Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

'Namoonni lola Mooyyaleen Keeniyaatti buqqa'an 36,000 gahaniiru' - UN

Namoonni tilmaamaan 36,000 ta'an walitti bu'iinsa naannoo Moyyaalee dheessuudhaan Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti cehuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dhaabbati dhimma godaantotaa hordofu UNHCR hime.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Alshabaab loltoota Somaaliyaa hedduu fixe - Loltoota Somaaliyaa

    Ministeerri Ittisaa Somaaliyaa akka beeksisetti, lola naannoo Jameekoo kan bulchiinsa Buurhakabaa keessa tureen finciltootni 75 ta’an yoo ajjeefaman, kan biroo 56 ammoo madaa'aniiru.

    Ibsi ministeerichaa loltoota mootummaa irraa namni meeqa akka ajjeefame ykn madaa'e hin eeru.

    Biyyi Gaanfa Afriikaa Somaaliyaan, lola waggoota kurnan lamaan darban garee Al-Shabaab faana gaggeessaa turteen bututtee jirti.

    Alshabaab garee seera cimaa Shariyaa hundeessuun bulchiinsa mataa isaa dhaabuuf kan kaayyeffate.

    Ministeerri Ittisaa biyyattii akka jedhetti, finciltootni kunneen konkolaattota boombii dhuka’u fe'aniin waraana biyyattii irratti lolan kan banan yoo tahu, kanaanis konkolaattotni waraana biyyattiis lama miidhamaniiru.

    Loltootni lama Rooyitarsiitti akka himanitti, lola kanaan loltootni mootummaa hedduun ajjeefamaniiru.

    Loltoota kanneen keessaa tokko kan maqaa isaa Ahmad jedhe, reeffa loltoota 40 fi kanneen madaa'an 100 ol gara hospitaalota magaalaa Moqaadishootti geejjibsiisuu hime.

    Loltuun biraa Faarah jedhamu ammoo, boombiin konkolaataa Al-Shabaab konkolaattota waraanaa shan akka barbadeessee fi dho'iinsa kanaan loltootni kurnan hedduutti lakkaa’aman akka ajjeefaman tilmaame.

    Somaaliyaan erga kufaatii mootummaa Mohammed Siyaad Barree bara 1991 kaasee, mootummaa giddugaleessaa laafaa fi lola gosaa keessa jirti.

  2. 'Namoonni lola Mooyyaleen Keeniyaatti buqqa'an 36,000' - UNHCR

    Namoonni tilmaamaan 36,000 ta'an walitti bu'iinsa naannoo Moyyaalee dheessuudhaan Itoophiyaa irraa gara Keeniyaatti cehuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dhaabbati dhimma godaantotaa hordofu UNHCR himeera.

    Baay'een isaanii dubartootaafi daa'imman yoo ta'an, gariin buqqaatotaa firoottaniifi hawaasa isaan simatan bira qubataniiru, kaan immoo iddoowwan yeroo gabaabaa itti dahatan keessa qubachuu ibseera UNHCR.

    Nyaanni hunda caalaatti hatattamaan waan isaan barbaachisudha kan jedhu jaarmiyaan UN, bishaan dhugaatii, dawoon, qulqullina naannoo fi tajaajila fayyaas akka isaan barbaachisu ibseera.

    Keeniyaatti Dura taa'aan Boordii Waldaa Fannoo Diimaa Kaawuntii Marsabii Adan Waaqoo erga walitti bu'iinsi kun ka'ee namoonni gara daangaa cehuun Keeniyaatti baqatan 40,000 gahan jechuun BBCtti himanii jiru.

    Miseensi Paarlaamaa kutaa Marsabiit naannoo Saakuu Alii Rasoo namoonni buqqa'an 50,000 akka caalaan eeruun mootummaan deeggarsa akka godhuuf gaafatanii jiru.

    Dhaabbileen UN, kanneen akka UNHCR, IOM Keeniyaa, UNICEF Keeniyaa fi Sagantaa Nyaata Addunyaa, Dhaabbata Fannoo Diimaa Keeniyaa fi michootnisaa dhaabbileegargaarsa namoomaa biroo waliin ta'uudhaan deeggarsaaf carraaqqii gochaa akka jiran ibseera UNHCR.

