Atileetikoo Maadirid Baarseloonaa himate
Baarseloonaan Juuliyaan Alvaarez mallattesisuuf erga yaalii jalqabee bubbuleera.
Atileetikoo Maadirid ammoo waan kanaan hedduu mufateera. Bulchiinsa Laaligaa Ispeenittis himatan.
''Waan isaan amma agarsiisan kun eenyu akka isaan tahan agarsiisa,'' jedhe pirezidaantiin Atileetikoo maadirid Miguweel Anjel Giil.
Guyyaa akkasii irra ibsa akkasii kennuun Alvaareziif gaarii hin turre.
Guyyichi guyyaa Mesiiti. Injifannoo isaa gammaduu fi dhamdhamachuu ture kan jedhe kilebichi Alvaarez kileba isaanii gadhiisuu akka barbaadu ibsuutti aaruu himan.
Alvaarez ''ani abjuukoo milkeessuun barbaada. Kun icciitii miti. Hoggantoota Atileetikoottis himeera,'' jechuun tapha Arjeentinaa fi Oostiriyaa booda dubbatee ture.
Baarseloonaa malee Arsenaalis Alvaareziin mallattesisuu barbaada.
Riyaal Maadirid gara yuuroo miliyoona 150 dhiyeessee Atileetikoon garuu hin fudhanne. Maadirid deebi'ee gaaffii hin dhiyeesine.
Alvaarez Baarseloonaa galuu barbaada. Garuu kontiraata yeroo dheeraa Atileetikoo waliin waan qabuuf rakkoo itti taheera.
Baarselonaan gara paawondii miliyoona 100 dhiyeessee ture.