US Jerusaalemitti imbaasii dhaabbataa ijaaruuf waliigaltee mallatteessite
U.S. Roobii mooraa imbaasii haaraa Jerusaalemitti ijaartuuf wlaiigaltee mallatteessuu CBS gabaase.
Tarkaanfii kana agarsiiftuu "michummaa biyyoota lamaanii hin raafamne" jechuun Israa'el jajjeerti.
Pirezdant Tiraamp jalqaba aangootti wayita dhufe booda Mudde 2017Jerusaalem magaalaa guddoo Israa'el jechuun beekamtii kenneefii ture.
Wayituma san Ameerikaan Imbaasii (ergama dippilomasii) ishee Telaviiv irraa gara Jerusaalem jijjiirte.
Garuu ergamni dippilomasii kun hanga waajjirri dhaabbataan ijaaramuufitti iddoowwan garaagaraatti faca'ee tajaajilaa ture.
"US Jerusaalem qofa akka magaalaa handhuuraa, barabaraa fi ganamaa muummee ummata Jewishitti beekkamtii kennitiif" jedhan Israa'elitti Ambaasaaddarri US Maayik Hukaabeen Roobii wayita sagantaan kun Ministeera Dhimma Alaa Israa'el keessatti gaggeeffametti. Ameerikaanis waa akka gootu hubachiisan.
"Waaqayyo waggaa 3,800 dura murtoo kana murteesse, nutis dhumarratti waan utuu Ameerikaan hin hundaa'in yeroo dheeraa dura murtaa'e mirkaneessuuf yeroo arganne" jedhan.
Hukaabeen Guraandhala darbe Israa'el Baha Jiddugaleessaa bal'aa irratti mirga qabdi jedhanii turan. Hundayyuu yoo fudhatte gaariidha jedhanii turan gaaffii fi deebii Tucker Carlson waliin tolchaniin. Biyyoonni Arabaa yaada kana ni balaaleffatu.
Imbaasiin kun kibba Jerusaalem mooraa Allenbii keessatti ijaarama.
Tarkaanfiin Tiraamp bara 2017 fudhatan imaammata alaa US kan abbummaan Jerusaalem marii Israa'elootaa fi Paalistiinotaan murtaaya jedhu kan cabse ture.
Jerusaalem waggootaaf magaalaa waldhibdee Israa'elootaa fi Paalistiinotaa ti.
Israa'el Baha Jerusaalem kan dhuunfatte waraana Israa'elii fi Arabaa bara 1967 irratti yoo ta'u, magaalattiis teessoo muummee Israa'el hin sharafamne jette. Addunyaan garuu beekkamtii hin kennineef.
Paalestiiinonni Baha Jerusaalem magaalaa guddoo biyya Paalestaayin gara fuulduraa jedhanii hedatu.
Sababa atakaaroo kanaaf biyyoonni hedduun imbasii isaanii Israa'el magaalaan Tel Aviiv keessatti banatu.