  3. Filannoo Israa'el filatamaa jiruun hirmaannan filattootaa olaanaatu mul'ate

    Filannoo Israa'el seenaa biyyattii keessatti daran murteessaadha jedhamuufi sagaleen kennamaa jiruun waggoota kurnan afur keessatti karaa mul'atee hin beekneen hirmaattonni sagalee kennaa jiru.

    Qorannoo yaada uummataa jimaata maxxanfameen aangoo biyyattii bulchuu kan harkaa qabu Beenjaamiin Neetaniyaahuu fi morkataan isaa Gaadii Eesankoot kokkee wal qabanii jiru.

    Haa ta'uu malee, lamaan isaanii keessaa tokkoyyuu teessoo olaanaa mootummaa ta'uuf isaan dandeessisu, teessoo 6, ni argatu kan jedhu hin akeeku. Kana taanaan torbanota ykn ji'ootaaf morkiin ykn falmiin siyaasaa itti fufa jechuu dha.

    Duulli filannoo isaanii ture waayee dimookiraasii fi nageenyaa irratti kan hundaaye. Kanaafuu filannoon kun bulchiinsa Neetaniyaahuuf akka riifarandamiitti lakkaawamaa jira.

    Morkattoonnii paartilee siyaasaa jajjaboon buufataalee filannoo biyyattii keessa jiran keessatti rakkoowwan mudachuu Kibxata ganama komii dhiyeessanii jiru. Koreen Giddugaleessaa Filannoo biyyattii garuu rakkoon hin jiru jedhe.

    Sirni bakka bu’iinsa madaalawaa Israa’el, mootummaan yoomiyyuu gamtaa (coalitions) paartilee adda addaatiin akka ijaaramu ni heeyyama.

    Dorgommiin aangoo argachuuf godhamu kun immoo gamtaa paartilee hin eegamne uumuu danda’a, kanaan duraas uumee jira.

    Filannoon ammaa kun addatti dorgommii cimaa kan qabudha.

    Qondaalli waraanaa duraanii, kan paartii haaraa Yashar jedhamu dursu, Eesankoot nama murteessaa gamtaa jijjiiramaa jedhamuuti.

    Gamtaan kun walitti qabama paartilee ilaalcha siyaasaa adda addaa qabaniiti; haa ta'u malee, hundi isaanii kaayyoo tokko, inni Neetaaniyaahuu aangorraa kaasuu dha.

  4. Ballon d'Or 2026 irratti tarreeffama warra mo'atee

    Ballon d'Or dhiiraan kan m'ate - Harii Keen

    Ballon d'Or dubartootaan kan mo'atte - Aleksiyaa Putelaas (Barselona, Ispeen)

    Jifataa bara kanaa - Harii Keen

    Jifattuu bara kanaa - Chaariliin Kooraal

    Kilaba dhiirotaa filatamaa bara kanaa - Paaris Seent -Jarmeen (PSG)

    Kilaba dubartootaa filatamaa bara kanaa - Baarseloonaa

    Badhaasa 'Socrates Award' baranaa kan mo'ate - Bukaayoo Saakaa

    Karra eegaa dhiirotaa filatamaa bara kanaa - Unaaayee Saayiman

    Karra eegduu dubartootaa filatamtuu bara kanaa - Kataa Kool

    Leenjisaa dhiiraa filatamaa bara kanaa - Luuwis dee Laa Foontee

    Leenjistuu dubartii filatamtuu bara kanaa - Piir Raamewoo

    Taphattuu ol adeemtuu kennaa addaa qabdu bara kanaa - Viikii Loopez

    Taphataa ol adeemaa kennaa addaa qabu bara kanaa - Lamiin Yaamaal

  5. Yordaanos haleellaa torban darbe waldaa Kiristaanaa irratti fudhatame hordofee Sooriyaa irratti tarkaanfii haaloo bahuu fudhatte

    Yordaanos haleellaa torban darbe waldaa Kiristaanaa irratti fudhatame hordofee Sooriyaa irratti tarkaanfii haaloo bahuu fudhatte.

    Torban darbe haleellaa sirna awwaalchaa waldaa Kiristaanaatti gaggeeffamaa turerratti haleellaa raawwatameen namoonni sagal ajjeefamaniiru.

    Humni waraanaa Yordaanos xiyyeeffannaawwan "dhaabbilee shororkeessitootaa" jedhaman irratti tarkaanfii haaloo bahuu fudhateera.

