Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Buufanni xiyyaaraa deebiyee yeroo banamaa jirutti Sa'ud Arabiyaa-Riyaad keessatti dho'insi dhaga'ame

Sa'ud Arabiyaa magaalaa Riyaad keessatti dho'insi dhaga'amuun gabaafame. Gabaasni dho'insi dhaga'amuu kun kan dhufe wayita aanga'oonni Sa'udii balaliin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irraa taasifamu har'a irraa kaasee deebiyaa akka jalqabu beeksisaa jiranittidha.

Guduunfaa

  • Waldaan Fannoo Diimaa Keeniyaa abbootii warraa Itoophiyaa irraa gara Keeniyaa baqatan 1,000 caalan gargaaraa jiraachuu ibse
  • Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite
  • Atileetiin Itoophiyaa fiigicha maraatooniin beekamtuu fi Maraatoonii Tookiyoo bara 2019 injifatte Ruut Aagaa qoricha dhorkamaa ''methylprednisolone'' jedhamu qabattee argamuun ykn fayyadamuun waggaa ja'aaf fiigicharraa ugguramte.
  • Walitti bu'iinsa magaalaa Moyaaleetti mudateen jiraattonni magaalattii gara Keeniyaatti baqataa jiraachuu mootummaan Keeniyaa beeksise.
  • Haleellaan Huutii hammaannaan US dippiloomaatonnishee Saa'udiitii akka bahan ajajje
  • UKn haleellaa Huutiin Sa'ud Araabiyaarratti gaggeessu qolachuuf xayyaarota waraanaa bobbaasufi
  • Humni TPLF akkamitti yeroo gabaabaa keessatti magaalota hedduu dabalatee kutaalee naannichaa harka caalu gadhiisee ba'uu danda'e? Itti aanee maaltu mudachuu mala?
  • Odeessaalee biroo karaaMarsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ugaandaan namoonni DRC irraa deebiyan guyyoota 21 adda baafamanii akka turan beeksifte

    Ugaandaan tarkaanfiiwwan weerara Iboolaa to’achuuf fudhatamaa jiran keessaa tokko ta’uun, lammileen biyyattii Dimokiraatawaa Rippabiliikii Koongoo (DRC) irraa deebi’an guyyoota 21’f adda baafamanii akka turan gochuu Ministirri Fayyaa biyyattii Kiriis Baaryomunsiin himan.

    Ugaandaan dubartii Naajeeriyaa tokko karaa biyyattii dabarte irratti dhibeen Iboolaa argamuu hordofaa jiraachuu ishees beeksifteetti.

    Aanga’oonni Ugaandaa, aanga’oota Naajeeriyaa waliin ta’uun, namoota dubartii kanaan walitti dhufeenya qaban, galmee imalaa ishee fi sochiiwwan isheen taasifte qorachaa jiraachuu himaniiru.

    Ministirri Fayyaa Ugaandaa Kiriis Baaryomunsiin akka jedhanitti, namoonni 60 ta’an lammii Keeniyaa dhibee Iboolaatiin qabame isa jalqabaa waliin walitti dhufeenya qaban, guyyoota 21’f adda baafamanii turuu isaanii xumuruun akka gadhiifaman hayyamameera.

    Ministeerri Fayyaa qorannoo imaltootaa Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Inteebbeetti taasifamu cimsuu isaa ibseera. Akkasumas, daangaawwan lafoo biyyattii hunda irratti to’annoon cimee itti fufeera.

    Imaltoonni karaa qilleensaa, lafaa ykn galaanaatiin Ugaandaa seenuu barbaadan hundi unka odeeffannoo addaa guutuun isaan irraa eegama, jedhan Baaryomunsiin.

  2. Iraan diroonii US kuffisuu himte

    Qaajeelchi Dubbi-himaa Waraana Iraan ergaa fuula X isaarratti baaseen akka jedhetti, sirni ittisa biyyattii diroonii Lukaas US qolachuun rukkutee kuffiiseera.

    Akka ibsa waraanaa Humna Eegdota Warraaqsaa Rippabilika Iraan agarsiisutti, 'dirooniin kun daangaa qilleensaa Baandar Abbaas keessatti irratti qiyyeeffatame'.

    Mudde 2025, Ajajaan Giddugaleessaa US (CENTCOM) diroonii bakka irratti xiyyeeffatametti ergamuun haleeluun achumatti hafu Baha Giddugaleessaa keessatti hojiira oolu hojjechuu isaa beeksisee ture.

  3. Gamoo guddaa Keeniyaa jige jalaa namni sadaffaa guyyaa lamaan booda lubbuun argame

    Magaalaa guddoo Keeniyaa-Naayiroobiitti, gamoo guddaa bakka gabaa Isilii jedhamu keessatti jige jalaa guyyaa lamaan booda namni sadaffaan lubbuun baraarameera.

    Rooyitars gamoon kuni abbaa darbii 12 akka ta'e yoo ibsu miidiyaaleen kaan immoo isaa ol akka ta'e eeru.

