Dubartoonni maaliif dhiirota caalaa bowwuun isaan mudata, maaltu gargaaruu danda'a?

Suuraa dubartii rifeensishee duubatti hidhamee. Gara duuban qoricha cuquliisa fuula duraan ammoo shiboo diimaan marfamtee jirti.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bowwuu dhukkubbii mataa,hoqqisuu, lafti namaan maruu, yeroo xiqqoof of wollaaluu dabalatee mallattoo hedduu qaba
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Dhukkubbiin mataa hamaan ykn bowwuun walitti dhufeenya namoota waliin qabnu, hojii fi fayyaa sammuu keenyarratti miidhaa cimaa qabaachuu danda'a.

Bowwuun mataa cimaan kun dhiirota caalaa dubartootarratti baay'inaan kan mul'atu yemmuu ta'u, dubartoonni dhiirota caalaa dachaa sadi dhukkuba kanaan qabamu.

Garuu sababoonni dhukkubbii kana maali? Dhukkubbii nutti dhagahamuhoo akkamiin hir'isuun danda'ama?

Mallattoolee mataa-bowwuu

Ragaan dhaabbata tola ooltummaa Yunaayitid Kingidam keessatti argamufi Maayigireen Tirast (Migraine Trust) jedhamu akka agarsiisutti akka addunyaatti namoota torba keessaa tokko dhukkuba bowwoon rakkatu.

Kunis akka addunyaatti namoonni biliyoona tokkoo ol dhukkubichaaf saaxilamoodha jechuudha.

Bowwoon rakkoo fayyaa dhalootarraa dhalootatti daddarbufi sirna narvii waliin walqabatu yemmuu ta'u, sammuun keenya jijjiiramootaaf miira qabeessa akka ta'u taasisa.

Haata'u malee, namoonni muraasni qaccee sanyii dhukkubichaaf saaxilu qabaatanis qacceewwan sanyii kunneen dammaquu dhiisuusaaniitiin yookiin mallattoolee dhukkubichaa arguu dhiisuusaaniin rakkoo maayigireeniin qaqqabsiisurraa bilisa ta'anii akka jiraatan ogeettiin bowwoo mataa UK'tti Giddugala Maayigireenii Biyyaalessaa keessa hojjetan Dr. Keetii Muunroo himu.

Namoota biroo keessattimmoo haalonni naannoo jiran qacceewwan sanyii maayigireenii akka dammaqan taasisuun mallattooleen dhukkubichaa akka mul'atan taasisu.

Mallattooleen bowwoo kunneenis dhukkubbii mataa, balaqqamsiisuu, mataan naanna'uufi xiyyeeffachuu dadhabuufaadha.

"Al tokko tokko namoonni jalqaba mallattoo gosa tokko qabaatanii yeroo itti aanuttimmoo mallattoo biraa keessummeessuu danda'u. Mallattooleen kun miseensota maatii gidduutti garaagarummaa qabaachuu danda'u. Jireenya nama tokkoo keessas jijjiiramuu danda'u" jedhu Dr. Muunroon.

Wantoonni bowwoon akka ka'u taasisan maalfaadha?

Wanti tokko qofti dhukkubbiin mataa akka eegaluuf sababa ta'uu dhiisuu danda'a. Sababoonni xixiiqoon kan akka jijjiirama hormonii, dabaluu yookiin hir'achuun sadarkaa sukkaaraa dhiiga keessaafi xiqqaachuu yookiin baay'achuun hirriibaa walitti ida'amuun sababa ta'uu danda'u.

Bowwoon akka ka'u gochuu keessatti dhiphachuun shoora guddaa qaba. Yeroon tasgabbii dhiphina booda jirus dhukkubichi akka ka'uuf sababa ta'uu danda'a.

Jijjiiramni haala qilleensaa kan akka hoo'aa, dhiibbaa atimoosfeeriifi jiidhinni qilleensaa dhukkubicha kakaasuu danda'u.

Dabalataan rakkooleen fayyaa akka hammeentaa ayiranii xiqqaa akkasumas xannachi taayiroyidii hormonii gahaa ta'e maddisiisuu dadhabuun bowwoon akka ka'uu gochuu danda'u.

Hormonoonni dhiibbaa akkamii qabu?

Akka addunyaatti daa'imman naannoo dhibbeentaa 10 ta'an bowwoon kan qabaman yemmuu ta'u, umrii kanatti dhukkubichi dhiirotaaf dubartoota qixxuma miidha.

Haa ta'u malee wayita dubartoonni marsaa laguu keessummeessuu jalqabanitti wanti kun ni jijjiirama. Dubartoonni dhiirota caalaa dhukkubbii kana irra deddeebiin keessummeessu.

Ol ka'uufi gadi bu'uun hormonii sababa ijoo yammuu ta'u, gadi bu'uun hormonii oestirojiinii marsaa laguu dura uumamu bowwoon mataa akka cimu gochuu danda'a.

Kana malees jijjiiramoonni hormonii dubartiin tokko marsaa laguu guutummaatti dhaabuusheen dura jirutti (perimenopause) uumamanis dhukkubbiin maayigireenii akka cimu gochuu danda'u.