    Aanga'oonni fayyaa Sooriyaa kutaa bulchinsaa Daaraa jedhamu keessatti haleellaa raawwatameen daa'imman, dubartootaa fi maanguddoota dabalatee namoonni shan ajjeefamuu sabaa himaalee biyya keessaatti himeera.

    Yordaanos odeeffannoo bal'aa osoo hin kenniin xiyyaaronni waraanaashee "shororkeessitoota baayyee" ajjeesuu fi madeessuu beeksifteetti.

    Biyyattii haleellaa kana wayita raawwattutti mootummaa Sooriyaa waliin wal tumsii ibsiteetti. Haata'u malee, Sooriyaan haleellaa Wixataa kana raawwatamuu isaan dura akkan beekuuf natti hin himamne jetteetti.

    Haleellaan kun kan raawwatameef Jimaata darbe Yordaanos naannoo Karaak jedhamutti haleellaa Waldaa Kiristaanaa Giriik irratti haleellaa raawwatameen namoonni sagal ajjeefamanii 34 kan ta'an madaa'uu isaaniitiin boodadha.

    Sooriyaan haleellaa irratti raawwatameef daangaashee Yordaanos waliin ishee qunnamsiisu cufachuu beeksisteetti.

    Haala haleellaa kana guutummaa isaa mirkaneessuufis qorannoon jalqabamuu aanga'oonni biyyattii dubbataniiru.

  6. Ballon d'Or 2026: 'Akka kootti Bukaayoo Saakaa ofiif osoo hin taane warra kaaniif mo'ate'

    Taphataan Arsenaal fi Ingilaand sarara fuula duraa Bukaayoo Saakaa Ballon d'Or 2026 irratti badhaasa 'Socrates Award' jedhamu mo'ateera.

    Badhaasni kun hojii tola-ooltummaa irratti hojjechuun kan argamuudha.

    Taphataan qaroo Ingilaand hiddi dhaloota isaa Afrikaa-Naajeeriyaa ta'e kun, dirreen alatti hojii gargaarsaa dhaabbata Jarman "BigShoe" jedhamu waliin ta'uun Naajeeriyaa keessatti daa'imman maaii harka-qalleeyyii wallaansa fayyaa gahaa argachuu hin dandeneye gargaareera.

    Namoota akaakuu badhaasaa Ballon d'Or 2026 kennaman jalatti yaada kennan keessaa tokko akkas jedhe: "Akka kootti Bukaayoo Saakaa baadhaasa hunda caalu argate. Badhaasni namoota kaaniif mo'atan isa ofiif mo'atan caala," jedhe.

  7. Qondaalonni Sa'udi, Turkiifi Paakistaan Teehiraanitti maal mari'atan?

    Qondaalonni Sa'udi, Turkii, fi Paakistaan gaafa Wiixataa magaalaa guddoo Iraan, Tehiraanitti marii gaaggeessan.

    Kaayyoon isaanii ijoos muddama Giddugala Bahaatti karaatti tasgabbeessuu danda'amurratti mari'achuudha.

    Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman dhihoo Sa'udi Arabiyaa irratti haleellaa cimsuun isaanii ni yaadatama.

    Sa'udii Arabiyaa, Turkiifi Paakistaan waliigaltee waraanaa yeroo rakkinaa waliif kan mallatteessan baatii Hagayya keessadha.

    Akkaataa waliigaltee waraanaa biyyoonni kun waliif mallatteessaniitti, haleellaan biyya tokkorratti yoo gaggeeffame akka waan sadan isaanirrattuu gaggeeffameetti fudhachuun waliif duulu.

    Waraanni Iraaniifi US gidduutti gaggeeffamu Saawudiis harkisuu danda'a yeroo jedhamuuttiidha biyyoonni kun sadan waliigaltee tumsa waraanaa kan waliif mallatteessan.

  8. Masriin Sa'udi Arabiyaa tumsuuf ''tarkaanfii barbaachisu kamuu'' fudhachuufi

    Paarlaamaan Masrii Pirezidantiin biyyattii Abdal Fattaah al-Sisii Sa'udi Arabiyaan akka of kabachiiftu gargaaruuf ''tarkaanfii kamuu akka fudhattu'' eeyyame.

    Kana jechuun Masriin walitti bu'iinsa Sa'udi Arabiyaafi hidhattoota Yaman, Huutii waliin itti jirtu keessatti kallattiin akka hirmaattu taasisuu mala.

