Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Dooniin Itoophiyaa Gibe jedhamtu Ulaa Hormuuz keessaa gara Jibuutii qajeelte

Karaa Ulaa Hormuuz darbuu dadhabdee danqamtee kan turte dooniin Itoophiyaa Gibee jedhamtu imala eegaluu dhaabbati Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Itoophiyaa ibse.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Atileetikoo Maadirid Baarseloonaa himate

    Baarseloonaan Juuliyaan Alvaarez mallattesisuuf erga yaalii jalqabee bubbuleera.

    Atileetikoo Maadirid ammoo waan kanaan hedduu mufateera. Bulchiinsa Laaligaa Ispeenittis himatan.

    ''Waan isaan amma agarsiisan kun eenyu akka isaan tahan agarsiisa,'' jedhe pirezidaantiin Atileetikoo maadirid Miguweel Anjel Giil.

    Guyyaa akkasii irra ibsa akkasii kennuun Alvaareziif gaarii hin turre.

    Guyyichi guyyaa Mesiiti. Injifannoo isaa gammaduu fi dhamdhamachuu ture kan jedhe kilebichi Alvaarez kileba isaanii gadhiisuu akka barbaadu ibsuutti aaruu himan.

    Alvaarez ''ani abjuukoo milkeessuun barbaada. Kun icciitii miti. Hoggantoota Atileetikoottis himeera,'' jechuun tapha Arjeentinaa fi Oostiriyaa booda dubbatee ture.

    Baarseloonaa malee Arsenaalis Alvaareziin mallattesisuu barbaada.

    Riyaal Maadirid gara yuuroo miliyoona 150 dhiyeessee Atileetikoon garuu hin fudhanne. Maadirid deebi'ee gaaffii hin dhiyeesine.

    Alvaarez Baarseloonaa galuu barbaada. Garuu kontiraata yeroo dheeraa Atileetikoo waliin waan qabuuf rakkoo itti taheera.

    Baarselonaan gara paawondii miliyoona 100 dhiyeessee ture.

  2. Ministirri dhimma alaa US wayita Iraan waliin mariitti jiranitti Baha Giddugalaa daawwataa jira

    Ministirri dhimma alaa US Maarkoo Ruubiyoo wayita Ameerikaa fi Iraan adeemsa waraana dhaabuu eegalanii jiranitti gara Galoo Galaanaatti daawwannaa eegaleera.

    Roobii bulchaa Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) kan arge qondaalli US kun, waliigalteen waraana Iraan dhaabuuf dhihaate dantaa biyyoota Galoo Galaanaa kan hin sharafne ta'uu mirkaneessuu akka barbaadu ibseera.

    Biyyoonni Baha Giddugaleesaa haleellaa Iraaniif saaxilamaa turan waliigalteen US Iraan waliin irra geesse kun laafaa akka ta'etti hubatu.

    Waliigalteen Ameerikaa fi Iraan torbee darbe irra ga'an erga Warraaqsi Islaamaa Iraan 1979 eegalee waliigaltee jalqabaa biyyoota lameen gidduutti mallattaa'eedha.

    Waliigaltee kana keessatti Iraan doolaara biiliyoona 300 akka argattuu fi qoqqobbiinis akka irraa ka'u eerameera.

    Maarkoo Ruubiyoo daawwannaasaa jalqabaan kaleessa Abuu Daabii kan qubate yoo ta'u, imalli isaa kun waraana ji'oota afur lakkoofsise dhaabsisuuf hojii dippiloomaasii kan jalqabaati.

    Qondaalli olaanaan US kun qondaalota UAE waliin erga mari'atee booda Bahreen fi Kuweet daawwata.

    Biyyoonni sadeen iddoowwan ijoo wiirtuun humna waraanaa Ameerikaa jiruudha.

    Iraanis kanumaaf biyyoota kunneen irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa turte.

  3. Ameerikaatti miseensonni farra faashistii saddet hidhaa waggaa 450n adabaman

    Namoonni saddet naannoo mana hidhaa godaantotaa Teksaasitti jeequmsa kaasuun akka lubbuun namaa darbu godhan walumaagala hidhaa waggaa 450'n adabamuu abbootiin alangaa US himan.

    Miseensonni garee Antifa jedhamanii oppireeshinii mootummaan Tiraamp godaantota irratti taasisaa jiruu fi olaantummaa warra adii mormu.

    Miseensi duraanii humna galaanaarraa US yaalii ajjeechaa miseensa humna nageenyaa irratti raawwateera jedhame hidhaa waggaa 100'n adabame.

    Hidhaan warra kaan irratti darbe waggaa 30 hanga 70 taha akka gabaasa dippaartimantii haqaatti.

