KALLATTIIN, Ameerikaan dolaara biliyeena 300 Iraaniif kennuuf jedhamuu Tiraamp waakkate

Ameerikaa fi iraan erga waliigalteerra gahanii booda Ameerikaa fi michoonnishee maallaqa guddaa Iraan deebisanii ijaaruuf oolu ni kennu jedhamuu Pirezidant Tiraamp waakkateera.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'el haleellaa Libaanositti gaggeessitu hin dhaabdu taanan, tarkaanfii waraanaa laalessaa irratti fudhanna- Iraan

    Loltuu konkolaataa gubbaa dhaabbatu

    Madda suuraa, Getty Images

    Israa'el michuu Iraan kan ta'e Hezbollaarratti haleellaa gaggeessuu itti fufuu hordofee Iraan tarkaanfii waraanaa cimaa Israa'el irratti akka gaggeessuu maltu akeekkachiiste.

    Iraan Libaanos keessatti haleellaan waraanaa Israa'el hin dhaabbatu taanan, waliigalteen US waliin taasifte danqamuu akka danda'u irra deddeebiin ibsaa jirti. Amma immoo Israa'el haleellaa hin dhaabdu taanan, tarkaanfii waraanaa akka fudhattu beeksiste.

    Iraan waa'ee Libaanos akka qaama waliigaltee US waliin taasisteetti ibsiti.

    Qondaalonni US ammoo dhiimmi sochii waraanaa Israa'el Libaanos keessatti taasisaa jirtuu qaama waliigaltichaa akka hin taane ibsu.

    "Erga Pirezidaant Tiraamp waraanni akka dhaabatu labsee as Israa'el kibba Libaanos keessatti waliigaltee dhukaasa dhaabuu si'a 84 cabsite," jechuun Israa'el haleellaa kana hin dhaabdu taanan, "haleellaa waraanaa cimaa ta'etu Humna Waraanaa Iraan irraa ishee eeggata" jedha ibsi Iraan baaste.

  2. Israa'el dirqama Libaanos keessaa bahuu qabdi- Iraan

    Mohaammad Gaalibaaf

    Madda suuraa, Iranian Parliament Speaker Office

    Israa'el humna waraanaashee dirqama Libaanos keessaa baasuu akka qabdu Iraan ibsite.

    Afa-yaa'ii paaralaam Iraanifi waliigaltee Iraan bakka bu'uun waliigaltee US-Iraan kan mallatteessan Mohaammad Gaalibaaf, mootummaa Libaanos waliin bilbilaan dubbachuu ibsuun Israa'el kibba Libaanos keessaa bahuun dirqama akka ta'e dubbatan.

    Mohaammad Gaalibaaf fuula Telegiram irratti ergaa barreessaniin, mootummaa Libaanos waliin marii taasisaniin "Libaanos dabalatee waraanni hunduu dhaabbachuu qaba" jedhan.

    Iraan waliigaltee US waliin taasisteen, waa'een Libaanos ajandaawwan ijoo keessaa tokko ta'uufi Israa'el Libaanos keessaa bahuurratti waliigaluu ibsite.

    Qondaalonni US garuu dhimmi Libaanos qaama waliigaltee US-Iraan akka hin taane dubbatu.

    Israa'el ammoo Libaanos keessaa akka hin baane ibsiteetti.

    Ministiirri Muummee Israa'el beeniyaamiin Netaaniyaahuu kaleessa ibsa kenneen, loltoonni Israa'el Libaanos keessaa akka hin baane dubbate.

    Iraan ammoo waliigalteen US waliin taasiste Israa'el haleellaa Libaanos keessatti taasistu dhaabufi dhiisurratti hundaa'a jetti.

    Waa'en Libaanos qaama waliigaltee US-Iraan ta'uufi dhiisuun hanga ammaa ifatti waanti barame hin jiru.

  3. Haleellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeessiteen namoonni afur du'an

    Aara samiitti olka'ee mul'atu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa Wiixata Israa'el Libaanos keessatti gaggeessite booda aara samiitti ol ka'ee mul'atu

    Iraan waliigalteen US waliin taasiste Israa'el haleellaa Libaanos keessatti taasistu dhaabuu kan hammatu ta'uu ibsitus, Israa'el haleellaa hin dhaabne.