    Pirezidantiin Masrii al -Siisiin Sa'udi Arabiyaan deeggarsa yoo gaafatte jedhaniiti parlaamaan deeggarsa waraanaa Sa'udiif taasisuu akka isaaniif raggaasisu kan gaafatan.

    Sa'udiin michuu jabduu Masriidha. Masriin haleellaa Iraaniifi michuuwwan Iraan biyyoota Galfii irratti raawwatan ni balaaleeffati.

  9. Qul. Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa haleellaa Arsiitti raawwate balaaleeffate

    Qulqulluun Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa aanolee maqaa duraanii Godina Arsii jedhamu keessatti haleellaa raawwate ''cimsee akka balaaleeffatu'' beeksise.

    Haleellaa ALI Onkololeessa 10 fi 14, Aanaa Martii, Ganda Angaadaa bakka Goraa Sillingoo jedhamutti hordoftoonni amantichaa 14 akkasumas Aanaa Shirkaa bakka Xaretaa Collee Birboo jedhamuttimmoo hordoftoonni 46 ''gara jabinaan'' ajjeefamuu ibseera.

    Haleellaa Sambata raawwatameen kanneen ajjeefaman, "namoonni 46" bataskaana naannichatti argamu keessatti "boolla tokko keessatti" awwaalamuu isaanii jiraattonni lama fi maddeen bataskaana awwalchi keessatti raawwatame ibsaniiru.

    Miidiyaan Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa Qul. Sinodosii eeruun akka gabaasetti haleellaa tibbanaan manneen hordoftoota amantichaa 20 guutummaan guututti gubataniiru.

    Namoonni 20 ol ta'anis ''miidhaan jabaa irra gahee'' hospitaala seenuu isaanii gabaasi isa dhaqqabuufi kanaanis ''guddoo gadduu'' ibseera.

    Dabaluunis, kutaa lallaba biyyaa Arsiifi kaanitti haleellaan ''hordoftoota Ortodoksiirratti raawwatu dabalee'' itti fufeera jedheera.

    Ajjeechaan lammiilee nagaa akka dhaabbatuufis qaamoleen mootummaa isaan ilaallatu ''ifatti akka balaaleeffatan'' gaafateera.

    Qaamoleen badii kana raawwatan seeratti akka dhihaatan, haleellaan akka hin deebine akka tiksu akkasumas Qul. Sinodosii qaamolee mootummaa dhimmichi isaan ilaallatu waliin akka ''mari'atan'' murteessuu isaas ibse.

    Rakkinichas waaraan furuuf ''koreen abbootii qorannoo taasisan, hayyuulee bataskaanaafi ogeeyyii seeraa hammate akka hundaa'u'' qajeelfama kennuullee ibsameera.

  10. Yunaayitid Kingidam ajajoota waraanaafi milishaa Sudaan qoqqobde

    Biriiteen ajajoota waraanaa, miliishaafi qondaalota nageenyaa Sudaan 15 qoqqobde.

    Qaamoleen qoqqobaman kan waraana Sudaanis ta'e qaamolee RSF keessa jiranidha.

    Wal waraansi waraana Sudaaniifi RSF gidduu erga eegalee waggaa afraffaa keessa jira.

    Tarkaanfiin UK kuni humni addaa Sudaan (RSF) magaalaa Lixa Sudaan El Fasheer erga to'atee waggaa booda dhagahame.

    Ministeerri Dhimma Alaa UK murtee kanarra kan gahe qorannoorra hundaa'ee akka ta'e beeksiseera.

    Qorannoon kunis lammiileen nagaa akka beela'an, haleellaan saalaa akka raawwatu qaamolee lamaan waraana Sudaan keessa qooda qabaniin raawwatuu hime.

    Kanneen qoqqobbiin irratti kaa'ame sabaan qooduun haleellaa raawwachuun himatamaniiru.

    BBC'n qorannoo taasiseen humnooti RSF beekaa hospitaala irratti qiyyaafachuun mancaasuu qorannoo gaggeesseen irra gahee ture. Humnoonni RSF garuu waakkataniiru.

  11. Hogganaan Sarbiyaa mormii barattootaan waan mo'ameef lammileen biyyattii gammachuusaanii ibsachaa jiru

    Sarbiyaa yeroo dheeraatiif bulchaa kan ture Aleksaander Vuchiich sochii mormii barattootaa hordofee filannoo paarlaamaa tasaatiin mo'amuu isaa amaneera.

