Waldaan Ingilaand dhimma garbaa irratti hirmaachuuf dhiifama gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Waldaan Ingilaand daldala garbaa keessatti hidhata qabaachuu isheetin hawaasa sirna gita bittaa garbummaatin miidhaman deebistee dhaabuf paawundii miliyeena 100 baasii akka gootu beeksifte.
Waldattiin dhiifama gaafachuufi hawaasa miidhameef fandii deeggarsaa kennuuf kan dirqamte fandiin investimentii Waldaa Ingilaand guddaa ta'e daldala garbaatif ooluun isaa qorannoon erga mirkanaa'ee boodadha.
Qorannoo komishinaroonni Waldaa Ingilaand gaggassanii gabaasni guutun fuula marsariitii waldattii irratti baheen Phaaphaasin Kantarbarii Jastin Welbi dhiifama gaafachuun seenaa dalagamee darbetti qaana'uu dubbataniiru.
“Gabaasni guutun bahe fandiin [waldattii] daldala garbaa wajjin hidhata qabaachuu kan agarsiisedha.
"Walitti dhufeenyi kun jiraachuu isaatti nan gadda. Seenaa fokkisaa hojjannee dabarre sana sirreessuf yeroon itti tarkaanfii fudhannu amma," jedhan Jastin Welbi.
Qorannoon komishinaroota waldattiin gaggeeffame akka mul'iseetti waldattiin daddarbarsa daldaala garbaa keessatti maallaqa guddaa ramaduun hirmaachaa akka turteedha.
Fandiin waldattii Giiftii Annee Bount dhaan bara 1704 yeroo hundeeffamee kaasee daldala garbaa wajjin hidhata qabaachuu isaa qorannoon komishanariin Waldaa Ingilaand argadheera jedhe marsariitii waldattii irratti ibsameera.
Bu'aa qorannoo kana hordofee dogoggoroota kaanan duraa waan gaaridhaan bakka buusuf fandii gargaarsaa kan ta'u paawundii miliyeena 100 ramaduun Boordiin Komishinaroota Waldaa Ingilaand hojii jalqabuutu ibsame.
Kaayyon beenyaa kanaas jireenya hawaasafi maatiwwan sababa daldaala garbaatin miidhaman deebisanii ijaaruf waggoota saglan dhufan keessatti kan raawwatamu ta'a jedhame.
Hojiin hawaasa karaa waldattii daldaala garbaatin miidhaman deebisanii ijaaruu kun bara 2023 kaasee kan jaqlaba.
Fandiin Waldaan Ingilaand hawaasa daldala garbaatin miidhameef ramadde kun fandii pirokektiiwwaan hawaasni ittiin hojjatee of jijjiirudha.
Komishanaroonni waldattii qorannoo gaggeessaniin gabaasa guutuu waldattiif dhiyeessaniin Waldaan Ingilaand daldala garbaa wajjin hidhata qabaachuu isheetti akka gaddan ibsan.