    Miidiyaan Libaanos National News Agency (NNA) akka gabaasetti, haleellaa Israa'el kibba Libaanositti gaggeessiteen namoonni afur ajjeefaman.

    Israa'el haleellaa Libaanos keessatti gaggeessitu dhaabdee hin baatu taanan waliigalteen US waliin taasiste akka itti hin fufne Iraan irra deddeebin akeekkachiisaa jirti.

    Gama biraan ammoo Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuu kaleessa ibsa kenneen, loltoonni Israa'el Libaanos keessaa akka hin baane dubbate.

    Tiraamp ammoo yaa'ii Biyyoota Guddatan G-7 jedhamu irratti argamuun har'a akka dubbatetti, halellaa Israa'el Libaanos keessatti gaggeeffamutti akka hin gammanne dubbate.

    Israa'el osoo namoota nagaa hin ajjeesin [Hezbollaa qofarraatti] hin xiyyeeffattu taanan, Sooriyaan Hezbollaa akka loltu gochuu akka barbaadu dubbate.

  4. Zeleniskiin, Tiraamp sichi dhimma Iraan caalaa Yukireeniif xiyyeeffannaa kenna jedhee akka abdadha jedha

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Volodiymiir Zeleniskii fi Donaald Tiraamp

    Waliigalteen US fi Iraan mallatteeffamuu hordofee, Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii isaaf carraa gaarii ta'uu itti dhagahame.

    Doonaald Tiraamp dhuma Guraandhala darbee Iraan irratti waraana labsuun dura, dhimma Iraanii fi waraana Yukreen ilaalchisee mariiwwan wal-maddii gaggeeffamaa turan.

    Waraanni Iraan eegaluu booda, mariin Yukreen addaan cite. Gatiin boba'aa ni dabale. US qoqqobbii boba'aa Raashiyaa irratti keessee turte laaffiste, Yukireen immoo tarkaanfiin kun irree waraana Raashiyaatiif tumsa ta'a jettee mormitee turte.

    Waraanni sun meeshaalee waraanaa ittisa qilleensaa baay'ee barbaachisoo ta'an Yukireen irraa dugda galchuun buufataalee waraanaa US fi michoota ishee Baha Jiddugaleessaaf akka oolan godhe.

    Amma, Kiyiiv Pirezidant waraana Iraan akka darbeetti ykn duubatti deebi'eetti ilaaluu akka eegaltee fi Donaald Tiraamp xiyyeeffannaa isaa deebisee Yukreen irratti akka taasisu abdatti.

    "Pirezidant Tiraamp dhimma waraana Yukreenii fi Raashiyaa irrattii deebi'ee hirmaachuuf dandeettii guutuu akka argatu ni amanna," jechuun ministirri dhimma alaa duraanii Yukireen Vadiim Piristaayikoo BBC'tti himaniiru.

    "Nutis isa barbaanna." Zeleniskiin Kora G7 irratti Donaald Tiraamp waliin wal argeera.

    Akka bulchaan Yukreen jedhutti, Doonaald Tiraamp gaaffii isaa kan misaayeloota ittisa qilleensaa Paatriyoot dabalataa dhaggeeffateera.

    "Gargaarsa nuuf gochuu irratti ilaalcha gaarii qaba ture," jechuun Zeleniskii Rooyitarsiitti dubbateera.

    Zeleniskiitti oduun biraa abdii itti hore, Doonaald Tiraamp "dhiyeenyatti boba'aa Raashiyaa irra qoqqobbii deebisee kaawuu ni dandeenya" jedhee dubbachuu isaati.

  5. 'Maallaqni US sharfeen takka waliigalteef jecha Iraaniif hin kennamu' - JD Vaans

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, JD Vaans

    "Maallaqni US sharfeen takka qaama waliigaltee kanaa ta'uun Iraaniif kenninu hin jiraatu" jedhan Pirezdantii Itti aanaan US JD Vaans.

