Masuud Pezeeshkiyaan: Ispeeshaalistii waldhaansa baqaqsanii yaaluu onnee, Pirezidaantii Iraan

Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Uummata Iraan waldhaansoo diinagdee, bulchiinsaafi waggootaf itti wal-fure jalaa baasuf waadaa galeefii duula filannoo gaggeessuun pirezidaantii ta'ee osoo hin turin rakkoon biraa mudate.

Jalqaba Israa'el waraana irratti bante. Takka turee USfi Iraan daboo wal-waammatanii Iraanirratti duulan.

Iraan rakkoo diinagdee duraanuu ishee daddaaqserratti waraanni osoo hin jaalatin itti seente heddu ishee miidhe. Mootummaan Masuud Pezeeshkiyaan akka USfi Israa'el yoo danda'ame garagalchuuf yoo dadhabame ammoo dadhabsiisuuf itti duulan hin taane.

Iraan misaa'elafi diroonii dhukaastee, isa kan caalu ammoo Ulaa Hormuuz cufuun kokkee diinagdee addunyaa qabuun of baraaruu dandeesse.

Mootummaan Iraan kufaatirraa baraaramuu danda'ullee, kufaatii diinagdee duraanuu ture, waraana kanaan ammoo hammaate, gara fuulduraattis furuuf hojii manaa yeroo dheeraa itti waan hin oolle ta'uu xinxaaltonni itti walii galu.

Garuu, yeroo biyyoonni humna waraanaa jabaa qaban lama wal-ta'uun duula irratti labsanii Gaggeessaa Olaanaa Ayaatolaa Alii Kameenii dabalatee gaggeessitoonni siyaasafi waraanaa jajjaboon jalaa ajjeefamanitti Iraan tasgabbiin kan gaggeessan Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan eenyudha?

Ogummaa waldhaansa baqaqsanii yaaluu irraa akkamiin siyaasa Iraanitti hirmaachuun hanga gaggeessaa biyyattii ta'uu akkamiin gahan? Gaggeessitoota Iraan kaanirraa maaltu adda godha?

Masuud Pezeeshkiyaan Israa'el Iraanirratti waraana hin labsin waggaa tokko dura Adoolessa, 2024 filannoo pirezidaantummaa gaggeeffameen morkataasaanii Saa'iid Jaliilii injifachuun pirezidaantii ta'uun filaman.

Gaggeessaan Iraan kun pirezidaantii ta'uun kan filaman pirezidaantiin duraanii Ibraahim Ra'iisii helikoptarri ittiin deemaa turan kufee caccabuun du'uusaanii hordofeeti. Balaa helikoptaraa kanaan Pirezidaant Ibraahiim Ra'iisiifi ministiira dhimma alaa Hoseen Amiir Abdollahian dabalate qondaalonni balalii sanarra turan namoonni torba du'aniiru.

Ogeessa onnee baqaqsanii yaaluu beekamaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Masuud Pezeeshkiyaan gaggeessaa biyyaa, nama siyaasaa qofa osoo hin taane doktara fayyaa, isayyuu ispeeshalistii onnee baqaqsanii yaaluu beekamaa, akka ta'e ragaaleen ni agarsiisu.

Ogummaa waldhaansa fayyaan lammiilee Iraan tajaajiluun alatti siyaasa keessattis nama hirmaannaa guddaa qabaniifi gulantaa adda addaa irratti biyyattii tajaajilaanidha.

Ejjannoo siyaasa bulchiinsa Ayaatolaa Alii Kameeniitiin, kan halellaa USfi Israa'elin ajjeefaman, biyyoota Lixaatiin qoolliffatameefi wal-tajjii idiladdunyaarraa fagaate deebisanii suphuufi Iraanirraa qoqqobbiin akka ka'uuf nama ifatti paarlaamaa Iraan keessatti dubbataa turaniidha jedhamu.

Sarbamni mirgaa akka dhaabbatu, keessumaa hacuuccaan sababa hijaaba uffachuu didaniif dubartootarra gahu akka dhaabbatuuf nama ifatti dubbataniidha jedhamu.

Dubartiin Iraan Maasaa Amiinii jedhamtu sababa hijaaba hin uffanne jedhuun qaamota nageenyaa "poolisoota namuusaa" jedhamaniin reebamtee du'uu hordofee mufii uumameen mormiin cimaan biyyattiitti yeroo ka'etti, Pirezidaant Masuud Pezeeshkiyaan kanneen paarlaamaa Iraan keessatti hacuuccaa poolisoonni kun dubartootarraan gahan mormanii ture.

Umurii dargaggummaan tajaajila loltummaarratti kan hirmaate ta'us, yeroo dheeraa ogummaa waldhaansaan tajaajilaa ture. Bara bulchiinsa Gonfoo Shaah jedhamuun beekamuu keessa ganna 19tti loltummaatti galmaa'uun leenji'ee akka ture barruun The Gurdian gabaase.

