Waliigaltee odiitii gibiraa irraa bilisa ta'uu Tiraamp manni murtii kuffise

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Ameerikaa Donald Trump mootummaa federaalaa waliin waliigaltee tokko taasisee ture
Waliigalteen kun Tiraamp odiitii gibiraa irraa bilisa akka ta'uufi namoota dhuunfaa dhaabbilee mootummaan miidhaan irra gaheera jedhaniif doolaara biiliyoona 1.8 akka ramadamu hayyama kenna ture.
Garuu Wiixata darbe, kana Manni Murtii Federaalaa waliigalteen kun seeraan sirrii akka hin taane murteessuun kuffiseera.
Manni murtichaa waligalteen akka kanaa kun kaayyoo sirrii kan hin qabneefi waliigaltee mootummaa fayyadamuun Tiraampi fi namoota isa waliin walitti dhiyaatan fayyaduuf kan qophaa'ee jedhe.
Kanaafis waliigaltee kana guutummaatti haqera. Kana jechuunis Tiraamp odiitii gibiraa (IRS tax audit) irraa bilisa ta'uu hin danda'u jedhe Manni murtichaa.
Dhaabbanni odiitii gibiraa 'Internal Revenue Service (IRS) qorannoo gibiraa ykn Odiitiii kana dura Tiraamp irratti jalqabee ture itti fufuu danda'a.
Bulchiinsi Tiraamp namoota dhaabbilee mootummaatiin miidhamneerraa ykn xiyyeeffannaa hin arganne jedhaniif beenyaa doolaara biiliyoona 1.8 kan ramade.
Garuu Baatii Caamsaa keessa pirezidaantichi himata doolaara biiliyoona 10 Tajaajila Galii Biyya Keessaatiin dhiyaate kuffisuuf dhaabbilee mootummaa waliin waliigaltee irra ga'anii turan.
Tiraamp jalqaba irratti mootummaa himatee ture. Sababni isaas, hojjetaan duraanii IRS tokko odeeffannoo gibiraa isaa icciitii ta'e miidiyaa irratti dabarse jedhee himate.
Odeeffannoon sun bara 2020 dura kan bahee yoo ta'u Tiraamp bara 2016 gibira mootummaa federaalaaf doolaara 750 qofa kaffalee. Kana jechuun waggoota 15 keessaa waggoota 10 gibira akka hin kaffalle odeeffannichi kan agarsiisu
Gareen seeraa Tiraamp hojjetaan IRS tokko odeeffannoo dhuunfaa seeraan ala baasuun dogoggora guddaa raawwate jedhe. Itti dabaluunis Tiraamp namoota Ameerikaa miidhan itti gaafatamoo taasisuuf hojii itti fufa jechuun ibse.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hayyuun seeraa gibiraa Birandon DeBot jedhamu waliigalteen kun Tiraampiif faayidaa addaa kennuun, seera odiitii gibiraa laaffisa.
Kan malees namootni aangoo mootummaa qaban ofii fayyadaaa argachuuf yaalii ture jedhe. Kanaaf murtiin mana murtii kun barbaachisaa ta'uu icimsee ibsuun, Kongireesiinis waliigalteen akkasii gara fuulduraatti akka hin uumamne seera cimaa baasuu qaba jechuun ibse.
Abbaan murtii mana murtichaas himannaan Tiraamp, kan isaa fi ijoolleen isaa lamaan, Dhaabbilee Tiraamp waliin, bara 2026 keessa dhiyeessan, waldhabdee qaamota wal morkatan lama gidduutti uumame irraa addaa jedhe.
Akka ibsa mana murtichaatti "Tiraampiifi hiriyyoota isaa tarkaanfii seeraa irraa eeguu fi maallaqa kaffaltoota gibiraa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu namoota mootummaa irratti komii qabaniifi komiin isaanii seeraan hin deeggaramnetti jijjiiruuf kan qophaa'edha' jedhan.
Itti dabaluudhaanis murtiin kun Tiraamp, ijoolleen isaanii fi namoonni dhimma kana keessatti hirmaatan himannaa kana irra deebi'anii adeemsa seeraa biroo keessatti akka hin kaasne kan dhorku ta'uu ibsaniiru.
Murtee kana irratti hundaa'uun Tajaajilli Galii Keessaa odiitii gibira Tiraamp kanaan dura jalqabame itti fufuu danda'a jedhameera.
Odeeffannoon gibiraa miliqe filannoo pirezidaantii bara 2020 dura yeroo muraasa dura gaazexaa Niiw Yoork Taayims irratti maxxanfamee ture, Tiraamo waggoota 15 darban keessatti gibira tokkollee akka hin kaffalle ibsa.

