    "Bu'aan dhumaa hanga ammaa nu qaqqabuu baatus filannichaan mo'amuun keenya garuu ifadha," jechuun Dilbata galgala mo'amuu isaa fudhateera.

    Bu'aawwan jalqabaa Komishiniin Filannoo Sarbiyaa ifa godhe, seeraa biyyattii keessatti hirmaannaan filattootaa ol aanaa ta'e irratti hirmaatanii akka turan eereera.

    Vuchiich mo'amuu isaa erga fudhateen booda Sarbiyaa bakka baayyeetti namoonni addabaabayiitti bahanii gammachuusaanii ibsataniiru.

    Vuchiich filannoon tasaa akka gaggeefamu waamicha kan dhiyeesse magaalaa Noovii Saadiitti baaxiin buufata baaburaa jigee namoonni 16 du'uu hordofee biyyattii keessatti sochii mormii waggoota lamaaf itti fufee gaggeefamuun boodadha.

    Balaan buufata baaburaa Sarbiya akeessatti malaammaltummaa babal'atee fi mallattoo dhibaa'ummaa akka ta'etti ilaalamuu isaatiin mormiin kan ka'e.

    Dursaan Sarbiyaa Pirogireesiix Paartii, Vuchiich, marsaa pirezidaantummaa lamaaf erga tajaajileen booda marsaa sadaffaatiif dorgomuu waan hn dandeenyeef, bara 2017 irra kaasee aangoo ministeera muumee gadhiisee turetti deebiyuudhaaf kaayyoo qaba ture.

    Sochii mormii baratootaa hordofee kan hundeeffamee fi filannicha kan mo'ate dursaan 'Student list' Iiliiyaa Sirdaanoovich 'mootummaa bilisaatu' hundeeffama jechuun BBC Sarbiyaatti dubbateera.

    Filattoota mormitoota mootummaa Sarbiyaa guutummaa biyyattiirraa ta'an kan walitti qabate sochiin farra malaammaltummaa, "biyyattii bulchinsa roorroo fi hacuuccaa jalaa bilisa baasa," abdii jedhu akka qaban dubataniiru.

  12. Huutiin buufata xiyyaaraa fi oomisha boba’aa Sa’udii Misaa'elaan haleelu hime

    Huutiin Wixata har'aa Buufata Xiyyaaraa Riyaad fi buufata jikita boba'aa keessaa baasan Sa'ud Arabiyaa keessatti argaman irratti haleellaa raawwachuu beeksise.

    Humni waloo Sa'ud Arabiyaan hogganamuu fi Yaman keessatti argamu gama isaatiin, har'a ganama misaa'ela Huutiin dhukaase fashaleessuu fi meeshaa misaa'elii ittiin dhukaafamu Yaman, Sanaa keessatti argamu lama barbadeessuu beeksiseera.

    Huutiin Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa King Kaalid magaalaa guddoo Sa'udii keessatti argamuu irratti misaa'ela dhukaasuu fi haleellaan kunis "bakka irratti xiyyeeffatame sirriitti rukkutuu isaa" dubbi -hhimaan garee kanaa buufata TV Huutii waliin walitti dhufeenya qabu Masiiraahatti dubbateera.

    Gareen hidhate kun buufata xiyyaarichaatiin ala buufataaleen jikita boba'aa keessaa baafaman biyyattii keessatti argaman dirooniin haleeluu isaa ibseera.

    Sa'udiin waa'ee haleellaa buufata xiyyaaraa irrattis ta'e bakka boba'aan ba'urratti raawwatameera jedhamee hanga ammaa yaada hin kennine.

    Ittisni Sivilii Sa'udii magaalaa guddoo kan taate Riyaad keessa balaan jiraachuu akka danda'u beeksisa ibsu baasee kan ture yoo ta'u, boodarra ammoo yaaddoon sun darbuu beeksiseera.

    Huutiin haleellaa kana raawwachuu kan beeksise humni waraanaa waloo Sa'udiin durfamu meeshaa misaa'ela dhukaasu lama Yaman-Sanaa keessatti argamu barbadeessuu isaa erga beeksisee boodadha.

    Iraaniin kan deeggaramu Huutiin haleellaa Sa'udiirratti raawatu cimsee itti fufuu hordofee Ameerikaan hojjetoota biyyattii keessatti argaman warra hojjetoota yeroo muddamaa hin taanee fi maatiin isaanii Sa'udii keessaa akka ba'an ajajuun ishee ni yaadatama.

