Dubartoota Itoophiyaa ispoortii ijaarsa qaamaan maashaa guddifatan

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 5

Shamarree waggaa 21fi ispoorteessituu ijaarsa qaamaa (bodybuilder) Edoom Firezawud qabiyyeewwan waa'ee ispoortichaa miidiyaa hawaasaa TikTok irratti maxxansituun beekamti.

Yaadawwan viidiyooshee jalatti kennaman keessayis kan qaamashee, dubartummaasheefi gara fulduraatti daa'ima godhachuushee ilaallatan ni argamu.

Edoom naannoo waggaa tokkoo dura ture ispoortii ijaarsa qaamaa (bodybuilding) hojjechuu kan eegalte.

Wayita ispoorticha eegaltu waa'ee ijaarsa qaamaa beekumsa baay'ee akka hinqabne kan himtu shamarreen tun, jalqaba kunneen ispoorticha hojjetan miidiyaa haawaasaarratti hordofuu eegaluushee himti.

Fedhiishee caalmaatti kan guddisemmoo dorgommii ijaarsa qaamaa waggaa lama dura daawwattummaan irratti hirmaatte akka ta'e dubbatti.

Haa ta'u malee, ispoorticha eegaluufi itti fufuun salphaa hinturre. Maatiisheerraa deeggarsa barbaaddu akka hinarganne himuunis, booda keessa murtee dhuunfaasheen ispoorticha akka eegalte hubachiisti.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa TikTok irratti maxxansiturratti yaadawwan garagaraa akka kennamaniif kan himtu Edoom, isaan keessaa tokko tokko dubartummaashee qaamashee walin walqabsiisuun kan kennaman ta'uu dubbatti.

Dabalataan gaa'ela dhaabbachuu yookiin daa'ima dahuu walin kan waqabatan akka jiranis himti.

Yaadni "daa'imnikee maal hodhee guddata?" jedhu akka kennamuuf himuun, "gara fulduraatti nan heeruma, nan daha, nan hoosisas" jechuun dhimmichi kana walin akka wal hinqabanne himti.

Aadaafi haala uffannaa hawaasaa ka'uun rakkooleen fudhatamaa ispoorticha mudatan ispoorteessitoota tokko tokko duubatti kan harkisu akka ta'es Edoom amanti.

Keessattuu uffanni dubartoonni waltajjiilee bocasaanii irratti agarsiisanirratti uffatan (bikkiinii) madda qeeqa namoota baay'eeti.

Uffata kana uffachuun jalqabarratti itti ulfaatee akka ture kan himtu Edoom, yaadawwan maatiifi namoota biroorraa kennamaniif dandamachuun qormaata itti ta'ee ture.

"Bikiinii uffannee gara waltajjiitti yemmuu baanu uffaticha miti kan agarsiisnu. Boca qaamaa heddu itti dhamaanee fidne agarsiisuuf waltajjiitti baana" jechuun kaayyoon isaanii bu'aa ifaajiisaanii agarsiisuu qofa akka ta'e dubbatti.

Itoophiyaa keessatti dubartoonni heddu gara manneen ispoortii (jiimii) deemanii ispoortii yemmuu hojjetan arguun baramaadha.

Dubartoonni tokko tokko dandeettii qaamasaanii fooyyessuuf yemmuu deeman tokko tokko immoo boca qaamasaanii jijjiiruuf deemu.

Ispoortii ijaarsa qaamaan (bodybuilding) dorgommii injifachuuf shaakaluunis ifaajii caalmaa, haala soorataa adda ta'e hordofuufi yaadawwan garagaraa hawaasa biraa kennaman dura dhaabbachuu gaafata.

Dubartoonni Itoophiyaa keessaa damee ispoortii kana keessatti argamanis qubaan kan lakka'amanidha. Dorgommiileenis dubartoota muraasa qofa hirmaachisuun adeemsifamu.

Umriishee waggaa 16'tti ispoortii kana hojjechuu akka eegalte kan himtu shamarreen waggaa 20 Meeroon Hirphoo, lakkoofsi dubartoota ispoortii kana keessa jiran muraasa ta'uu himti.