    Waggaa darbe Tiraamp garee Antifa jedhamu ykn farra faashistii jedhamuuun kan socho'an dhaabbata shororkeessaa jedhee galmeesse.

    Abbaan seeraa Ameerikaa gochaa Waxabajji 4 raawwate ''haleellaa dimokiraasii irratti raawwate'' jedhe.

    Maatiin yakkamtootaa garuu dheerina waggaa isaan irratti darbee mormaniiru.

    Gareen kun yaalii ajjeechaa, jeequmsa kaasuu, meeshaalee waraanaa fi dhootuuwan fayyadamuun himataman. Qabeenyi gubateera.

    Beenjaamin Hanil Song garee kana hoggana kan jedhame irratti hidhaan waggaa 100 darbeera. Yoo xiqqaate waggaa 20 hidhama jedhan abbootiin seeraa.

  4. Dooniin Itoophiyaa Gibe jedhamtu Ulaa Hormuuz keessaa gara Jibuutii qajeelte

    Karaa Ulaa Hormuuz darbuu dadhabdee danqamtee kan turte dooniin Itoophiyaa Gibee jedhamtu imala eegaluu dhaabbati Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Itoophiyaa ibse.

    Ulaan Hormuuz kan Iraan erga waraanni eegalee cufte guyyaatti dooniiwwan gurguddoo ta'an 140 kan daddabarsuudha.

    Sababa ulaan akkaan murteessaa ta'e kun cufameef doonii Itoophiyaa dabalatee dooniiwwan 1,150 ta'an akkasumas hojjettoonni doonii kuma 20 ta'an galaanarratti danqamanii turan.

    Dooniiwwan kunneen waliigalatti fe'umsa doolaara Ameerikaa biiliyoona 125tti tilmaamu baatanii danqamanii turan.

    Yeroo Iraan ulaa kana cuftetti dooniiwwan galaana kanarra darbuuf yaalan 32 misaa'elaan ykn dirooniin rukutamuun barbadaa'aniiru.

    Haleellaa Iraan kanaan hojjettoonni doonii 10 ta'an du'uu fi hedduunis madaa'uun gabaafameera.

    Erga Iraan fi US waraana dhaabuuf waliigaltee walhubannoorra ga'anii booda ulaan kun banameera.

    Kanarraa kan ka'e dooniiwwan fe'umsa waliin ji'ootaaf ugguramanii turan amma bakka itti ga'umsa isaaniitti imaluu eegalaniiru.

    Dooniin Itoophiyaa MV Gibe jedhamtus kanuma keessa imala ishee eegaluu dhaabbati Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii ibseera.

    Dooniin Itoophiyaa kun karaa Galoo Galaanaa Omaan gara Jibuutiitti imala eegaluutu ibsame.

    Dilbata dhufu Waxabajjii 28, 2026 halkan keessaa sa'atii 2:00 irratti buufata galaanaa Jibuutii ni geessi jedhamee eegama.

  5. Faransaayitti namni jalqabaa Iboolaan qabamuu mirkanaaye

    Faransaayitti yeroo jalqabaatiif namni tokko Iboolaan qabamuu mirkanaaye.

    Namni Iboolaan qabame kun hakiima yoo ta'u, ergama. gargaara namoomaaf Dimookraatawa Rippaablika Koongoo gahee nama deebi'e akka ta'e beekame.

    Doktarri kun "battaluma gara dhaabbata fayyaa olaanaatti fudhatamuu" fi haala gaariirra akka jiru Ministeerri Fayyaa Faransaay Roobii beeksise.

    DR Koongootti weerarri Iboolaa kan mul'ate ji'a darbe yoo ta'u, ogeeyyiin vaayirasichi torbaanotaaf babal'achaa akka ture beeksisaniiru.

    DRC Vaayirasichi namoota 260 ajjeeseera. Namoonni 1,000 immoo qabamuu isaanii mirkanaaye.

  6. Waraana Libaanos dhaabsisuun waraana Iraan dhaabsisuun qixa gatii qaba

    Af-yaa’iin paarlaamaa Iraan Mahaamma Bagaar Galaabaaf , “waraana Libaanos keessa jiru dhaabsisuun waraana Iraan keessa jiru dhaabsisuun qixa gatii qaba,” jechuun dubbate.

    Haasaa kora Gamtaa Manneen-maree Dhaabbilee Tumsa Islaamummaa magaalaa Azarbaajaan, Baakuutti gaggeeffamaa jirurratti taasieen, “Nuuf Libaanos keessatti waraana dhaabuun hanguma Iraan keessatti waraana dhaabuu gatii qaba,” jedhe.