  13. Pirezidantiin Biraazil Luulaa Daasilvaa marsaa afuraffaaf filannoo mo'ate

    Pirezidantiin Biraazil Luuwiiz Innaasiyoo Luulaa Daasilvaa ilma pirezidantiin duraanii biyyattii kan ta'e Filaaviyoo Bolsonaaroo mo'achuun marsaa afraffaaf pirezidantiif filatameera.

    Filannoo dorgommiin isaa cimaa ta'e kanaan Luulaan sagalee 98.87 hanga mmaatti lakkaa'ameen parsantaa 51.79 argachuun mo'ateera.

    Morkataan Luulaa, Filaaviyoo Bolsonaaroon garuu mo'amuu isaa hin fudhanne.

    Filaaviyoon ilma pirezidantii duraanii Biraazil amma hidhaa mana keessaarra jiru Bolsonaariyooti.

    Buufataaleen filannoo sa'aatiiwwan dabalataa lamaaf banaa ta'anii akka turaniif sababiin taasifameef ifa miti kan jedhe Filaaviyoo Bolosonaaroon, bu'aa filannoo kana gonkumaa hin fudhadhu jechaa jira.

    Filaaviyoo Bolsonaaroon magaalaa guddoo biyyattii Biraaziliyaa keessatti haasaa deeggartoota isaatiif taasiseen, filannoon kun akka haqamuuf gaaffii akka dhiyeessu eereera.

    Iyyannaan isaa kun garuu bu'aa filannoo kanaa "injifannoo seena qabeessaa" fi jijjiirama sagalee osoo hin eegamiin kan irratti mul'ate jechuun ibsan Luulaa fi deeggartoota isaa gammachuu isaanii ibsachuurraa isaan hin dhorkine.

  14. Keeniyaan guyyoota 42 keessatti Iboolaa balleessuu nan danda'a jette

    Barreessaan Kaabinee Fayyaa Keeniyaa Adeen Du'alee namni haaraan qabamu hin jiru taanaan Keeniyaan guyyoota 42 keessatti weerara Iboolaa balleessuu dandeessi jedhe.

    "Dhibee kana karaa milkaa'aa ta'een to'ataa jirra waan ta'eef Keeniyaan guyyoota 42 keessa biyya Iboolaa irraa bilisa taate jedhamtee akka labsamtu nan amana. Kun guyyaa dhumaa keeniyaatiin kaa'ame osoo hin taane qajeelfama idil-addunyaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)tiin kaa'amedha."

    Keeniyaa keessatti dhorkaa imalaa, daldalaa fi turiizimii ilaalchisee Adeen Du'alee akkas jedhe: "Keeniyaa keessa dhorkaan imalaa, daldalaa fi turiizimii hin jiru. WHOn Ministeera Fayyaa fi Ministeera Dhimma Alaatti himeera. Ejjennoon WHO biyyi kamiyyu daangaa isaa akka hin cufannee fi dhorkaa kaa'uu hin qabnedha."

    Dhibeen Iboolaa jalqaba Keeniyaa keessatti kan mul'ate Onkoloolessa 3, 2026 erga dhukkubstaan tokko DRIppablika Dimokiraatawaa Koongoo (DRC) irraa seenee boodadha.

    Adeen Du'alee akka jedhetti, dhibeen kun akka hin tamsaane ittisuuf mootummaan namoota qabamaniiru jedhee shakku qorachuu fi kanneen nama dhibeen kun irratti argame waliin walitti dhufeenya qabu jedhee shakku faana dhahaa jira.

    Saatii 48 darban keessa namoonni 551 vaayiresii Iboolaa yoo qabaataniif jedhamee qoratamanii booda hundi isaanii bilisa ta'aniiru.

    Keeniyaatti namoonni lama dhibee kanaan lubbuun kan darbe yoo ta'u, isaan keessaa kan jalqabaa nama umuriin isaa waggaa 45 ta'e erga qabamee gara biyyattii seenedha. Lamaffaan ammoo dubartii umuriin ishee waggaa 65 taate Onkoloolessa 23 lubbuun darbedha.

    Ministeerri Fayyaa akka jedhetti, hanga ammaatti dhibeen kun irratti argamuun kan mirkanaa'e karaadhuma nama tokkoon kan daddarbe ta'ee kanneen isa waliin walitti dhufeenya godhaniiru jedhamanis baramaniiru. Hanga ammaatti dhibeen kun hawaasa keessa tatamsa'uu ragaan hin jiru.