    JD Vaans dubbii FOX NEWS irratti dubbatan kanaan bulchiinsa Tiraamp bulchiinsa Baaraak Obaamaa duraan tureen wal bira qabanii kaasan. Obaamaan "Dolaara Biliyoona 1 caalu Iraaniif kennuu" himan.

    Kaataar irraa dolaarri Biliyoona 300 akkasumas qabeenyi Iraan jalaa qabame ture dolaarri biliyoona 24 kan gadhiifamuuf yoo ta'e hoo jedhamee kan gaafatameef, JD Vaans "sun bu'uurarraa olola Iraani" jedhan.

    "Kun olola qaamoleen Iraan tokko tokko waligaltee kana ija gaariin akka hubataniif hawaasa isaanii biyya keessaatiif karaa miidiyaalee ofii facaasaa jirani" jedhan.

    "Dolaara biliyoona 24 mitii, dunbulloo cabduu maallaqni Ameerikaa Iraaniif kennamu hin jiru, maallaqni takkallee" jedhan.

    Haa ta'uu malee, dirqama isaanirraa eegamu kan bahan yoo ta'e faayidaan Iraaniif eeggamu jira jedhan Vaansi. Kaataar, UAE, ykn Saa'udi Arabiyaa fa'i Iraan keessatti invastimantii dalagaguun filannoo isaanii ta'uu danda'as jedhan pirezdantii itti aanaan Ameerikaa kun.

  6. Ameerikaa fi Iraan qaamaan Siwiizerlaanditti waliigaltee mallatteessufi

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Riizoortii Siwiiz

    Iraanii fi US ifatti waliigaltee mallatteessuuf Siwiizerlaand Riizoortii Siwiizi kan Bargenistookitti argamutti wal arguuf akka jiran Ministeerri Dhimma Alaa Siwiizerlaand gaazexaa biyyattii Schweiz Heutejedhamutti hime.

    Jilli biyyoota lamaanii Jimaata wal argas jedhameera.

    Akka gabaasa miiidiyaa biyya Siwiizerlaanditti, giddu deemtonni araaraa Paakistaanii fi Kaataar iddoo waliigaltee kana akka filannootti dhiyeessun isaanii beekameera.

    Riizoortiin kun waggaa lama keessatti yeroo lammaffaaf iddoo marii dippilomasii ta'ee filatame jedhameera.

    Korri nagaa Yukireenirratti mari'atu kan Waxabajjii 2024 bara 2024 keessa hogganoonni biyyoota addunyaa irratti argaman riizoortii kana keessatti taa'amee ture.

  7. 'Iraan waliigalteen marsaa 2ffaa akka raawwatamu feeti' - Tiraamp

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Traampii fi Mohammad Biin Zaayid

    Pirezdantiin US Donaald Tiraamp kora garee biyyoota badhaadhanii G-7 walcinaa Pirezdantii UAE Sheekh Mohammed biin Zaayid waliin dubbate.

    Waayee waliigaltee marsaa 2ffaa Iraan faana godhamuu ilaalchisee maal akka yaadu kan gaafatame Tiraamp, "yeruma isaa eegee akka raawwatamu" akka ta'e hime.

    "Iraan akka raawwatamu barbaaddi, isaan gara hojii idileesaaniitti deebi'uu barbaadu" jedhe.

    Dhimma kanarratti ergaa maaliif hin dabarsin jennaan dura akka bakka eegamu gahuu qabu yaadee ta'uu" dubbate.

    "Iraan gonkumaa nukilarii hin hidhattu, kan jedha waliigaltichi .... 99.9% kan ani barbaadu kanadha."

    Ulaan Hormuuz deebi'ee banamuufi "qaraxa tokko malee", guyyoota 60 boodas dabalatee jedhe.

    Sanada waliigaltee kanaarratti "tokko tokkoon" miidiyaaf ibsa akka kennu hime.

    "Sababni isaas sanada baay'ee barbaachisaa dha" jedhe.

