Baab al- Mandab to'atan isaan gargaareera.

    Qubsuma akkaan babal'ifachaa kan jiru Huutiin Yaman, odoolaawwan gurguddoo fi xixiqqoo Gaalana Diimaan marfamanii jiran to'achuunsaa sochii ulaa murteessaa Galaanaa Diimaa irratti taasifamu olaantummaan akka to'atu humna kenneeraaf.

  11. Ameerikaan gara waliigalteetti deebiyuu baannaan mariin akka hin jiraanne Iraan beeksiste

    Cheezii alaabaa US fi Iraan fuuduraa mul'atu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaan hanga sanada waliigaltee Islaamaabaad hojiirra hin oolchinetti Teehraan mariif akka hin teenye barreessaan Mana-maree Biyyaalessaa Walabaa Iraan Moohiseen Raazeey dubbate.

    Waan Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp "dhageessisuyaada wal dhiitu of keessaa qabuun hin dagatiinaa," jedhe itti dabaluun.

    Tiraamp yeroo tokko 'hin mariyannu' yeroo biroo ammoo 'mariif qophiidha' jechaa ergaa wal faallessan dabarsa jedheera.

    Moohisen Raayizeen, shallaggiin boba'aafi Ulaa Hormuuz waliin walqabatu akka jijjiirameefi bu'aa inni hordofsiisu to'achuuf carraaqqiin taasifamu jijjiirama akka hin fidne dybbateera.

    "Iraan hanga haaldureewwan keesse hin guutamiinitti mariin hin jiru," jedheera.

    Pirezidant Masuud Pezeeshkiyaan dablatee aanga'oonni Iraan biroon guyyoota muraasa darban keessa ejjennoo wal fakkaatu calaqqisiisaniiru.

    Ameerikaan gara waliigaltee Islaamaabaaditti yoo deebiye Iraanilleen itti gaafatamummaa waliigalteen kun gaafatu akka bahattu beeksiseera.

    Odeeffannoo dabalataa kana waliin deeman:

  12. ASHAMAA!

    Akkam jirtu?

    Toora tamsaasa kallattiin oduu isin biraan geenyu jalqabneerra. Kan har'aaf qabanne keessaa:

    Ameerikaan gara waliigalteetti deebiyuu baannaan mariin akka hin jiraanne Iraan beeksisuu,

    DHIYAADHAA!