Borciin ykn coomi garaa si dhiphisaa jiraa? Furmaati kunooti

Nama garaa guddaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Namoonni hedduun borcii ykn cooma garaa balleessuuf gara gym deemu, garuu waan gochuu qaban ammoo hin godhan.

Yeroo ammaa yaaddoon dargaggootaa, keessattuu kanneen dhaabbii qaamaa (sansakkaa qaama isaanii) sirreeffachuu barbaadaniif dhiphinni guddaan, borcii ykn garaan coomaan guddachuudha.

Sababi coomi garaasaanii keessa guuteef kanneen uffata akka fedhanitti uffachuu hin dandeenyes jiru.

Dhimmi borcii uffata fedhan uffachuu dhabuu qofa miti, rakkoo fayyaa balaafamaafis nama saaxila.

Namni coomi garaatti heddummaate ykn borcii qabu dhiibbaa dhiigaa, dhiiga keessatti hammi shukkaaraa dabaluu fi kantaruu dhiigaaf saaxilamuu danda'a.

Dhibeewwan kunneen sababa coomi garaa (mar'imaan) keessatti kuufameef salphaatti nama qabuu danda'u.

Akkasumas dhibeen shukkaaraa gosa 2 (type 2 diabetes) fi dhibeen onnee sababa kanaan nama qabuu danda'u.

Qorannoon Yuniversitii Harvaard wayita coomi garaa keessatti garmalee kuufamu pirootiiniin cytokine jedhamu bal'inaan oomishamuun qaamni akka rifatu ykn dallanu taasisa jedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Coomi garaatti kuufamu pirootiiniin biraa angiotensin jedhamus akka uumamuuf sababa ta'a.

Pirootiiniin kun yoo heddummaate ujummoowwan dhiigaa dhiphisuun dhiibbaan dhiigaa akka dabalu taasisa.

Sababa kanatti carraan dhibeewwan akka sammuun waa dagachuu (dimentia), daranyoo sombaa fi kaansariin qabamuu ni dabala.

Hospitaala biyya Hindii magaalaa Delhii keessatti argamu Fortis Escorts Hospital jedhamutti ogeessi fayyaa sirna dhiigaa fi onnee Dr. Shiv Kumar Choudhry coomi garaa keessatti kufamu kan biraa keessatti kuufamu caalaa balaafamaadha jedhe.

''Wayita seelonni coomaa garaa caccaban qaamni wantoota summaawoo baayyinaan dhangalaasa. Wantoonni kunneen hidda dhiigaa dallansiisuun (madeessuun) dhibee onnee fidu. Hamma shukkaara qaama keessaa miidhuun dhibee shukkaaraa nama qabsiisuus danda'a,'' jedhe.

Ogeeyyiin akka jedhanitti sababoonni akka coomi garaa keessatti kuufamu taasisan dhaalaan, jijjiirama hormooniin, umuriin, ulfaatinaan akkasumas yeroo marsaan dhiigaa dubartootaa dhaabbatuun walqabata.

Malli jireenyaa madaalawaa hin taanee fi qixa sirriin soorachuu dhabuunis sababa ta'uu danda'a.

Nyaata madaalawaa nyaachuun, sochii qaamaa taasisuun akkasumas mala jireenyaa sirreeffachuun borcii ofirraa hir'isuun ni danda'ama jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Wantoota ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffachuun salphaatti borcii ofirraa hir'isuun akka danda'amu eeran.

Yeroo irbaataa fi irriiba gidduu

Namoota lama

Madda suuraa, Getty Images

Rafuu dura sa'atii lamaa hanga sadii keessatti nyaachuun hin gorfamu. Kaalooriin soorata guyyaa soorannurraa argamu sochiiwwan guyyaa guutuu taasifnuun gara anniisaatti geeddaramuun hojiirra oola.

Garuu sooranni halkan (irriiba dura) soorannu akka kan guyyaatti faayidaarra hin oolu.

Halkan guutuu sochiin waan hin jirreef soorati akka coomaatti kuufama. Kun ammoo akka ulfaatinni dabalu taasisa.

Soorata madaalawaa soorachuu

Nama soorata shaaniirratti baatee jiru

Madda suuraa, Getty Images

Soorata faayibariin badhaadhe yoo soorannu dafnee hin beelofnu. Soorati keenya yoo albuuda kana of keessaa qabaate garaa keessaa suuta mar'imaan seena.

Kun ammoo akka yeroo dheeraaf soorata nu barbaachisu garaa keessaa qabaannu taasisa.

Soorata keenya yoo pirootiinii daballes yeroo dheeraaf osoo hin beela'in akka turru nu gargaara.

Yoo akkas ta'e gidduutti beelofnee garaa keenya soorataan akka hin guunne nu gargaara jechuudha.

Qabiyyeen soorata keenyaa yoo albuudota eeraman kunneen qabaate hormoonii beela namatti hammeessu Ghrelin jedhamu hir'isuun, deddeebinee akka hin sooranne taasisu.

Pirootiiniin maashaalee jabeessa, adeemsa bullaa'uu soorataas si'eessa, dandeettii kaaloorii gubuus guddisa.

Kanaaf sooranni pirootiiniin badhaadhan kanneen akka killee, misiraa, aannan, baaduu, qurxummii fi lukkuu murteessoodha.

Soorata adeemsa hedduu keessa darbe soorachuurraa of qusachuu

Dubartii fal'aanaan keekii nyaattu

Madda suuraa, Getty Images

Nyaata adeemsa hedduu keessa darbee qopheeffame soorachuun fayyaa keenya akka miidhu qorattoonni akeekkachiisu.

Namoonni nyaata warshaalee keessatti qophaa'ee fi sukkaara dabalataa baay'ee of keessaa qabu nyaatan yeroo malee du'uuf carraan isaanii guddaa ta'uu akka danda'u qorannoon UK fi Ameerikaa dabalatee biyyoota saddeet keessatti gaggeeffame mul'iseera.

Oomishaaleen warshaa keessatti hojjetaman kan namootni hedduu addunyaa irratti itti fayyadaman akka Foonii, biskuutii, dhugaatii lallaafaa, ayiskireemii fi midhaan cireef saamsamanii gurguraman fakkeenya soorata warshaa keessatti qophaa'uu ta'uu danda'u.

Nyaatni warshaa keessatti qophaa'an kun yeroo baayyee wantootaa fi keemikaalota nyaata manaa keessatti hin fayyadamne of keessaa qabu.

4- Irriiba ga'aa rafuu

Yoo irriiba ga'aa hin rafne hormooniin beelaa akkaan dabala, kun ammoo akka deddeebinee soorata barbaannu taasisa.

Qorattoonni Yuniversitii Los Anjalas hormooniin garaachi maddisiisuu, ghrelin, beela nutti baayyisu jedhan.

Keessattuu yoo irriiba ga'aa hin rafne ammoo ni hammaata jedhan.

5- Faayidaa sochii qaamaa hojjechuu

Sochii qaamaa gosa kamuu hojjechuun kaaloorii qaama keessaa gubuuf fayyada.

Kun ammoo akka coomi hin heddummaanne taasisa. Keessattuu cooma garaa keessatti kuufame ni hir'isa.

Sochiin guyyuu kanneen akka deemsaa (walking), fiiguu, bishkiliitii oofuu, bishaan daakuu fi cooma hir'isuuf baayyee fayyadu.