MM Abiy Ahimad 'Africa Forward Summit' irratti hirmaatan

Miistirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kora Afrikaa fi Faransaay 'Africa Forward Summit' jedhurratti hirmaachuuf Kibxata ganama Naayroobii, Keeniyaa seenuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Atileetiin Itoophiyaa osoo shaakalarra jirtuu tasa duute

    Atileet Yebirgu’al Mallaasaa tasa umurii waggaa 36'n du'aan boqatte

    Madda suuraa, Federeshinii Atileetiksii Itoophiyaa

    Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Yebirgu’al Mallaasaa tasa du'aan boqatte

    Atileetiin Itoophiyaa fageenya dheeraa fiiguun beekamtu Yebirgu’al Mallaasaa Finfinnetti osoo shaakalarra jirtuu tasa dhukkubsachuun du’aan addunyaa kanarraa boqatte.

    Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa gadda itti dhagahame ibsachuun maatiif jajjabina hawweera.

    Garuu Sababa rakkoo fayyaa du’aaf ishee saaxilee odeeffannoo bal’aa hin kennine.

    Atileetiin kun dhiyeenya Beejingitti Maraatoonii dorgomtee osoo hin xumuriin addaan kuttee baate.

    Bara 2015 keessa Maraatooniidhaan sa’aatii fooyya’aa kan galmeesite yoo tahu Chikaagoo, Huusatanii fi Piraaguutti sadarkaa lammaffaan xumurteetti.

  2. Iraan irra deebiin yoo haleelamte Yuraaniyeemii gabbisuu dhibbentaa 90 irraa akka geessistu dhaadatte

    Iraan haleellaan irratti raawwatamnaan sadarkaa nukilara hidhachuu ishee dandeessisutti Yuraaniyeemii akka gabbsitu dhaadatte.

    Iraan irra deebiin haleellaan kan irratti raawwatamu yoo ta’e sadarkaa meeshaa waraanaa omishuu [nukilara] ijaaruu ishee dandeessisutti Yuraaniyeemii gabbisuu akka jalqabdu beeksisuu ishee Rooyitars gabaaseera.

    Dubbi-himaan koree nageenyaafi dhimma alaa biyyaalessaa Ibiraahim Raayizii mana-maree Iraaniif haasaa taasiseen, Iraan haleellaan irratti raawwatamnaan, Yuraaniyeemii sadarkaa dhibbentaa 90tti akka guddistu beeksifteetti.

    Dubbi-himaan kun fuula X irratti “Iraan haleellaan bira airratti raawwatamnaan hanga dhibbentaa 90tti gabbisuu filannoo tokko gootee fudhatti. Dhimmicha mana mareerratti irratti Mariyanna,” jedheera.

  3. Tiraamp Iraan irratti irra deebiin haleellaa bal’aa banuuf akka jiru dhaadate

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidant Doonaald Tiraamp Iraan irratti haleellaa bal’aa irra deebiin gaggeessuu jalqabuuf “dhimmee yaadaa jiraachuu” CNN gabaase.

    CNN maddeen eeruun akka gabaasa baasetti, akkaataa Iraan marii nagaa ittiin qabatan Tiraampiin dheekkamsiiseera.

    Maddeen dhimmichatti dhiyeenya qaban lama akka ibsanitti, Tiraamp cufamuu Ulaa Hormuuziifi qoqqoodamuu aanga’oota Iraaniin “obsi isaa dhumachaa jira”.

    Qoqqoodamuun aanga’oota Iraan gidduu jiru mariin nukilara ilaalchisee taasifamu bu’a qabeessa akka hin taane gochuun isaa eerameera.

    Tiraamp deebii Iraan kennite, “gonkumaa fudhatama hin qabu” jechuun busheesseera. Tarkaanfii Ameerikaan itti aansitee fudhattu ilaalchisee aangaoota Waashingiteniin ejjennoon gara garaa fudhatamuun maddeen CNN eeraniiru.

    Ministeerri ittisaa Ameerikaa Iraan irratti dhiibbaa gochuuf qiyyaafannoowwan adda baasuun haleellaa gaggeessuu akka filannootti fudhachuun isaa ibsameera.

    Gama biraan ammoo mariif carraa kennuuf fedhii kan qaban jiraachuunis eerameera.

