MM Abiy Yaa'ii BRICS - Indiyaa irratti hirmaachuu cinaatti gaggeessitoota biyyoota gara garaa waliin mariyatan

MM Abiy Pirezidantii Raashiyaa Puutin waliin

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Kora BRICKS 18ffaa Indiyaatti qopheeratti hirmaachaa wayita jiranitti, maddiitti ammoo gaggeessitoota biyyoota gara garaa waliin dhimmoota gara garaa irrattis mariyachaa jiru.

Pirezidantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan, Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, Ministira Muummee Indiyaa Naarendiraa Moodii, akkasumas Ministira Muummee Maleezhiyaa Aniwaar Ibiuraahim aanga'oota MM Abiy waliin mariyatan keessaati.

Yeroo haalli nageenyaa Galaana Diimaa fi Yaman keessatti daran hammachaa jirutti Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Abiy Ahimad Pirezidaantii Iraan waliin marii gaggeessuu ibse.

Pirezdaantii Raashiyaa, Vladimir Putin waliin walarganii mariyachuu fuula Facebook isaaniirratti kan ibsan MM Abiy, michummaa tarsiimowaa Itoophiyaafi Raashiyaa giddu jiru cimsuu irratti dubbachuu himan.

"Marii keenyaan dameewwan ijoo ta'an kan akka ittisaafi nageenya, daldalaafi invastimeentii, barnootaafi teknooloojii irratti walta'insa keenya caalaatti cimsuuf murannoo waloo qabnu irra deebiidhaan mirkaneessineerra. Muuxannoowwan gama barnootaatiin jiran waljijjiiruuf akkasumas walta'insa aadaafi walittidhufeenya uummattoota biyya lachanii cimsuuf carraawwan jiran ilaalleerra.

Kana malees, waljijjiirraa daldalaafi dinagdee faayidaa waloo qaban babal'isuuf waliin hojechaa, COP 32 dabalatee haala qilleensaafi misooma dursuu qaban irratti walta'insa jiraachuu qabuu ilaalchisee marii'anneerra."

Yaa'iin BRICS 18ffaa kun Fulbaana 12 fi 13, 2026, Niiwu Deelihii keessatti gaggeeffamaa jira. Indiyaan bara kana BRICS kan keessummeessitu yoo ta'u, Muummichi Ministeeraa Naarendiraa Moodii hoggantoota biyyoota miseensa BRICS ta'an simachaa jira.

Itoophiyaan miseensa haaraa garee kanaa keessaa tokko kan taatee, miseensummaa ishee Amajjii 1, 2024 irraa eegalte.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Yaa'ii BRICS cinaatti MM Abiy har'a Pirezidaantii Iraan Masuud Pezeeshkiyaan waliin marii gaggeesseera jechuun fuula Feesbukiisaa irratti maxxanse.

Akka hogganaan Itoophiyaa jedhutti, mariin isaanii haala Galaana Diimaa fi nageenya bal'aa naannichaa, akkasumas barbaachisummaa marii fi tasgabbii naannoo irratti xiyyeeffate.

Marii kun yeroo haalli nageenyaa Galaana Diimaa fi Yaman keessatti daran hammachaa jirutti dhufe. Gareen Huutii, kan Iraaniin deeggaraman, Yaman keessatti tarkaanfii waraanaa saffisaa fudhachuun naannoo qarqara Galaanaa Diimaa irratti to'annoo isaa babal'isaa jira.

Tarkaanfiin kun daandii doonii daldala idil-addunyaa irratti baay'ee barbaachisaa ta'e, ulaa Baab El Mendeb jedhamu, irratti yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera.

Ulaan Baab El Mendeb Galaana Diimaa fi Galaan Arabiyaa, Jibuutii fi Ertiraa gidduutti argama.

Karaan kun daldala Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa, Afrikaa fi Awurooppaa walqunnamsiisuuf murteessaa dha. Kanaaf jeequmsi naannoo kanaa biyyoota Gaanfa Afrikaa, daldala naannoo fi geejjiba galaanaa addunyaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.

MM Abiy MM Indiyaa Nareendiraa Moodii waliin

Madda suuraa, MM Abiy Ahimad

MM Abiy Kora BRICS kana cinaatti ministira muummee Maleezhiyaa Aniwaar Ibiuraahim waliinis wal arganii akka waliin miriyana fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirraati bsaniiru.

Mariin aanga'oota lameenis dhimmoota investimentii, Turiizimii, michumma annisuu haara'uu babal'isuufi imala gara COP32tti taasifamurratti haala tumsa cimsuun danda'amurratti kan xiyyeeffate ture.

Dabalataansi haala muuxannoo milkaa'ina misooma Paarkiiwwan Industirii fudhachuun danda'amurrattis mariyataniiru.

Ebla, 2026 irraa kaasee Iraan ulaa murteessaa kana cufuu akka dandeessu dhaadachaa turte.

Iraan Bitootessa 4, 2026 Iraan Ulaa Hormuuz cufuu ibsite. Kunis bob'aan Galoo-galaana Parshiyaa keessaa akka hin baane godheera.

Ji'a itti aanu ulaa Galoo-galaana Edeniifi Galaana Diimaa gidduu kan argamu Ulaa Baab El Mendeb sochii daldalaa naannichaa danquuf dhaadatte.

''Baab El Mendeb ulaawwan galaanaa tarsimawaa jedhaman keessaati. Iraan ammoo dandeettiifi fedhii ulaa kana danquu qabdi,'' jechuun hogganaan waraana mootummaa Iraanitti dhiyeenya qaban dubbachuu maddi oduu Iraan Taasniim gabaasee ture.

Ulaan Baab El Mendeb cufamnaan dhiyeesiin boba'aaa harka 12 tahu ni raafama jechuudha.

Akka odeeffannoon boba'aa Ameerikaa agarsiisutti taanaan biyyoota Baha Gidduugaleessaa fi Eeshiyaa irraa bob'aan gara Lixaa adeemu baarmelli miiliyoona shan tahu ulaa kana keessa darba.

Kana malees gaasiin dhangala'aa addunyaa %8 tahu sararuma kana keessa waan darbuuf dhiyeessii aannisaa addunyaa keessatti iddoo guddaa qaba jechuu dha.

Kanaaf, jeequmsi Yaman keessatti hammaachuun daldala addunyaa fi nageenya biyyoota Gaanfa Afrikaa irratti dhiibbaa qabaachuu danda'a.

BRICS jalqaba Biraaziil, Raashiyaa, Indiyaa fi Chaayinaan kan hundaa'e yoo ta'u, Afrikaa Kibbaa bara 2011 keessa itti makamte. Bara 2024 keessa Itoophiyaa, Iraan, Masrii fi UAE'n miseensa ta'an; Indooneezhiyaan immoo bara 2025 keessa itti dabalame.

Itoophiyaaf miseensummaan BRICS daldalaa fi invastimantii babal'isuuf, gabaa haaraa argachuuf, tumsa dinagdee fi faayinaansii cimsuuf, akkasumas sagalee biyyoota Afrikaa fi biyyoota galii gadi aanaa ykn giddu galeessaa Global South jedhaman keessatti murtiiwwan addunyaa irratti caalaatti dhageessisuuf carraa uuma.

BRICS keessatti Baankii Misoomaa Haaraa (New Development Bank) jiraachuunis biyyoota miseensa ta'an keessatti pirojektoota misoomaa fi bu'uuraalee misoomaa deeggaruuf faayidaa qaba.