Keessattuu sadarkaa dorgommiirra gahuuf ifaajiin, soorata nyaatan to'achuun, hir'achuun anniisaafi jijjiiramoonni hormonii qormaatawwan dabalataati.

Dubartoota biyyoota birootii dhufanii biyyasaani bakka bu'uun dorgoman yoo ta'een ala dubartoota Itoophiyaadhaa ka'anii sadarkaa dorgommiitti hirmaatan agartee akka hinbeeknes himti.

Dubartiin tokko ispoortii ijaarsa qaamaa yemmuu eegaltutti yaadawwan dhiira ta'uuf jedhanfi heerumuufi dahuu akka hindandeenye himan akka kennamaniif Meeroon himti.

Isheenis maatiisheerraa heeyyama osoo hinargatin ispoortii ijaarsa qaamaa akka eegalte kan himtu Meeroon, ispoorticha hojjechuu kan itti fufte namoonni waan ishee jajjabeessaniif osoo hintaanee jaalala ispoortichaaf qabdurraa ka'uun akka ta'e himti.

Qormaanni damee ispoortii kana keessa jirus ilaalcha hawaasaa qofaan kan daangeffame osoo hintaanee haalli diinagdee Itoophiyaa keessa jirus ispoortii ijaarsa qamaaarratti hirmaachuuf gufuu akka ta'es dubatti.

Ispoortichi sirna nyaataa mataasaafi nyaatawwan qaama ijaaran kan barbaadu ta'uusaatiin baasii kana uwwisuun ulfaataa akka ta'e Meeroon himti.

Ispoortii kanarratti muuxxannoo waggoota 30 kan qabufi daayrektara Federeeshinii Fitnasiifi Ijaarsa Qaamaa Itoophiyaa kan ta'e Yoonaas Girmaa, waggoota jahan darban dubartoota gara ispoortichaatti fiduuf hojjechaa turuusaanii dubbata.

Waggoota kana keessattis lakkoofsi dubartootaa inni olaanaan kan altokkotti dorgommiirratti hirmaatan dubartoota shan qofadha. Waqtiin dubartiin tokko qofti irratti hirmaattes ni jira.

Dorgommii marsaa jahaffaa Hagayya darbe taasifamerratti dorgomtoota bikkiinii lamafi dorgomtoota ijaarsa qaamaa lama qofatu ture.

Damee bikkiiniin kan dorgoman Edoom Fireezawud fi Meeroon Hirphoo yemmuu ta'an, Edoom dorgommicha tokkoffaa bahuun injifatteerti.

Ispoortiin ijaarsa qaamaa dubartootaa yeroo baay'ee dameelee ijoo torba ofkeessaa kan qabu yemmuu ta'u, isaanis: fiit model, bikkiinii, weelnas, fiigar, fiitnas, wiimens fiizik fi wiimens boodi biilding jedhamu.

Dameeleen ispoortichaa kunneen boca qaamaa, guddina maashaafi dandeettii dorgomtoonni waltajjiirratti agarsiisanirratti hundaa'uun garaagarummaa qabu.

Dameen bikkiiniis dameelee ispoortichaa beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha. Dorgomtoonni guddina irree yookiin maashaa caalaa boca qaamaa madaalawaafi ispoortiin gahoome qabaachuutu irraa eegama.

Keessattuu bocni gateettii, dugda, luqqeettuufi miilaa madaalawaa akka ta'uuf irratti xiyyeeffatama.

Uffanni dorgommii bikkiiniif uffatamus kan ofdanda'e yemmuu ta'u, dorgomtoonni uffata murtaa'efi kophee faana dheeraa qabu godhatanii gara waltajjiitti bahu.

Waltajjicharrattis boca qaamasaanii agarsiisuun ofitti amantummaa, akkaataa of itti dhiyeessanfi dandeettii waltajjiirratti qaban agarsiisu.

Bikkiiniin dabalataan dameen ispoorticha weelnas jedhamu boca luqqeettuu, teessumafi sarbaa irratti xiyyeeffata.

Fiigar immoo kan boca qaamaa madaalawaa gateettii bal'aafi mudhii qal'aa qabu iti agarsiisanidha.