  4. “Ameerikaan mirga Iraan kabajauutiin ala filanno biraa hin qabdu,” Afayaa’ii Iraan Gaalibaaf

    Afayaa'ii Iraan Galibaaf

    Waliigalteerra gahuudhaaf Ameerikaan mirga Iraanotaa kabajuutiin ala filannoo biraa hin qabdu jechuun Afa yaa’iin mana maree Iraan biyyattii keessatti dhageettii guddaa qabu ibse.

    Afyaa’ii Mahaammad Bagiir Galiibaaf yaada pirezidant Tiraampiif fuula X irratti deebii kenneen akka jedhetti, Iraan waraana dhaabsisuuf “akkuma yaada qabbaa qabxii 14 dhiyaaterratti akka ibsametti mirgoota Iraanotaa kabajuutiin alatti filannoon bira aomtuu hin jiru,” jedheera.

    Pirezidant Tiraamp waraanicha dhaabsisuuf gama Iraaniin deebii kennamerratti akka gammachuu hin qabne ilaalchisuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu diigamuuf “qarqararra jira” jechuun erga dubbatee booda afayaa’iin Iraan kun miidiyaa hawaasaa isaarratti ejjennoo biyyasaa beeksiseera.

  5. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa waan gatiin boba'aa dabaleef balalii biyya keessaarratti jijjiirama akka hin taasisne ibse

    Xiyyaara daandii qilleensaa Itoophiyaa

    Madda suuraa, ethiopian airlines

    Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sababa waraana Iraan dhiheessiin boba'aa waan gufateef akkasumas gatiin boba'aa xiyyaaraa waan dabaleef lakkoofsa balalii biyya keessaarratti jijjiirama taasisuuf karoora akka hin qabne ibse.

    Dhiibbaan waraanni kun uume ''kan yeroof turu'' ta'uu kan ibse daandiin qilleensichaa, hanga ammaatti ''karoorri miidhaa hir'isuuf'' eegalame akka hin jirre hime.

    Daandii qilleensichaatti hoogganaan damee daldalaa Lammaa Yaaddechaa sababa waraana Iraan gatiin boba'aa dabalus ''balaliin akkaatuma kanaan duraan deemaa jira,'' jechuun BBCtti himan.

    Erga waraanni Iraan eegalee Itoophiyaa keessatti gatiin boba'aa yeroo sadi dabaleera.

    Gatii boba'aa torbee tokko dura (Caamsaa 4, 2026) ibsame keessatti gatiin boba'aa xiyyaaraa dachaa oliin dabaleera.

    Boba'aa liitira tokkorratti birrii 169 dabaluun gara birrii 319 fi saantima 67tti guddateera.

    Erga waraanni Iraan eegalee Itoophiyaatti gatiin boba'aa xiyyaaraa birrii 183n dabaleera.

    Gatiin boba'aa haala kanaan dabaluu hordofee daandiin qilleensaa Itoophiyaa baasii xiqqeessuuf jecha imala gabaabaa fi biyya keessaa hir'isuuf karoora akka qabu odeeffannoon tamsa'ee ture.

    Aanga'aan daandii qilleensichaa BBCn dubbise garuu odeeffannoon kun sirrii akka hin taane BBCtti himaniiru.

  6. MM Abiy 'Africa Forward Summit' irratti hirmaachuuf Naayiroobii galan

    MM Abiy kora 'Afrca Forward Summit' irratti hirmaachuuf Naayiroobii galanitti

    Madda suuraa, Miniteera dhimma alaa Itoophiyaa

    Miistirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad kora Afrikaa fi Faransaay 'Africa Forward Summit' jedhurratti hirmaachuuf har'a ganama Naayroobii, Keeniyaa galuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Korri Africa Forward Summit guyyaa lamaffaa qabate kun Afrikaa fi Faransaay kan waliin qopheessan yoo ta’u biyyoota Afrikaa Ingiliffa dubbatan keessatti wayita gaggeeffamu isa jalqabaati.

    Kaayyoon kora kanaas hariiroo Faransaay Afrikaa waliin qabdu kan ittiin keessa deebiyanii ilaaluun foyyeessuuf hojjetamudha jedhameera.