    Sanadiin waliigaltee wal humannoo Iraan fi Ameerikaan mallatteessan Libaanos dabalatee addawwan hundarratti lola dhaabsisuu dabalata.

    Namoota mariirratti hirmaatan keessaa adda duree kan ta’e afayaa’iin kun “waliigalteen Islaamaabaad mo’amuu Ameerikaa labseera,” jedhe.

    Kaayyoon waraanichaa “naannicha keessatti jijjiirama hiriira tarsiimawaa fiduufi kana ammoo biyya wallaba ta’erratti fe’uuf” akka ta’e dubbateera Mohaammad Bagaar Galaabaaf.

    Naannicha keessaa “humnoota ala abaasuun injifannoo tarsiimawaadha” jedhe itti dabaluun.

    Iraan bu’uura tokko isa kaan kabajuufi gidduu seentummaa dhiisuun biyyoota Musilmaa waliin tumsa gochuuf qophii ta’uushees ibseera.

  7. US fi Israa’el karoora kibba Libaanos waraana biyyattiitti dabarsanii kennuu baasan

    Akka karoora Ameerikaan deegarsashee kenniteef kanatti taanaan Israa’el fi Libaanos bulchiinsa kibba Libaanos humna waraanaa Libaanositti dabarsanii kennuuf akka yaadan Rooyitars gabaaseera.

    Maddi oduu kun maddeen aanga’oota Israa’el ta’an eeruun akka gabaasetti, karoora kana keessatti hirmaatan humnoota Libaanosiif Ameerikaa irraa leenjiin ni kennamaaf.

    Hezboollaa waliin hariiroo akka hin qabne mirkaneeffachuuf sakatta’insi nageenyaa ni taasifama.

    Maddeen Rooyitars eere kunneen akka jedhanitti, naannoowwan Libaanos kibbaa hanga humna waraana abiyyattiitti dabarfamanii kennamanitti Israa’el naannawicha akkuma to’atteen turti.

    Ameerikaa fi Israa’el ifatti yaada isaanii hin kennin.

    Israa’el fi Libaanos ammoo Waashigitenitti marii gaggeessaa jiru.

  8. Hogganaan NATO Maark Ruuttee kora Adoolessaa dursee muddama hir'isuuf Tiraamp arguufi

    Barreessaa Olaanaan NATO Maark Ruuttee Roobii dhufu Waayit Haawusitti Tiraamp dubbisuuf.

    Ruutteen Tiraamp kan arguu fedhaniif waraana Iraan hordofee Tiraamp Ameerikaa NATO keessaa baasuuf dhaadachaa waan tureef Kora NATO fuuldura keenya Adoolessa keessa Ankaaraatti taa'amuuf jiru dursee muddama kana hir'isuufi.

    Tiraamp, yeroo dheeraaf NATO mormaa ture halaalatti dhaabbaticha "leenca waraqaarraati" jedhee waamuu, waraana Giddu-galeessa Bahaa keessatti Ameerikaa deeggaruuf fedhii dhabuu isaaniitiin dallaneera.

    Akkasumas, weerara Ameerikaafi Israa’el Guraandhala 28 Iraan irratti banan booda, sararri daldala boba'aa idil addunyaa Ulaan Hormuz" deebisanii banuuf gargaaruu dhabuun isaas isa aarseera.

    Minstirri Ittisaa US Peet Hegseet torban darbe walgahii NATO irratti michoota "waayee hin baafne" jechuun arrabsee jira.

    Akkasumas, ji'oota jaha keessatti buuftaa loltoota Ameerikaa kan Awurooppaa keessaa gamaaggamuuf akka jiru kan beeksise yoo ta'u, kunis hirmaannaa humna waraana Ameerikaa tokko tokko hir'isuu danda'a.

    Kunis murtee Ameerikaan dandeettii waraanaa yeroo ariifachiisaa NATO'f oolchu xiqqeessuuf dabarsite hordofee kan dhagahame yoo ta'u, miseensonni dhaabbatichaa qaawwa uumamu akkamitti akka guutan yaaddoo uumeera.

    Erga Traamp Muddee 2024 keessa filatamee as, shoorri guddaan Rutte inni tokko jibba pirezidantichi gamtichaaf qabu furuu fi muddama Tiraamp Giriinlaandiin bituuf dhiibbaa taasise dabalatee uumame gara walitti bu'iinsa waaraatti akka hin oofne triksuu ta'eera.

  9. UN hojjettoota dooniirraa Ulaa Hormuz keessatti danqaman baasuf

    UN'tti Dhaabbanni Galaanarraa IdiL-addunyaa (IMO) hojjettoota galaanarraa 11,000 kan galoo galaanaa keessatti sababa waraana US fi Israa'el fi Iraaniin danqaman baasuufi.

