Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US fi Iraan walgaltee nagaa waaressuuf marii teknikaa eegalan

U.S fi Iraan waliigaltee nagaa waaressuufi imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuz itti fufsiisuuf Roobii Dohaa keessatti marii teeknikaa alkallattii eegaluu maddeen dhimma kanatti dhiyeenya qabaniifi aangawoonni ibsan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. US Jerusaalemitti imbaasii dhaabbataa ijaaruuf waliigaltee mallatteessite

    U.S. Roobii mooraa imbaasii haaraa Jerusaalemitti ijaartuuf wlaiigaltee mallatteessuu CBS gabaase.

    Tarkaanfii kana agarsiiftuu "michummaa biyyoota lamaanii hin raafamne" jechuun Israa'el jajjeerti.

    Pirezdant Tiraamp jalqaba aangootti wayita dhufe booda Mudde 2017Jerusaalem magaalaa guddoo Israa'el jechuun beekamtii kenneefii ture.

    Wayituma san Ameerikaan Imbaasii (ergama dippilomasii) ishee Telaviiv irraa gara Jerusaalem jijjiirte.

    Garuu ergamni dippilomasii kun hanga waajjirri dhaabbataan ijaaramuufitti iddoowwan garaagaraatti faca'ee tajaajilaa ture.

    "US Jerusaalem qofa akka magaalaa handhuuraa, barabaraa fi ganamaa muummee ummata Jewishitti beekkamtii kennitiif" jedhan Israa'elitti Ambaasaaddarri US Maayik Hukaabeen Roobii wayita sagantaan kun Ministeera Dhimma Alaa Israa'el keessatti gaggeeffametti. Ameerikaanis waa akka gootu hubachiisan.

    "Waaqayyo waggaa 3,800 dura murtoo kana murteesse, nutis dhumarratti waan utuu Ameerikaan hin hundaa'in yeroo dheeraa dura murtaa'e mirkaneessuuf yeroo arganne" jedhan.

    Hukaabeen Guraandhala darbe Israa'el Baha Jiddugaleessaa bal'aa irratti mirga qabdi jedhanii turan. Hundayyuu yoo fudhatte gaariidha jedhanii turan gaaffii fi deebii Tucker Carlson waliin tolchaniin. Biyyoonni Arabaa yaada kana ni balaaleffatu.

    Imbaasiin kun kibba Jerusaalem mooraa Allenbii keessatti ijaarama.

    Tarkaanfiin Tiraamp bara 2017 fudhatan imaammata alaa US kan abbummaan Jerusaalem marii Israa'elootaa fi Paalistiinotaan murtaaya jedhu kan cabse ture.

    Jerusaalem waggootaaf magaalaa waldhibdee Israa'elootaa fi Paalistiinotaa ti.

    Israa'el Baha Jerusaalem kan dhuunfatte waraana Israa'elii fi Arabaa bara 1967 irratti yoo ta'u, magaalattiis teessoo muummee Israa'el hin sharafamne jette. Addunyaan garuu beekkamtii hin kennineef.

    Paalestiiinonni Baha Jerusaalem magaalaa guddoo biyya Paalestaayin gara fuulduraa jedhanii hedatu.

    Sababa atakaaroo kanaaf biyyoonni hedduun imbasii isaanii Israa'el magaalaan Tel Aviiv keessatti banatu.

  2. US fi Iraan walgaltee nagaa waaressuuf marii teknikaa eegalan

    U.S fi Iraan waliigaltee nagaa waaressuufi imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuz itti fufsiisuuf Roobii Dohaa keessatti marii teeknikaa alkallattii eegaluu maddeen dhimma kanatti dhiyeenya qabaniifi aangawoonni ibsan.

    Mariin kun waliigaltee wal hubannoo waraana dhaabuuf ji'a darbe keessa mallatteeffame bu'uura kan godhatu akka ta'e himameera.

    Waliigaltichi Ulaan Hormuuz akka banamuufi guyyoota 60 keessatti waliigalteen dhaabbataarra akka gahamuu kaaya.

    Haa ta'uu malee, U.S fi Iraan waayee waliigaltee yeroo kanarratti atakaaroo kaasaa jiru. Torbaan darbe haleellaas walirratti bananii turan.

    Kun immoo keessattuu, dhimma sagantaa nukilaraa Iraan dabalatee dhimmoota walxaxoo waliigaltichaa irratti jijjiiramoonni xiqqoo qofti jiraachuu agarsiisu.

    Iraan to'annoo Ulaa Hormuz irratti beekkamtiin idil-addunyaa akka kennamuufii fi qaraxa kaffalchiisuuf murteessiteeerti, garuu humnaan gochaa jirti akka aangawoonni Iraan lama eeranitti.

    Ulaan Hormuz kan boba'aa fi gaaziin uumamaa addunyaa 20% ta'u irra geejjibsiifamurratti sochiin tiraafikaa itti fufeera.

    Pirezdantiin U.S Donaald Tiraamp, Roobii miiidiyaaleetti akka dubbatanitti yuraaniyemii gabbataa Iraan balleessuun dhimma dursi kennamuufi.