Waraana Iraaqifi Iraan gidduutti waggaa saddeetif gaggeeffame keessatti Masuud Pezeeshkiyaan loltoota dirree irratti miidhaman waldhaanuun waraanicha keessatti tajaajilaa turan.

Waraanichi erga xumurameen booda ogummaa fayyaan baruumsa itti fufuun ogummaa waldhaansa onneefi baqaqsanii yaaluun baruumsa itti fufuu gabaasni The Gurdian ni ibsa.

Baruumsa waldhaansa baqaqsanii hodhuu onnee Tabriz University of Medical Sciences irraa xumuruun doktara waldhaansa onnee beekamaa ta'uun tajaajilaa turan.

Bara 1994 irraa kaasuun siyaasa Iraan keessatti hirmaachuu eegalan. Osoo hin turin Tabriiz bakka bu'uun miseensa paarlaamaa ta'uun filaman.

Bara 2001-2005tti minitiira fayyaa Iraan ta'uun tajaajilaniiru. Bara 2008 hanga bara 2024 pirezidaantii ta'aniitti ammoo marsaa shan kan ta'uuf miseensa paarlaamaa ta'uun filamuusaanii dhaabbanni National Council of Resistance of Iran (NCRI) gabaase.

Masuud Pezeeshkiyaan filannoo bara 2024 itti filaman irratti yeroo hirmaatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Masuud Pezeeshkiyaan filannoo bara 2024 itti filaman irratti yeroo hirmaatan

Masuud Pezeeshkiyaan nama ilaalcha tarkaanfataa qabu jedhamanii amanaman yoo ta'an, keessumaa dhiibbaa sababa hijaaba uffachuu didan jedhamuun dubartootarra gahu heddu balaaleffatu.

Bara 2022 Mahsaa Amiinii sababa kanaan qabamtee reebicha irra gaheen du'uun ibsamuu hordofee mormii guddaa mudatee ture. Masuud Pezeeshkiyaan sababa dubartoonni hijaaba uffachuu didaniif jecha sarbamni mirgaa irra gahuu hin qabu jechuun ifatti dubbatanii ture.

"Shamarraniifi dubartoonni lammii keenya malee alagaa miti. Humnaan dubartoonni akka rifeensa isaanii haguuggatan gochuu hin dandeenyu," jechuun dubbatanii turan.

Bara 2024 filamuun yeroo aangotti dhufan, mirgi dubartootaa akka fooyya'u ni taasisu jedhamee abdiin irra kaa'amee ture.

Hanga bara 2024 filannoo pirezidaantummaa Iraan mo'atanitti marsaa sadi prezidaantummaaf dorgoman illee hin milkoofne.

Haati warraa balaa konkolaatan jalaa du'uu booda ijoollee qophaa guddisuu

Masuud Pezeeshkiyaan itti gaafatamummaa biyyaa osoo hin taane kan maatiillee qormaata cimaa keessatti bahaataa turan.

Haati warraasaasaanii dargagummaan kaadhimatanii fuudhan baay'ee waliin osoo hin jiraatin, ijoollee horatan irraa bakaa konkolaataa jalaa duute.

Yuunivarsiitii keessatti kan wal-baran yoo ta'u, Dr. Masuud Pezeeshkiyaan waldhaansa ogummaa onnee baqaqsanii yaaluu yoo baratan, isheen ammoo Gaayinakoolojii barataa osoo jiruu wal-baran.

Baay'ee waliin hin jiraanne. Waggaa 30 dura balaa konkolaataa mudateen isheefi mucaansaanii quxisuun du'an. Dr. Masuud Pezeeshkiyaan ijoollee sadi waliin qophaatti hafan.

Ergasii deebi'aniis haadha warraa biraa hin fuune. Ogummaa waldhaansaan nama tajajilaa, erga siyaasatti makamaniif gulantaa garaa garaatti biyyattii tajaajilaa ijoollee sadi qophaadhuma guddisan.

Bara 2024 yeroo Masuud Pezeeshkiyaan filannoo pirezidaantummaaf galmaa'an, intallisaanii Zahaaraa qabatanii yeroo galmaa'an suurrisaanii mul'atee ture.

Masuud Pezeeshkiyaan afaanota afaan Iraan keessatti heddumminaan dubbatamu, Faarsii, dabalatee afaanota heddu: Azeerii, Kurdishiifi Arabiffa fa'aa akka dubbatan himama.

Abbaansaanii warra Azeerii yoo ta'an, haati isaanii ammoo saba Kurdootaa irraayi.

Masuud Pezeeshkiyaan yeroo ammaa manguddoo ganna 72 yoo ta'an, bara 1954tti bulchiinsa lixa Iraanitti argamtu Azarbaajaan magaalaa Mahaabaad keessatti dhalatan. Azaarbaajaan bulchiinsawwan Iraan keessaa tokko yoo taatu, saboota Azeeriifi Kurdootatu baay'inaan keessa jiraata.