    Yeroo Faransaay Afrikaa keessatti gahee qabdu cimsachuuf carraaqaa jirtutti korri kun michummaa dinagdeefi siyaasaa tolfachuu akka yaadame aanga’oonni Faransaay ni dubbatu.

    Kora kanarratti pirezidaantotaafi ministirawwan muummeee biyyoota Afrikaa 30 ol ta’anitu irratti argama.

  7. Abbaan ijoollee jaha haati warraa qaama saalaa irraa muran maal jedhu?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Akeekkachiisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

    Dhiyeenya kana Arsiitti haatii warraa abbaa warraarraa qaama saala guutummaatti muramuu gabaasne turre.

    Namni qaamni saalaa irraa murame kun abbaa ijoollee jahaa yoo ta'an, Obbo Aabbee Miidhagsoo jedhamu.

    Amma haala akkamii keessa jiru? Waan haaraa gaafanne kunooti.

  8. Daawwannaan Tiraamp Chaayinaatti taasisan waraana Iraanif furmaata ta'aa?

    Tiraamp fi Shii Jiinpiing

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp fi Shii Jiinpiing

    Beejiing daawwannaa preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Chaayinaatti taasisan mirkaneessite.

    Prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Caamsaa 13 hanga 15tti Chaayinaa akka daawwatan Beejiing kan mirkaneessite yoo ta’u, Pirezidaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin waa’ee waraana Iraan akkasumas dhimma daldalaa irratti ni mari’atu jedhamee eegama.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa akka jedhanitti, “affeerraa Pirezidaanti Shii Jinpingiin Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Caamsaa 13 hanga 15tti daawwannaa hojii Chaayinaa ni taasisa” jedhan.

    Dhiheenya kanas Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araghchi daawwannaa Chaayinaa taasisaniiru.

    Kun erga gara waggoota sagaliitii daawwannaa pirezidaantiin Ameerikaa Chaayinaatti taasisan isa jalqabaa ta’a.

    Imalli Tiraamp jalqaba Amajjiitti beellamamee ture, garuu sababa waldhabdee Baha Giddu Galeessaa keessatti itti fufee jiruun yeroo biraatti darbe.

    Kanaan dura Chaayinaan Ulaa Hormuz daldala addunyaaf murteessaa ta'e cufuunis murtee sirrii akka hin taane ibsaa turte.

    Akkasumallee marii nagaa akka milkaa'uuf dhiibbaa gochaa turte.

    Odeeffannoowwan dabalataa asii dubbisuu dandeessu:

  9. Hireen namoota miliyoona kudhanii olii beelaaf saaxilamuu Iraan harka jira- UN

    Suuraan Faayilaa Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii irraati

    Madda suuraa, Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii

    Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan Faayilaa Ministeera Geejibaa fi Loojistiksii irraati

    Xaa’oon yeroo dhiyootti karaa ulaa Hormuz akka geejjibsiifamu yoo hin hayyamamne namoonni miliyoona kudhaniin lakkaa’aman beelaaf saaxilamuu akka danda'an Dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiise.

    Qondaalli Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tokko, yeroo gababaa keessatti xaa’oon ulaa Hormuuzin akka geejjibsiifamu Ameerikanis ta'ee Iraan oo hin hayyamne beelli cimaan muudachuuf deemaa jedhan.

    Sababa danqaa ulaa kanaan wal qabatee namoonni miliyoona kudhaniin lakkaa’aman beelli fi hongee isaan mudachuu akka danda’u akeekkachiiseera jechuun AFP kan gabaase.

    Daarektarri olaanaa Waajjira Tajaajila Pirojektii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Jorge Moreyira da Silva gaaffii fi deebii AFP waliin taasisaniin, ''waan gara rakkoo gargaarsa namoomaa guddaatti jijjiiramuu danda'u ittisuuf torban muraasa qofa qabna,'' jedhan.

    Itti dabaluudhaanis, "Rakkoo namoota dabalataa miiliyoona 45 gara beelaatti geessun dura furmaatni waaraan hatattamaan akka kennamu gaafataniiru.

