Walhaleellaan Iraanii fi US ulaawwan daldalaa gama Bo'oo Siwiiz dabalatee giddugaleessaa fi Lixaanis danqaa jira. Tehraan ammas buufata calallii bishaanii fi anniisaa murteessoo Kuweet haleelteerti. Buufata waraanaa US kan Kuweet, Baahiree fi Jordaanis rukutuu himte.
"Rakkoon amma nu mudate, Iraan waayee marii waraana dhaabuu ijoo godhattee hin jirtu, yoo dhuguma dubbii ijoo godhatan nutis akka ijootti qabanna, Yoo isaan fedha akkasii hin qabaanne nuti dantaa keenyaa fi michoota keenyaa kabajchiisuuf waan barbaachisu mara goona," jedhan Maarkoo Ruubiyoon marii Vaanillaatti ministirootni dhimma alaaKibba Baha Eeshiyaa irratti hirmaataniurratti.