Kuweet, Qaataar fi UAE har'a misaa'elaafi diroonii Iraaniin haleelaman
Har'a biyyoota Galoo Galaanaa Baha Giddugaleessaa keessa jiran keessaa Kuweet, Qaataar fi UAE'n misaa'elootaafi dirooniiwwan Iraan itti dhukaafamaa ooleera.
Ministeerri ittisaa Kuweet har'a daangaa qilleensaa biyyattii keessatti balastik misaa'elii 14 fi dirooniiwwan 12 arguu himeera.
"Sababa haleellaa kanaatiin kaapmiin Humnoota Hidhatan waliin walitti dhufeenya qaba jedhame irratti xiyyeeffatamee si'a baayyee haleelameera. Kun ammoo miseensota keessaa qondaalonni 10 akka madaa'an taasiseera" jedhe ministeerichi.
Humni ittisaa Qaataar gama isaatiin "dirooniiwwan baayyee" Iraan irraa ergaman arguun, hunda isaanii haala milkaa'een qolachuu ibseera.
Qaataar keessatti isa ta'e saatii muraasaan dura ministeerri ittisaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE), balastik misaa'eliin 16 fi dirooniiwwan 42 Iraan irraa gara UAE'tti dhukaafamuu hordofee humni ittisa qilleensaa "dammaqinsaan deebii kennaa tureera". jedhe.