    "Iraan nukilarii akka hin hidhanne" gochuunis kanaan wal faana hojjetama jedhu. Bal'ina isaa hin himne.

    "Marii gaarii godhan, kan hafe immoo ni ilaalla" jedhan waayee marii Dohaa yoo dubbatan. Dohaatti ajandaan nukilarii mariyatamuu fi dhiisuu ragaan bahe hin jiru.

  3. 'Raashiyaan leenjiin waraanaa dhoksaa Chaayinaa faana godhamu mirkaneessite' - Maddeen

    Leenjiin waraanaa dhoksaan Chaayinaan bara darbe humnoota Raashiyaatiif kennite ministeera ittisaa Pirezidanti Vilaadimiir Puutiiniin dhuunfaatti kan mirkanaa'e yoo ta'u, ragaaleen Rooyitarsiin argateefi ragaa qondaaltota Awurooppaa lamaa akka agarsiisutti, yoo xiqqaate jeneraalotni Raashiyaa fi Chaayinaa afur kallattiin keessatti hirmaataniiru.

    Qondaaltonni kunneen akka jedhanitti, namoonni dandeettii fi aangoo ol'aanaa qaban leenjii waraana kan lola Yuukireeniin walqabatu kana keessatti hirmaachuun isaanii, tumsi waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa hammam barbaachisaa akka ta'an argisiistuu dha.

    Kunis dhimma biyyoonni Awurooppaa itti yaaddessu yoo ta'u, Beejingi garuu gochi kun raawwatamuu isaa haalteerti.

    Sanadni dhoksaa Raashiyaadhaa kan Rooytarsi argate qajeelfamni keessoo Ministeera Waraanaa Andiree Beluusoviin Hagayya 2025 bahuu agarsiisa.

    Qajeelfamni kun, akkaataa murtoo Beluusovii dabarsaniin, jilli loltoota Raashiyaa haala mijeessummaa People's Liberation Army (PLA)'tiin gara leenjiirratti hirmaachuuf gara Chaayinaa imaleera jedha.

    Gabaasumti kun koorsiiwwan leenjii keessaa tokko kan torban sadi fixu yoo ta'u, ittisa meeshaa raadiyoolojikaalaa, keemikaalaa fi baayolojikaalaa irratti xiyyeeffata.

    Leenjichis Sadaasa mooraa waraanaa Beejingitti argamutti kenname.

    Gabaasichii fi sanadni lammeessoon suuraawwan loltoota Raashiyaa barsiisota Chaayinaatiin leenji'aa jiran agarsiisa.

    Barnoonni kun modeela nukileer riyaaktarii irratti kan xiyyeeffatu yoo ta'u, "sakatta'iinsa meeshaa waraanaa keemikaalaa", "sakatta'iinsa raadiyeeshinii" fi "sirna ventileeshinii faalama irraa tiksuu" fa'i hammata.

    Qondaaltonni Awurooppaa, leenjiin meeshaa waraana raadiyooloojikaalaa, baayoloojikaalaa fi keemikaalaa dabalamee jiraachuun isaa dhimma tarsiimoo waraanaa ta'uu mirkaneessa jedhu. Dubbii ijoo qondaalota waraanaas ta'uu xiinxalu.

    Ministiroonni Waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa dhimma kanarratti deebii hin kennine.

    Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa ejjennoon Chaayinaan dhimma Yukreenirratti qabdu hin jijjiiramu jedhe.

    Dhimma waraana Raashiyaa fi Yukreenirratti Chaayinaan ejjennoo walabaa akka qabdu himatti Chaayinaan.

    Gabaasi Rooyitarsii ji'a darbe sanadoota waraanaa fi ejensiiwwan intelejensii Awurooppaa wabeeffachuun baase akka argisiisutti, Chaayinaan Sadaasa keessa loltoota Raashiyaa waraanaa 200 ta'an leenjisteetti, isaan keessaa muraasni isaanii waraana Yuukireen keessatti hirmaachaa jiru.

  4. Dhuguma Keep Verdeen Arjantiinaa ni injifattii?

    Biyyi kun baroota dhihoo as sababa ispoortiin addunyaarratti daran beekamaa jirti.

    Dorgommii Waancaa Addunyaarratti ammoo hunda caalaa addunyaa ajaayibsiiteetti.

    Ammammoo morkii cimaa Arjantiinaa waliin qabdi. Ni mo'attii?

  5. Gammachuun Waancaa Addunyaa lubbuu namoota sadii galaafate

    Magaalaa Meeksikootti namoonni sadii Waancaa Addunyaatiif gammachuu ibsachuurratti du'an.

    Dubartiin ganna 19 namoota du'an keessaa takka dha. Namoonni kunneen Kibxata osoo gammachuu ibsachaa jiranii wal ukkaamsanii du'an.

    Dubartiin ganna 48 fi namichi ganna 44 namni walitti duudee wal ukkaamsuun kanneen dhuman keessaayi.