    Namni ijaan argeefi BBC'n dubbise akka jedhetti, bakkichatti rifaatutu jira.

    Yeroon balaan kuni dhaqqabe yeroo namuu olii gadi sosso'uufi sagada guyyaa Jimaataa xumuraniidha.

    ''Balaa nama naasisudha, namni as jiru hundi rifateera,'' jedhe.

    Kaawontiin Naayiroobii fi Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Naannoo Biyyaalessaa Keeniyaa (NEMA) gamoo abbaa darbii 18 jedhame kana ijaaruuf hayyama hin kennine jedhameera.

    Gabaasni biraa naasuu uume ammoo odeeffannoon pirojektii kana ibsu erga taateen kun mudatee booda siisteema oonlaayinii Abbaa Taayitaa Ijaarsaa Keeniyaa (NCA) keessa galee argamuu isaati.

    Akka gabaasaleen miidiyaa Keeniyaa agarsiisanitti, pirojektiin ijaarsa kanaa Jimaata marsariitii Abbaa Taayitaa Ijaarsaa Keeniyaa (NCA) irra hin galle ture.

    Balaa kana bulee Sambatarra marsariitii Abbaa Taayitichaarratti mul'achuun isaa yoom akka galmeeffamee fi adeemsa barbaachisu keessa osoo hin darbiin nafii nafoon ta'uun isaa gaaffii kaaseera.

    Odeeffannoo dabalataa dhimma kanarratti:

  4. Israa'el yeroo filannoo karaa Weest Baank geessu cufuuf

    Karaan daangaa gara Weest Baankitti ceesisuu fi achirraa fidu Kibxata irraa kaasee yeroo filannoon Israa'el gaggeeffamu ni cufama jedheera waraanni biyyattii.

    Dabalataan, hojjetoonni Filisxeem qubsuma Israa'el kamiyyu keessa seenuun hin hayyamamuuf.

    Dhorkaan kun kan dhufe, loltoonni Israa'el lama bakka sana keessatti milishoota warra Filisxeem ajjeefamuu hordofee oppereeshinii Weest Baank keessatti cimsuun boodadha.

    Humni Ittisaa Israa'el (IDF) hojjetoonni Filisxeem gara bakka idustiriiwwanii dabalatee Yihudaa fi Samaariyaa, akkasumas Gogeessa Yordaanos seenuu fi ba'uun dhorkamuu beeksiseera. Itti dabaluun karaan daangaa qaxxaamuran hunduu Kibata irraa kaasee ni cufama.

    Haleellaan Hamaasiin durfamu Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti gaggeeffamuun dura hojjetoonni Filisxeem 100,000 ol hojiif gara Israa'el seenuun ni hayyamaaf ture. Erga halleellaa sanaa as garuu hojjetoota lakkoofsaan muraasa ta'an qofatu hayyama hojii kana argata.

    Odeeffannoo dabalataaf:

  5. Buufanni xiyyaaraa deebiyee yeroo banamaa jirutti Sa'ud Arabiyaa- Riyaad keessatti dho'insi dhaga'ame

    Sa'ud Arabiyaa magaalaa Riyaad keessatti dho'insi dhaga'amuun gabaafame.

    Gabaasni dho'insi dhaga'amuu kun kan dhufe wayita aanga'oonni Sa'udii balaliin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid irraa taasifamu har'a irraa kaasee deebiyaa akka jalqabu beeksisaa jiranittidha.

    Buufanni Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid haleellaa finciltoonni Huutii irra deddeebiin irratti raawwatan hordofee ture kan torban lamaaf cufame.

    Balalii guutuu addunyaarratti gaggeeffamu kan hordofu marsariitiin The Flightradar jedhamu har'a ganama balaliin Riyaad irraa ka'e jiraachuu mul'iseera.

    Aanga'oonni Sa'ud Arabiyaa dho'insa haaraa magaalaa guddoo biyyattii keessatti dhaga'ame jedhame kanaa ammatti hin ibsine.

    Kun osoo kanaan jiruu, dubbi-himaan hidhattoota Huutii Yaahyaa Saaree buufatichi xiyyaaraa ammallee irratti xiyyeeffatamee waan jiruud "ammansiisaa miti" jechuun haleellaa biraa irratti raawwachuu akka danda'an akeekkachiiseera.

    Hidhattoonni Huutii buufata xiyyaaraa kana irratti xiyyeeffachuun haleellaa baayyee raawwachaa tureera.

    Haleellaan jalqaba kana gaggeeffame namoota 13 ajjeessuun kanneen 300 ol ta'an ammoo madeesseera. Kun ammoo waggoota kurnan darban keessatti Sa'ud Arabiyaa keessatti haleellaa lubbuu galaafate isa guddaadha jedhameera.

    Odeeffannoo kana waliin deeman biroof:

  6. Tiraamp Iraan irra deebiin akka haleelamuu maltu dubbate

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Jimaata darbe Ameerikaan Iraan irratti tarkaanfii waraanaa biraa fudhachuu akka dandeessu dubbate.