  10. Deebiin Iraan Ameerikaaf deebiste maal of keessaa qaba?

    Dubbi himaa Ministeera Dhimma Alaa Esmae'il Bagahi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Esmae'il Bagahi

    Ministeerri Dhimma Alaa Iraan yaadni Tehran waldhabdee amma jiru dhaabuu fi ulaa Hormuz banuuf dhiheessite kan ''ittigaafatamummaa fi nageenya'' fiduuti jedhe.

    Haa ta'uu malee Waashingitan gaaffii qabatamaa hin taane dhiheessuun akka hin milkoofne taasissaa jirti jechuun himate.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Esmae'il Bagahi kana kan dubbatan Pirezidaanti Tiraamp yaada filannoo Iraan karoora Ameerikaan marii nagaa irratti dhiheessite erga kuffisanii booda.

    Dubbi himaan kuni gaaffiin Iraan qabeenya ishee biyya alaa keessatti dhorkame gadhiisuu dabalatee “mirga seera qabeessa” Tehran ta’uu cimsanii dubbataniiru.

    Nuti kan gaafannee waraanni guutuu naannichaa akka dhaabbatuu fi qabeenyi dhorkame biyya alaa akka gadhiifamudha. Wanti nuti gaafanne mirga seera qabeessa Iraan qofa'' jedhan

    Itti dabaluunis Gaaffiin Iraan “waraana naannichaa xumuruu,” uggura humna galaanaa Ameerikaa xumuruu, fi “qabeenya ummata Iraan kan waggootaaf haqa malee baankota biyya alaa keessatti qabamee ture gadhiisuu” kan dabalatu jedhan

    Waldhabdee haaraa Teehiraan fi Waashingitan gidduutti uumame hordofuun gatiin boba’aa ammas ol ka’eera.

    Kunis daangeffama doonii karaa Ulaa Hormuz irratti kaa’ame fi karooraa marii dhiyaatu biyyootni lammanuu udhachuu dhabuu isaanirraa kan ka'e gara warsaanatti deebi'uu danda'u yaaddoon jedheu guddachaa dhufuu isaatini

    Akkasumas gabaasawwaan dabalataa

  11. West Haam goolii haqamerratti ol iyyachuuf

    Daanyaan dirree irra ture Kiriis Kavanaag yeroo VAR ilaalu

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    West Haam tapha Arsenaal waliin taphaterratti goolii haqame ilaalchisuun garee daanyotaa- Professional Game Match Officials (PGMO) jedhamitti iyyata akka galchu ibse.

    Gooliin Kaaluum Wilsan imala morkii waancaa Arsenaal kan gufachiisuu fi West Haamiif abdii kufaatii jalaa ooluu kan fidu ture.

    Garuu erga VAR taphataan West Haam morma gooli eegaa Arsenaal Deeviid Raayaa hudhuu mirkaneessee gooliin sun haqameera.

    Murtee kanarra ga'uun daqiiqaa afur caalaa fudhate.

    Murteen VAR kun tapha baranaa keessatti isa guddaa fi muddama cimaan guutame ture.

    West Haam murtee akkaan falmisiisaa kana booda erga gooliinsaa haqamee komii qabuu fi xalayaa ibsa dabalataa gaafatu qaama PGMO jedhamu kanaaf dhiheessuuf jira.

    ergaa sagalee daanyaa dirree irra ture Kiriis Kavanaag fi daanyaa VAR Daren Ingilaand gidduu tures gaafachuuf jedhu.

    Gooliin kun haqamuu Arsenaal qabxii shaniin Maanchistar Siitii caalee tokkoffaarra akka ture taasiseera.

    Sadarkaa 18ffaarra kan jiru West Haamitti ammoo abdii liigicha keessatti hafuu dukkanneesse.

    Jifataan duraanii Ingilaand fi Maanchistar Yunaayitid Waayin Roonii VAR goolii sana haquunsaa ''dhugaatti hojii akkaan gaarii ta'eedha,'' jedhe.

    ''Balleessaa ifatti mul'atu,'' jedhe.

  12. Waraanni Iraan waa'ee biyyattii waan haaraa maal addunyaa barsiise?

    Biilboordii suura hogganaa duranaii iraan

    Madda suuraa, Getty Images

    Qoccolloon Iraan fi biyyoota lixaa, keessaahuu Ameerikaa, erga eegalee waggoota kurna hedduu lakkoofsiseera.