    Biyyattiin Roobii Ikuwaadoor 2-0 mo'achuun gammachuu ibsachaa wayita turanittidha kan osoo gammachuu ibsatanii dhuman.

    Namoonni miliyoona tokko ta'an magaalaa walakkaa karaatti bahuun keessatti naannoo siidaa Bilisummaa Anjels jedhamutti gammachuusaanii ibsachaa turan.

    Biyyattiin bara 1986 booda yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaa qopheessuun nyaatte.

    Kantiibaan magaalaa Meeksikoo Kilaaraa Biruugaadaa "gadda guddaatu natti dhagahama" jette maatii namoota lubbuu dhabaniif.

    Guyyoota itti aananitti deeggarsa akka godhanis waadaa seenan.

    Aangawoonni sektara fayyaa namootni sadii balaa kanaan bakkeewwan garaagaraa naannawa Paseo de la Reforma'tti miidhamanii gaggaban hospitaala geeffamuu himan,.

    Sadan isaanii ukkaamamanii du'uu maatiin isaanii mirkaneessan.

    Miidiyaa hawaasaarratti duuti namoota odeeffamnaan Kantiibaa Biruugaadaan "deeggartoonni yeroo hundumaa of itti gaafatamummaa, eeggannoofi naatoon" akka gammachuu isaanii ibsatan waamicha goote.

  6. Humni Addaa Sudaan yakka farra namoomaa raawwate - Amnistii

    Humni Addaa Sudaan RSF jedhamu bara darbe magaalaa el-Fashaar yeroo qabate yakka farra namoomaafi saba dhabamsiisuu raawwate jechuun dhaabbati mirga namaaf falmu Amnistii Intarnaashinaal ibseera.

    Magaalaa el-Fashaar lixa Daarfuur jirtu yeroo to'atan seenaa waraanaa waliinii keessatti haleellaa isa akkaan dhiiga dhangalaase jedhameera

    ''Yakki RSF kuni ajjeechaa, hidhaa, humnaan namoota daddabarsuu,dararaa, gudeeddii, gabrummaa saal-quunnamtiifi gosa haleellaa saalaa biraa akkasumas arii'atama dabalata,'' jedha qorannoon Aministiin Roobii gadhiise.

    Gabaasa Amanastii kanarratti RSF deebii kennuu baatus himannaa kanaan dura irratti ka'aa ture garuu waakkateera.

    Sudaan waraana RSF fi waraana biyyattii gidduu adeemaa jiruun waggaa sadiif gidiraa keessa jirti. Lola kanaan namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yoo du'an miiliyoona 14 kan tahan ammoo buqqa'aniiru.

    Haleellaan saalaa dhiirota, dubartootaafi ijoollee irratti raawwatu akka tooftaa waraanaatti fayyadaaa jiraachuutu himama.

    Qaamoleen wal lolan lamaan yakka waraanaa raawwavchuun UN'n himatamanillee ni waakkatu.

  7. Iraan jila US hin argu jette, kun adeemsa marii nagaaf yaaddoo uume

    Iraan jila Ameerikaa gara Baha Giddugaleessaatti imale arguuf akka hin jirre ibsite.

    Kunis erga walitti dhukaasuun irra deebiin eegalameeti.

    Tarkaanfiin Iraan kun adeemsa marii nagaa akka gufachiisu sodaatameera.

    Anga'oonni Iraan mata duree biraa irratti mari'achuu dura qaamoleen lameenuu torbee lama dura wayita waliigalteen walhubannoo mallattaa'u haal-dureewwan tarreeffaman hojiirra oolchuurratti xiyyeeffachuu qabu yaada jedhu dhiheessan.

    Mata dureewwan ciccimoo kanneen akka sagantaa nukilaraa Iraan daangessuutti seenuu dura, haal dureen kaa'ame haa kabajamu jetti Iraan.

    Odeessi haaraan kun biyyoonni lameen ammallee waa'ee Ulaa Hormuuz banuu fi guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu irratti yaadaan walirraa fagoo akka jiran akeeka.

    Marii Dohaa, Qataar irratti hirmaachuuf Waayit Haawus soddaa Tiraamp Jaareed Kushnar fi ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Witkof garas imalaniiru.

    US marii sadarkaa olaanaaf namoota kunneen filattee erguu himte.

    Iraan fi keessummeessituun marichaa, Qataar, garuu mariisistoota waliin maliin kanneen Iraan bakka bu'uun mari'atan waliin walarguuf akka hin jirre ibsan.

    Qataar akka jettetti Ministirri Muummee biyyattii Sheek Mohammad bin Abdurrahmaan al-Saanii jila Ameerikaan ergite Kushner fi Witkof arganiiru.

  8. Akkam jirtu?

    Tamsaasa kallattii Roobii, Adoolessa 1, 2026 eegalleerra. Dhimma marii US fi Iraan fi dhimmoota addunyaa kaan irratti xiyyeeffachuun odeeffannoo isin biraan geenya.

    Odeessaalee keenya karaa Marsariitii, YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok ni argattu.

    Bakka nagaa oolaa!