Dooniiwwan boba'aa hedduun hormuuz keessatti barbadaa'an
Guyyoota darban keessa haleellaa Galoo Galaana Pershiyaa fi ulaa Hormuz keessatti raawwatameen dooniiwwan hedduun gubachuu fi miidhaan irra gahuun gabaafame.
Abbaan Taayitaa Daldalaa UK akka gabaasetti dooniin Yunaayitid Arab Emireets Poort Rashiid irraa gara kaaba dhihaatti imalaa turte gama tokkoon liqimfamaa jirti jedhe.
Dooniin kun kana dura misaa'elaan haleelamuu akka hin hafnellee gabaafame.
Dhaabbanni Biriteen sochii doonii hordofus dooniiwwan hedduun Galoo Galaana Pershiyaa keessatti ibiddaan akka gubachuu beeksiseera.
Gabaasni kun kan ba’e Iraan dooniiwwan 20 kanneen ulaa Hormuz keessa darbuuf yaalan haleeluu ishee erga beeksiftee booda.
Dhaabbanni Biriteen kun akka jedhetti, "Gabaasaaleen akka agarsiisanitti dooniiwwan kunneen sochii waraanaa naannichatti deemaa jiru gidduutti irratti xiyyeeffatamee'' jechuun ibseera.
Iraanii fi Ameerikaan kanaan dura doonii walii irratti miidhaa geessisuu isaanii beeksisuu isaanii gabaafnee turre.
Ameerikaan haleellaa Iraan dooniiwwan ishee irratti raawwatteef deebii kennuudhaan dooniiwwan boba'aa Iraan shan rukutee ''barbadeessuu'' dubbatti.
Gama biraatiin, Eegdonni Warraaqsa Iraan haleellaa misaa’ela haaloo ba’uuf doonii waraanaa Ameerikaa lamaa fi taankeroota saddeet irratti xiyyeeffachuu isaa beeksise.