    Garuu biyyoonni kunneen yeroo dheeraaf osoo waraana kallattiin walirratti hin labsin turaniiru.

    US wayita biyyoota akka Iraaq, Afgaanistaan, Yaman, Liibiyaa keessatti tarkaanfii waraanaa fudhataa turtellee Iraan keessa humna waraanaashee galchitee hin beektu.

    Addunyaan humni waraanaa US biyyoota Baha Giddugaleessaa ykn Galoo Galaanaa keessa seenee argiteetti, kan Iraan garuu doorsisa irraa kan hafe [keessattuu sagantaa nukilaraa Iraan irratti] qabatamaan tarkaanfiin waraanaa fudhatame hin turre.

    Kanarraa ka'uun US fi Iraan kallattiin yoo wal waraanuutti seenan maaltu akka mudatu addunyaa maraaf yaaddoo guddaa ta'ee tureera.

    Waxabajjii 2025 wayita Israa'el haleellaa Iraan irratti eegaluun, boodarra US gara Israa'el gortee Iraan haleeluu eegaltu, iji addunyaa gara waraana Iraan deebi'e.

    Waraanni sun guyyoota 12f erga gaggeeffamee booda dhaabbatus, yeroo waggaa hin guunne keessatti US fi Israa'el walta'uun Iraan irratti waraana banan.

    Ergasii waan baayyeetu mudate. Waraanichi addunyaarratti dhiibbaa guddaa uume. Waa'ee Iraanis waan nuti beeknuu fi eegaa turreen ala waan haaraa baayyee nu barsiise.

  13. Iraan humnoota galaanaa Faransaay fi Biriteen Ulaa Hormuuzitti bobbaafaman akeekkachiifte

    Doonii Ulaa Hormuuz

    Madda suuraa, AFP via Getty Images

    Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon biyyisaa Ulaa Hormuuz irratti humna galaanaashee bobbaasuudhaaf “karoora akka hin qabne” ibsuun garuu “Iraan waliin ta’uun” waraana ergama nageenyaa kennu akka ta’u dubbateera.

    Sambata humni galaanaa Biriteen sochii dooniiwwan Ulaa Hormuuzirratti taasifamu eeguuf ergama idil-addunyaa taasifamurratti hirmaachuudhaaf doonii isaa gara Baha Giddugaleessatti erguuf akka jiru beeksiseera.

    Ministirri Muummee Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmaar fi pirezidantiin Faransaay waliin ta’uun ergama idil-addunyaa jedhame kana deeggaruu dubbataniiru.

    Wixata har’aa ministiroonni ittisaa biyyoota 40 ol ta’an adda durummaa UK’tiin gaggeeffamu karoora duula sochii doonii Ulaa Hormuuz irratti taasifamu eeguurratti walga’anii mariyatu jedhamee eegama.

    Tehraan Ulaa boba’aafi gaaziin uumamaa addunyaa harka shan keessaa tokko ta’e keessa darbu kana erga Ameerikaafi Israa’el Guraandhala 28, 2026 waraana irratti bananii kaastee guutummaan guutuutti cufteetti.

    Dubbi-himaan waraana Iraan Mohaammad Akiraamiiniyaa dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban dursa Iraan waliin hin tumsan yoo ta’e “tarkaanfiin hamaan” akka isaanirratti fudhatamu akeekkachiiseera.

  14. ASHAMAA!

    Oduu toora kallattiin isin biraan geenya kan har'aa jalqabneerra.

    Iraan humnoota galaanaa Faransaay fi Biriteen Ulaa Hormuutti bobbaafaman akeekkachiifte.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook fi WhatsApp ni argattu.

    Wal himannaa Itoophiyaafi Sudaan booda Ameerikaan waamicha taasiste.

    Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwatteen namoonni soddomii sagal ajjeefamuu Ministeerri Fayyaa Libaanos beeksise.

    'Pirezidantota Tigraay lamaan' - TPLF si'achi maal godha? Mootummaan maa callise

    Qoqqobbiiwwan Ameerikaan Ertiraarra keessee turte kan akkamiiti?

    Waraana US fi Israa'el Iraan irratti banan eenyutu mo'e?

    Kanneen jedhaniifi kan biroo argattu.

    Nu hordofaa!