    Tiraamp kana kan jedhe waraanni Iraan ji'a saddeettaffaa isaa qabachuuf dhiyaachaa wayita jiruu fi gatiin boba'aa filannoo marsaa walakkaa Ameerikaa irratti dhiibbaa geessisaa jiraachuun wayita mul'atutti.

    Tiraamp haasawa duula filannoo Filooriidaa keessatti godhe irratti, "Duula xiqqoo Epic Fury biraa adeemsisuu dandeenya" jedhe.

    "Epic Fury" maqaa duula waraanaa Ameerikaa Iraan irratti gaggeessituuf kennameedha. Tiraamp waa'ee duula haaraa jedhuu odeeffannoo dabalataa hin kennine.

    Tiraamp kanaan dura waraanicha ariitiin dhaabuu akka danda'amu dubbatus, Waashingitan furmaata ariifataa barbaachuu fi dhiisuu ykn immoo waraanni suuta akka dhumu waan jedhurratti gaaffii uumteerti.

    Waa'ee kaayyoo fi yeroo waraanichaa ejjennoo garaagaraa dhiheessaa kan ture Tiraamp, haasaa dhiyoo taasise irratti "Waraanichi karaa tokkoon ykn karaa biraatiin dhiyootti ni xumurama" jedheera.

    Jalqaba ji'a kanaa keessa Tiraamp akka jedhetti, Ameerikaan filannoo marsaa walakkaa torban tokko booda gaggeeffamu dura Iraan irratti haleellaa akka hin raawwanne dubbatee ture.

    Ameerikaa fi Israa'el Guraandhala darbe waloon Iraan irratti haleellaa banan. Tehraan buufataalee waraanaa Ameerikaa fi Israa'el kan biyyoota Galoogalaanaa naannichaa keessa jiran irratti haleellaa raawwachuun deebii kennite.

    Aangawoonni Iraan waraanni kun deebi'ee kan ka'u yoo ta'e Tehraan deebii gahaa kennuuf qophaa'uu ishee dubbatan.

    Aangawoonni nageenyaa olaanoo Iraan lama akka jedhanitti, Ameerikaa fi Israa'el irra deebiin haleellaa yoo raawwatan Tehraan sararoota intarneetii galaana jala jiran irratti balaa geessisuuf karoora bal'aa qopheessitee jirti.

  7. Godaambaaleen Paaris, suuqiiwwanis cufaman hiriirri qophaa'aa jira

    Godaambaa gurguddoon Paaris keessatti kan cufaman yoo ta'u, hoggantoonni biyyattii mormii haaraa Sanbata duraa Faransaay keessatti karoorfameef humna poolisii guddaa bobbaasan,.

    Kuni ookkarri hamaan torban darbe biyyattii naasise akka hin deebine ittisuuf abdiidhaan kan godheedha.

    Ministirri Dhimma Keessaa Faransaay Looranti Nuunyezi, guutuu biyyattii keessatti poolisonni hanga 70,000 ta'an helikoptaroota, konkolaattota waraanaa fi bishaan tufan dabalatee hojii irra ni oolu jedhan. Erga torban darbe namoonni kumni dhibba shanii ol mormiif karaatti bahanii booda, hiriirri hedduun irratti hirmaatan ni eegama.

    kumni dhibba shanii ol karaarratti ba'anii booda, ammas hirmaannaan namoota baay'ee ni eeggama.

    Godaambaaleen gurguddoon kanneen akka Luuvri, Muziyeemii Orsee Museum), Muziyeemii Pikaasoo fi Giraandi Paalees, bakki agarsiisni hojii aartii Seezaan dabalatee Sanbata har'aa cufaadha.

    Aartii Baazel, kan aartii ammayyaa addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokko ta'e, Jimaata kaleessaa uummataaf banamee kan ture yoo ta'u, garuu guutummaa torban darbee sababa sodaa jeequmsaatiin qopheessitoonni sagantaa Sanbataa fi Dilbataa haqaniiru.

    Abbootiin qabeenyaa daldalaa Paaris torban guutuu manneen daldalaa isaanii cuccufan.

    Baankonnii fi manneen daldalaa kuun saamicha ittisuuf jecha boordii mukaa karra isaanii cufatan.

    Torban darbe guutuu Faransaay keessatti manneen daldalaa 3,000 ta'an manca'aniiru ykn saamaniiru.

    Mormiin kun jalqaba baatii darbe yeroo barattoonni manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa kibba-baha Paaris haala mijataa barnootaaf gaafachuuf mormii eegalanitti kan ka'e.

    Uummatnis rakkoo qaala'iinsa jireenyaan dhiphatee karaatti ba'uusaatiin mormiin kun dafee guutuu biyyattii wal gahe.

  8. Dhibee Iboolaaf talaalliin jalqabaa yaaliif eegalame

    Dhaabbati Fayyaa Addunyaa weerara Iboolaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti mudateef talaalliin jalqabaa yaaliif eegalamuu ibse.