  8. Israa'el Libaanos keessaa baatu malee waliigalteen dhumaa gaggeeffamu hin jiru jechuun Iraan waadaa galuufii Hezbollaan ibse

    Gaggeessaa Hezbollaa Naa'iim Qaasiim

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el humna waraanaashee Libaanositti bobbaaste baastu malee waliigalteen dhumaa Iraan wajjin taasiftu akka hin jirre Iraan waadaa galuufi Hezbollaan beeksisuu isaa Rooyitars gabaase.

    Michuu Iraan kan ta'eefi hidhatee Libaanos keessa kan socho'u Hezbollaan ibsa baaseen, waliigalteen dhumaa Iraan US waliin gaggeessitu kamuu Israa'el Libaanos keessaa guutummaan bahuurratti kan hundaa'udha jedhe.

    Iraan marii US waliin taasisteen dhimma Libaanos akka ajandaa ijootti dhiyeessite. Haleellaan Israa'el Libaanos keessatti gaggeessitu hanga hin dhaabbannetti waliigalteen US waliin taasiftu kamuu akka hin milkoofnes irra deddeebiin kaasaa jirti.

    Haa ta'u garuu, waliigalteen wal-hubannoo US-Iraan gidduutti taasifame hanga ammaa ifa waan hin taanef, waa'ee bobbaa waraanaa Israa'el Libaanos keessa jiruu ifatti waan irratti waliigalame hin beekamu.

    Hanga Israa'el guutummaan Libaanos keessaa baatutti waliigalteen nikularaa USfi Iraan gidduutti gaggeeffamu hin jiru," jechuun Iraan waadaa akka galteef ibse Hezbollaan.

  9. 'Kaataar waliigaltee Iraanii fi Ameerikaa of eeggannoo fi abdiin ilaalti' - Kaataar

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, 'Kaataar waliigaltee Iraanii fi Ameerikaa of eeggannoo ilaalti'

    Waligaltee nagaa waraana Ameerikaa fi Iraan gidduu jiru dhaabuu keessatti qooda fudhachaa kan jirtu Kaataar waliigalteen kun Giddu-galeessa Bahaaf nageenya fiduu danda'a jettee akka amantu ibsite.

    Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Maajid Al-Ansaarii yaada miidiyaaf kennaniin, Dohaan waliigaltee kana irratti "of-eeggannoodhaan akka ilaaltuu fi abdii irraa qabdu" ibsaniiru.

    "Mallatteeffamuun waliigaltee kanaa, sagantaa niwukilaraa fi dhimmoota biroo irratti mariiwwan itti aananii taasifamanii fi nageenya naannichaa gara sadarkaa itti aanutti ceesisuuf ni fayyada," jedhan.

    Kaataar marii kana keessatti "garee jaarsummaa Paakiistaaniin durfamu keessatti" hirmaachuu ishee Al-Ansaariin mirkaneessaniiru.

    Waliigalteen kun Ulaan Hormuuz akka banamuuf haala kan mijeessuus jedhan. "Kaataar dabalatee, biyyootni boba'aa addunyaaf akka dhiyeessan dandeessisa," jedhaniiru.

  10. Waa'ee waliigaltee US-Iraan odeeffannoowwan wal-dhiitan bahaa jiru

    Ismaa'el Baaghaei

    Madda suuraa, Getty Images

    US fi Iraan gidduutti waliigalteen wal-hubannoo mallattaa'un alatti qabiyyeen waliigaltichaa ifatti hin ibsamn.

    Jimaata dhufu yeroo qaaman wal-arguun mallatteessan qabiyyeensaa uummataaf akka ifa ta'u Tiraamp dubbate.

    Dilbata darbe waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallattaa'uun erga ibsamee as qondaalota Washingtanifi Tehraan irraa odeeffannoo wal-dhiitutu dhagahamaa jira.

    Iraan maal jette?

    US maallaqa gadi qabame gadi lakkisti, qoqqobbii ni kaasti: Dubbi himaa ministeera dhimma alaa Iraan kan ta'an Ismaa'el Baghaei kaleessa akka jedhanitti, US Iraan waraanan miidhamte deebistee ijaarufi qoqqobbii diinagdee keessee turte kaasuuf waadaa galteetti.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisees qondaalli Iraan kun ibsa kennaniin, Iraanifi Omaan dooniwwan daldalaa ulaa kana keessa akka darbaniif waliin ta'uun nageenya ni to'atu.