    Mootummaan lammileen qulqullina harkaa eeggachuun, akkasumas qajeelfama ogeessonni fayya akennan hordofuun of eeggannoo barbaachisu akka taasisaniif gaafateera.

  15. Ameerikaan haalli nageenyaa Sa'udii akka hamamatu ibsuun, lammileen ishee akka bahan ajajje

    Mootummaan Ameerikaa, sababa rakkoo nageenyaatiin, lammilee fi hojjettootni mootummaa Ameerikaa hojiiwwan yeroo muddama hin taane irratti bobba’ani fi maatii isaanii Sa’udii Arabiyaa keessaa akka bahan ajaje.

    Imbaasiin Ameerikaa Sa'ud Arabiyaa Riyaad jiru ibsa Onkoloolessa 25, 2026 baaseen, tarkaanfii kana kan fudhate haleellaa buufata xiyyaaraa fi bu’uuraalee murteessoo biyyattii irratti raawwatamaa jiru hordofee ta'uu eere.

    Gareen loltoota Huutii Iraaniin deeggaraman Sa’udii Arabiyaa irratti haleellaa raawwachuu kan itti fufan yoo ta'u, haleellaan kunis buufata xiyyaaraa namoonni siviliin itti fayyadaman irratti miidhaa qaqqabsiisuu fi imala xiyyaaraa jeeqeera.

    Ameerikaan walitti bu’iinsi kun saffisaan babal’achuu akka danda’us akeekkachiifteetti.

    Kanaaf lammiileen Ameerikaa haleellaan dabalataa, ugguramuu daandii qilleensa biyyattii, haqamuu balalliiwwanii fi rakkoon imalaa mudachuu akka danda’an hubatanii akka of qopheessan ibsi kun akeekkachiiseera.

    Namoonni buufata xiyyaaraa Sa’ud Arabiyaa fayyadamuu filatan of eeggannoo guddaa akka taasisanis jedheera.

    Erga Huutiin Sa'udii diroonii fi misaa'elaan haleeluu eegalee as buufataalee xiyyaaraa biyyatti heddu keessatti yeroo balalii tursisuu fi haquun bal'inaan mul'ataniiru.

    Ameerikaan imaltoonni haala balallii isaanii kallattiin dhaabbilee xiyyaaraa fi buufata xiyyaaraa irraa mirkaneeffatanii akka imalan gorsiteetti.

  16. Iraan fi michoonnishee filannoo Israa'el jeequuf karoorfachaa jiru - Netaaniyaahuu

    Ministirri Muummee Israa'el Benjaamiin Netaaniyaahuu Iraan fi Michonnishee filannoo Israa'el Kibxata gaggeefamuuf jiru jeequudhaaf haleellaa gaggeessuu danda'u jedhe.

    Ergaa viidiyoon waajirri isaa Dilbata gadhiiseen, Netaaniyaahuun intelejensiin Israa'el diinonni biyyattii haleellaa raawwachuun filannoorratti dhiibbaa gochuuf yaaluu malu jechuun akeekeera jedhe.

    "Diinonni keenya, Iraan fi michoonnishee haleellaa filannoo jeequuf kaayyeffate raawwachuun nu qoruu akka malan intelejensii [odeeffannoo basaasaa] qabna," jechuun ibse.

    Tarkaanfiiwwan ofirraa ittisuus ta'e haleeluu fudhachuutiin deebii kennuuf waraanni Israa'el qophaa'uus itti dabaluun ibseera Netaaniyaahuun.

    Haleellaan akkasii mudannaan Israa'el humna warri haleele eegu caalaan deebii kennina jechuunis akeekkachiiseera.

    Dubbiin Netaaniyaahuu kun kan dhaga'ame yeroo muddamni Israa'el fi Iraan gidduutti dabalaa dhufeefi filannoo Israa'el Kibxata gaggeeffamuuf karoorri qabamettidha.

  17. ASHAMAA!

    Toora oduu amma ta'e kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.

    Buufanni xiyyaaraa deebiyee yeroo banamaa jirutti Sa'ud Arabiyaa-Riyaad keessatti dho'insi dhaga'amuu hordofee waan ta'ee fi odeessaalee kaan karaa Marsariitii (Website), Instagram, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.

    DHIYAADHAA!