    Daarektarri olaanaan jaarmiyaa kanaa Dr Tewodiroos Adhaanoom Kaaba Baha biyyattii bulchiinsa Ituurii magaalaa Buuniyaa keessatti hirmaattonni jalqabaa talaallii Iboolaa Ervebo jedhamu fudhataniiru jedhan.

    Bulchiinsi kun bakka weerarri Iboolaa itti hammaatedha.

    Biyyattiinis namoota fedhii qaban irratti yaalii talaallii Iboolaa eegaluu ibsiteetti.

    Namni fedhi agarsiise talaallii jalqabaa magaalaa Buuniyaa keessatti fudhateera.

    Afaan Kiswaahiliin ''tumayini ykn abdii'' jechuun kan moggaafame talaalliin yaaliif hojiirra oole kun, talaalliiwwan garaagaraa vaayirasii Iboolaa Bundibuugiyoo jedhamurraa nama fayyisuu akka danda'u ni sakatta'ama.

    Garuu ammatti gosa vaayirasii kanaaf talaalliin eeyyamame hin jiru.

  9. Keeniyaatti dhibee Iboolaan namni lammaffaa du'e

    Keeniyaa keessatti dhibee Iboolaatiin dubartiinn ganna 65 duute. Dhibee kanaan biyyattiitti nama du'e 2ffaa taatee jirti. Biyyattiittti dhibeen kun mul'achuun kan jalqabaati.

    Minstieerri Fayyaa akka ibsetti, dubartiin ganna 65 tokko kan fira dhiyoo namicha jalqaba dhibee kanaan du'ee fi Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo irraa dhufe turte.

    Dubartiin tun rga adda baafamteen booda duutee jirti.

    Dabalataanis, namoonni dhibee Iboolaatiin qabaman biroon torba buufataalee adda baasanii yaaluu lama keessatti yaalamaa jiru

    ]Akka ministireechi jedhutti, namoonni qabaman hundi "garee tokko keessatti kan argaman yoo ta'u, dhibeen kun hawaasa keessatti babal'achuu isaa ragaan argame hin jiru.

    "Erga Iboolaan mul'achuu isaa Koongoo keessatti baatii Caamsaa mirkanaa'ee as, Afriikaa keessatti namoonni 4,000 ol du'anii jiru.

    Dhibee kun seenaa ardichaa keessatti weerara balaafamaa isa lammaffaa nama hedduu fixe dha.

    Minsteerri Fayyaa Keeniyaa akka ibsetti, dubartiin amma duute Keeniyaattii "nama jalqaba dhibee kanaan du'ee fi quunnamtii dhiyoo qabdu akkasumas miseensa maatii isaa yoo taatu, erga adda baafamtee turtee Onkololeessa 13 mallattoon dhibee kanaa irratti argame.

    "Namni jalqaba baatii Onkololeessa 5 du'e nama Fulbaana keessa dhukkubsatee fi erga hospitaalota Koongoo adda addaa keessatti yaalamee booda magaalaa Naayiroobii, galee guyyoota muraasa booda du'e.

    Namoonni ammas yaalamaa jiran firoottan nama jalqaba du'ee sadii, ogeeyyii fayyaa sadii fi qulqulleessituu hospitaalaa tokkoo ti.

    Ameerikaan lammiileen ishee gara Keenyaa akka hin imalle kan akeekkachiifte yoo ta'u, biyyonni ollaa kanneen akka Yugaandaa, Itoophiyaa fi Somaaliyaas dammaqinaan eeggannoo gochaa jiru.

  10. Yordaanositti halellaa namoota taaaziyaaf mana amantiitti walitti qabaman irratti raawwateen namoonni torba du'an

    Aanga'oonni biyyattii akka ibsanitti, Yordaanos keessatti iddoo awwaalchaa mana amantaa tokko irratti haleellaa raawwatameen namoonni torba du’aniiru.

    Guyyaa Jimaataa bulchiinsa Karaak, naannoo Humuud jedhamutti namoonni hidhatan mana amantaa irratti dhukaasa banuun kanneen du'aniin alatti yoo xiqqaate namoonni 34 ta'an madaa'aniiru.

    Namoonni hidhatanii fi eenyummaansaanii hin beekamne konkolaataadhaan gara mana amantaattii seenuun, namoota sirna awwaalchaaf argaman irratti dhukaasa banuun achii deeman.

    Haleellaa kana ilaalchisee namni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

    Karaak biyyattii keessatti Muslimoonni baay'inaan kan keessatti argaman yoo ta'u, hawaasni Kiristaanaas keessaa jiraatu.

    Ministirri dhimma biyya keessaa Maazan Al-Faaraya ibsagaazexeessitootaaf kennaniin, “garee mankaraaristoota” jechuun ibsan to’annoo jiruu oolchuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

    Mootichi Yordaanos Abdullaah II gamasaatiin, “Karaak irratti xiyyeeffachuun gochi shororkeessummaa raawwatame kun adabbii ulfaataatu isa eeggata” jedhaniiru.