    Waa'ee Libaanos: "Libaanosifi waraanni Libaanositti gaggeeffamuu xumura godhachuun ijoo waliigaltee kanaati," jecchuun Israa'el Libaanositti waraana dhaabdee akka achii baatu US gochuu akka qabdu dubbatan Ismaa'el Baaghaei.

    US hoo maal jette?

    US deeggarsa maallaqaa ni gooti, qoqqobbii diinagdee ni kaasti kan jedhu "qoosaadha" jedhe Tiraamp. Iraan waliigalteerra akka geessuf US fandii investimentii Iraaniif kennuuf waliigalteetti jechuun gabaasaleen erga bahanii boodadha Tiraamp kan waakkate.

    Waa'ee Ulaa Hormuuz ilaalchisee Tiraamp Dilbata darbe ibsa kenneen, waliigalteen wal-hubannoo qaaman wal-arguun erga mallattaa'ee booda guutummaan akka banamu ibse. Garuummoo ulaa kana eenyu akka to'atu ilaalchisee odeeffannoo bal'aan Tiraamp kenne hin jiru.

    Libaanos: Qondaalli olaanan US tokko kaleessa akka ibsanitti, loltoonni Israa'el Libaanos keessaa bahuun qaama waliigaltee US-Iraan miti.

  11. Waliigalteen Iraan Netaaniyaahuuf dhiphuu siyaasaa itti taha

    Netaniyaahuu fi Tiraamp

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Iraaniifi Ameerikaa ministira mummee Israa'eliif dhiphina siyaasaa, bu'uuraalee dalagaa siyaasaa Beenjaamiin Netaaniyaahuu diiguun burjaajii dhimma nageenyaa haaraatti isa baaseera.

    Akkamiin namni Washingitanitti siyaasa hasaasu, namoota siyaasaa Ameerikaa irratti dhiibbaa jabaa qabu moggaatti baafamee michuu isaa ijoo US'n addabaabaayiitti arrabfama?

    Akkamittiin namni Iraan biyya yaaddoo imaammata nageenyaa Israa'el taate morkachuun booda Iraaniin inumaa ejjennoo jabaa jedhamurratti dhiisee waraana dhaaba?

  12. "Haleellaan Israa'el Libaanos irratti raawwattu waliigaltee Ameerikaa waliin taasifame cabsuudha," Iraan

    Ministira dhimma alaa Iraan Abbaas Arraagchii

    Madda suuraa, EPA

    Iraan kanaan booda haleellaa Israa'el Libaanosirratti raawwattu kamiyyu waliigaltee Ameerikaa waliin taasifamu cabsuudha jechuun akeekkachiifte.

    Ministirri dhimma alaa Iraan Abbaas Arraagchii akka jedhetti, waliigalteerra yeroo ga'ametti gama tokkoon Iraan fi Hezboollaa, gama kaaniin ammoo Ameerikaa fi Israa'el ta'eeti jechuun haleellaa Israa'el gaggeessitu akka dhaabbatuuf hubachiiseera.

    Abbaas Arraagchii dhimmamee kan dubbate, "waraanni Libaanos keessa jiru dhaabbachuun dhaabbachuu waraanichaa waliigalaarraa adda baafamee kan ilaalamu miti, waraanni dhaabbachuun dabalataan weerarri dhaabbachuu kan hammatudha," jedheera.

    Akkaataa kanaan, "kanaan booda weerarri Israa'el daangaa Libaanos keessatti kan itti fufu taanaan waliigaltee irra gahame diiguudha jennee ilaalla gama keenyaan," jedhe Abbaas Arraagchii.

    dubbiin ministira dhimma alaa Iraan kun kan dhaga'ame, Israa'el "shororkeessitoota" gara loltootashee Libaanos Kibbaa keessa jiranitti dhiyaachaa jiru jetterratti haleellaa gaggeessuushee erga beeksifteen boodadha.