    Barreessaa Olaanaan IMO Arsenio Dominguez Iraan, Omaan, US fi biyyoota galaana qarqaraa fi indaastirii galaanarraa waliin kaan waliin "oppireeshinii babal'aan" ni gaggeessina jedhan.

    Wabiiwwan tasgabbii barbaachisoo ta'an argamaniiru, akkasumas haalonni nageenya sochii kanaa deeggaran bal'inaan mirkanaa'aniiru," jechuun ibsan.

    Ameerikaa fi Iraan jidduutti waliigaltee duraa walitti bu'iinsa dhaabuu torban darbe mallatteeffameera.

    Ta'us, Ameerikaa fi Iraan qabiyyee dhimmoota Waliigaltee Hubannoo irratti yaada wal fakkaataa hin qaban.

    Ameerikaan akka jettutti, waliigalteen kun sagantaan niwukilaraa Iraan to'annoo Ejensii Intarnaashinaala Atomik Inarjii (IAEA) jala akka galu dhiyeessitI.

    Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhimma kana irratti Roobii miidiyaa hawaasummaa irratti barreessaniiru: "Iraan gara fuulduraatti ( yeroo hin daangeffamneef!!!) to'annoon niwukilaraa sadarkaa olaanoo akka godhamuuf guutummaatti waliigaltee jirti."

    Kunis 'amanamummaa niwukilaraa' ni mirkaneessa."Garuu, barreeffama Tiraamp dura, Iraan maddeen meeshaa niwukilaraa bara darbe Ameerikaa fi Israa'eliin bombiin rukutaman, hordoftoonni Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii daawwachuu akka hin dandeenye beeksistee turte.

    Aanga'aan Ameerikaa tokko akka jedhanitti: "Iraanonni to'annoo cimaa IAEA haftee sagantaa meeshaa waraana niwukileeraa isaanii irratti gochuuf waliigalaniiru. Mootummaan Iraan ammoo waan uummata biyya isaaniitiif dubbachuu qaban dubbatu.

    Pirezidantiin Iraan Masuud Pezeshkiyaan gara Paakistaanitti imaluun, "dhimma sagantaa misaa'ela ballistikiifi dandeettii ittisa biyya isaanii ilaalchiseeti Iraan marii kamuu hin gootu" jedhan.

  10. Kongiresiin Ameerikaa yeroo jalqabaaf seera aangoo waraana labsuu pirezidaantitti daangaa godhu dabarse

    Seneetiin Ameerikaa teessoon harki caalan Rippaabilikaanontaan qabame tarkaanfiwwan aangoo waraana labsuu Tiraamp daangessu ragaasise.

    Tarkaanfiin seeraa kun Tiraamp waraana Iraanirratti labse akka dhaabu ykn ammoo waraana osoo itti hin fufin dura kongireesii akka hayyamsiisu kan gaafatadhuudha.

    Rippaabilikaanonni heddu warra Dimokiraatotaa waliin ta'uun aangoo waraana labsuu Tiraamp irratti sagalee kennaniin caalmadhaan seerichi akka darbu godhaniiru.

    Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ameerikaas jalqaba ji'a kanaa Tiraamp osoo hin hayyamsiisin waraana labsuun sirrii akka hin taane tarkaanfii seeraa wal-fakkaataa dabarsee ture.

    Murteen seeraa kun mana maree bakka bu'oota fi Seeneetidhaan darbullee Tiraamp akka mirkaneessuuf itti ergamuu dhiisuu mala. Kanaaf kuni murtee seeraa akka mallattootti tajaajilu malee aangoo pirezidaantii irratti olaantummaa kan qabaatu miti jedhama.

    Kongireesin murtee kanarra kan ga'e waliigaltee Tiraamp Iraan waliin taasise falmii godhachuufi Tiraamp Kongiresii osoo hin hayyamsiisin waraana labsuurratti komiin ka'aa turuu hordofeeti.

  11. Ashamaa!

    Tamsaasa kallattii keenya har'aa eegalleera.

    Kongiresiin Ameerikaa aangoo waraana labsuu Tiraamp seera daangessu sagalee caalmaan raggaasise.

    Waliigaltee US-Iraan booda dooniwwan daldalaa heddu Ulaa Hormuuz qaxxaamuraa jiraachuun gabaafame.

    Odeeffannoo wayitaawaa biyya keessaafi guutummaa addunyaarraa, ispoortii dabalatee karaa Marsariitii,YouTube, Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo seentanii filattanii dubbisuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!