    Odeeffannoo aanga'oota biyyattiirraa dhagahameen hanga ammaatti namoota torba qofatu du’uunsaanii mirkanaa’e.

    Dubbii himaan mootummaa biyyattii jalqabarra namoonni ja’a du’uu isaanii dubbatus, boodarra garuu lakkoofsi namoota du’anii gara torbaatti ol guddateera.

  11. 'Iraan hojjettoota US irra xiyyeeffannaa dabalte'- Hoggana Tikaa US

    Daarektarri Tikaa Biyyaalessaa US Jay Clayton Jimaata akka akeekkachiisetti "Iraan carraaqqiishee hojjettoota US biyya ormaa jiranirratti xiyyeeffachuu dabalte."

    Karoorri lammiilee Ameerikaa Baha Jiddugaleessaafi iddoo kaan keessa jiran ajjeesuu "sadarkaa yaaddessarra" gahuu ibsan qondaalli Tikaa kun.

    Akeekkachiisa kun xalayaa iccitii Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoof ergame hammata. Xalayaa kana miidiyaan michuu BBC, CBS argateera.

    Akeekkachiisni kun kan bahe wayita Ameerikaan sababa yaaddoo haleellaa kallattii Iraanii fi hidhattootaa Huutiitiin hojjettoota ishee imbasiiwwan Baha Jiddugaleessaa keessaa qabdu hir'isaa jirtuu fi waraanni Ameerikaa naannicharraa hir'achaa jirutti kenname.

    Clayton xalayaa isaa keessatti, 'Carraaqqiin karoora ajjeechaa Iraaniin lammiilee US irratti xiyyeeffate Giddu-galeessa Bahaa fi biyyoota biroo murtaa’an keessatti sadarkaa yaaddessaa irra gahee jira,' jedhee barreesse.

    Xalayaan kun,wayita bulchiinsi Tiraamp Iraan irratti haleellaa lammataa eegaluu mala jedhamaa jirutti kan bahe yoo ta’u, xiyyeeffannoon Iraan addaa ykn biyyoota karoorri kun keessatti deemaa jiru garuu addaan hin baasne.

    Clayton akka jedhetti, hawaasni tikaa US balaa ragaa iccitii jabaa kana karaa adda addaatiin argame sadarkaa isaa gad buusuuf hojjechaa jira.

    Akeekkachiisa kana hordofee wiirtuulee dippilomasii US Baha Jiddugaleessaa jiraniif of eeggannoo akka godhan dhaamameeraaf.

    Jalqaba torbee kanaa Ministeetti Dhimma Alaa US hojjettoota murteessoorraa kan hafe kuun maatii isaanii waliin hojjettoonni Imbasii Saawudii jiran akka bahan ajajee ture. Imbasiiwwan US biyyoota naannichaa jiranis akkanuma hojjetaa hir'isan.

  12. Dhuguma Konteen Yunaayitid 'baraaruuf' gara Old Tiraafold dhufuuf jedhaa?

    Leenjisaan lammii Xaliyaanii Antooniyoo Konteen erga gara Maanchistar Yunaayitid dhufuu malu jedhamee odeeffamuu eegalee deebii kennan.

    Leenjisaan duraanii Chelsii kuni Maayikil Kaarik bakka bu'uuf boordii Yunaayitid waliin dubbachuu Gaazexaan Xaaliyaanii La Repubblica jedhamu gaafa Kamisaa gabaasee ture.

    Yunaayitid gaafa Roobii Chaampiyeens Liigii irratti kilabii Koomoo waliin taphatee 4fi 1'n erga mo'amee booda kaarik irratti dhiibbaan cimeera.

    Akka gabaasa gaazexaa kanaatti, Koonteen yoo gara Yunaayitid dhufa ta'e hojjetaa ofii fidatee akka dhufu akkasumas imaammata jijjiirraa taphattootaa irratti to'annoo guutuu akka qabaachu barbaadu hime.

    Haa ta'u malee, Koonteen deebii kenneen fedhiis qabaatu ammatti garuu marii kilabii biraa leenjisu keessa akka hin jirre dubbate.

    ''Maqaan kiyya kilaboota baay'ee waliin dhahamaa jira'' kan jedhe Koonteen, kunis ta'u mariin bilchaataa kilabii biraa leenjisuuf geessisu akka hin jirre ibse.

    Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Maayikil Kaarik irra deddeebiin qabxii dhabuun isaa egereen isaa akka gaaffii seenu godheera.

  13. Naayiroobii keessatti gamoon jige namoonni keessatti danqamaniiru jedhamee sodaatame

    Gamoon ijaarsarra jiru magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii bakka gabaan guddaa keessatti argamu, Islii, keessatti jige.

    Gamoo kana keessatti namoonni keessatti danqamaniiru jedhamee akka sodaatamu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

    Gamoon kuni ijaarsarra akka tureefi lubbuu baraartonni bakkichatti bobba'uu miidiyaaleen Keeniyaa gabaasaniiru.