    Gareen Hezboolaa Libaanos gama isaatiin haleellaa Israa'el gaggeessiteef misaa'elootaa furguggisuu fi diroonota bobbaasuun deebii kennuu himeera.

    Ameerikaa fi Iraan waliigalteerra gahuun isaanii erga ibsamee booda Israa'el "naannawaa nageenyaa" kan jettu kutaa bulchiinsa Libaaos keessa hunoonnishee akka turan beeksifteetti.

    Aanga'oonni mootummaa Israa'el baayyeen waliigaltee Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifame kana mormaniiru.

  13. Tiraamp Jimaata dursee qabxiilee waliigaltee US fi Iraan ifoomsuu danda'a- Vaans

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Doonaald Tiraamp qabxiilee waliigaltee waraana dhaabuu US fi Iraan irra ga'an keessatti hammataman Jimaata dura ifoomsuu akka danda'u Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'e JD Vaansi dubbate.

    Waliigalteen wal hubannoo kun Jimaata Siwiizarlaanditti akka mallattaa'u Iraan ibsitee turte. Tiraamp garuu waliigalteen mallattaa'eera jedhe.

    Vaansi Waliigalteen Walhubannoo US fi Iraan ''fuula tokkoo fi walakkaa,'' ta'uu fi ''waan waliigalaa kan qabate'' ta'uu ibse.

    Aanga'oonni olaanoo Ameerikaas qabxiilee waliigaltee kanaarratti yaada kennaa jiru.

    Fakkeenyaaf Jimaatuma wayita waliigalteen Jenevaatti mallattaa'u Ulaan Hormuuz akka banamu yaada kennaa jiru.

    Haata'u malee duraan wayita biyyoonni lameen waliigalteerra ga'uun ibsamu, uggurri ulaa kanaan walqabatee jiru kamuu guyyoota 30 keessatti akka ka'utu eeramee ture.

    Yaadonni kunneen wayita Tiraamp kora G7 Faransaayitti hirmaatu dhagahaman.

  14. Ameerikaan dolaara miliyoona 300 Iraaniif kennuuf jedhamuu Tiraamp waakkate

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ameerikaa fi iraan erga waliigalteerra gahanii booda Ameerikaa fi michoonnishee maallaqa guddaa Iraan deebisanii ijaaruuf oolu ni kennu jedhamuu Pirezidant Tiraamp waakkateera.

    Tiraamp miidiyaa hawaasaa isaarratti akka ibsetti, Iraan meeshaa waraanaa nukilaraa gonkumaa akka hin qabaanne waliigalteerra ga'amuu eeruun, haata'u malee, Ameerikaan Iraaniif gabaasaaleen Ameerikaan Iraaniif dolaara miliyoona 300 kennuuf waliigalteetti jedhamu wakkateera.

    "Ameerikaan Iraaniif dolaara miliyoona 300 kaffaluuf jedhamee kan dubbatame oduu sobaa Dimokiraatota warra doofaan himamaa jiru," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaa Truth Social irratti katabe Tiraamp.

    Ibsti tokkoo tokkoo sanadii Ameerikaa fi Iraan waraana dhaabuuf irratti waliigalaniiru jedhamuufi Tiraamp mallatteessan inni ijoon ifa hin taane. Haata'u malee, qabiyyee waliigaltee gama Iraan fi Ameerikaan bahaa jiran irratti garaa garummaan mul'achaa jiru.

    Biyyoonni lachuu fageenyarra taa'anii karaa elektiroonikaa kan isaan gaaherratti kan mallatteessan sanadii walhubannoo guutummana guutuutti kan fudhatan yoo ta'u, waliigalteen inni dhumaa Jimaata Siwiizerlaanditti karaa bakka bu'oota isaaniitiin ni mallattaa'a jedhamee eegama.

  15. ASHAMAA!

    Akkam jirtu? Toora oduu kallattiin oduu isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee: Marsariitii,YouTube, Whatsapp, akkasumas karaa Facebook kanaan seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Kanneen jedhaniifi kaan argattu.

    Nu hordofaa