Dameen fiitnas jedhamu immoo boca qaamaan dabalata dandeettii jimnaastiksii, daansii, jabinafi dadacha'uu itti agarsiisanidha.

Wiimens fiizik immoo qaama haalaan guddatefi sararawwan maashaa irraa mul'atan kan barbaadu yemmuu ta'u, wiimens boodii biyulding immoo maashaa yookiin irree guddaafi jabinarratti xiyyeeffata.

Dameen fiit model jedhamu immoo harka caalmaan boca qaamaa uumamaafi madaalawaa ta'erratti xiyyeeffata.

Haa ta'u malee uffanni wayita ispoorteessitoonni kunneen waltajjiirratti bahan uffatanfi akkaataan qaamasaanii itti agarsiisan dubartoota tokko tokko mijaa'ina kan dhorku akka ta'e Yoonaas hima.

Yaadawwan viidiyoowwan Yoonaasfaan miidiyaalee hawaasaarratti maxxansan jalatti kennamanis, "yeroo tokko tokko arrabsoofi tuffiin kan guutaman" akka ta'an hima.

Kanarraa kan ka'es saanduqa yaadaa viidiyoowwan maxxansan jala jiran cufuuf akka dirqamanis dubbata.

Gama biraatiin ispoorteesitoonni ijaarsa qaamaa waltajjiilee dorgommiirratti hirmaachuuf yoo xiqqaate itti fufiinsaan waggoota lamaaf ispoorticha hojjechuun isaan barbaachisuu danda'a.

Shaakalli dubartoonnifi dhiiroliin taasisanis dhimmoota tokko tokkon garaagarummaa akka qabu Yoonaas hima. Kan dhiirolii walin yeroo madaalamu maashaa guddisuufi cooma qaamaa hir'isuun dhiirota caalaa dubartootaaf yeroo dheeraa fudhachuu danda'a jedha.

Edoom gama isheetiin wanta namoonni biroon milkeessuu hindandeenye isheen milkeessuunshee namoota tokko tokko akka ajaa'ibsiisu himti.

Garaagarummaan hormonii dhiirotafi dubartoota gidduu jiru ijaarsa qaamaarratti dhiibbaa akka qabu, keessattuu dhiiroliin hammeentaa testestiroonii ol ka'aa kan qaban ta'uunsaa maashaa baasuuf akka isaan fayyadu Edoom himti.

Dubartoonni garuu hamma maashaa walfakkaataa qabaachuuf ifaajiin dabalataa akka isaan barbaachisu amanti.

Gama biraatin yaadawwan haawaasa biraa dhufan yeroo hunda badaa akka hintaane kan himtu Edoom, namoonni yaada gaarii kennaniif akka jiranis himti.

Yaadawwan dhiiroliin qaamashee ilaalchisee kennaniif akka ishee jajjabeessu, dubartoonnis isheerraa barachuufi ispoorticha eegaluuf gaafilee tokko tokko akka ishee gafatan himti.

Dhiiroliinis "yemmuu na arganitti ispoortichaaf fedhii ni qabaatu" jetti.

Ispoortiin ijaarsa qaamaa yeroo dheeraaf jiimii keessa turuu qofa osoo hintaanee akkaataa soorannaa sirreessuu, sagantaa shaakallii hordofuu, nyaata dursanii qopheessuufi jiruuf jireenya guyyuu ispoorticha walin walsimsiisuu gaafata.

Edoom yeroo ammaatti namoota biroof leenjistuu dhuunfaa ta'uun kan hojjettu yemmuu ta'u, gama intarneetaafi jiimii keessatti namoota dhuunfaaf kopha kophaatti leenjii kenniti.

Dabalataan gara fulduraatti caalmaatti of qopheessuun Itoophiyaa bakka buutee dorgommiilee biyya alaarratti hirmaachuuf fedhii olaanaa qabdi.

Dubartoonni ofitti amantumma akka qabaataniif fi wanta itti amanan akka hordofaniif kan gorsitu Meeroon immoo namoonni isaan deeggaruu baatanis wanta itti amanan gochaan agarsiisuun hawaasa jijjiiruun akka danda'amu himteerti.