    Rooyitars gamoon kuni abbaa darbii 12 akka ta'e yoo ibsan miidiyaaleen kaan immoo isaa ol akka ta'e eeru.

    Sababni gamoo kanaa jijjiguu maal akka ta'e akka adda hin baane Rooyitars gabaaseera.

    Waajjirri bulchaa magaalaa Naayiroobii Joonsan Sakaajaa akka beeksisetti, mana jalaa gamoo kanaa keessatti namoonni keessa jiraatuu malu.

    Miidiyaan Keeniyaa Star jedhamu akka gabaasetti, namoonni gamoo jijjige jala jiru jedhamee akka sodaatamu gabaaseera.

    Isliin bakkee gabaa beekamaa magaalaa Naayiroobii keessatti argamu yoo ta'u bakkee lammiileen Itoophiyaas itti baay'atanidha.

  14. Loltoonni Israa'el lama Weest Baankitti haleellaa hidhattoota Filisxeemota ta'uu hin oollen ajjeefaman

    Loltoonni Israa'eel lama dhukaasa hidhattoota Filisxeemota ta'uu shakkamaniin naannoo Weest Baanki kan Israa'eeliin dhuunfatame keessatti ajjeefamuu waraanni Israa'el beeksiseera.

    Hidhattoonni kunneen rasaasan rukutamanii ajjeefamuu dura lammiilee Israa'eel sadii miidhuu aangawoonni dubbataniiru.

    Gochi kun buufata sakatta'iinsa loltootaa kan seensa magaalaa Kebroon irratti raawwatame.

    Ministirri Muummee Israa'eel Benjaamiin Netaaniyaahuu kanaaf deebii kennaniin, raayyaan ittisaa Jimaata booda jalqabee naannoo Weest Baank guutummaatti cufuuf akka qophaa'u ajajuu isaanii dubbatan.

    Haleellaan kun wayita muddamaa, wayitii qubattoonni Yihuudotaa finxaaleyyii ta'an Filisxeemota oomisha zayituunaa sassaabbatan irratti xiyyeeffataniifi filannoon waliigalaa Israa'eel guyyoota afur keessatti gaggeeffamuuf deemutti, yeroo sodaan nageenyaa fi mormiin jabaan jirutti raawwatame.

    Viidiyoon BBC'dhaan mirkanaaye akka argisiisutti, loltootaafi namoota meeshaa hidhatan gidduutti walitti dhukaasni jabaan adeemsifameera.

    Waraanni Israa'eel akka beeksisetti, konkolaataa namoota haleellaa raawwatan sanaa keessaa meeshaalee waraanaa baay'ee argateera.

    Akka waraanni Israa'el amanutti, namoonni meeshaa hidhatan kunnneen Daandii Guddaa 35 jedhamu kan dhiyoo jiru irratti haleellaa baay'ee guddaa ta'e raawwachuuf karoorfatanii turan, ta'us garuu buufata sakatta'iinsaa kanaan walitti bu'an. Kanaafuu, dhumarratti achumatti dhukaasa banuuf murteessan.

  15. RSF beekaa hospitaalotarratti qiyyaafate - Qorannoo BBC

    Hidhattoonni RSF Sudaan keessatti waraana biyyattii lolaa jiran yeroo magaalaa el Faasher marsanii turaniifi waggaa dura yeroo to'atan bu'uuraalee fayyaa magaalattii tooftaadhaan mancaasuu qorannoon BBC'n taasise bira gahe.

    Argannoo BBC kana irratti kan dubbatan hogganaan olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa UN Volker Tuurk, ''waan baay'ee nama jeequ'' jedhan.

    Hidhattoonni RSF garuu argannoo kana balaaleeffataniiru. Kuni maqaa hidhattoota keenyaa balleessuuf taasifamaa jirudha jedhan.

    BBC'n maddeen lafa jiran irraa yoo xiqqaate haleellaa garagaraa 43 hospitaalotaafi buufataalee fayyaarratti raawwate walitti qabeera.

    Akkaataa seera idil addunyaatti yeroo walitti bu'iinsaa dhaabbilee fayyaafi hojjettoota isaanii irratti xiyyeeffachuun seeraan aladha.

    Magaalaan El-Fasheer Lixa Sudaanitti kan argamu yoo ta'u waraanni Sudaanitti waggaa sadii ol dura eegale ammallee hin dhaabbatiin jira.

  16. 'Ameerikaan sichi Ulaa Hormuuz to'achuu hin dandeessu'- Iraan

    Ajajaan Humna Galaanaa Eegdota Warraaqsa Iraan (IRGC), Alii Azmaayii, Ameerikaan Galoogalaana Peershiyaa gadhiistee baateetti jechuun dubbatan.

    Alii Azmaayii ibsa isaaniin: "Har'a Ameerikaanonni Galoogalaana Peershiyaa keessa hin jiran. Ulaa Hormuz irraa fageenya kiilomeetira 600 hanga 700 ta'utti duubatti deebi'aniiru, akkasumas dooniiwwan isaanii naannawa kanatti hin mul'atan," jedhan.