Guutummaatti dhaabbachuu marsaa laguu (menopause) boodammoo tasgabbaa'uu sadarkaa hormoniin walqabatee bowwoon xiqqaachuufi yeroon itti uumamus xiqqaachuu danda'a.

Bowwuun qabamuu akkamiin beekna?

Suuraa sadarkaa maallattoolee bowwoo argisiisu
Beeksisa bira darbii dubbisi
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Bowwuun marsaawwan afur kan qabu yemmuu ta'u, marsaan inni jalqabaa yeroo jijjiiramoonni sammuu keessatti kuufamuu itti eegalanidha.

Wayita kana namoonni tokko tokko mallattoolee akka hamoommachuu, dadhabbii cimaafi dhukkubbii mormaa keessummeessu.

Marsaan itti aanu immoo hanga sa'aa tokkoo kan turu yemmuu ta'u, jeeqamuu argaa ijaa ofkeessaa qaba. Wayita kana namoonni wantoota akka sarara zig zaagii yookiin mallattoolee tuqaa halluu adii qaban argu.

Marsaan inni sadaffaan kan bowwoon mataa itti uumamu yemmuu ta'u, sa'aa afurii hanga 72'tti turuu danda'a. Namoonni tokko tokko balaqqamsiisuunis isaan mudachuu danda'a.

Marsaan bowwuun inni afraffaafi dhumaa guyyaa tokko yookiin lamaaf kan turu yemmuu ta'u, bowwuun mataa erga tasgabbaa'ee booda kan dhufudha.

"Miira akka waan wanti ulfaataan wayii sirra deemeetu sitti dhagahama" kan jedhan Dr. Muunroon, "yeroon kun yeroo namoonni gara hojii isaaniitti itti deebi'anidha, garuummoo gara haala fayyaasaanii isa sirriitti osoo hindeebi'in jiru" jedhan.

Bowwuu akkamiin to'achuun danda'ama?

Suura furmaata bowwoo argisiisu

Hawaasa keessatti namoonni bowwuu qaban wantoota dhukkubicha kaasan kan akka kaaffeenii fi chokkoleetii soorachuurraa akka ofqusatan yeroo gorfaman dhagahama.

Haata'u malee, sooratawwan kunneenirraa of qusachuurra oolmaa guyyuu keenya to'achuun yookiin jijjiiramoonni tasaa akka hin uumamne gochuun faayidaa qabeessa ta'uusaa Dr. Muunroon himu.

Guyyoota lama yookiin sadi bowwoon eegaluusaan dura jiran keessa jijjiiramoonni akkamii akka turan duubatti deebi'anii sakatta'uun gara fulduraatti wantoota sana gochuurraa of qusachuuf akka fayyadus himu.

Dabalataan yeroo eeggatanii nyaata nyaachuufi sadarkaan sukkaaraa akka gadi hinbuune gochuunis barbaachisaadha. Kana malees hirriiba gaarii rafuufi hanga danda'ame yeroo walfakkaataatti gara hirriibaa deemuufi hirriibaa ka'uunis gahee guddaa qaba.

Sochii qaamaa gochuun nama hundaaf barbaachisaa ta'uusaatiin namoonni dhukkuba maayigireenii qaban wayita sochii qaamaa taasisanitti bishaan gahaa fudhachuusaanii mirkaneeffachuu qabu.

Qorichawwan bowwuu nurraa bayyanachiisuu?

Bowwuun yeroo nu eegalutti qoricha sirrii yeroon fudhachuun barbaachisaadha. Namoonni baay'een dhukkubichi akka itti cimu ilaaluuf jecha qoricha osoo hinfudhatin yeroo dheeraaf akka turan Dr. Muunroon himu.

"Haa ta'u malee erga dhukkubichi takkaa cimee booda qorichayyuu yoo fudhatan dhukkubicha tasgabbeessuun ni ulfaata. Qoricha dursanii fudhachuun dhukkubichi akka hin hammaanne taasisa" jedhu.

Haaluma kanaan qorichawwan farra-dhukkubiifi qorichawwan bayyanachiistuu (painkiller) akka ibupirofiinii fi aspiriinii fudhachuu gorsu. Kana malees paaraasitaamooliin bowwoof hagas mara bu'aa qabeessa akka hintaane himuun, qorichi koodeen jedhamus bowwuu mataa waan hammeessuuf fudhachuurraa akka qusatan gorsu.

Kana malees qorichawwan bowwuu yaaluuf qophaa'anfi tiriptaans (triptans) jedhamanfi doktarotaan kennaman akka jiranis himu.

Kana malees, sapilimantiiwwan yookiin albuudawwan bifa qorichaan qophaa'an (supplements) kan akka maagniziyeemiifi vitamin B2 uumamuu dhukkubbii mataa hir'isuuf akka gargaaranis himu.

Dubartoonni naannoo waqtii marsaa laguusaaniitti bowwoon isaan dhukkubuufimmoo qorichawwan ulfa ittisan gadi bu'uu yookiin dabaluu hormonii to'achuuf gargaaru.

Kana malees teeraappiiwwan akka akupaankicharii, yoogaa fi Tai Chi kemikaalota dhukkubbii gadhiisan ittisuuf akka gargaaran saayintistoonni himu.