Bataskaana 'Arkiteektii Waaqaan' eegalamee ijaarsisaa jaarraa tokkoo ol lakkoofsise

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Waxabajjii 1926, maanguddoon tokko uffata moofaa uffate gara bataskaanaa deemaa ture. Haa ta'u malee osoo daandii ce'aa jiruu baaburaan rukkutamee kufe, battalattis hospitaala namoonni harka qalleeyyiin itti yaalaman geeffame. Haa ta'u malee guyyoota muraasa booda lubbuunsaa dabarte.
Namni kun Antoonii Gaawudii dha, nama maqaan 'arkiteektii Waaqaa' jedhu itti mogga'e.
Gaawudiin yeroo lubbuunsaa dabartu bataskaana akkaan guddaa ta'efi Sagraadaa Faamiliyaa jedhamu Kaaba Bahaa Ispeen magaalaa Baarseloonaatti ijaarsisaa ture.
Bataskaanni kun fagoodhaa yemmuu ilaalamu ijaarsawwan magaalattii keessa jiran hundaa ol dheeratee waan samii tuqe fakkaata. Itti dhiyaatanii yemmuu ilaalan immoo dhalootafi du'aa ka'uu Yesuus Kiristoos dabalatee bobbocawwan miira namaa hawwataniin faayamee mul'ata.
Gamoon du'a Gaawudii booda ijaarsisaa itti fufe kun, namoota ijaarsicha itti fufsiisan akka malee qore.
Fakkiiwwan fi moodeeliiwwan gamoo kanaa kan Gaawudiin osoo lubbuun jiruu qopheesse yeroo Wal Waraansa Ispeen bara 1936 keessa barbadaa'aniiru. Namoonni ijaarsicha itti fufsiisanis moodeela gamoo kanaa ilaalchisee odeeffannoo muraasa qofa argatan.
BBC'nis guyyaa yaadannoo du'a Gaawudii waggaa 100ffaa guyyoota muraasa dursee ijaarsi gamoo kanaa sadarkaa maalirra akka argamu daawwateera.
Du'a arkiteektichaan waggoota 100 boodas gamoowwan bataskaanichaa keessaa inni dheeraanfi 'Tower of Jesus Christ' kan jedhamu ijaarsisaa xummurameera. Gamoon dheerina meetira 172.5 qabu kun Sagraadaa Faamiliyaan bataskaana dheeraa addunyaa akka ta'us taasiseera.

Madda suuraa, Xavi Farré/BBC
Aartii bara durii akka ka'umsaatti
Gjis van Hensbergen hayyuu seenaa aartii yemmuu ta'an seenaa jireenyaa Antoonii Gaawudiis barreessaniiru.
Isaanis "Akka dargaggeessa waan guddaa hojjechuu barbaadufi nama amantaa Kaatolokii cimsee hordofutti Gaawudiin kaayyoowwan lama qaba ture" jedhu.
Inni duraa gamoo waa'ee amantaa kiristaanaa lallabu/barsiisu Sagraadaa Faamiliyaa ijaaruu yemmuu ta'u, inni lammataammoo dogongoroota ijaarsawwan bataskaanotaarratti mul'atan sirreessuu akka ta'e himu.
Kanaafis Gaawudiin ijaarsa Taq Kasra jedhamufi magaalaa durii Tesifoon (Ctesiphon) jedhamtu, biyya yeroo ammaa Iraaq keessatti argamu akka ka'umsaatti fayyadame.
Haaluma kanaan gamoowwan dhedheeroon bataskaanichaa (towers) mala ijaarsaa damboobaa fakkaatuun ulfaatina ofii ofiif baachuu akka danda'anitti wixineesse.
Gamoowwan ulfaatoo
Gamoowwan dhedheeroon Sagraadaa Faamiliyaa yeroo ijaan ilaalaman walxaxoo fakkaachuu haa dhiisan malee ijaarsisaanii baay'ee rakkisaa ture.
Gamoon Qulqulleettii Maaramii meetira 138 kan dheeratu yemmuu ta'u gamoo Yesus Kiristoos kan meetira 172.5 dheeratutti aanee sadarkaa lammaffaarratti argama.
Yeroo gamoon Qulqulleettii Maaramii kun ijaaramaa turetti haala baratameen dhagaafi simintoon kan hojjetamu yoo ta'e utubaawwan ijaarsichaa ulfaatinni itti baay'achuu akka danda'u barame.
Kanaafis gamoo kana utubuuf sibilli faayidaarra akka oolu, sibiilli kunis simintoo haphiin akka uwwifamu murtaa'e. Waan kana hojjechuufis dhaabbanni biyya UK, Arup jedhamu bara 2014 qacarame.
Haa ta'u malee dhaabbanni injinarootaa kun yaada furmaataa kana cinatti gochuun dhagaawwan haphii ta'anfi ribuuwwan sibiilaatti fayyadamuuf murteessan.
Gamoon Qulqulleettii Maaramii fi Yesuus Kiristoos dabalatee gamoowwan ijoo shanis mala kanaan ijaaraman.
Bataskaana ammallee hinxummuramne

Madda suuraa, LLUIS GENE/AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bataskaanni Sagraadaa Faamiliyaa hanga ammaatti ijaaramee xummuramuu baatus barbaachisummaa seenaa fi aadaa qaburraa kan ka'e kutaaleensaa hangi ta'e hambaa addunyaa ta'uun galmaa'aniiru.
Haaluma kanaan Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) bara 2005'tti hambaalee addunyaa keessaa tokko gochuun galmeesseera.
Phaaphaasii mana amantaa Kaatolikii Phaaphaasii Liyoo 14ffaa dabalatee keessummoonni gurguddoon guyyaa yaadannoo Gaawudii waggaa 100ffaa kabajuuf walitti kan qabaman ta'us ijaarsi bataskaana Sagraadaa Faamiliyaa hanga ammaatti hinxummuramin jira.
Kutaalee bataskaanichaa ijaarsisaanii hinxummuramin jiru keessaa tokko immoo karaa seensaa bataskaanichaati.
Ijaarsi bataskaanichaa erga xummuramee booda tekinoloojiiwwan ammayaa gamoo kana tursiisuuf faayidaarra akka oolan eegama.
Sagraadaa Faamiliyaatti daayrektara tekinoloojii fi kalaqaa kan ta'an Fernaandoo Villa, yeroo keessa bubbeen, jijjiiramoonni teempireecharaafi sochiin gamoon kun taasisu bataskaanicharratti babbaqaqiinsa uumuu akka danda'an himu.
Haaluma kanaan yeroo yeroon namoonni gamoo kanarra bahuun baqaqiisni jiraachuusaa akka sakatta'an taasifamaa tureera. Amma garuu dirooniiwwanfi hubannoon namtolcheetu sakattaa kana gaggeessa.
"Hubannoo namtolchee leenjisnee yemmuu xummurutti, gamoo Sagraadaa Faamiliyaa guutuusaa ji'a tokko keessatti sakattaanee fixuu dandeenya" jedhu Villan.
Sagraadaa Faamiliyaan siidaa dhagaarraa hojjetame qofa osoo hintaanee ijaarsa akkuma lubbuu qabeeyyiitti jijjiiramoota naannoo uumamaniin haallisaa jijjiiramudha. Jijjiramoonni itti fufiinsaan gamoo kanarratti mul'atanis yaada Gaawudiin gamoon kun bifa uumamaa akka qabaatuf qabu akka agarsiisu Fernaandoo Villa himaniiru.