    Kana malees, Ameerikaan sichi Ulaa Hormuz keessatti gahee tokkoyyuu akka hin qabne ibsan. Ibsi kun kan kenname erga Ameerikaan lammiileen ishee naannoo Galoogalaana Peershiyaa gadi dhiisanii akka ba'an ajajjee guyyoota lama boodadha.

    Sa'aatii muraasa dura, Prazidentiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, filannoo marsaa walakkeessaa kan Ameerikaa dura odeeffannoo sobaa waa'ee dhukaasa humna galaanaa fi lola doonniwwan Ulaa Hormuz keessatti godhaman irratti dubbachuun, Iraan gatii boba'aa ol kaasuf yaalaa jirti jechuun qeeqan.

    Tiraamp akka jedhetti, yeroo ammaa boba'aan gatii lolaan dura ture caalaa Ulaa Hormuz irraa ergamaa jira, Iraan gatii boba'aa ol kaasuf maloota adda addaa fayyadamuuf yaalaa jirti jedhan.

    Har'a, gatiin jikitaa boba'aa Bireent doolaara Ameerikaa 113 olitti kan ol ka'e yoo ta'u, kunis ji'oota shan darban keessatti isa ol aanaadha.

  17. Israa'el misaayela akka qolattuuf Ameerikaan doolaara biiliyoona 11 baasteetti- Iraan

    Ministarri Hajaa Alaa Iraan Abbaas Araagchii deeggarsa waraanaa Ameerikaan Israa'eiif taasiftu morman.

    Abbaas akka jedhanitti waggoota sadan darbaniif ittisa misaayelaa Israa'eliif Ameerikaan doolaara biiliyoona 11 baasteetti.

    ''Ameerikaan waggoota sadan darban keessatti maallaqa gibira ummataarraa funaanamuun sirna ittisa misayelaa Israa'eliif doolaara biiliyoona 11 baasteetti,'' jechuun X irratti barreessaniiru.

    Dabaluunis ''Israa'el eeguuf jecha misaayeloonni Ameerikaan dhukaaste baayyina misaayelaa Israa'el qabdu ni caala,'' jedhaniiru.

    Abbaas xiinxalaan imaammataa Isteefan Seemlar sanadoota Peentaaganiifi maddeen kaan fayyadamuun odeeffannoo ifa godhan fayyadamuun waraanni Ameerikaa bara 2023 irraa kaasee Israa'el tiksuuf jecha meeshaalee misaayela qolatan ykn faccisan 609 fayyadamteetti jedhan.

    ''Kuni faayidaa waloo kan kabachiisu osoo hin taane hirkattummaa dha,'' jechuun ergaa X irratti barreessaniin ibsaniiru.

    Ameerikaafi Israa'el Guraandhala darbe waliin tahuun Teehraan haleelanii waraana bananiiru.

    Iraan ammoo deebii kanaan buufataalee waraanaa Ameerikaa biyyoota michuushee keessa jiran haleelti.

    Kana malees sarara galaanaa boba'aan dhibbeentaa 20 keessa darbu Ulaa Hormuuz cufteetti.

    Kanaanis gatiin boba'aa addunyaa akkaan dabaleera.

  18. Abbootii warraa rakkoo nageenyaan Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti baqatan 1,000 ol gargaaraa jirra- Fannoo Diimaa Keeniyaa

    Dhaabbati Fannoo Diimaa Keeniyaa namoota rakkoo nageenyaa magaalaa kibba Itoophiyaa daangaa Keeniyaa irratti argamtu, Moyaalee, keessatti mudate baqachuun daangaa Keeniyaa seenan gargaaraa jiraachuu ibse.

    Gargaarsi jalqabaa abbootii warraa 1,000 ta'an qaqqabuu ibse jaarmiyaan kun.

    Fannoo Diimaa fi aanga'oonni mootummaa akka jedhanitti walitti bu'iinsa torban kana keessa Moyaaleetti mudateen dubartoota, daa'imman fi dargaggoota dabalatee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman daangaa Keeniyaatti baqataniiru.

    Rooyitarsi jiraattota magaalaa Moyaalee irraa odeeffachuun akka gabaasetti ammallee sagaleen dhukaasaa bal'inaan dhagahama.

    Magaalaan Moyaalee kan daangaa Keeniyaa keessatti argamtu garuu birqabaan nagaa qabdi.

    Garuu erga Moyaalee Itoophiyaatti dhukaasi banamee poolisiin daangaa Keeniyaa eegumsaa fi of eeggannoo nageenyaa cimseera.

    Dhaabbati Fannoo Diimaa Keeniyaa dawoo ykn mooraa yeroof ijaaruu eegaluu ibseera.

    Akkasumas dukkaana, uffata halkanii, meeshaalee bishaanii, meeshaalee nyaata itti qopheeffatan fi soorata tokko tokko dhiheessuu akka jalqabe ibseea.

    Dhaabbati kun ibsa Kamisa kaleessaa baaseen ''namoonni hedduun harka qullaa dhufan. Deeggarsa hatattamaa barbaadu. Bakka qubatan, soorata, waan uffatan fi dawaa hatattamaan argachuu qabu,'' jedhe.

    Dhukaasi Moyaalee Itoophiyaa keessatti eegale daangaa Keeniyaa keessattis miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu poolisiin ibseera.

    Rooyitarsi gabaasa poolisiin Keeniyaa baase argachuun akka gabaasetti rasaasi fagoorraa dhukaafame Moyaalee Keeniyaa keessatti dubartii tokko mormarra rukuteera.

    Dubartiin kun mana yaalaa geeffamuu fi yeroo ammaa fayyummaanshee haala gaariirra jiraachuu ibse gabaasi poolisii.

    Aanga'oonni naannoo gama Moyaalee Keeniyaan jiran walga'uun akkaataa namoota baqatan gargaaruun danda'amurratti furmaataa kaa'uuf jiru.

  19. Masiriin rakkoon Yamanitti dhalate furmaata siyaasaa argachuu akka qabu waamicha dhiheessite

    Ministirri Dhimma Alaa Masrii biyyi isaanii waldhabdee Yaman keessatti uumame mariidhaan furuuf karaa danda’amu hunda yaaluu akka barbaaddu ibsaniiru.

    Ministirichi kana kan dubbatan loltoonni Masirii waraana gareen Huutii deeggarsa Iraaniin socho'an Sa'uudii Arabiyaa waliin gaggeessaa jiran irratti mootummaa Sa'uudii deeggaruuf yaadi dhiheesse torban dhufu paarlaamaaf dhihaatee sagaleen irratti kennamuuf wayita beellami qabamee jirutti.

    Hirmaannaan kallattiin waraana Masrii waldhabdee Sa’uudii fi Huutii gidduu jiru haalaan hammeessa yaaddoon jedhu jira.

    Dilbata darbe Pirezdaant Abdel Fattaa Al-Sisii Sa’uudii Arabiyaaf deeggarsa waraanaa kennuudhaaf hayyama argachuuf yaa’iin paarlaamaa hatattamaa akka gaggeeffamu gaafataniiru.

    Walgahii cufaa Dilbata darbe geggeeffame hordofuun miseensonni paarlaamaa sagalee kennuu Wiixata dhufutti akka dabarsan murteessan.

    Ministirri Dhimma Alaa Masirii Badir Abdellatii fi Hogganaan tikaa biyyattii Hasan Rashaad Roobii darbe gara Riyaad imaluun xalayaa preezdaant Siisii ​​irraa ergame Ilma mootii Sa’uudii Mohammad Bin Salmaaniif dabarsan.

    Pirezidanti Siisiin deeggarsi waraanaa Masrii ittisa naannoo fi daangaa Sa’uudii Arabiyaa qofa irratti kan daangeffame ta’uu ibsuun, Yaman keessatti haleellaa banuuf karoorri akka hin jirre ibsaniiru.

    Deeggarsa Masriin gochaa jirtu sirriin maal akka ta'e ammallee ifa miti.

    Kamisa darbe Badir Abdellaatii akka ibsetti Masriin furmaata siyaasaa irra ga’uuf karaa danda’amu hunda yaaluu akka barbaaddu ibsaniiru.

  20. Chaansilariin Jarman biyyasaanii irratti basaasni 'guddaan' geggeeffamaa jiraachuu himan

    Jarman qiyyaafannoo basaasaa 'olaanaa' tahaa jirti jedhan Chaansilariin Fireedriik Meerz. Kunis lammiin Yukireen Raashiya otoo basaasuu qabamuun booda dhagahame.

    Akka qondaaloti jechaa jiranitti shakkamaan Vaadiim Y jedhamu Jarmanirraa odeeffannoo waraana waliin wal qabatu funaanaa ture.

    Merz dubbiin kuni saaxilamuu ''milkaa'ina'' jechuun yoo ibsan ''of gowwomsuu hin qabnu- hojii tajaajila tikaa Raashiyaa walitti fufinsaan sadarkaa hammaataarra jira,'' jedhaniiru.

    Namoonni baayyee Raashiyaafi biyyoota kaaniif hojjechaa turan waggaa kana Jarman keessatti to'atamaniiru.

    Raashiyaan Yukireen bara 2022 weeraruun as Jarman Yukireeniifi meeshaa waraanaa dhiyeessuun biyya Awurooppaa sadarkaa duraa irra jirtu dha.

    Shakkamaan Vaadiim Y jedhamu tajaajila tikaa Raashiyaa waliin bara 2025'n irraa qabee hariiroo akka qabu qondaaloti Jarman himaniiru.

    Lammiin Yukireen kuni ''oomisha konkolaattota waraanaafi meeshaalee dhuka'an,'' irratti odeeffannoo walitti qabaa ture.

    Jimaata har'a dhaddachatti ni dhiyaata.

    Amajji darbes dubartiin tokko Barliinitti embaasii Raashiyaa achi jiruuf odeeffannoo walitti qabaa turte.